Gumaataa Aartii


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Similar channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


#Of_Eegaa

Of eeggachuudha malee
Kan koronaa kaachisu
Dhiphinnis ta'e sodaan
Gonkumaa hin barbaachisu!

Of eegaa - walis eegaa
Gorsa ogeessaa hin ce'iinaa
Yeroon kun ni dabarti
Hin dabartu hin se'iinaa.
Hin laafiinaa jabaadhaa
Inuma geenya kaayyoo
Isa beekaan dadhabe
Ni danda'a Waaqayyo!


Join:👉 @GumaatAartii
@GumaatAartii


Kophaa

Hoomtuu naan hubatuu
Gubaa keessa kootii
Naaf milkaa'een beekuu
Wantin yaade martii
Jaalala yoon kenne
Jibbuma deebiin koo
Naaf guutee hin beekuu
Yeroo hunda rakkoo
Gaariif yoon dubbadhee
Waan hamaatti hiikuu
An gar-laafessaa
Hamaa yaadeen beekuu
Nama gidduu taa'ee
Dhabuu koorra fayyaa
Isa waa nan miine
Kophaa koo naaf wayyaa!!!!

@GumaatAartii
@GumaataArtii


Motummaan Naannoo Kibbaa dhukkuba koronaa jalaa baraaruuf jecha hidhamtoota seera 12,000 gadi lakkise.

Motummaan Naannoo Oromiyaa garuu ammas hidhamtoota, keessattuu kanneen siyaasaaf hidhaman, akkuma walirra tuuletti balbala itti cufee weerara koronaa affeeree eegaa jira jedhan Jawaar Mohaammed fuula fb isaanii irratti.

Via:- Jawaar Mohaammed
@GumaatAartii
@GumaatAartii


#COVID19 Ityoophiyaatti lakkoofsi namoonni COVID-19 n qabaman 44 gahan

Qorannoo Laabraatorii 164 sa'aatii 24 darbe keessatti godhameen namni dabalataa tokko dhibee kanaan qabamu mirkanaa'eera.

Namni har'a vaayirasichi keessaa argame dubartii ganna 65 yoo ta'an jiraattuu magaala Duukamiiti. Seenaa imala biyya alaa tokkollee hin qaban.

@GumaatAartii
@GumaatAartii




#COVID19

Odeeffannoo COVID-19 hanga sa'aatii 6:10 jiru ⬇️

• Namoonni qabaman = 1,277,248

• Namoonni du'an = 69,570

• Namoonni bayyanatan = 266,461
@GumaatAartii
@GumaatAartii


#COVID19 Muummeen ministeeraa Ayeerland gara ogummaa fayyaatti deebi'an

Waajjirri Muummee ministeerichaa akka ibsetti Liyoo Vaaradkaar Lammiilee biyyatti Vaayiresii Koronaan weeraramani jiran baraaruuf gara ogummaa fayyaatti deebi'uu isaanii ibseera.

Muummeen ministeeraa Liyoo Vaaradkaar utuugara Siyaasaatti hin dhufin dura waggoota 7 f Doktoora ta'anii hojjechaa turan.

Bara 2013 booddee Muummee ministeeraa Ayerlandi ta'anii bulchaa osoo jiranii Weerara Vaayiresii Koronaa to'achuuf Ministeerri Fayyaa Biyyattii ogeessota fayyaa soorama ba'aniif hojii biraarra jiraniif waamicha dhiyeessa fudhachuun torbanitti yeroo tokko hospitaala seenanii tajaajiluuf of kennaniiru.

Akka gabaasa Royitersitti Muummeen ministeerichaa maatii fayyaa (medical Doctor) ta'an keessaa Kan dhalatan yoo ta'uu, obboloonnisaa lamas yeroo ammaa Duula wal'aansa weerara Vaayiresii to'achuurratti argamu.

@GumaatAartii
@GumaatAartii


#COVID19
Addunyaa irratti namoonni Vaayireesii Koronaan qabame miliyoona 1fi kuma 300fi kuma 46fi 889 gaheera.

Kanneen keessa lubbuun namoota kuma 69 fi 498 darbee jira.
Biyyoonni addunyaa irraa lammiilee isaanii Vaayireesii kanaan dhaban Itaalii namoota kuma 15fi 887,Ispeen kuma 12fi 641,USA kuma 9fi 618 jedhameera.

Itiyoophiyaatti namoonni 43 ta’an vaayireesichaan yoo qabaman, lubbuun lammiilee 2 darbee jira.

Ministeerri Saayinsiifii innooveeshinii hojii ittsa vaayireesii Koronaaf hojjechaa jiru keessa odeeffannoo wayitaawaa yoo barbaaddan toora web kana ilaala jedha MSI.
www.covid19.et

Maddi:- OBN
@GumaatAartii
@GumaatAartii


#COVID19 #Finfinnee

Magaalaa Finfinneetti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf Taaksiiwwan hamma fe’iinsa isaanii walakkaan akka hir’isan murtaa’uu ibsame.

