3) Gama tajaajila geejjibaatiin kanneen sheerii warra diina ummata keenyaan ijaaraman fayyadamuu dhiisuu. Haaluma kamiinuu Oromiyaa keessa akka hin sochoone ugguruu.
4) Gama miidiyaatiin duguuggaa sanyii saba Oromoo irratti fardii labsan kanneen akka EBC, WALTA, ABBAY Media, ESAT, MEREJA tube fi ETHIO Tube, Fana fi kkf uummatni keenya akka hin daawwanne, akka hin dhaggeeffannee fi odeeffannoo akka hin kennineef waamicha dhiyeessina.
5) Qabeenya Abbootii qabeenyaa kanneen sirna Nafxanyaa kana tajaajilanii fi kanneen Artiist Haacaaluu ajjeesuu keessaatti deeggarsa godhaman jedhamanii shakkaman kanneen sirnaa kanaaf madda dinagdee ta’an kan ummatni Oromoo maqaan beeku qabeenya isaanii hunda irratti tarkaanfiin ugguru akka fudhatamu, qoqqobiin dinagdee akka irratti godhamu.
Waamicha Addaa
1) Sabaaf sablammootni Ityoophiyaa hiree fi egereen keessan kan ummata Oromoon walitti kan hidhate ta’uun beekamaa dha. Hawwiin keessanii fi kan ummata Oromoos walfakkataa dha. Qabsoon heeraa fi seeraa biyyaa kabachiisuf qeerroon Oromoo eegalee jiru qabsoo keessani. Kanaaf jecha akka qabsoo keenya deggertanii nu cinaa dhaabbattan asumaan waamicha isniif goona.
2) Hojjeetoota mootummaa, miseensoota Rayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Oromiyaa, Humna Addaa Oromiya akkasumas humna tikaa keessa kan tajaajilaa jirtan dhalattootni Oromoo, dararaa uummata keesaan irra gahaa jiru akka hubattan ni abdanna. Qaamolee mootuumaa kan seentan lammii keessan tajaajiluuf malee dararuuf akka hin taane beektanii, yakka ummata Oromoo irratti akka hin rawwanne, qabsoo ummatni Oromoo mirga isaa eegsisuuf adeemsisaa jiru dura akka hin dhabbanne waamicha isiiniif goona.
3) Ummatni Oromoo kaadiree mootummaa wajjin quunnamtii hawaasummaa qabu mara akka dhaabu waamicha isiniif goona. Afooshaa fi ijaarsa hawaasummaa keessaa akka baafaman taasisuu, gaafa du'an ykn gaafa miseensi maatii isaanii boqote akka awwaalcha hin dhaqne, gaafa cidha isaanii akka irratti hin argamne waamicha isiniif goona.
4) Waltajjii kaadireen Bilxiginnaa magaalattis ta'e baadiyyaatti waamtu irratti akka hin argamne waamicha isiniif dhiyeessina. Namoonni ‘Jaarsolii Biyyaa’ ofiin jechuudhaan durgoo fudhattanii ykn fayyaalesummaadhaan jaarsummaadhaan motummaa kana umrii dheeressuuf olii fi gadi deemtan ammaa kaassee akka hojii akkanaa irraa of qusattan waamicha goona.
Hubachiisa.
1) Tarkaanfiiwwan armaan olii keessatti manneen baruumsaa, keellaawwan fayyaa namaa fi beyladaa, iddoon leenjii qonnaan bulaa akka hin tuqamne wal hubchiifna.
2) Tarkaanfiiwwan fudhataman marti xiyyeeffannaan isaanii mootummaa sirna Nafxanyaa seeraan ala aangoo qabatee jiru ta’uun beekamaadha. Kanaaf, akkuma barsiifata Qeerroo jaarmiyaaleen amantaa hintuqaman, sirumaa gaafa danda’ame eegumsi ni taasifamaaf. Akkuma baroota darban akeessa taasifamaa ture sabaa fi sablammootni Oromiyaa keessa jiraatan qaama hawaasaa keenyaati. Kanaafuu sabaa fi sablammootaa fi manneen amantaa hunda akkuma kanaan duraa eegumsa gochuufiin barbaachisaadha .
Xumura
Akkuma armaan olitti ibsame qabsoon uummatni Oromoo itti seenee jiru hanga mirgi abbaa biyyuummaa Oromoo mirkanaa’utti kan itti fufu ta’a. Kanaaf, qabsoon marsaa kanaa gaafa xumurame tooftaan qabsoo guutummaa Oromiyaatti taasifamu marsaa haaraan akka labsamu gamanumaan isin hubachiisna.
Injiifanoon Kan Ummata Oromooti