Ifa Islaamaa


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


«Chaanalii Da'waa Fi Barnoota Afaan Oromootiin Darbu Kan Warra Ahlusunnaa»

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter




💥Toltutti ajajuu fi hamtuu irraa dhorkuu

♻️ Ummanni kun kabajni ishee yoo shari'aa Rabbii ol dhaabdeefi gara toltutti waamtee ,hamtuu irraa yoo dhorkite qofa dha.

🔖 Rabbiin olta'e akkas jedha:-

[ كُنْتُمْ خَيْرَ أُمَّةٍ أُخْرِجَتْ لِلنَّاسِ تَأْمُرُونَ بِالْمَعْرُوفِ وَتَنْهَوْنَ عَنِ الْمُنْكَرِ وَتُؤْمِنُونَ بِاللَّهِ] [آل عمران: ١١٠]

«Isin caaltuu ummata namaaf mul'ifamtee taataniittu Toltutti ajajju; hamtuu irraas ni dhorgitu; Rabbittis ni amantu»

🔖 Rabbiin olta'e akkas jedha:-

[ وَلْتَكُنْ مِنْكُمْ أُمَّةٌ يَدْعُونَ إِلَى الْخَيْرِ وَيَأْمُرُونَ بِالْمَعْرُوفِ وَيَنْهَوْنَ عَنِ الْمُنْكَرِ ۚ وَأُولَٰئِكَ هُمُ الْمُفْلِحُونَ] [آل عمران:١٠٤].

«Isin irraa ummanni gara khayrii waamtuufi kan gaariitti ajajju badii irraa dhorgitus haa jiraattu Warri sun isaantu milkaa’oodha»


👌 Toltutti ajajuun hamtuu irraa dhorkuun abaarsa irraa nama tiksa.

🔖 Rabbiin olta'e akkas jedha:-

[ لُعِنَ الَّذِينَ كَفَرُوا مِنْ بَنِي إِسْرائِيلَ عَلى لِسانِ داوُدَ وَعِيسَى ابْنِ مَرْيَمَ ذلِكَ بِما عَصَوْا وَكانُوا يَعْتَدُونَ كانُوا لا يَتَناهَوْنَ عَنْ مُنكَرٍ فَعَلُوهُ لَبِئْسَ ما كانُوا يَفْعَلُون [المائدة:٧٨ ٧٩]

«Isaan Ilmaan Israa’iil irraa kafaran arraba Daawuudiifi Iisaa Ilma Maryam irratti abaaramaniiruKun waan isaan (Rabbiin) faallessaniifi kan daangaa dabran turaniifi»

👌 Toltutti ajajuun hamtuu irraa dhorkuun mallattoo mi'mintootaa dha.

🔖 Rabbiin olta'e akkas jedha:-


[ وَالْمُؤْمِنُونَ وَالْمُؤْمِنَاتُ بَعْضُهُمْ أَوْلِيَاءُ بَعْضٍ ۚ يَأْمُرُونَ بِالْمَعْرُوفِ وَيَنْهَوْنَ عَنِ الْمُنْكَرِ وَيُقِيمُونَ الصَّلَاةَ وَيُؤْتُونَ الزَّكَاةَ وَيُطِيعُونَ اللَّهَ وَرَسُولَهُ ۚ أُولَٰئِكَ سَيَرْحَمُهُمُ اللَّهُ ۗ إِنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ حَكِيمٌ] [التوبة:٧١]

«Mu’uminoonni dhiiratiifi Mu’uminoonni dubaraa gariin isaanii jaalallee gariiti Toltutti ajaju; hamtuu irraas ni dhorgu, salaatas gadi dhaabu; Zakaas ni kennu; Rabbiifi ergamaa Isaatiifis ni ajajamu Warri sun Rabbiin fuula dura rahmata isaaniif godha Dhugumatti Rabbiin injifataa, ogeessa»


💥Hadiisa irraa yoo ilaalle

قَالَ رَسُول الله ﷺ  (( مَنْ رَأى مِنْكُمْ مُنْكَراً فَلْيُغَيِّرْهُ بِيَدِهِ ، فَإنْ لَمْ يَسْتَطِعْ فَبِلِسَانِهِ ، فَإنْ لَمْ يَسْتَطِعْ فَبِقَلْبِهِ ، وَذَلِكَ أضْعَفُ الإيمَانِ )) رواه مسلم .

Ergamaan Rabbii ﷺ akkas jedhan
« Isinirraa namni hamtuu takka arke harkaan itti dhaqee haa dhoorkuu, yoo harkaan dhoorkuu hin dandahin arrabaan haa dhoorkuu yoo afaaniin itti dubbatee dhoorkuu hin dandahin qalbiidhaan haa jibbuu, qalbiin jibbuun sun irra laafaa iimaanaatii»


