Waloo Debela Etana


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified



Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter




Forward from: HACEE TUBE
Namoonni telegram irraa amma online jirtan carraa kana dafaa fayyadamaa channel afaan oromoo barnoota gurguddaa kennan folder kootti qabadheen dhufee jiraa ammuma join gochuun bohaaraa baradhaa.


💥 💥 FREE WAVE 💥 💥 💥 💥

Namooti channel keessan 1k subscribe ol tahe wave ykn folder 📂 bareeda keessa galfachu barbaaddan qofti asiin na dubbisaa👉 📥 @orowaver

Ykn namoonni subscribe channel KEESSANII 50 hanga 200 gidduu jiruus gatii madaalawaan isiniif galchina

@orowaver

1k....
3k...
4k...
4k...
10k.....
25k......
50k.......

WAVE LINK
HUBACHIISA
CHANNEL VIEW HIN QABNE NATTI HIN FIDIINAA.
HY BYE BRO JECHUU DHIISAATII LINK FI ADMIN KENNAA.


📥 @orowaver




Walaloo Kaayyoo!
================↓
Namni kaayyoon guddaa
maraataa fakkaata.
Yeroo karaa deemus
kophaa dudubbata.
~~~~~~
Ilkaan isaatiin seeqee
sammuun dhukkubsata.
Garaan isa ciinca'ee
madaa kulkulfata.
~~~~~~
Miilli isa sorooroo
Keessa isatuu okkola.
Qaamaan as ta'ee
Yaadaan gaara oola.
~~~~~~
Addunyaa naanna'ee
hundumaa xiinxala.
Abjuudhaan herreegee
bu'aasaa ilaala.
~~~~~~
Gaddaan facaasee
gammachuun haammachuu.
Har'a sakaalamee
boru tarkaanfachuu.
~~~
Kaayyootu na godhe
akka ani daangaa hin
tarre.
Har'a qofaaf nyaachuu
garaankoo hin barre.
~~~~~~
Qorri diilallaa'ees
qaama koo nan hubu.
Ciniinnadheen obsa
abidda na gubu.
~~~~~~
Rakkadheera jedhee
harka koo hin laadhu.
Natii tole jedhees
kaayyoo koo hin
dagadhuu.
~~~
Abjuu guyyaa keessaa
Mul'ata isa boruu
Abdii hin kutatiin!!
Ormi haa ololuu!!!
Jabadhu qeerransoo
Kan waaq jedhe hin ooluu!!!!!

✍️Debela etana
𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
𝚏𝚘𝚛 𝚖𝚘𝚛𝚎 𝚙𝚘𝚎𝚖'𝚜
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
@debela_etana
@debela_etana
e𝚍𝚞𝚌𝚊𝚝𝚒𝚘𝚗&𝚏𝚞𝚗𝚗𝚢
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍    ❤      🗨️       ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


XUMUREERA
Horaa bulaa!
23-2-2010 E.C
Yaadannoon isaa qeerroo hidhannoo malee osoo loluu wareegameef haa ta'u
******
TOKKUMMAAN HUMNA!
*******


QABSOO HIDHANNOO
******
Asoosama Gabaabaa
---------------------
Kutaa 1ffaa
"""""""""""""""
Dheeressaa Gannatiin
*****
Galgala keessaa sa'atiin gara sadiitti siqeera. Ammayyuu anaan ergaa ganamaa yaadotuma addaa addaatu sammuu kootti wal jijjiiree dhukaasa wal irratti bana. Dhukaasa dha'ee lafee cabsee dhiiga hin buusne; garuu, sammuu,sammuu irraa buusee maraatummaaf kan nama saaxilu yaada jalqabaaf xumura hin qabnetu na darara.

Ani Falmataan yaada koo jalaa dhokachuuf wanti ani hin goone hin jiru.Gadi ba'een mooraa keessa naanna'uu eegale, homaa garuu yaadni na dhiphisu na dhiisuu dide. Amma fala kanin jedhu yaada koo jalaa dhokachuuf,gara mana dhugaatii deemee qaruuraa biraa keessa of dhoksuudha. Kanaaf immoo filannoon koo jalqabaa Hoteela "Leencichi Baroode" jedhuudha. Ani garuu Leenca gootummaaf baroodu argee hin beeku woraabeessa raqa quuftee kikissitu malee. "egaa ergaa jettanii Ofedhe" jedheen ol seene.

