DHÚGÀÀ JAALADHU.


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Dhugaan yoomu
dhugaadha.
👉jechoota gaarii
👉Jechoota hayyoota.
👉Waa'ee addunyaa
Channal keenna irraa jira.
👇👇👇👇👇
✳️🅓🅗🅤🅖🅐🅐 ✳️
🇯 🇦 🇦 🇱 🇦 🇩 🇭 🇺
✔️https://t.me/joinchat/AAAAAEk0E9QE71RQ_FRnxA ✔️
👍 @jaalaladhugaa1👍

Related channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


Jireenya Jachuun Maali?

Namtichi Arra dhalate, boru ni du'a.
Namtichi arra Gamoo keessaa jiraatu boru Dachee jala jiraata.
Namtichi Arra konkolataan deemu boru Ambulasiitu isaan deema.
Namtichi arra wan barbaade nyaatu, boru ilbisootaan nyaatama.

Namticha har'a mana isaa keessatti isaa boqonnaa godhu argirtu, boru isaa sanduuqa refkaa kessatti boqotu argita nutis nagiyaan boqodhu qofa jennaan.

Namtchi har'aa nama hunda caalaa sorressummaan beekamu, boru qabeenyi isaa maal akka tahufi essa akka dhaqu hin beekamu.

Kannaan booda jireenyi maali?
Boru jiraachuu kee wan hin beekneef Har'a karooraan jiraadhu.

Yoo har'a karooraan jiraatte ati wan si dhufu maraaf sodaa hin qabdu.

GOCHA SIRRII FI JIREENYA GAARIIN, YEROO HUNDA NAMOOTAF HARKA KEE BAL'ISI.

Mee kana ittti yaadi.

1: Jireenyi ati jiraattu = bilisa
2: Mana Amantaa seenuun= bilasa
3: Jaalalti Rabbii = bilisa
4: Hafuura baafachuun= bilisa
5: Hafuura galfachuun: bilisa

A: sigaara xuuxuuf = ni kafalta
B: Alkooli Dhuguuf = ni kafalta
C: mana Dhichisaa(night club) seenuf= ni kafalta
D: Humna Aduunya ittin bulchitu argachuuf = ni kafalta
Mee Namoonni mana ibidda(jahanama) bitachuuf Maliif kafalti kaffalu? Irra debi'i itti yaadi.

Rabbitti Amani isaatu hamtu jalaa si basa.

Yeroo hunda wa'ee guyyaa yaadna valantine day(guyyaa jaalala)
Guyya Abbotii
Guyyaa Harmee
Guyya Da'ima
Guyyaa qotee bulaa
Guyyaa matii fi k.k.fk

Guyyaan Guyyaan dhume garuu ati Guyyaa murtii Rabbitiif yaadde beekta? Guyyaa san guyyaa ittin Bashanantu moo ittin rakkattu beekte jirta lata?

yoo atillee Rabbiin si baase, hiriyoota fi namoonni ati jaalattu akkamitti jiru?

Namoota akkaan jaalattu wa'ee guyyaa murtii boru kana yadachisuudhan jaalala isaanif qabdu argisisi. Maloo namoota 5 kan akkan jaalattuf ergaa kana dabarsi. boodan ergaaf hin jadhin, sabaabni isaas booda jachuun fagoodha, Daqiiqaa murasa booda maal akka tatu wan hin beekneef. Maloo booda hin jadhin.
🍑🍑🍊🥦🥦🥬🥒🥒🥒🥒🌶🌽🥝🍇


Anumaa gad ciisu
gara waarii walakkaa
sumaa siree koo gubbaa
na cinaa taa'un arga!
...
Akka gaggabuu ta'ee
si arguuf yoon wareeru
#tiraasii kooti edaa
kanin hammadhee jiru!
...

Aariin deebi'ee rafee
anaa jedhu #shillimii
sagaleen wayii seene
gurra kootti #gixximii
...
Sagalee keet na waamnaan
anaa rafu dhufee
sin owwaadha yoon jedhun
siree gubbaa kufe!
...
homaa waallee hin hafne
dugdiyyuu na cite
siin bilbila jedhus
#silkiin kee na dide.
...
Dhidhiibbaa dugdichaas
silaa sumat beekaa
dafii na qaqqabi
#Lubbiyyee sin eegaa!!


