Kuusaa Walaloo


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Walaloowwan adda addaa
Walaloo ⏩Jaalalaa
Walaloo⏩Seenaa
Walaloo ⏩ Dhimma yeroo
Argachuuf Join godhaa
Yaa oromoo kiyyaa
Abbaa hayyuu hedduu
Tan si cabsuu feetu
Ufumaa ha cabduu!!

Related channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter




#Maal_Barbaacha?
Warii damalashii
Maal barbaacha dhufe
Oromoo kuffisuuf
Ofisatii kufe
➸➸➸
Oromoo cirachuu
Mi'eeffattee dhuftee
Hadha foon allaattin
Samii irra ciratte
➸➸➸
Duraa saba kanko
Waliin nu sabsanii
Hadhas goobanoota
Waliin lola nu labsanii
➸➸➸
Isiniif hin taatu
Akka bara sanii
Dirree qabsoo jiru
Ilmaan sabaa qaalin
➸➸➸
Wobon ilmaan sabaa
Osoo dirree jiruu
Akka bara sanii
Milkaayuun hin jiru
➸➸➸
Inni sif dhaabbate
Wobon kanke jira
Diina kee ajjesee
Foon allaattif hira
#HUBACHIISA
#Wobon wanta irra eggamu gochutti jira.
#Oromoon kamu wan isinirra eggamu gadha. Yoo gochuu dadhabdan rakkoo hin ta'inaa! Galatooma!!
#Wobon Gaachana Oromoof Oromiyaati!!!
#Fuula_Oromummaa_jedhu_Kana
#Share
#Invite Gochuun hiriyyas afferuu hin dagatinaa
Wanta na cinaa jirtaniif
#Galatoomaa!




#Galata
Gootaf hayyuun du'ee
Osoo bu'aa buusee
Gootowwan qaqqaale
Maaliif biyyeen dhokse
➸➸➸
Galata hin jettu
Dachiin goota nyaate
Narra bu'i hin jettu
Luynaa wayii hin tolles
Ofirratti baatee
➸➸➸
Maalif nyaate goota
Kan sabaaf gaachana
Eenuun hanbisuufii
Saba bal'aa kanaa
Hadhas ni nyaattaree
Goottan qaalii kana
➸➸➸
Nadhiis ni nyaatte moo
Nyaatus natti himii
Dhugaa hayyuu kootii
Baasiitii nan simi
#HUB:-
Isaani mitii nutuu salphatee kan hayyoottan keenna diina harkatti gate! Qabsoo finiinsi Kan baate alaa hin galin kan mana jirtu gad bahi salphannee!!!
#Wobon Gaachana Oromoof Oromiyaati!!!
#Fuula_Oromummaa_jedhu_Kana
#Share
#Invite Gochuun hiriyyas afferuu hin dagatinaa
Wanta na cinaa jirtaniif
#Galatoomaa!




#Calanqoo
Diinaaf daboo baatee
Hadhas dala kankoo
Dabalattee nyaattee
😭😭😭
isa kalee
Dhiiga sirra yaa'ee
Tuulaa lafee baattee
Hadhas dala kankoo
Maaf dabaltee nyaatte?
#Wobon Gaachana Oromoof Oromiyaati!!!
#Fuula_Oromummaa_jedhu_Kana:-
#Like
#Share
#Invite Gochuun hiriyyas afferuu hin dagatinaa
Wanta na cinaa jirtaniif
#Galatoomaa!
@Kuusaa_Walaloo
@Kuusaa_Walaloo
@Kuusaa_Walaloo


#Duutis
Inni tokko tokko
Gaari facaafatee
Gaarii daboon haama
Du'us hujii isaattu
Magaa isaa yaamaa
➸➸➸
Duutis sif jireenya
Yoo sabaaf jiraatee
Akkas ta'uu baannan
Ati gubbamattuu
Duutee hobbafatte
➸➸➸
Goonni sabaaf du'ee
Maqaan isaa jiraataa
Garin dhaabbatattu
Du'ee hobbaafataa
➸➸➸
Goota sabaa yoomu
Maqaan haa mul'atuu
Galmeen seenaa sabaa
Waansa haa dubbatu
Nama jechuun namaa
Kan ofirra daarbee
Saba ofiif jiraatu
#Wobon Gaachana Oromoof Oromiyaati!!!
#Fuula_Oromummaa_jedhu_Kana:-
#Like
#Share
#Invite Gochuun hiriyyas afferuu hin dagatinaa
Wanta na cinaa jirtaniif
#Galatoomaa!