👁‍🗨 @ifaislaamaa


💫Gabaabinnumaan Baatii Shawwaaliin Ilaalchisee;
*((أحكام مختصرة في شهر شوال))*


*«ﻣﻦ ﺻﺎﻡ ﺭﻣﻀﺎﻥ ﺛﻢ ﺃﺗﺒﻌﻪ ﺳﺘﺎ ﻣﻦ ﺷﻮاﻝ، ﻛﺎﻥ ﻛﺼﻴﺎﻡ اﻟﺪﻫﺮ».*
*❒ رواه ومسلم ٢٠٤ - (١١٦٤).*
"Namni baatii Ramadaanaa soomee,ergasii,bulti jahan shawwaal duubaan hordofsiise,akka nama waggaa guutuu soomeeti"jedhan ergamaan Rabbii(S.A.W).
➦Bulti jahan tana soomuun dhiiraa fi dubartii irraahis barbaachisaadha.
➦Namni sooma baatii ramadaanaa hin guuttatin Ajrii shawwaal hin argatu hanga qadaa ramadaanaa ufirraa kafalutti akka Imaam Ibnu baaz faanti jedhanitti.
Sooma waajibaa sunnaa dura ufirraa kafaluu qaba jedhan.
➦Bultii jahan kana akkamitti soomuun danda'ama?
( كيفية صيام الست من شوال؟)
Ibnu baaz akkana jedhan;
➦Baatii shawwaal guutuu irraa filataa jedhan.
★Yoo fedhe gara jalqabaa kana sooma.
★Yoo fedhe gara walakkaa achi hiiqsee sooma.
★Yoo fedhe gara xumuraa soomuu danda'a.
★Yoo fedhe addaan kutee soomuu danda'a.
★Yoo fedhe walitti aansee soomuu danda'a.
Walumaa galatti hanga baatiin shawwaal keessaa baatutti ufirraa xumuruu ni danda'a jedhan.
➦Garuu Kanneen hunda keessaa kamiin soomutu irra caala?
( ما الأفضل في صيام الست من شوال؟)
Ibnu baaz akkana jedhan;
"Gara jalqabaa kana(Ramadaanatti Aansanii)soomutu irra filatamaadha.
*❒ الفتاوى ❪٣٩٠/١٥❫.*
Ibnu Useyminis Iida booda walitti aansanii soomutu irra filatamaadha jedhan.
*❒ الفتاوى ❪٢٠/٢٠❫.*
➦Walitti aansanii soomuun dirqamaa?
walitti aansinee soomullee dandeenya,addaan babaafnee soomuullee ni dandeenya.
يجوز صيامها متتابعة ومتفرقة.
*❒ الفتاوى ❪٣٩١/١٥❫.*
➦Shawwaaliin bara hundaa soomuun namarratti dirqamaa?
*❉ قال ابن عثيمين:*
"Sunnaa waan taateefi bara tokko soomanii bara tokko yoo dhiisanis homaa dhiibbaa hin qabu jedhan".
*❒ الفتاوى ❪٢١/٢٠❫.
➦Ramadaana booda Bultii jahan shawwaal soomuun maaf karaa godhame?
( مالحكمة من صيام الست من شوال؟)
★waajibni ittiin haa guutamuuf,bultii jahaa ramadaana booda soomujn akka fakkeenya salaata waajibaa booda sunnaa salaatuuti!,
★Kana jechuun akka wanti waajiba keessaa nama jalaa hirdhate ittiin namaa guutamuufi jedhan.
By;Sheekh ibnu Useymiin.
*❒ فتاوى نور على الدرب شريط ❪٧٥❫.*

❈ هل يؤجر من صام ثلاثة أو خمسة أيام من الست من شوال؟
➦Namni guyyaa jaha keessaa guyyaa 3,5 qofa soome Ajrii argataa?
Eeyyee,ni argata garuu ajrii nama guutuu soomee kan ergamaan rabbii nuuf dabarsan sana hin argatu malee.
*❒ فتاوى نور على الدرب ش ❪٧٥❫.*
➦Bultii jahan tana bakka ramadaanaa buusanii qadaa ufirraa kafaluun danda'amaa?
هل يجوز جعل صيام الست عن قضاء رمضان؟
★Bultii jahan tana keessa qadaa kafaluun hin danda'amu,bultiin jahan tuni Ramadaana hordofti akkuma sunnaa salaata waajibaan boodaati.
*❒ فتاوى نور على الدرب ❪١٧٥❫.*
Warra itti fayyadamu rabbiin nu haa taasisu.
Itti fufa...

@tafak_or


Guyyoota Shawwaala Jahan

قالَ العَلّامَة صَالِح الفَوْزَان حَفِظَهُ الله

«ﻭﻣﻦ ﻋﻼﻣﺎﺕِ ﺍﻟﻘﺒﻮﻝِ ﻓﻲ ﺭﻣﻀﺎﻥَ ﻭﻓﻲ ﻏﻴﺮﻩ ﺍﺗﺒﺎﻉُ ﺍﻟﺤﺴﻨﺔِ ﺑﺎﻟﺤﺴﻨﺔ ﻓﺈﺫﺍ ﻛﺎﻧﺖ ﺣﺎﻟﺔُ ﺍﻟﻤﺴﻠﻢِ ﺑﻌﺪَ ﺭﻣﻀﺎﻥَ ﺣﺎﻟﺔً ﻃﻴﺒﺔً، ﻳﻜﺜﺮُ ﻣﻦ ﺍﻟﺤﺴﻨﺎتِ وﺍﻷﻋﻤﺎﻝِ ﺍﻟﺼﺎﻟﺤﺔ ﻓﻬﺬﺍ ﺩﻟﻴﻞٌ ﻋﻠﻰ ﺍﻟﻘﺒﻮﻝ،

«Dalagaan keenya kan ramadaanaas haa ta'u kannen biroo fudhatama qabaachuun isaa mallattoon ittiin beekamu kessaa tokko toltuun (dalagaa gaarii) walittii fufinsaan dalaguu' dha. Yoo Muslim tokko ramadaana booda haalli isaa gaarii ta'e , dalagaa gaggaarii waan dalagu ta'e kun dalagaan isaa fudhatama qabachuu isaaf ragaa dha,

ﺃﻣَّﺎ ﺇﻥ ﻛﺎﻥ ﺍﻟﻌﻜﺲ، ﻳﺘﺒﻊ ﺍﻟﺤﺴﻨﺎﺕِ ﺍﻟﺴﻴﺌﺎﺕِ، ﻓﺈﺫﺍ ﺧﺮﺝَ ﺭﻣﻀﺎﻥ ﺃﺗﺒﻌﻪ ﺑﺎﻟﺴﻴﺌﺎﺕِ ﻭﺍﻟﻐﻔﻼﺕِ ﻭﺍﻹﻋﺮﺍﺽ ﻋﻦ ﻃﺎﻋﺔِ ﺍﻟﻠﻪ ﻓﻬﺬﺍ ﺩﻟﻴﻞٌ ﻋﻠﻰ ﻋﺪﻡ ﺍﻟﻘﺒﻮﻝ

Yoo faallaa kanaa ta'e dalagaa gaarii booda waan fokkataa ykn hamtuu dalage, yoo ramadaanni ba'u waan fokkataa nama dalagu ta'e , gaflaa, ajaja Rabbii irraa yoo waan galagalu ta'e kun dalagaan isaa fudhatama dhabuu isaaf ragaa dha»

لئن انتهى شهر رمضان فإن حق الله لا ينتهي إلا بالموت

« Jiini Ramadaanaa yoo dhume haqqiin Allaahuu du'aan malee hin dhaabbatu »

قال الله تعالى: {وَاعْبُدْ رَبَّكَ حَتَّىٰ يَأْتِيَكَ الْيَقِينُ} [الحجر : 99]

«Hanga dhugaan (duuti) sitti dhufutti Gooftaa kee gabbari»

📕 ﻣﺠﺎﻟﺲ ﺷﻬﺮ ﺭﻣﻀﺎﻥ ❪١١٩❫ ]

فعن أبي أيوب الأنصاري رضي الله عنه أن رسول الله ﷺ قال: "من صام رمضان ثم أتبعه ستاً من شوال فكأنما صام الدهر كله" رواه مسلم.