Sagaleen muuziqaa Montaarboo keessan dhagaa'amu gurra nama duuchuu ga'a. Kan beekus,kan hin beeknes sirba Hacaaluu duukaa "Maalan jira" jedhee sirba. Dhuguma hin jirrus.Utuu haqa qabnuu haqni keenya haqaaqame, Utuu mirga qabnu mirgi keenya sarbame. Utuu dubbachuu dandeenyuu luugamamne. Kana jirraare.?

Anis amma dhugaatiin mataa na lixxee sosocho'uu eegaleera. Biiraan dur akka bulchiinsa waayyannee natti hadhaa'uu harra akka bulchiinsa Lammaa Magarsaa natti tole.Akkan itti dhuge osoon hin beekin qaruuraa 5 of duratti arge. Amma yaada koo silaayyuu dagadheen ka'ee dhiichisuu eegale. Eenyuutu eenyuun taa'ee ilaalaree? "Hora dhaqanii dhoqqee hin dheessan" jedha Oromoo anis kanaafin ka'e.

Akkuman iddoo kootti deebi'ee taa'een,namtichi hojjaa dheeraa tokko dhufee narra dhaabatee "Ati barataa Yuunivarsiitii Mattuu mitii?" naan jedhe. "Eeyyeen" jedhe. yommusuma na biraa sokke callisee.Isaayyuu namatu naa hiike malee an afaan isaa hin dhageenye. Anis ergaan ariifadhee eenyummaa koo itti himeen gaabbe. Garuu osoo waan fedhe dhufeeyyuu sodaan natti hin dhaga'amne. Miisaayila dura dhaabataniyyuu nii lolu animoo gaffii afaaniin of sodaachisaa.

Yeroo muraasa booda namtichumti dhufee dura koo taa'ee dhugaatii dhuguu eegale. ilmaan Yeeyyii Oromiyaa keessa facaatee jirtu ta'uu isheen tilmaame. Anis iji koo achi malee ilaaluu didde. Gidduutti osoo inni harka sochoosuun arge. Shugguxii natti qiyyeeffachuu isaati. "Osoo hin durfamin dursuu" jecha jedhummoo abbaa kiyyarraa yommuu xinnummaa kootii dhaga'eera. Kanaafuu osoo inni nan dursinin qaruuraa Biiraa adda isaa irratti dhooseen fuulduratti lafaan dha'e. Shugguxiinsaas miilla koo jala dhuftee buute. Dafee fudheen mataa keessa buusee obbaafachiise.

Yeroo muraasa booda manni keessi namoota hidhannoo guutuun jiraniin guutame. Ani Falmataan garuu ciiseeman ilaala. Onneen gootummaa na keessaa dhikkifatee xiiqii wal kudhaammachiise. Achuma ciiseen hundashee obbaafachiise. Gidduutti sagaleen shugguxii Kootii "Qacc" jette. Xiyyitiin keessaa dhumuusaati. Ammas lafarra lo'een qawwee lafa tuulamee jiru keessaa tokko luqqifadheen gara Baankoonii jalaatti siqeen iddoo mijeeffadhe.

Ammas sagalee milla namaa alaa dhufaa jiru dhaga'een qawwee koo gara alaatti qiyyeeffadhe. Namoonni shan akkuma ol seenanii mana keessatti dhukaasa banani. Dhugaatiin tokkollee osoo hin hafin caccabanii gadi nammanii lafatti na xullessan. Ani garuu osoo ibiddi natti roobeeyyuu yoomiyyuu harka hin kennu.Ammas ani Falmataan kee achuma ciiseen shanan ishee konkolaachise. Qawween lafa tuulamee jiru qoraan akkoon kiyya boroo mana keenyaa tuultu natti fakkaate. "Yaa rabbi galata keen" jedhe.

Gidduutti gurbaan cimaa gabaabaa tokko dhufee ol gale. "ati eenyun?" jedhe. " Ana" Jedhe. "Si ta'uu kee beeka abbaa garaamoo, abbaa biyyaatiin?" jedhe. " Abbaa biyyaati" naan jedhe. Gammadeen ofitti dabale yommusuma wal qorannee dhaqee hiriyyoota isaa waamee dhufee waadaa walii gallee qabsoo #HIDHANNOON deggerameen qawwee lafa tuulamee jiru fudhanee gara Bosona Yaayyootti imala goone.