Addunyaan tun hedduuf diree bashanan Yoo taatu hedduf diree gaddaa ta'un ishi raajiidha.ijii fagoo laaltu waan fagoo jiru arguu dandeessi.fageesi laali
@Jaalaladhugaa1

@Jaalaladhugaa1

@Jaalaladhugaa1


Thomas Suarez Intarviwuu bara 2012 godhameefirratti akkas jedhe, “Yeroo ammaa kana gama teeknooloojiitiin barattoonni barsiisota isaanii ni caalu”. Thomas Suarez akka ragaatti fudhachuudhaanis gareen qorannoo sammuu daa’immanii akka ibsetti daa’imman gargaarsa tokko malee ofii isaaniitiif waanta barbaadan baruu akka danda’anidha.
Thomas yeroo amma kanatti kaampaanii mataa isaa ‘TOMCATCARROT’ kan jedhamu ‘app club’ kan ta’e abbummaan gaggeessaa jira. Thomas Suarez yeroo egeree isaa gaafatamettis Programmer cimaa ta’uu akka danda’u, app club isaa akka jabeessuu fi Android irratti gahusa olaanaa gonfachuu akka barbaadu dubbate. Thomas Suarez Biliyoonara addunyaa kana gara fuulduraa jedhamee yaadama.

Irraa haa barannu!!
Addunyaan garamitti imalaa jirtii? Daandiiwwan milkaa’inaa maal fa’i? Dhaloonni milkaa’an maal maal hojjetaniituu? “Baay’ee ciisaa fi taa’aa turreerra. Yeroo kanattimmoo deemuu qofaan nun baasu. Kanaafuu fiiguu qabna” Daa’imman keenya umrii xiqqummaa isaaniitti maal shaakalchiifnaa? Hanna? Lola? Jibba? Dhibaa’ummaa? Haaloo? Akka saayikooloojiin jedhutti sammuun nama kamiiyyuu umrii waggaa 15 olitti guutummaan guddinasaa ni dhaaba jedha. Kana jechuun akkuma waan bona olkaa’an ganna itti fayyadamu jedhan sana, sammuu umrii waggaa 15 gaditti guddate sanatti fayyadamaa jirra jechuudha.
Yeroo umriin kee waggaa 15 gad turetti sammuu kee maal fa’iin leenjisaa turte? Haa ta’u! Amma garuu daa’imman kee teeknooloojiitti leenjisi. Saayinsiitti leenjisi. Yoo akkas goote INVENTOR biyya kanaa keessaa daa’imni kee tokko jechuudha. Kana hin gootu taanaan garuu duubatti hafumaa biyya keetii fi dhaloota keetiif dhagaa bu’uuraa keessee dabarta.

GALATOOMAA!!
IFARGAN GUDDATATIIN!!
Madda: Intarneetii, YouTube fi bakka garaagaraarraa akkan qindeessetti


THOMAS SUAREZ
——————————-
Yeroo ammaa kana keessatti daa’imman umrii xiqqaan ‘inventor’ dhimma gurguddaa ta’anii addunyaa raajeffachiisaa jiru. Namni isin suuraa irratti argitan kun Thomas Suarez jedhama. Thomas Suarez amma umriin isaa waggaa 19 yoo ta’u Yuunivarsiitii Georgia Tech-tti barataa computer Science ti. Barnoota isaa keessattis Hardware enineering fi software enigineering barataa ture. Thomas Suarez umrii isaa xiqqaa waggaa jaha irraa kaasee programming Language Phython, java fi C ofii isaatiin shaakalaa ture. Thomas Suarez yeroo kutaa 6ffaa baratuu fi yeroo umriin isaa waggaa 12 ta’etti iphone app ‘Earth fortune’ jedhu kalaqe. Haaluma walfakkaataan mobile app game ‘Bustin Jieber’ kan namoota danuudhaan jaalatames kalaqe.
Thomas yeroo ammaa kanatti ‘Revolutional 3D printing’ kan harka 15 printer isa duraan jirurra caalu kalaqe. Thomas Suarez akka jedhetti koodii namoonni biroo barreessan kompiitara isaarratti fudhatee RUN gochuudhan adeemsota jiran qayyabachaa gara waan haaraa kalaquutti dhufe.