Abuu Ayyuub Al-Ansaarii irraa odeeffamee (رضي الله عنه) Ergamaan Rabbii ﷺ akkas jedhaniiru jedhe: "Namni Ramadaana soomee ergasii Shawwaal irraa guyyaa ja'a isa hordofsiise akka waan waggaa guutuu soomee ta'a»

🔖 Kun akkamitti ta'uu danda'e ?

أن الحسنة تضاعف بعشر أمثالها

🖇 Toltuun(Hasanaan) tokko kudhanitti baay'atti

قال تعالى፡ ﴿مَن جَآءَ بِٱلْحَسَنَةِ فَلَهُۥ عَشْرُ أَمْثَالِهَاۖ وَمَن جَآءَ بِٱلسَّيِّئَةِ فَلَا يُجْزَىٰٓ إِلَّا مِثْلَهَا وَهُمْ لَا يُظْلَمُونَ }

«Namni toltuun dhufe, isaaf (toltuu) fakkaattuu ishee kudhantu jira Namni hamtuun dhufe, inni fakkaattuu ishee malee hin mindeeffamu Isaanis hin miidhamani»


▪️ قَالَ رَسُولُ اللَّه ﷺ :-

" صيامُ شهرِ رمضانَ بعشْرةِ أشْهُرٍ ، وصيامُ سِتَّةِ أيامٍ بشَهرينِ ، فذلِك صيامُ السنةِ "
صححه الألباني في
📚 صحيح الترغيب : (1007)

↪️ Ramadaanni akka ji'a kudhaniitti + shawwaal akka ji'a lamaatti walumaa gallatti akka waggaa tokkoo ta'a jechuudha.

👌 Guyyoota shawwaala Jahan osoo Iidii irraa kaafnee walitti aansinee (bor jechuun Wixataa irraa kaafnee) soomnee baay'ee filatamaa fi jaalatamaa dha.

⚠️ Yaadachiisa

Namoonni Qadhaa qabdan immoo dursa ramadaana keessan guuttachuu qabdu achii shawwaala keessan itti aansitu inshaa'Allah maaliif jennaan hadiisni “ergasii (erga ji'a Ramadaanaa hunda isaa soomee booda) shawwaal irraa guyyaa ja'a isa hordofsiise” waan jedhuuf.


@ifaislaamaa


👁‍🗨 Takbiiraa Iidaa 🎙
( تكبيرات العيدين )

اللَّهُ أَكْبَرُ، اللَّهُ أَكْبَرُ، اللَّهُ أَكْبَرُ،
لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ،
اللَّهُ أَكْبَرُ، اللَّهُ أَكْبَرُ،
وللَّهِ الحمد

🕋☝🕌☝🕋☝🕌☝🕋

اللَّهُ أَكْبَرُ، اللَّهُ أَكْبَرُ، اللَّهُ أَكْبَرُ،
لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ،
اللَّهُ أَكْبَرُ، اللَّهُ أَكْبَرُ،
وللَّهِ الحمد

🕋☝🕌☝🕋☝🕌☝🕋

اللَّهُ أَكْبَرُ، اللَّهُ أَكْبَرُ، اللَّهُ أَكْبَرُ،
لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ،
اللَّهُ أَكْبَرُ، اللَّهُ أَكْبَرُ،
وللَّهِ الحمد

🕋☝🕌☝🕋☝🕌☝🕋

اللَّهُ أَكْبَرُ، اللَّهُ أَكْبَرُ، اللَّهُ أَكْبَرُ،
لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ،
اللَّهُ أَكْبَرُ، اللَّهُ أَكْبَرُ،
وللَّهِ الحمد

🕋☝🕌☝🕋☝🕌☝🕋

اللَّهُ أَكْبَرُ، اللَّهُ أَكْبَرُ، اللَّهُ أَكْبَرُ،
لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ،
اللَّهُ أَكْبَرُ، اللَّهُ أَكْبَرُ،
وللَّهِ الحمد

🕋☝🕌☝🕋☝🕌☝🕋

اللَّهُ أَكْبَرُ، اللَّهُ أَكْبَرُ، اللَّهُ أَكْبَرُ،
لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ،
اللَّهُ أَكْبَرُ، اللَّهُ أَكْبَرُ،
وللَّهِ الحمد

🕋☝🕌☝🕋☝🕌☝🕋

https://t.me/ifaislaamaa


👁‍🗨Takbiiraa Iidaa التكبير في العيد

Takbiiraan Iidaa Akkaataa sahaabotni Rasuulaa ﷺ itti dalaganiin qofa godhuu qabna.

قال اللهُ تعالى: {وَلِتُكْمِلُوا الْعِدَّةَ وَلِتُكَبِّرُوا اللَّهَ عَلَى مَا هَدَاكُمْ وَلَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ (١٨٥)} [البقرة].

«Akka lakkoofsa (guyyaa isin irratti barreeffamee) guuttaniifi waan isin qajeelcheef akka Rabbiin guddiftaniif, akkasumas akka (Rabbiin) galateeffattaniif jecha (kana goone)»

قال الشيخ السعدي رحمه الله في «تفسيره»: ويدخل في ذلك: التكبير عند رؤية هلال شوال إلى فراغ خطبة العيد. اهـ

«Jiini shawwaalaa baatee hanga Khuxbaan Iidaa godhamutti takbiiraa gochuun aayaa kana keessa seena »

لم يَصِحّ حديثٌ نبوي في صيغة التكبيرِ، إنما ورد عن بعض الصحابة رضوان الله عليهم

Akkaataa (Siighaan) takbiiraan itti jedhamu ilaalchisee Ergamaa Rabbii ﷺ irraa hadiisni sirrii ta'ee odeefatame tokkoyyuu hin jiru garuu sahaabota رضوان الله عليهم isaanii irraa dhufeera. Innis akka armaan gadiitti ibsameera.

