Tajaajila interneetii uguruu fi mirga odeeffannoo argachuu...
Akkaataa Labsii Mirga namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii 'Universal Declaration of Human Rights' jedhamuutti mirgi odeeffannoo mirga dhalli namaa uumamaan gonfateedha kan jedhan ogeessi seeraa Obbo Milkiyaas Bulchaa, heerri mootummaa Itoophiyaas kanumarraa fudhatame jedhan.
Walii galtee seera Siivilii fi Siyaasaa Idil-addunyaa keewwata 19 jalattimmoo namni kamiyyuu uumamaan mirga odeeffannoo bilisaan argachuu qaba jedha.
Akkaataa keewwata kanaatti namni kamuu odeeffannoo barbaade dhiibbaa fi daangaa tokko malee argachuu, dabarsuu fi barbaaduuf mirga uumamaan gonfateera.
Odeeffannoo kanas afaaniin, barreeffamaan, bifa aartiitiin,ykn miidiyaa barbaadeen argachuu fi kennuuf namni kamuu mirga akka qabu keewwati kun ni kaa'a.
(BBC Afaan Oromoo)
@Kennaapost