Diinni xiqqoo hin qabduu!

fageenyarraa siin dhufuum
kan si balleessuu yaadu
inni madaakee keessa
si ciniinuu barbaadu
~◆~
kan jiraachuukee jibbee
bulee ka'ee sitti aadu
kan jireenyakee jeequuf
dubbii sitti barbaadu
~◆~
kan guddinakee jibbee
si kuffisuu barbaadu
kan gammachuukee jibbee
gaddakee siif gammadu
~◇~
bakka biraatii hin dhufuu
sibiraa sitti kaa'aa
utuma wajjin nyaattuu
bineensa sitti taa'aa
~◇~
summii hamminaa kuusee
si miidhuudhaaf ol kaa'aa
wajjin nyaattee guddattee
alagaa sitti taa'aa
~◇~
imala kaayyoo danquuf
boolla qotee siif kaa'aa
boollicha si buusuudhaaf
wanta sagal yaacaa'aa
akka waan aangoo qabuu
shira qophessaa taa'a
~◇~
shirri shiraan tuulamee
daandiinkee si rakkisus
namni hamaan guutamee
namoomakee fannisus
~◇~
iyya rakkina keetii
dhaggeeffataa callisus
kan hirkoodhaaf abdatte
sakaalee si kuffisus
~◇~
jireenyakee balleessuuf
lolaa sitti jallisus
dukkanaan si miidhuudhaaf
riphee sitti qaxxisus
ijaan argaa si jibbee
dhangaa du'aa qopheessus
~◇~
ati rabbiin qabaannaan
diinni kamuu sin miituu
ofiif dhamaati malee
hin guuttus hin hirristuu
~◇~
yoo rabbi sin kennine
shirri diinaa sin nyaattuu
utuu kufuukee eegduu
yoo guddinakee argitu
~◇~
sammuunshee gadi cabee
akkumasheen leeyyaatuu
kufaatiikee hawwitee
utuu abjuun qaajjaatuu
rabbimmoo siguddise
hamtuun ammaa hadhamaatuu
~◇~
nama si miidhe miidhuuf
yerookee hin balleesinii
summii diinummaa laaqxee
seenaakee hin xureessinii
~◇~
hammeenya hamtuu ilaaltee
hammina hin dhandhaminii
lafarrattis jibbamaa
aakiraas hin dhabinii
~◇~
yaalli nama miidhamee
beeki harka rabbiitiinii
rabbis sirraatti hin dhiisuum
ati kansaa taanaanii!
~◇~
kanaafuu=>
diinas diinummaas
rabbi sirraa ha qabu!

✍️Debela etana
𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
𝚏𝚘𝚛 𝚖𝚘𝚛𝚎 𝚙𝚘𝚎𝚖'𝚜
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
@debela_etana
@debela_etana
e𝚍𝚞𝚌𝚊𝚝𝚒𝚘𝚗&𝚏𝚞𝚗𝚗𝚢
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍    ❤      🗨️       ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


Qofaa gorduuba taa'ee
Yommuun gudunfu nyaara
Bifti koos daalachaa'ee
Yommuun fakkaadhu daaraa

Yommuun yaadatti of qabee
Fuulli koo micciiramuu
Yommuun amala dhabee
Haalli koos jijjiiramu.

Maal taate?! na hin jedhiinaa
Gurmuun natti yaatanii
Nama waan yaade dhabe
"Maal taatee" hin gaafatanii!

✍️Debela etana
𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
𝚏𝚘𝚛 𝚖𝚘𝚛𝚎 𝚙𝚘𝚎𝚖'𝚜
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
@debela_etana
@debela_etana
e𝚍𝚞𝚌𝚊𝚝𝚒𝚘𝚗&𝚏𝚞𝚗𝚗𝚢
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍    ❤      🗨️       ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


UUMMATA JAALALAA, UUMMATA KESHTY, UUMMATA OROMOOO AKKAM JIRTUUMEE MAALOO? BAKKA JIRTANITTI NAGAA NAAF TAHAA.

NAMOONNI WALALOO BARBAADDAN IMMOO CHANNEL KEENYA KANA JOIN GOCHUUN HIRIYOOTA KEESSANIS AFFEERAA. CHANNEL HAARAA FI JAALLATAMAADHA.
👉 @debela_etana
👉 @debela_etana
GALATOOMAA


Mannikee inni durii
Inni onneekoo keessaa
Har'a nama baay'ee
Hedduu keessummeessa!

