Thomas Suarez Intarviwuu bara 2012 godhameefirratti akkas jedhe, “Yeroo ammaa kana gama teeknooloojiitiin barattoonni barsiisota isaanii ni caalu”. Thomas Suarez akka ragaatti fudhachuudhaanis gareen qorannoo sammuu daa’immanii akka ibsetti daa’imman gargaarsa tokko malee ofii isaaniitiif waanta barbaadan baruu akka danda’anidha.
Thomas yeroo amma kanatti kaampaanii mataa isaa ‘TOMCATCARROT’ kan jedhamu ‘app club’ kan ta’e abbummaan gaggeessaa jira. Thomas Suarez yeroo egeree isaa gaafatamettis Programmer cimaa ta’uu akka danda’u, app club isaa akka jabeessuu fi Android irratti gahusa olaanaa gonfachuu akka barbaadu dubbate. Thomas Suarez Biliyoonara addunyaa kana gara fuulduraa jedhamee yaadama.
Irraa haa barannu!!
Addunyaan garamitti imalaa jirtii? Daandiiwwan milkaa’inaa maal fa’i? Dhaloonni milkaa’an maal maal hojjetaniituu? “Baay’ee ciisaa fi taa’aa turreerra. Yeroo kanattimmoo deemuu qofaan nun baasu. Kanaafuu fiiguu qabna” Daa’imman keenya umrii xiqqummaa isaaniitti maal shaakalchiifnaa? Hanna? Lola? Jibba? Dhibaa’ummaa? Haaloo? Akka saayikooloojiin jedhutti sammuun nama kamiiyyuu umrii waggaa 15 olitti guutummaan guddinasaa ni dhaaba jedha. Kana jechuun akkuma waan bona olkaa’an ganna itti fayyadamu jedhan sana, sammuu umrii waggaa 15 gaditti guddate sanatti fayyadamaa jirra jechuudha.
Yeroo umriin kee waggaa 15 gad turetti sammuu kee maal fa’iin leenjisaa turte? Haa ta’u! Amma garuu daa’imman kee teeknooloojiitti leenjisi. Saayinsiitti leenjisi. Yoo akkas goote INVENTOR biyya kanaa keessaa daa’imni kee tokko jechuudha. Kana hin gootu taanaan garuu duubatti hafumaa biyya keetii fi dhaloota keetiif dhagaa bu’uuraa keessee dabarta.
GALATOOMAA!!
IFARGAN GUDDATATIIN!!
Madda: Intarneetii, YouTube fi bakka garaagaraarraa akkan qindeessetti