Ijoollee keessaan #Profeesara ykn #Doktara osoo hin taane, Dura nama akka ta'aniif Barsiisaa. Sababni isaas, Namoonni hedduun osoo Doktara fi professor ta'anii jiranuu, Garuu nama Gutuu miti.

Gar/profeesaraa:- #Miratuu_Shanqoo
🙏🙏🙏🙏🙏👏👏👏👏👏👏👏


Dhalli namaa nyaata caalaa jaalalaa fi Hariiroo maatii fi namummaa barbaada

2,Duumeessi dhabamee samiin addaattuus gaaf tokko ni roobaa facaafadhu abdii hin kutatinii

3,Abdii hin kutin aduun gad seentu ji'aatu ol bahaa

4,Galaana tahi kan waan hunda hammatee deemu kan of dura malee of duuba hin deemne atis akkas kan darbe bira darbi tarkaanfi tarkaanfiin qabaa adeemsa kee itti fufi

5,Nama kabajuun nama kabajaa hin beekneef humaa fakkachuu baatus namoota kabajaa qabaniifi kennaniif waan hunda

6,Qananiin dhadharra si laaffifti
Rakkoon dhakarra si jabeessiti

7,Hiyyeessa garaa kutate bishaan rafuuti gabbisa

8,Hin dagatin 100km fiiguuf tarkaanfii tokkorraa akka jalqaban

9,Akkuma duraanitti hojjachaa firii addaa eeggachuun gowwummaa akkamiiti

10,Otoo ilaalcha ofii hin jijjiirin gocha keessa jiran jijjiiruuf dhama'uun gowwummaa gowwumaa caalu

11,Waan barbaadan jijjiiruuf jalqaba of jijjiiruun dirqama


​​Muummichi ministeeraa Dr.Abiy Ahmad Suudaan seene

Odeeyfannoo #ND
June 7, 2019

Jilli mootummaa Ityoophiyaa muummicha ministeeraa Dr.Abiy Ahmadiin durfamu ganama har’aa Khaartuum kan seene yoo tahu, qondaaltonni mana marii waraana Suudaan simannaa godhaniifi jiru.Dr. Abiy hogganaa mana marichaa Jeneraal Abdulfattaah Al-Burhaan waliinis wal arganii jiru.

Dr Abiy Ahmad mana marii waraana Suudaanii fi gamtaa mormitoota biyyattii jidduu Jaarsummaa taahuuf kan karoorfate tahuu kaleessa gabaasuun keenna ni yaadatama.


#Suudaan


​​Gamtaan Afrikaa wal gahii ariifachiisaa har'a geggeesseen Suudaan miseensummaa gamtichaa irraa uggure

Odeeyfannoo #ND
June 6/2019

Manni marii nageenyaa Gamtaa Afrikaa ibsa baaseen akka jedhetti, hoggantoonni waraana Suudaan taayitaa humnaan qabatan hanga mootummaa ce'umsaa siviilotaan hogganamutti dabarsanii kennanitti, uggurri biyyattii irra kaa'yame kan hin kaafamne tahuu beeksise.

Odeeyfannoo wal qabateen muummichi ministeera Ityoophiyaa Dr. Abiy Ahmad hoggantoota mana marii waraana Suudaan fi gamtaa mormitoota jidduu jaarsummaa taa'uuf kan yaalaa jiru tahuu ibsame. Haaluma kanaan Dr Abiy dhiheenyatti gara Khaartuum kan imalu tahuu Royters eeruun ejensiin Odeeyfannoo Shahaab gabaase.

#Suudaan


Akkasiif Akkana...
---------------:---------------
Dur yoo jedhu abbaan koo
Dubbate Dubbisa
Yaada walfalmaa tokkoon
Namoota dinqisiisa
Rakkoo furaa yoomiyyuu
Wal dhabde baleese
Akkanaaf akkas jechuun
Dubbiin itti fakkeesse

Sun dur ture yaa qomoo
Baarfate barii isaa
Midhagina bara sanni
Akkamiin siif ibsaa

Yoo jaalatuu dhugaan
Haaqaa barbaachaaf abboome
Guddatuu xiqqaaf gad jedha
Akka waan gowwomee

Kan baade barbaachaa
Laga fi tabbaa cehe
Xiqqaa ofii sosobaachaa
Jabba ofii attis bohee
Akkanaaf akkasiin......
Kunoo asiin gahee...