➊ffaa¶ Kan Abdullah Ibnu Mas'uud

فكان ابن مسعود رضي الله عنه يقول:
«الله أكبر الله أكبر، لا إله إلا الله، والله أكبر الله أكبر ولله الحمد»
رواه ابن أبي شيبة (٢/١٦٨) بإسناد صحيح.

➋ffaa¶ Kan Abdullah Ibnu Abbad

وكان ابن عباس رضي الله عنهما يقول:
«اللّه أكبر الله أكبر، الله أكبر ولله الحمد، الله أكبر وأجلُّ، الله أكبر على ما هَدَانا»
رواه البيهقي (٣/ ٣١٥) وسنده صحيح.

➌ffaa¶ Kan Salmaan Alkayr

وعن سَلْمان الخير رضي اللهُ عنه قال:
«كبِّروا اللهَ: اللهُ أكبر، اللّهُ أكبر، اللهُ أكبر كبيراً»
رواه البيهقي (٣/٣١٦) وسنده صحيح.

4⃣ Salmaan Alfaarisiy

‏كان سلمان_الفارسي رضي الله عنه يكبر في العيد :

اللَّه أكبر اللهم ربنا لك الحمد
أنت أعلى وأجلُّ أنْ تتخذَ صاحبة أو ولدًا
أو يكون لك شريك في الملك
ولم يكن لك وليٌّ من الذُّل
وكبرهُ تكبيرًا
اللَّهُ أكبر كبيرا اللَّهُ أكبر تكبيرًا
اللهم اغفر لنا اللهم ارحمنا

(الزهد لابن المبارك 943 )

⚠️ Kanneen armaan olitti eeraman keessaa isa tokko filatanii jedhuu yookaan dabaree dabareedhaan jechuun jaalatamaa dha.

🚫 Kanaafuu waan hadiisaan hin argamiin yookaan waan ragaa hin qabneen sammuu keenyaa baafnee jechuun yakka dha.

قال الحافظ ابن حجر رحمه الله
وقد أُحدث في هذا الزمان زيادةٌ في ذلك لا أصلَ لها. «فتح الباري» (٢/٥٣٦)

«Zabana kana namoonni kana irratti(takbiiraa) waan dabalataa baay'ee fidaniiru waan ragaa hin qabaatiin»

🚫 Akkasumas takbiiraa yeroo jennu namni hundinuu kophaa kophaa isaa jedhuu qaba malee, jama'aadhan yookaan tokko jedhee inni kaan jalaa qabuu waan akkasiin godhuun hin danda'amu.

قال المحدِّث الألبانيُّ رحمه الله في «الصحيحة» (١/١٢١): وممّا يَحْسُنُ التذكيرُ به بهذه المناسبة: أن الجهر بالتكبير هنا لا يُشرع فيه الاجتماع عليه بصوت واحد كما يفعله البعض، وكذلك كل ذِكْرٍ يُشرع فيه رفع الصوت أو لا يشرع، فلا يُشرع فيه الاجتماع المذكور. قال: فنكن في حذر من ذلك، ولنذكر دائما قوله ﷺ: «وخير الهدي هدي محمد». اهـ

--------------------------------------

تقبل الله منا ومنكم صالح الأعمال
كل عام وأنتم بخير

🤲 Rabbi hojii gaggaarii keenya nuraas isinirraas haa taqabalu

✍ Muslimoonni hunduu Iid Mubaarak! Kan baranaa kan hegeree nuun haa jedhu.

@ifaislaamaa


༄ Sunnaawwan Iida Fixri༄

Asalaamualykum Warahmatullahi Wabarakaatuhu

Faaruun ka Allaahuuti Rabbiin nagaan sooma nu waffaqee guyyaa jala bultii Iidaa kanaan nu gahuun gallani ka isaa qofa.

Suunnaalee Iida Fixrii mee ragaadhaan wal haa yaadachiifnu.

①ffaa. Iidaaf babbareeduu

عن ابن عباس رضي الله عنهما قال:
((كان رسول الله ﷺ يلبسُ يومَ العيدِ بردةً حمراءَ)) السلسلة الصحيحة - رقم: (1279) الألباني : إسناده جيد

②ffaa. Gara salaataatti osoo hin ba'iin dura qaama dhiqachuu

▫️ عنْ نَافِعٍ :(( أَنَّ عَبْدَ اللَّهِ بْنَ عُمَرَ رضي الله عنه كَانَ يَغْتَسِلُ يَوْمَ الْفِطْرِ قَبْلَ أَنْ يَغْدُوَ إِلَى الْمُصَلَّى)) موطأ مالك - رقم : (384) صححه الألباني في الإرواء

③ffaa. Gara salaataatti osoo hin ba'iin dura tamriin Affaxaruu

▫️ عنْ أَنَسِ بْنِ مَالِكٍ رضي الله عنه ، قَالَ:
((كَانَ رَسُولُ اللَّهِ ﷺ َلا يَغْدُو يَوْمَ الْفِطْرِ حَتَّى يَأْكُلَ تَمَرَاتٍ. ويأكلهن وِترا))ً صحيح البخاري - رقم: (953)

④ffaa. Bakka salaataa lukaan deemuu fi lukaan deebi'uu.

▫️ عنِ ابْنِ عُمَرَ، رضي الله عنهما، قَالَ:
(( كَانَ رَسُولُ اللَّهِ ﷺ يَخْرُجُ إِلَى الْعِيدِ مَاشِيًا، وَيَرْجِعُ مَاشِيًا)) حسنه الألباني في صحيح ابن ماجه - رقم : (1078)

⑤ffaa. Silaa osoo dhukubni kun hin jiru ta'e salaatni Iidaa Dirree irratti Kan gaggeeffamu ture.

