#GATII_JAALALLI_BAASU!
Walitti hidhaa namootaa
Qabaataa miira Lamaa
Garii jaalalaan Tursee
Kaanimmoo jibbaan Haamaa
Dogongoraan Abuuree
Gabaa Dhiphinaa Dhaabaa
Kara deemaa Afeeree
Narraa Usii Lallabaa
Akka tasaatti uumamee
Sarbee Onnee madeessaa
Qeerroof Qarrittii Keenya
Didee walitti hadheessaa
Tottolees Nii argama
Dhugaamashee Dubbannaa
Suuraa Jara kanaarraa
Nutiyyuu waa hubannaa
Jaalalleen walii kamuu
Yoo bareedan wal cinaa
Akka jara kanaatti
Bareechinee arginaa
Jaalalli hiyyeessa hin jedhu
Raatuu ykn Maraatuu
Guddaaf Xiqqaallee hin jedhu
Qoodameera maraafuu
Kanneen walaloo kana
Dubbisuu eegaltanii
Jaalallee keessan faana
Nagaadhaan kan jirtanii
Mee wal bira dhaabbadhaa
Suuraallee isin hin kaasuu
Warri Jibbaa haa shallaguu
Gatii jaalalli baasuu
Jibbi Durattuu hin jiru
Dogongoraan uumamee
Jaalalli ilma tokkichaam
Qoosaadha kan Luugamee
Jibbaaf jaalalli homaa
Lakkii wal hin beekanii
Kan jaallate Hin dhorkamuum
Eeboonuu yoo eeganii
Jibbi jaalala booda
Gonkumaayyuu hin jiruu
Ajaja Onnee keetii
Ulaagaa hin cabsin Tiruu
Nama onneen kee hin feene
Sossobdee Urursitaa?
Rakkoo Meeqa Xibaartee
Si cufnaan Furuursitaa?
Nan jibbe jettee hin himin
Durattuu ati Naafaa
Jibba hin jirre hin moggaasin
Jaalalaaf Qartee gaafaa
Sobaan jaalala bittee
Sobamaa Maraachitee
Madaa Jaalalaan Gubdee
Dhumasaa gadachitee
Jibba jettee Labsita
Waan durattuu si keessaa
Jalqabattuu hin jaallanneem
Luusuuko na dhageessaa
Hundasaa lafa kaa'ii
Jaalalatti Qajeelii
Tartiiba Ulaagaa Onnee
Eegii Miiraan Haleelii
Jaalala Dhugaa Madaqfadhu!
COVID 19 isin haa baraaru!
Walitti hidhaa namootaa
Qabaataa miira Lamaa
Garii jaalalaan Tursee
Kaanimmoo jibbaan Haamaa
Dogongoraan Abuuree
Gabaa Dhiphinaa Dhaabaa
Kara deemaa Afeeree
Narraa Usii Lallabaa
Akka tasaatti uumamee
Sarbee Onnee madeessaa
Qeerroof Qarrittii Keenya
Didee walitti hadheessaa
Tottolees Nii argama
Dhugaamashee Dubbannaa
Suuraa Jara kanaarraa
Nutiyyuu waa hubannaa
Jaalalleen walii kamuu
Yoo bareedan wal cinaa
Akka jara kanaatti
Bareechinee arginaa
Jaalalli hiyyeessa hin jedhu
Raatuu ykn Maraatuu
Guddaaf Xiqqaallee hin jedhu
Qoodameera maraafuu
Kanneen walaloo kana
Dubbisuu eegaltanii
Jaalallee keessan faana
Nagaadhaan kan jirtanii
Mee wal bira dhaabbadhaa
Suuraallee isin hin kaasuu
Warri Jibbaa haa shallaguu
Gatii jaalalli baasuu
Jibbi Durattuu hin jiru
Dogongoraan uumamee
Jaalalli ilma tokkichaam
Qoosaadha kan Luugamee
Jibbaaf jaalalli homaa
Lakkii wal hin beekanii
Kan jaallate Hin dhorkamuum
Eeboonuu yoo eeganii
Jibbi jaalala booda
Gonkumaayyuu hin jiruu
Ajaja Onnee keetii
Ulaagaa hin cabsin Tiruu
Nama onneen kee hin feene
Sossobdee Urursitaa?
Rakkoo Meeqa Xibaartee
Si cufnaan Furuursitaa?
Nan jibbe jettee hin himin
Durattuu ati Naafaa
Jibba hin jirre hin moggaasin
Jaalalaaf Qartee gaafaa
Sobaan jaalala bittee
Sobamaa Maraachitee
Madaa Jaalalaan Gubdee
Dhumasaa gadachitee
Jibba jettee Labsita
Waan durattuu si keessaa
Jalqabattuu hin jaallanneem
Luusuuko na dhageessaa
Hundasaa lafa kaa'ii
Jaalalatti Qajeelii
Tartiiba Ulaagaa Onnee
Eegii Miiraan Haleelii
Jaalala Dhugaa Madaqfadhu!
COVID 19 isin haa baraaru!