QABSOO HIDHANNOO
******
Asoosama Gabaabaa
---------------------
Kutaa 1ffaa
"""""""""""""""
Dheeressaa Gannatiin
*****
Galgala keessaa sa'atiin gara sadiitti siqeera. Ammayyuu anaan ergaa ganamaa yaadotuma addaa addaatu sammuu kootti wal jijjiiree dhukaasa wal irratti bana. Dhukaasa dha'ee lafee cabsee dhiiga hin buusne; garuu, sammuu,sammuu irraa buusee maraatummaaf kan nama saaxilu yaada jalqabaaf xumura hin qabnetu na darara.
Ani Falmataan yaada koo jalaa dhokachuuf wanti ani hin goone hin jiru.Gadi ba'een mooraa keessa naanna'uu eegale, homaa garuu yaadni na dhiphisu na dhiisuu dide. Amma fala kanin jedhu yaada koo jalaa dhokachuuf,gara mana dhugaatii deemee qaruuraa biraa keessa of dhoksuudha. Kanaaf immoo filannoon koo jalqabaa Hoteela "Leencichi Baroode" jedhuudha. Ani garuu Leenca gootummaaf baroodu argee hin beeku woraabeessa raqa quuftee kikissitu malee. "egaa ergaa jettanii Ofedhe" jedheen ol seene.
Sagaleen muuziqaa Montaarboo keessan dhagaa'amu gurra nama duuchuu ga'a. Kan beekus,kan hin beeknes sirba Hacaaluu duukaa "Maalan jira" jedhee sirba. Dhuguma hin jirrus.Utuu haqa qabnuu haqni keenya haqaaqame, Utuu mirga qabnu mirgi keenya sarbame. Utuu dubbachuu dandeenyuu luugamamne. Kana jirraare.?
Anis amma dhugaatiin mataa na lixxee sosocho'uu eegaleera. Biiraan dur akka bulchiinsa waayyannee natti hadhaa'uu harra akka bulchiinsa Lammaa Magarsaa natti tole.Akkan itti dhuge osoon hin beekin qaruuraa 5 of duratti arge. Amma yaada koo silaayyuu dagadheen ka'ee dhiichisuu eegale. Eenyuutu eenyuun taa'ee ilaalaree? "Hora dhaqanii dhoqqee hin dheessan" jedha Oromoo anis kanaafin ka'e.
Akkuman iddoo kootti deebi'ee taa'een,namtichi hojjaa dheeraa tokko dhufee narra dhaabatee "Ati barataa Yuunivarsiitii Mattuu mitii?" naan jedhe. "Eeyyeen" jedhe. yommusuma na biraa sokke callisee.Isaayyuu namatu naa hiike malee an afaan isaa hin dhageenye. Anis ergaan ariifadhee eenyummaa koo itti himeen gaabbe. Garuu osoo waan fedhe dhufeeyyuu sodaan natti hin dhaga'amne. Miisaayila dura dhaabataniyyuu nii lolu animoo gaffii afaaniin of sodaachisaa.
Yeroo muraasa booda namtichumti dhufee dura koo taa'ee dhugaatii dhuguu eegale. ilmaan Yeeyyii Oromiyaa keessa facaatee jirtu ta'uu isheen tilmaame. Anis iji koo achi malee ilaaluu didde. Gidduutti osoo inni harka sochoosuun arge. Shugguxii natti qiyyeeffachuu isaati. "Osoo hin durfamin dursuu" jecha jedhummoo abbaa kiyyarraa yommuu xinnummaa kootii dhaga'eera. Kanaafuu osoo inni nan dursinin qaruuraa Biiraa adda isaa irratti dhooseen fuulduratti lafaan dha'e. Shugguxiinsaas miilla koo jala dhuftee buute. Dafee fudheen mataa keessa buusee obbaafachiise.
Yeroo muraasa booda manni keessi namoota hidhannoo guutuun jiraniin guutame. Ani Falmataan garuu ciiseeman ilaala. Onneen gootummaa na keessaa dhikkifatee xiiqii wal kudhaammachiise. Achuma ciiseen hundashee obbaafachiise. Gidduutti sagaleen shugguxii Kootii "Qacc" jette. Xiyyitiin keessaa dhumuusaati. Ammas lafarra lo'een qawwee lafa tuulamee jiru keessaa tokko luqqifadheen gara Baankoonii jalaatti siqeen iddoo mijeeffadhe.
Ammas sagalee milla namaa alaa dhufaa jiru dhaga'een qawwee koo gara alaatti qiyyeeffadhe. Namoonni shan akkuma ol seenanii mana keessatti dhukaasa banani. Dhugaatiin tokkollee osoo hin hafin caccabanii gadi nammanii lafatti na xullessan. Ani garuu osoo ibiddi natti roobeeyyuu yoomiyyuu harka hin kennu.Ammas ani Falmataan kee achuma ciiseen shanan ishee konkolaachise. Qawween lafa tuulamee jiru qoraan akkoon kiyya boroo mana keenyaa tuultu natti fakkaate. "Yaa rabbi galata keen" jedhe.
Gidduutti gurbaan cimaa gabaabaa tokko dhufee ol gale. "ati eenyun?" jedhe. " Ana" Jedhe. "Si ta'uu kee beeka abbaa garaamoo, abbaa biyyaatiin?" jedhe. " Abbaa biyyaati" naan jedhe. Gammadeen ofitti dabale yommusuma wal qorannee dhaqee hiriyyoota isaa waamee dhufee waadaa walii gallee qabsoo #HIDHANNOON deggerameen qawwee lafa tuulamee jiru fudhanee gara Bosona Yaayyootti imala goone.