Murteen kun tuttuqaa fi walitti dhiyeenya tajaajilamtootaa hir’suun qajeelfama fageenya ofii eeggachuu hojiirra oolchuuf kan murtaa’edha jedhame.

Sababa kanaan imaltoonni kaffaltii dachaa akka kaffalan murtaa’uu isaa bulchiinsi magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Awtoobisoonni Anbassaa fi Shaggar ammoo daballii tokko malee imaltoota 30 qofa akka fe’an murtaa’eera jedhame.

Murteen kun guyyaa booruu eegalee hojiirra kan oolu yoo ta’u, dhimmicha ilaalchisee ibsi dabalataa kan kennamu ta’a jedhameera.

@GumaatAartii
@GumaatAartii


Gartuu Dhiigaa ABO fi COVID-19:

Qorattoonni Southern University of Science and Technology kan Shenzhen, Chaayinaa keessatti argamu namoota muraasa 2,173 ta'an kan dhukkubichaan qabaman gartuu dhiigaa isaanii waliin walbira qabanii haala jiru madaalanii turan.

Madaallii/qorannoo isaanii kana irraa namoonni gartuu dhiigaa 'A' (Blood Group: A) qaban worra kaan caalaa dhukkubichaaf saaxilamoo ta'uu isaanii fi warri gartuu dhiigaa O qaban ammoo worra kaan irra saaxilamummaan isaanii gadi bu'aa ta'uu bu'aa madaallii/qorannoo isaanii irraa ibsan.

Qorannoon kun namootuma muraasa qofa irratti waan godhameef amma irratti waan kana jala sararanii hariiroon gartuu dhiigaafi COVID-19 jidduu ni jira jedhanii murteessuun ni ulfaata.

Ammoo wanti hubatamuu qabu namni gartuu dhiigaa kamuu (A, B, AB, ykn O) qabu dhukkubichaan qabamuu ni danda'a. Kanaaf hunduu carraa qabamu ni qabaatii, of eeggannoowwan himaa jirru haa cimsnee fudhannuu!

Fayyaa ta'aa!
©Dr. Nuredin Luke
@GumaatAartii
@GumaatAartii


#Beeksiisa

Ogeeyyii fayyaa tajaajila tola ooltummaa laachuuf galmaa’aniif leenjiin Intarneetiin kallattiin qophaa’uu ibsame.

Ministeerri Fayyaa ogeeyyii fayyaa tajaajila tola ooltummaa laachuuf galmaa’an hojiitti bobbaasuuf waamichaa taasisuun isaa kan yaadatamuudha.

Ogeeyyii kanneen hojiitti bobbaasuun dura dhimmoota hojichaan walqabatan ilaalchisee leenjiin hubannoo uumuu ‘online’ kan kennamu ta’uu ministeerichi beeksiseera.

Ogeeyyiin kunneen leenjicha fudhachuu isaanii ragaan agarsiisu barbaachisaa waan ta’eef erga leenjicha xumuranii priintii godhachuun qabachuu akka qaban ministeerichi yaadachiiseera.

Haaluma kanaan leenjicha hordofuuf teessoo armaan gadittii fayyadamaa.

http://www.moh.gov.et/covid19-courses/ fayyadamaa.

• User Name iddoo jedhutti teessoo yeroo galmee (email address ) barreessaa.

• lakkoofsa iccitii barreessuun (Password): changeme –leenjicha hordofuun kan danda’amu ta’uu ibsameera.

@GumaatAartii
@GumaatAartii


Kornaavaayiras: Ameerikaatti dhibee Covid-19 qeerramsarratti argame
@GumaatAartii
@GumaatAartii


Dureessi Chaayinaa Jaak Maan meeshaalee weerara Vaayrasii koroonaa ittisuuf oolu Afrikaaf deeggarsa taasisuu beeksise.

Hundeessaa fi abbaan qabeenyaa Faawundeeshinii Aliibaabaa Jaak Maan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf marsaa 2ffaaf deeggarsa kana taasisuu isaa beeksiseera.

Durreesichi marsaa kanaan biyyoota Afrikaa 54f meeshaalee hargansuu(Veentileetara) 500,Uffata ogeeyyii fayyaa fi haguuggii fuulaa kuma dhibba 2, Teermoomeetira kuma 2, meeshaa qorannoo dhibichaa miiliyoona 1 fi haguuggii harkaa kuma dhibba 5 arjoomuu isaa fuula miidiyaa hawaasummaan ifoomseera.

Maddi:- fbc
@GumaatAartii
@GumaatAartii




Kana beektu laata? #COVID19

Dhibee COVID-19 irraa dandaamachuun ykn fayyuun ni danda'ama. Koronaa Vaayirasiin qabamne jechuun jireenya keenya guutuu vaayrasichi qaama keenya keessa tura jechuu miti.

Walumagalatti yaalaa gahaa yoo arganne vaayrasii kana qaama keenya keessa hir'isuun dhibee COVID-19 irraa baayanaachuu ni dandeenya.