▫️ عنْ ابْنِ عُمَرَ رَضِي اللَّهُ عَنْهُمَا، قَالَ
(( أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ ﷺ كَانَ يَغْدُو إِلَى الْمُصَلَّى فِي يَوْمِ الْعِيدِ، وَالْعَنَزَةُ تُحْمَلُ بَيْنَ يَدَيْهِ، فَإِذَا بَلَغَ الْمُصَلَّى نُصِبَتْ بَيْنَ يَدَيْهِ، فَيُصَلِّي إِلَيْهَا، وَذَلِكَ أَنَّ الْمُصَلَّى كَانَ فَضَاءً لَيْسَ فِيهِ شَيْءٌ يُسْتَتَرُ بِه))ِ صححه الألباني في صحيح ابن ماجه - رقم: (1084)

⑥ffaa. Gara salaataa yeroo deeman karaa tokkoon deemuu yeroo deebi'an immoo karaa biraan deebi'uu.

▫️عنْ جَابِرِ بْنِ عَبْدِ اللَّهِ، رَضِي اللَّهُ عَنْهُمَا، قَالَ :
(( كَانَ النَّبِيُّ ﷺ إِذَا كَانَ يَوْمُ عِيدٍ خَالَفَ الطَّرِيق ))َ صحيح البخاري - رقم : (986)

⑦. Galgala Guyyaa Soomanni bahee irraa hanga salaata IidaattiTakbiiraa gochuu.

▫️ عن الزهري :
(( أَنَّ رَسُولَ اللهِ ﷺ كَانَ يُخْرِجُ يَوْمَ الفِطَرِ فَيَكْبُرُ حَتَّى يَأْتِي المُصَلَّى، وَحَتَّى يَقْضِي الصَّلَاةَ، فَإِذَا قَضَى الصَّلَاةَ قَطْعُ التَّكْبِيرِ ) السلسلة الصحيحة - رقم: (171) قال الألباني إسناده صحيح مرسل له شاهد موصول يتقوى به .

⑧ffaa. Khuxbaa Iidaa caqasuu(dhaggeeffachuu)

▫️عن عبد الله ابن السائب رضي الله عنه قال :
(( حَضٓرَتْ العِيدَ مَعَ رَسُولِ اللهِ ﷺ فَصَلَّى بِنَا العِيدُ ثُمَّ قَالَ قَدْ قَضَيْنَا الصَّلَاةَ فَمِنْ أُحِبُّ أَنْ يَجْلِسَ لِلخُطْبَةِ فَلِيَجْلِسْ وَمِنْ أُحِبُّ أَنْ يَذْهَبَ فَلِيَذْهَبْ)) صححه الألباني في صحيح الجامع - رقم : (4376)

⑨ffaa. Baga geessan , akkasumas du'aa'ii walii gochuu (Taqabalallahu Minna Waminkum)

▫️ عن جبير بن نفير رضي الله عنه قال
(( كَانَ أَصْحَابُ النَّبِيِّ ﷺ إِذَا اِلْتَقَوْا يَوْمَ العِيدِ يَقُولَ بَعْضُهُمْ لِبَعْضِ: تُقُبِّلَ اللهُ مِنَّا وَمِنْكَ )) صحح إسناده الألباني في تمام المنة - رقم: (354)

⑩ffaa. Salaata Iidaa booda manatti raka'aa lama salaatuu.

▫️ عن أبي سعيد الخدري رضي الله عنه قال :
(( كَانَ رَسُولُ اللهِ ﷺ لَا يُصَلِّي قَبْلَ العِيدِ شَيْئًا فَإِذَا رَجَعَ إِلَى مَنْزِلِهِ صَلَّى رَكْعَتَيْنِ )) حسنه الألباني في صحيح ابن ماجه - رقم: (1076)

Iid Mubaarak!
Eid Mubarek!
ዒድ ሙባረክ!

تُقُبِّلَ اللهُ مِنَّا وَمِنْكم

Taqabalallahu Minna Waminkum

Baga Ayyaana Iida Faxrii Sooma Hiika bara 1441 nagayaan geessan

Barnoota Ifa Islaamaa hordofuudhaaf
⤵ Join Godhaa Barakallahu Fiikum

https://t.me/ifaislaamaa


𝐀𝐙𝐀𝐀𝐁𝐀𝐀 𝐐𝐀𝐁𝐑𝐈𝐈 𝐅𝐈 𝐒𝐀𝐁𝐀𝐁𝐁 𝐈𝐒𝐀𝐀༄𝐆𝐨𝐫𝐬𝐚 𝐌𝐚𝐝𝐝𝐚 𝐈𝐬𝐥𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚

✍Obboleessa kiyyaa Obboleettii tiiyaa
Share yoo goote namni tokko qajeeluu mala. Share godhi. Rabiin Fitinaa Qabrii jalaa najaa nuu haa basuu

Azaabni Qabrii dursaa Azaaba Qiyaamaa akka tahe Rasuulli ﷺ nuuf ibsee jira.
Usmaan binu Affaan hoggaa Qabrii irra dhaabbate akka malee booya, hoggaa Jannataa fi Azaaba dubbatan hin booyu.
Duuba Yaa Usmaan hoggaa jannataa fi Azaaba dubbatan hin boochu garuu hoggaa Qabrii dhufte maaliif boocha jechuun gaafatan.

Usmaan binu Afaan akkan jechuun deebise, Rasuula ﷺ Isaa akkana jedhun dhagaye "Qabriin duree ganda irraa boodaati. Namni Isii keessatti nagaya bahe wanni san boodaa Isaaf laafa, yoo isii keessatti nagaya hin baane wanni Isii boodaa irra jabaadha."

Kanaaf Azaaba qabrii irraa Rabbiin akka nu tiysu kadhachuu fii waan sababaa Azaaba Qabrii namatti tahu ofirraa eeguun barbaachiisadha.

➪𝑨𝒁𝑨𝑨𝑩𝑨 𝑸𝑨𝑩𝑹𝑰𝑰 𝑾𝑨𝑵𝑵𝑰 𝑵𝑨𝑴𝑨𝑻𝑻𝑰 𝑱𝑨𝑩𝑬𝑬𝑺𝑺𝑼𝑼 𝑴𝑨𝑨𝑳𝑰𝑰?

1. Cubbuun hundi Azaaba qabriitiif sababaa ni taati garuu irra hamtuun isii shirkiidha. Shirkiirraa Rabbiin nuu haa baraaru.

