Forward from: BORIFAN MEDIA
Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 655 gahe
*****
Itoophiyaan sa'aa 24 dabre keessa namoota 2844f qorannoo Koroonaavaayiras kan taasiste yogguu tahu, namoota 73 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa biyyattii Dr. Liyaa Taaddasaa beeksisan.
Guyyaa dheengaddaa namoota 61, kaleessa ammoo lakkoofsi olaanaa 88 galmaa'eera.
Namoota qabamuun isaanii mirkanaa'e keessaa 49 dhiiroota yommuu tahan, 24 ammoo dubartoota.
Kanneen keessaa 27 kan tahan seenaa imala biyya alaa kan qaban yoo tahu, 15 ammoo namoota amma dura qabamuun isaanii mirkanaa'e waliin tuttuqqaa kan qaban tahuu, ragaan ministeerichaa ni mul'isa.
Namoonni 31 garuu seenaa imala biyya alaa kan hinqabneefi namoota qaban waliinis tuttuqqaa kan hinqabnedha jedhameera.
Namoonni qabamuun isaanii mirkanaa;e keessaa 56 Finfinneerraa, saddeet naannoo Somaalee, afur naannoo Tigraay, lama naannoo Amaaraa fi sadi ammoo konkolaachistoota fee'umsaa daangaa ce'anii galanidha.
Kanaanis lakkoofsi namoota waliigalaa biyyattiitti Covid-19n qabamaniis 655 taheera.
Biyyattii keessa guyyaadhaa guyyaatti lakkoofsi namoota amma dura qabaman waliin tuttuqqaa qabaachuun isaanii hin baramnee daran dabalaa jira. Kunis akka ogeeyyiin fayyaa jedhanittti tatamsa'inna hawaasa keessaa (community transmission) kan jedhamudha.
Gama biraatiin, sa'aatii 24 dabre keessa namoonni torba (afur naannoo Kibbaa, lama Tigraay fi namni tokko Finfinneerraa vaayirasicharraa bayyanachuus beekameera - waliigalattis namoonni 159 Covid-19 irraa bayyanataniiru.
Biyyattiin haga ammaa namoota 83, 854 qorannoo Covid-19 taasiftee jirti.
https://scontent-amt2-1.xx.fbcdn.net/v/t1.0-9/s851x315/99298072_1453740588131810_5323128517578194944_o.png?_nc_cat=108&_nc_sid=2d5d41&efg=eyJpIjoiYiJ9&_nc_ohc=noungUnsNb4AX9SfmOy&_nc_ht=scontent-amt2-1.xx&oh=7e5c57325328efa850e86749bf84f0af&oe=5EEFCC98