Edaa an dhuguma harreedha.!
Dur nan aaran ture
Yoo ati 'harree' jettee
Maqaa koo na dhooftu
Yooti waamicha keen
Oliif gad na ooftu
Harree ta'uu kootti
Gaaffiin kaasan ture
Gabaarran naanna'a
of bitee of gurguree
Bakka harree of buuseen
Komii kaasee herrega
Mana meeqa ijaareen
Galma meeqa diiga
.
Ati hin dogongorre
Natti fakkaatuyyuu
Dhugaa keedha haadhookoo
An harreerra hin wayyu
Maal atuu hin argituu
Maal atuu hin madaaltuu
Kanan baachaa jiru
Harreeniyyuu hin baattu
Akkaman dogongoree
Kun arrabsoodha jedha
Dhugaa keeti koodeekoo
Ani dhuguma harreedha
Ammas waa akka hubattu
Keessikoo na fedha
Sana hunda baachuun
Harree na taasisnaan
An dhuguma harreedha!!!
✍✍ @Nimogechew
@HumnaJaalalaa
@Dhalootaaf
@Hawi_Official
Dur nan aaran ture
Yoo ati 'harree' jettee
Maqaa koo na dhooftu
Yooti waamicha keen
Oliif gad na ooftu
Harree ta'uu kootti
Gaaffiin kaasan ture
Gabaarran naanna'a
of bitee of gurguree
Bakka harree of buuseen
Komii kaasee herrega
Mana meeqa ijaareen
Galma meeqa diiga
.
Ati hin dogongorre
Natti fakkaatuyyuu
Dhugaa keedha haadhookoo
An harreerra hin wayyu
Maal atuu hin argituu
Maal atuu hin madaaltuu
Kanan baachaa jiru
Harreeniyyuu hin baattu
Akkaman dogongoree
Kun arrabsoodha jedha
Dhugaa keeti koodeekoo
Ani dhuguma harreedha
Ammas waa akka hubattu
Keessikoo na fedha
Sana hunda baachuun
Harree na taasisnaan
An dhuguma harreedha!!!
✍✍ @Nimogechew
@HumnaJaalalaa
@Dhalootaaf
@Hawi_Official