2. Nama Hamachuun irraa guddaa waan Azaaba Qabrii namatti shidu keeesaahi.
Namoonni muslimoota hamachuu dalagaa godhanne arra of haa dhaqabnu. Haa towbannu.

3. Ficaan ofirraa qoorsuu dhabuu fi ofirraa raphuun Azaaba qabrii namatti taha.
Rasuulli ﷺ Qabrii 2 bira hoggaa dabru akkana jedhe " Jarri lamaan kun Gubachaa jiran/Adabamaa jiran.
Ammoo waa jabaaf jecha adabamaa hin jiran.
Tokko Oduu nama jiduu oofa/ Nama hamata. tokko ammoo Ficaan isaa hin eeggatu ykn hin qoorfatu."

4. Kijibuu, Zakaa dhowwachuu, Zinaa (qunnamtii saalaa kan haraamaa), Qur'aanaan ooduu ykn qara'uu dhiisuun Azaaba qabrii namatti taha.

5. Akkasumas cubbuu Rabbiin irraa dhorge dalaguu fi waan Rabbin ajaje dhiisuun akka waliigalaatti Azaaba hamaa namatti taati.

«𝐐𝐚𝐛𝐫𝐢𝐢𝐧 𝐭𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚 𝐂𝐚𝐟𝐟𝐞𝐞 𝐉𝐚𝐧𝐧𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐲𝐤𝐧 𝐛𝐨𝐨𝐥𝐥𝐚 𝐢𝐛𝐢𝐝𝐝𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 » 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐞𝐞𝐧 𝐑𝐚𝐬𝐮𝐥𝐥𝐚 ﷺ 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢𝐧 𝐰𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐨𝐟 𝐞𝐞𝐠𝐞 𝐀𝐳𝐚𝐚𝐛𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐫𝐢𝐢 𝐣𝐚𝐥𝐚 𝐧𝐚𝐠𝐚𝐲𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐡𝐮 𝐧𝐮𝐮 𝐡𝐚𝐚 𝐠𝐨𝐝𝐡𝐮

𝐴𝑀𝐼𝐼𝐼𝐼𝐼𝐼𝐼𝐼𝐼𝐼𝐼𝐼𝐼𝐼𝐼𝐼𝐼𝐼𝑁 𝑌𝐴𝐴 𝑅𝐴𝐵𝐵𝐼𝐼 𝑌𝐴𝐴 𝐴𝐿𝐿𝐴𝐴𝐻


➲Yeroo Qur’aana goolabnu(qaraanee irraa baanu) maal jechuu qabna?

Yeroo Qur’aana irraa baanu wanta nuti daganne tokkotu jira
سُنَّة غافلون عنها بعد تلاوة القرآن

🚫"Sadaqallahul Aziim"akka hin jenne,wanti ati jechuu qabdu;

"Subhaanaka Allaahumma wabihamdika Ashhadu an laa ilaaha illaa Anta astagfiruka wa'atuubu ileyka"
لا تقل:صدق الله العظيم
قل:سبحانك اللهم وبحمدك أشهد

أن لا إله إلا أنت أستغفرك وأتوب إليك

"Imaam ibnu baaaz"irraa.
الإمام إبن باز رحمه الله


مجموع فتاوى ومقالات الشيخ (9/242)

@tafak_or
@tafak_or


Sadaqaa/Zakaa Fixrii

Qabxiiwwan armaan gadii of keessaa qaba.

➥Hiikkaa Zakaatal Fixrii
➥Hukmii Zakaatal Fixrii
➥Hikmaa Zakaatal Fixrii
➥Eenyu irratti dirqama ta'a
➥Maal irraa Kennama
➥Hammantu Kennama
➥Yoom Kennama
➥Eenyuuf Kennama
➥Eessatti Kennama

📚 من مجالس شهر رمضان للعلامة العثيمين رحمه الله

https://t.me/ifaislaamaa/637




Khaatimaa/xumura Tolfachuu

❒ قال الإمام ابن كثير رحمه الله :

( والمستحب : الإكثار من الدعاء في جميع الأوقات ، وفي شهر رمضان أكثر، وفي العشر الأخير منه ؛ ثم في أوتاره أكثر ) .

« Yeroo hunda du'aa'ii baay'isuun jaallatamaa dha, Ji'a Ramadaana keessa immoo irra caalaa , guyyoota kurnan boodaa immoo daran irra caalaa ta'a , guyyoota qeenxee immoo hunda caalaa jaallatamaa ta'a »

🔦انظر : تفسير ابن كثير :(٤٥١/٨)

⚠️ Du'aa'ii kan guyyoota kurnan boodaa Ramadaanaa baay'inaan gochuun barbaachisaa ta'e keessaa tokko kunoo kana.

عن عائشة -رضِيَ اللَّهُ عَنْهَا - قالت:
قلت : يا رسول الله ! أرأيت إن علمت أي ليلة ليلة القدر ما أقول فيها ؟

A'ishaa رَضِيَ اللَّهُ عَنْهَا akkana jettee Ergamaa Rabbii gaafatte:- «Mee yoo Rabbiin Laylatul-Qadii na qunnamsiise maal jedheen du'aa'ii godhadhaa?»

قال : قولي :
«اللهم إنك عفو تحب العفو فاعف عني»

«Yaa Allahuu kiyya ati irra namaaf dabraadha, irra namaaf dabruus jaallatta, irra naa darbi» jedhi jedheen.

📔[صحيح الترمذي:3513]

⚠️ Akkuma beekamu guyyootni kurnan boodaa Ramadaanaa hunda irra adda dha.

عَنْ عَائِشَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهَا قَالَتْ: كَانَ النَّبِيُّ ﷺ إِذَا دَخَلَ الْعَشْرُ شَدَّ مِئْزَرَهُ، وَأَحْيَا لَيْلَهُ، وَأَيْقَظَ أَهْلَهُ. رواه البخاري (٢٠٣٤)، ومسلم (١١٧٤).