@jaalaladhugaa1


Jaalala dhugaa jechuun✅

↗️Waan hundarraa qulqulluu kan ta'e
↗️Fakkeessu osoo hin taane dhugaa.
↗️Dhugaa jaalalaatiif jecha hiyyeessa jaallachuu bor wajjin horatu.
↗️Yeroo gaddaa, gammachuu ,rakkinaa wal bira
dhaabbachuu.
↗️Kan ofiif hin arganne nama sanaaf hawwuu.
↗️Obboleessa keetiif dabarsitee lubbuu kee kennuu.
↗️Rakkinni har'a obboleessa ke(jaalallee) irra ga'e bor akka sirra gu beekte har'a rakkina isaa hirmaachuu.
↗️Nama jaallatteef kabaja,iftoomina kennuu dha.

↗️Kana hunda cabsitee jaalalatti deemta taanaan
jaalalichi hundee hin qabu bor buqqa


~. Duuti koo du’a gootaati, dhiigni kiyya dhiiga tasa dhangalae miti. Dhiiga saba kiyya bilisoomsuuf dhangalae.(K/Maammoo Muzammir)

~. Dubbiin keenya bofa eegeen citte ta'e, yoo harkisan ni cita, gadi dhiisan itti lixa..(Hayilamaariyam Gammadaa)

~. Ofumaa Dhamaatu malee Ana rasaasni na hin danda’u(Agarii Tulluu)

~. Gabrummaarra duuti bilisummaadha..(Elemoo Qilxuu)

~. Gabrummaa dandeenyu hiddaan buqqifna, dadhabnu ilmaan itti guddifna(G/Waaqoo Guutuu)

~. Gabrummaa irra du'a woyya, kanaaf fincillee daggalatti galle(Usmaayyoo Muusaa)

~Qawwee qofa kan bilisa nu baasu (Ilfinesh Qannoo)

~Kan keessa beekuuf lolli tapha.(Abbishee Garbaa)
~. Jayni malkaa, Qaroon Malkaa, Dureessi Malkaa(Jaatanii Alii)


@jaalaladhugaa1
# Ilma namaa Hin tuffatin injiraanuu surree
nama hikkachiifti.
# Osoo barnoonnii uleedhaan Nama gala tahee
harreen #piroofesara taati.
# Hangam yoo turellee harmaa fi mootummaan
jiguun isaa Hin hafu.
# Aangoon kan ittiin uummata bulchan malee
Kan ittii uummata dorsisanii miti
# Umriin nuti qabnu jeequmsaafi mitii jaalalaafu
nu Hin geessu.
#Utuu imimaaniin bilisummaan dhuftee
uummatuma oromootu bilisooma.
@jaalaladhugaa1


“ karaan ani jedhe qofti Oromoodhaaf ta’uu qaba,
Ana qofatu Oromoo bilisa baasuu qaba, Jawar
Mohammed kalee ni faarfamaa har’a kan isarra
faarfamu yoo dhufe miila sakaaluu qaba kan
jedhu ta’uu hin qabu.... Namni narra saffisu yoo
dhufe harka dhawuufii qaba, gaaza fe’adhe
kennuufii qaba”.JAWAR MUHAMMAD PROVERB


NÀMNÌ KÀMÌLLÈÈ MÌÌLÀ DHÓQQÈÈDHÀÀN SÀMMÚÚ KÓÓ ÌRRÀÀ ÀKKÀ ÈJJÈTÚ HÌN HÈÈÝÝÀMÚ . M .GÀÀNDÌÌ


Dhugaa jaaladhu
"There is no God higher than truth."
👉Waaqa beekuun dhugaa beekuudha.osoo dhugaa hin beekin waaqan beeka jechuun soba dhugaa fakkaattudha.dhugaan afaan Yoo qaban funyaaniin dubbatti jedhamaa.lafa dhugaa sobni taa'uu hin dandeessu.
@jaalaladhugaa1


Jireenya Jachuun Maali?

Namtichi Arra dhalate, boru ni du'a.
Namtichi arra Gamoo keessaa jiraatu boru Dachee jala jiraata.
Namtichi Arra konkolataan deemu boru Ambulasiitu isaan deema.
Namtichi arra wan barbaade nyaatu, boru ilbisootaan nyaatama.