Teessoonkee inni durii
Inni onneekoo keessaa
Baay'ee simateetu
Baay'eemmoo gaggeessa

Na himadhu jamaa yaasii
Yoo dandeesses....
Of keessaas na baasi!

Anikee isheen durii
Ofirraan qaba xurii
Anakee ishee durii
Budaat-nyaate turi!

✍️Debela etana
𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
𝚏𝚘𝚛 𝚖𝚘𝚛𝚎 𝚙𝚘𝚎𝚖'𝚜
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
@debela_etana
@debela_etana
e𝚍𝚞𝚌𝚊𝚝𝚒𝚘𝚗&𝚏𝚞𝚗𝚗𝚢
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍    ❤      🗨️       ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


WALALOO JAALALAA

Ilaamee jaalallee koo
Jibba mataan boorradhu
Keessatti of ilaallee koo
Jaalala koo soorradhu
💓
Akka biqiltuu Naardos
Foolii jaalalaa ulannee
Hololaaf jibba namaa
Danqaraadhaan cufannee
💓
Walitti urgeessina
Jaalala mi'eessinee
Daandii fagaate sana
Jaalalaan dhi'eessinee
💓
Haalaan hin sinsinnaa'u
Amalaan nama mo'a
Fageenyaan hin daanga'u
Jaalalli hundumaaf ho'a
💓
Faayamtuu onnee kootii
Sin jaalladha yaa lubbu
Jaalalli kennaa rabbii
Tasumaa hin qabu cubbuu
💓
Sagalee kee dhabee jennaan
Guyyaan hundi boo'icha
Anarraa hin faffagaatin
Haasaan kee naaf qoricha!
💓
Ati Abaaboo kooti
Abaaboo tsigeeradaa
Mil'uu ija kootti
Si qofat' bareedaa...
💓
Furtuu jaalalaa koo
Erga narkaa fuutee
Keessi koo boqotee
Gammachuudhaan guute.

✍️Debela etana
𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
𝚏𝚘𝚛 𝚖𝚘𝚛𝚎 𝚙𝚘𝚎𝚖'𝚜
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
@debela_etana
@debela_etana
e𝚍𝚞𝚌𝚊𝚝𝚒𝚘𝚗&𝚏𝚞𝚗𝚗𝚢
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍    ❤      🗨️       ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ


OONNATTUU LUBBUU KOO !

Hamileen sin bu'iin
ilaallee waan baraa
Humna naaf godhadhu
jajjabaadhu adaraa

Gufuu si sakaalu
ilaltee hurraaf huuba
Oonnattu lubbu ko
hin ilaalin of duuba

Hundumaa eela'ee
madaa'uus keessi ke
Takkaa of duubatti
Deebisin deemsa kee

Yeeroof wanta yaade
argachuu yoo dhabde
Miira keef bitamtee
Hin kufin moo'amtee

Yaadan hin faca'iin
walit sassabadhu
Obsii hundaa mo'ii
Jabaadhuu dhabadhu

Yaaddoof hin eela'iin
balbala ke cuftee
fulduratti deemi
nan qaanessin kuftee

Lubbuu ko bareedduu
ba'i gaara guddaa
Cimii ija jaabadhu
danda'i waa hunda

Markaaba caccabaa
hin abdatin yoomuu
itti imala jirta
ta'uu beekaa kamuu

Kaayyoo kan Kee qofaaf
booji'amii fiigi
Aduunyaa dhuunfadhuu
karra cubbuu diigi

Jaabadhuu lubbuu ko
gadi galoo nyaariii
Ifa keen dhaqabii
addunyaa ijaari

Oonnattuu lubbuu ko
galma sobaa raasi
Akka warra darbee
seenaa kee ol kaasi

✍️Debela etana
𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
𝚏𝚘𝚛 𝚖𝚘𝚛𝚎 𝚙𝚘𝚎𝚖'𝚜
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
➪   
@debela_etana
➪   
@debela_etana
e𝚍𝚞𝚌𝚊𝚝𝚒𝚘𝚗&𝚏𝚞𝚗𝚗𝚢
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍    ❤      🗨️       ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ

13 last posts shown.