#Akeekkadhu
Diina saba keetii
Akeekkadhu laali
Siifis diina keetii
✔✔✔✔✔✔✔✔
Hayyuun dhiiga keetii
Inni diinaaf ulee
Isa sijjeesisu
Argisiisee hulee
✔✔✔✔✔✔✔✔
Isa akeekadhu
Uleen dinaa diinaa
Kan fira hin beenne
Kan fedhiin buddeena
✔✔✔✔✔✔✔✔✔
Kan hayyuu kee hidhu
Diina kankee guddaa
sirri akeekkadhu
Kan hin beekkatinis
Sis hidhee beekkaadhu
✔✔✔✔✔✔✔✔✔✔
Kan wobo diinomsee
Sis dinomfateeraa
Kan wobotti duule
Sittille duuleeraa
✔✔✔✔✔✔✔✔✔✔
Wobon gaachana
Oromoof Oromiyaati
Oromoon biyya ofiitti
Isa abbaa biyyaati
#Abiy_must_go
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Walaloowwan biroos argachuf
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Enjoy and share please 🙏
👇👇👇👇👇👇👇👇
@Kuusaa_Walaloo🔎
@Kuusaa_Walaloo🔎
@Kuusaa_Walaloo 🔎
👆👆👆👆👆👆👆👆
♠___________________♠


#Hadhaayus
Hadhaayus liqimsi
Nutuu ni dandeennee
Cunqursaan hammaatus
Kinoo har'a geenee
➸➸➸
Hadhaa dhandii qabsoo
Nutuu obsineerraa
Hundaa dandeenneti
Har'arra geenyeerraa
➸➸➸
Hammam dukkanaa'uu
Lafti ni bari'aa
Aduun gabroonfataas
Gaaf tokko ni dhihaa
Gabrumma hin bannu
Ammarraa nu ga'aa
➸➸➸
Hadhaayus liqimsi
Oromoon dammaqee
Kan garaadhaf jedhee
Mooraa diinaa dhaqe
➸➸➸
Wobon baayyateera
Kinoo dachii guutee
Gaachana kee cimsi
Nafxanyaan buqqa'uuf
Qarree gubbaa geette
➸➸➸
Hadhaayus liqimsi
Bilisoomuuf teenyaa
Kutattoota xiiqii
Wobon abdii keenya
#Abiy_must_go
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Walaloowwan biroos argachuf
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Enjoy and share please 🙏
👇👇👇👇👇👇👇👇
@Kuusaa_Walaloo🔎
@Kuusaa_Walaloo🔎
@Kuusaa_Walaloo 🔎
👆👆👆👆👆👆👆👆
♠___________________♠




#Cabsaa
Cabsi diina kankee
Kan si cabsuuf deemu
Isa si balleessuf
Sanyii keetti gamu
➸➸➸
Cabsaa haa cabuuti
Isa si fakkaatuu
Kan keessi isaa diinaa
Sababa isaanii
Hanga yoomii boona
➸➸➸
Sabboonumma sabaa
Wallaaltuu waakkaatu
Warra dina waliin
Dhiiga dhangalaaftu
➸➸➸
Diinni si fakkaatu
Cabuu qabaa cabsaa
Walabummaa biyyaa
Bilisummaa labsaa
#Abiy_must_go
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Walaloowwan biroos argachuf
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Enjoy and share please 🙏
👇👇👇👇👇👇👇👇
@Kuusaa_Walaloo🔎
@Kuusaa_Walaloo🔎
@Kuusaa_Walaloo 🔎
👆👆👆👆👆👆👆👆
♠___________________♠

12 last posts shown.

752

subscribers
Channel statistics