Namticha har'a mana isaa keessatti isaa boqonnaa godhu argirtu, boru isaa sanduuqa refkaa kessatti boqotu argita nutis nagiyaan boqodhu qofa jennaan.

Namtchi har'aa nama hunda caalaa sorressummaan beekamu, boru qabeenyi isaa maal akka tahufi essa akka dhaqu hin beekamu.

Kannaan booda jireenyi maali?
Boru jiraachuu kee wan hin beekneef Har'a karooraan jiraadhu.

Yoo har'a karooraan jiraatte ati wan si dhufu maraaf sodaa hin qabdu.

GOCHA SIRRII FI JIREENYA GAARIIN, YEROO HUNDA NAMOOTAF HARKA KEE BAL'ISI.

Mee kana ittti yaadi.

1: Jireenyi ati jiraattu = bilisa
2: Mana Amantaa seenuun= bilasa
3: Jaalalti Rabbii = bilisa
4: Hafuura baafachuun= bilisa
5: Hafuura galfachuun: bilisa

A: sigaara xuuxuuf = ni kafalta
B: Alkooli Dhuguuf = ni kafalta
C: mana Dhichisaa(night club) seenuf= ni kafalta
D: Humna Aduunya ittin bulchitu argachuuf = ni kafalta
Mee Namoonni mana ibidda(jahanama) bitachuuf Maliif kafalti kaffalu? Irra debi'i itti yaadi.

Rabbitti Amani isaatu hamtu jalaa si basa.

Yeroo hunda wa'ee guyyaa yaadna valantine day(guyyaa jaalala)
Guyya Abbotii
Guyyaa Harmee
Guyya Da'ima
Guyyaa qotee bulaa
Guyyaa matii fi k.k.fk

Guyyaan Guyyaan dhume garuu ati Guyyaa murtii Rabbitiif yaadde beekta? Guyyaa san guyyaa ittin Bashanantu moo ittin rakkattu beekte jirta lata?

yoo atillee Rabbiin si baase, hiriyoota fi namoonni ati jaalattu akkamitti jiru?

Namoota akkaan jaalattu wa'ee guyyaa murtii boru kana yadachisuudhan jaalala isaanif qabdu argisisi. Maloo namoota 5 kan akkan jaalattuf ergaa kana dabarsi. boodan ergaaf hin jadhin, sabaabni isaas booda jachuun fagoodha, Daqiiqaa murasa booda maal akka tatu wan hin beekneef. Maloo booda hin jadhin.

Yoon namootaa ati iddoo qabduf keessa tokko ta'e erguma kana naf debisi jaalala kee na argisisi.
🍑🍑🍊🥦🥦🥬🥒🥒🥒🥒🌶🌽🥝🍇
By: @Humnagaariiyaduu

Shared By:- @jaalaladhuga1


Ilaa adduunyan
sammuu
kee Fi jecha ati
waa'ee keef qabdu
keessaa jirti
Jechaa Miratu Shanqoo
@Jaalaladhugaa1
@Jaalaladhugaa1
@Jaalaladhugaa1
@Jaalaladhugaa1
@Jaalaladhugaa1
@Jaalaladhugaa1
@Jaalaladhugaa1
@Jaalaladhugaa1
@Jaalaladhugaa1
@Jaalaladhugaa1


■◇-kolfi baay'ate qalbii fixa
■◇-Gaddi baay'ate maraatuu fida
■◇-kakuun baay'ate amanamummaa fixa.

■◇-Dabeessi seenaa dhaba
■◇-Jarjaraan carraa dhaba
■◇-Nama tuffataan hiriyyaa dhaba
■◇-Ija jabaataan eebba dhaba

■◇-Dubbateef goota hin ta'u
■◇-Calliseef sodaataa hin ta'u

■◇-Kaayyoo kee hin dagatin
■◇-Dhaageesseef hin dubbatin
■◇-Iccitti kee hundatti hin himatin
■◇-Rakkoo kee hin dhookfatin
■◇-Hirriyyaa kee hin tuffatin!

■◇-Dhandhamachaa nyaadhu
■◇-Itti yaadii dubbadhu
■◇-Fakkeessituu hin ta'in!
■◇-Dhugaaf falmuu filadhu
■◇-Baay'ee dhageeffadhu
■◇-Xiqqo immoo dubbadhu


Omn afaan oromo

20 last posts shown.

1 372

subscribers
Channel statistics