A'ishaa رَضِيَ اللَّهُ عَنْهَا irraa akka dabarfameetti:- «Nabiyyiin ﷺ guyyoonni kurnan boodaa Ramadaanaa yeroo jalqabu marxoo/mudhii isaanii jabeeffachuun, halkan ammoo "ibaadaa" dhaan jireessan. maatiwwan isaaniitis ibaadaa dhaaf hirribaa kaasan»

⚠️ Laylatul-Qadiin Guyyoota kurnan boodaa Ramadaanaa keessatti argamti

Guyyoota kurnan (halkan isaani) guutuu Laylatul-Qadii yaaduun ibaadaa dhaan namni dabarsee shakki tokko malee fedhii Rabbiin Laylatul-Qadriin ni argata.

قال الإمام ابن باز رحمه الله:-
«فمن قامها جميعاً أدرك ليلة القدر»[ الفتاوى ١٥/٤٣٠]

«Guyyoota kurnan (halkan isaani) guutuu kan dhaabbatte Laylatul-Qadii ni argata»

⚠️ Obbolleewwan Aakhiraa Laylatul-Qadii jechuun waan salphaa miti quba qabaadhaa.

قال الإمام ابن القيم رحمه الله-:
«لو كانت ليلة القدر بالسنة ليلة واحدةً لقمتُ السنة حتى أدركها، فما بالك بعشر ليال» [ ‏بدائع الفوائد(٥٥/١)]

« Guyyoota kurnan (halkan isaanii) dhiisii, osoo Laylatul Qadiin waggaa keessaatti halkan tokko taatee waggaa guutuun dhaabbadha hamman argadhutti »


@ifaislaamaa


قال أبو بكر الصديق رضي الله عنه للنبي ﷺ علِّمْني دعاءً أدعو به في صلاتي قال: «قُلْ اللهم إني ظلَمتُ نفسي ظلمًا كثيرًا، ولا يَغفِرُ الذُّنوبَ إلا أنتَ، فاغفِرْ لي مَغفِرَةً من عِندِك، وارحَمْني إنك أنت الغَفورُ الرحيمُ» متفقٌ عليه
———
Abuu Bakri Siddiiq رضي الله Ergamaa Rabbiitiin ﷺ akkana je'een, Du'aa'ii Na Barsiisi taniin isiidhaan khadhadhu Salaata kheeysatti, Ergamaan Rabbii Nagayaa fi Rahmanni Irratti haa jiraatuu akkana je'een, akkana ji'i ja'een,

''Yaa Rabbi an lubbuu tiyya niin miidhe miidhaa hedduu, Si malee namni dilii irra namaaf kutu hin jiru, Naaf araarami araarama sibiraa tahe, ammaas rahmata naaf godhi ati namaaf araaramaadha yaa Rabbi rahmataas namaaf godhaadha.

Bukhaarii fi Muslimtu Odeeyse.


Namni salaata dhiise diliin isaa guddaa dha. Nama nama ajjeeserra, ka horii namaa saamerra, ka zinaa dalagerra inumaayuu kufrumma nama geesiti. Namni salaata dhiise kafare kanaafuu yoo Rabbitti kafaruu feete salaata dhiisi yoo Rabbitti Amanuu barbaadde salaati

https://t.me/ifaislaamaa/632


Walaloo arkaana salaataa

Kudhanii afurii arkaanni salaataa. hundi nama baruuf qophaaye fakkataa.

-tanduraa dandeenyaan ol ka'ee dhaabbataa.
-lammeysaan takbiirtaa hidhannaa salaataa.-
-sadeysaan suuratul faatihaa qaraataa.

-afreysaan rukuu'a duuydaan gadi jattee.
harks kee lameniin jilba kee qabattee.-

-shaneysaan ol jachuu sujuunnii jaheysaa.
-humna 7tti inni moo dhageysaa.

--qubbeen miilaa jilbaa shanacha harkaatii.
-funyaaniif addasaa walitti qindeyseetii.
irraa oljechuufii taa'uu mijjeyfataa.-
-xumaaniinaa godhuu dhiistee jarjarfataa.

-gurbaan sahaabaadhaa kan salaataa guysee.
-kallaad ibnu raafi'i maqaansaa dhageysee.
masgiida ol seenee salaatee jarjarsee.-
-nabitti ﷺ asgoree salaamtaan dubbisee.

-jedheen nabiin salaamtaa irratti deebisee.
sirreeysi yaa gurbaa salaata balleysee.-
ammas nisalaate sanuma fakkeysee.-
erga yeroo hedduu akka deddeebisee.-
ufbira teysisee salaataa barsiisee.-
izaa qumta ila ssalaatirraa kaasee.-
hattaa taxma'innaa irradeddeebisee.-

-hadiisa sahiihaan oduun nugeysee.
-abbaa hureyraa irraa muslim nuuf odeeyse.
-tuunis teysoo boodaati attahiyyaaataa.
-isakana ammoo teyseeti qaraataa.
dhuma isaarrattis ni buufta salaataa.
-nabii keenyarratti caalaa anbiyootaa.
-mirgaa bitaa laaltee salaamtaa baafattaa.
-akka himametti tartiibaan oofattaa.

✍ Shekh Jamaal Shekh Muhammad

@ifaislaamaa




💥 አዲስ ነሲሓ ለነጋዴዎች

🔈 « ﺇِﻥَّ ﺍﻟﺘُّﺠَّﺎﺭَ ﻫُﻢُ ﺍﻟْﻔُﺠَّﺎﺭُ ‏»

🔈 «ለሀዋሳ ነጋዴዎች የተሰጠ አጭር ምክር»

🎙 Abu Asiyah Abdallah

⏰ 16:00 Ⓜ 3.7MB

⌚️ ረመዳን 8/1441 ሂጅሪ

https://t.me/kesunah/3343




Ramadaana vs Jannata

عن علي رضي الله عنه قال: قال رسول الله ﷺ :
«إن في الجنة لغرفاً يرى ظهورها من بطونها وبطونها من ظهورها !!

«Jannata keessa kutaan bareedduu tokko jirti keessaa taa'anii gara alaatti , ala taa'anii gara keessatti kan argan

فقام إليه أعرابي فقال : لمن هي يا رسول الله ؟

A'arabni (namni baadiyya) tokko dhaabbatee “Eenyuufi yaa ergamaa Rabbii” jedhee gaafate

قال هي لمن :
❶ - أطاب الكلام
❷ - وأطعم الطعام
❸ - وأدام الصيام
❹ - وصلى لله بالليل والناس نيام ! 》

Isheen kan qophoftee nama :-
❶ dubbii bareecheef
❷ nyaata nyaachiseef
❸ sooma baay'iseef
❹ nama yeroo namni rafu Rabbiif laylii salaateef

【صحيح سنن الترمذي : (٢٥٢٧) وحسنه الألباني】

قٌالً الًحَافُظّ ابِْن رجٌب رحٌمٌه الله-:

وهذه الخصال كلها تكون في رمضان فيجتمع فيه للمؤمن الصيام والقيام والصدقة وطيب الكلام فإنه ينهى فيه الصائم عن اللغو والرفث !!