#WHO
@GumaatAartii
@GumaatAartii


#COVID19 Ministirri Mummee Ingilizii koronaavaayirasiin hosipitaal galan

Ministirri Mummee Ingiliizii Booriis Joonsan kan koronaavaayirasiin qabamuunsaanii guyyoota 10 dura mirkanaa’ee ture amma hospitaala galuun himame.

Dubbi himaan isaa akka jedhetti: ‘‘Joonsan haaluma gorsa hakima isaatiin, har'a galgala qorannoof hospitaala galaniiru.’’

‘‘Ministirri Mummee kun dhibee koronaavaayirasiin qabamunsaa erga barame guyyoota 10 booda, walitti aansuun dhukkubbiin itti dhagamuu isaatiif tarkaaffii of eegannoo kun kan fudhatame’’ jedheera.

Via BBC
@GumaatAartii
@GumaatAartii


Odeeffannoo waliigalaa COVID-19⬇️

Dhibeen COVID-19 addunyaarra biyyoota heddurratti kan tamsa'e yoo ta'u, namoonni dhibee kanaan 1,260,001 qabamaniiru. Isaan keessaa hanga ammaatti lubbuun namoota kuma 68 ol darbeera.

🌏Addunyaa 🌏
•Namoonni qabaman = 1,260,001
•Namoonni du'an = 68,423
•Namoonni bayyanatan = 259,943

Ameerikaa(USA)🇺🇸
•Namoonni qabaman = 330,386
•Namoonni du'an = 9,444

Xaaliyaan(Italy)🇮🇹
•Namoonni qabaman = 128,948
•Namoonni du'an = 15,887

Ispeen(Spain)🇪🇸
•Namoonni qabaman = 130,759
•Namoonni du'an = 12,418

Chaayinaa(China)🇨🇳
•Namoonni qabaman = 81,620
•Namoonni du'an = 3,322

Jarman(Germany)🇩🇪
•Namoonni qabaman = 100,009
•Namoonni du'an = 1,575

Faransaay(France)🇫🇷
•Namoonni qabaman = 89,953
•Namoonni du'an = 7,560

Iraan(Iran)🇮🇷
•Namoonni qabaman = 58,226
•Namoonni du'an = 3,603

🌏Afrikaa🌏

Afrikaa Kibbaa(South Africa)🇿🇦
•Namoonni qabaman = 1,585
•Namoonni du'an = 9

Aljeeriyaa(Algeria)🇩🇿
•Namoonni qabaman = 1,320
•Namoonni du'an = 152

Misir(Egypt)🇪🇬
•Namoonni qabaman = 1,173
•Namoonni du'an = 78

Morookoo(Morocco)🇲🇦
•Namoonni qabaman = 990
•Namoonni du'an = 69

Ityoophiyaa(Ethiopia)🇪🇹
•Namoonni qabaman = 43
•Namoonni du'an = 2

@GumaatAartii
@GumaatAartii


#DrAbiyAhimed
Maatii fi firoota nama lammaffaa #COVID-19 lubbuu isaanii dhabaniif keessa kootiin jajjabina hawwa.

Ayyaanni Uumaa hunda keenya waliin haa ta'u. Qormaaticha waliin taanee keessa darbina.

Namni hundumtuu dambiiwwan mootummaan baaseefi qajeelfamoota Ministeerri Fayyaa baase cimsee akka raawwatu irra deebi'een hubachiisa jechuun fuula fb isaanii irratti ergaa gadda isaanii ibsanii jiru.

@GumaatAartii
@GumaatAartii


..."Sodaan garmalee (panic) keessa galuu osoo hin taane, waanti guddaan of eeggannoo cimsuudha.

Of eeggannoon amansiisaan ammoo, haga dirqama nutti ta'ee baanutti, mana ofii taa'uudha. Yoo ofii ala ba'anii, ofii fi maatii ofiitti fudhatanii mana galan malee koronaan ofii dhufee mana hin seenu waan ta'eef mana taa'aa."

Rabbi isin haa eegu, Rabbi nu haa eegu.
Dr. Gumeessa
@GumaatAartii
@GumaatAartii


#AttensionPlease
○ Karaa COVID-19 of irraa ittisuu dandeenyuu:-

• Harka keenya yeroo yeroon irraa deddebiin samuunaadhan dhiqaachuu.
• Harka qulqulluu hin taaneen Afaan, Fuunyaan, Ija keenya xuqu dhisuu.
• Lafa Namoonni itti baay'ataniitti argamu dhisuu(mana turu).
• Yeroo qufaanuu fi axxifanuu Afaan fi Funyaan keenya haguuguu.
• Harka wal qabuu/ wal fuudhuu dhisuu.
• Namoota irraa hanga meetira 2 fagaachuu.

○ Mallattoolee dhibee Vaayirasii Koronaa ( COVID-19 ):
• Qufaa gogaa
• Axifannaa
• Ho'ina qaamaa
• Dhukkubii qoomqoo
• Dadhabbii.

○ Yeroo mallattoolee kannen arginee
8335
952
6955 bilisaan bilbila.

@GumaatAartii
@GumaatAartii

20 last posts shown.

130

subscribers
Channel statistics