Haafiz Ibnu Rajab Rahimahullah Akkas jedhan:-
« wantoonni kunniin hundi isaanii ji'a ramadaanaa kessatti argamu : mu'iminni ni sooma, ni salaata, Sadaqaa illee ni laata, soomni waan dubbii baareecha waan fokkottu irraa nama dhorka!!

📮 والصيام والصلاة والصدقة توصل صاحبها إلى الله عز وجل

📮 Soomni , salaatni fi sadaqaan gara Rabbii nama geessu
قال بعض السلف :
📮 الصلاة توصل صاحبها إلى نصف الطريق ..
📮 - والصيام يوصله إلى باب الملك ..
📮 - والصدقة تأخذ بيده فتدخله على الملك ..!!

📮 Salaatni abbaa isaa karaa walakkaa geesisa
📮 Soomni balbala Mootii nama geesisa
📮 Sadaqaan immoo harka qabdee gara Mootitti nama geesisa.


📚【لطائف المعارف : (١٦٧/١) 】

@ifaislaamaa


👁‍🗨 فضل قيام الليل 👁‍🗨

Sadarkaa Salaatni Layliin Qabu


وقال الله تعالى: ﴿وَمِنَ اللَّيْلِ فَتَهَجَّدْ بِهِ نَافِلَةً لَكَ عَسَى أَنْ يَبْعَثَكَ رَبُّكَ مَقَامًا مَحْمُودًا﴾[الإسراء: ٧٩].

“Halkan irraas isaan (Qur’aanaan) haala (salaata) dabalataa siif taateen sagadi Gooftaan kee iddoo faarfamaa ta’e si dhaabuun mirkanaa’aadha.

وقال الله تعالى: ﴿إِنَّ الْمُتَّقِينَ فِي جَنَّاتٍ وَعُيُونٍ (١٥) آخِذِينَ مَا آتَاهُمْ رَبُّهُمْ إِنَّهُمْ كَانُوا قَبْلَ ذَلِكَ مُحْسِنِينَ (١٦) كَانُوا قَلِيلًا مِنَ اللَّيْلِ مَا يَهْجَعُونَ (١٧) وَبِالْأَسْحَارِ هُمْ يَسْتَغْفِرُونَ (١٨)﴾[الذاريات].

“Isaan Rabbiin sodaatan, jannataafi burqituuwwan keessa jiraatu. Waan Gooftaan isaanii isaaniif kenne fudhachaa (jiraatu) Isaan sana dura toltuu hojjattoota turan. Halkan irraa xiqqaa qofa kan rafan turan. Yeroo dhuma laylii (fajrii dura) isaan araarama kadhatanii dha”

وقال الله تعالى: ﴿وَمِنَ اللَّيْلِ فَاسْجُدْ لَهُ وَسَبِّحْهُ لَيْلًا طَوِيلًا﴾ [الإنسان: ٢٦].

“Halkan irraallee Isaaf salaati; halkan dheeraas Isaaf (salaata laylii) salaati”

وقال الله تعالى: ﴿تَتَجَافَى جُنُوبُهُمْ عَنِ الْمَضَاجِعِ يَدْعُونَ رَبَّهُمْ خَوْفًا وَطَمَعًا وَمِمَّا رَزَقْنَاهُمْ يُنْفِقُونَ (١٦) فَلَا تَعْلَمُ نَفْسٌ مَا أُخْفِيَ لَهُمْ مِنْ قُرَّةِ أَعْيُنٍ جَزَاءً بِمَا كَانُوا يَعْمَلُونَ (١٧)﴾[السجدة].

“Cinaachi isaaniis ciisicha irraa ni fagaatti Sodaataafi kajeelaa Goftaa isaanii ni kadhatu Waan isaaniif kennine irraas ni sadaqatu. Mindaa waan isaan hojjataa turaniif jecha, gammachuu ijaa irraa waan isaaniif dhokfame lubbuun tokkoyyuu hin beektu”

وقال الله تعالى: ﴿أَمَّنْ هُوَ قَانِتٌ آنَاءَ اللَّيْلِ سَاجِدًا وَقَائِمًا يَحْذَرُ الْآخِرَةَ وَيَرْجُو رَحْمَةَ رَبِّهِ قُلْ هَلْ يَسْتَوِي الَّذِينَ يَعْلَمُونَ وَالَّذِينَ لَا يَعْلَمُونَ إِنَّمَا يَتَذَكَّرُ أُولُو الْأَلْبَابِ﴾[الزمر: ٩].

“Sila namni Rabbiif jecha yeroo halkanii sujuudaafi (salaataaf) dhaabbataa, Aakhiraa sodaataa, rahmata Rabbii isaa kajeelaa (Rabbiif) ajajamu (isa hin amanneen wal qixxaataa?) Jedhi: “sila isaan beekaniifi isaan hin beekne wal qixxaatuu?” Dhugumatti, isaan gorfaman warra sammuu qaban qofa”

Obboleeyyan kiyya Baatiin Baatii Ibaadaa keessatti godhannu malee baatii Hirriibaatii Miti Kanaaf Ibaadaa Haa jabeessinuu Halkanis Hanga Tokko Salaata, Zikrii, Qur'aana Qara'uu, fi Ibaadaa godhattee Rafta, Guyyas Qur'aana Rabbiitii Fi Zikrii baayyisuun Guyyaa Kana Dabarsita malee Halkan Salaata Laylii Malee Qur'aana Rabbii hin qara'in Zikrii hin godhin Taa'aa buluu fi Guyyaas Ibaadaa Rabbii dhiiftee Rafaa buluun Waa Soomanaa miti

@ifaislaamaa

20 last posts shown.

734

subscribers
Channel statistics