JIREENYA BORUUF


Channel's geo and language: Indonesia, Indonesian
Category: Blogs


Addunyaa kana irraa wantii abdii si kutachiisuu danda'u tokko illee hin jiru yoo atii heyyamteef male.!!
Homaaf tole hin jedhiin isa boruu kee of harkaa qabuu yesuusif male
yaadaaf @Dawitpost_bot

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Indonesia, Indonesian
Category
Blogs
Statistics
Posts filter


CHANNALII WAA'EE FAYYAA NI ARGATTU, NAMNI TOKKO MALLATTOO DHUKKUBA ISAA IBSACHUUN MAALUMMAA ISAA BARUU NI DANDA'A. KANAAF NAMOONNI FAYYAA ISAANIIF HAA DUBBISAN.

👇👇👇👇👇


Channel hedduu fayyadan waantota irraa argachuu dandeenyu filachuun join godhadhaa
Waver 👉 @Daani28
👇👇


Channel hedduu fayyadan waantota irraa argachuu dandeenyu filachuun join godhadhaa
Waver 👉 @Daani28
👇👇




"Inni Gaariin Manni Keenya Waaqarra
Nuti Amantiin Achi Ol ilaalla"
🗣️Singer:Baacaa Bayyanaa

𝗝𝗼𝗶𝗻 𝗖𝗵𝗮𝗻𝗻𝗲𝗹

@jireenyaboruuf


“Isa durii caalaas waan gaarii isiniif nan godha.” — His. 36:11


#MUL'ATA_JAARRAA_MOO_MUL'ATA_ JAAMAA_QABDA?
~~~||||~~~~~~~
''Garaa haadha kee keessatti utuun si hin tolchinan si fo'adhe; utuu ati hin dhalatin addaan si baaseen, sabaaf raajii akka taatuuf si kaase'' jedhe." Erm 1: 5

#Waaqayyoo Mul’ata jaarraa siif haa kennuu.Yaada gurguddaa fi Mul’ata #barootaa qabadhuu.#Garuu_Mul’ata harroota hin qabaatin!Namootni waan akka lakkoobsa guutuuf dhalataniitti yaadan addunyaa kanatti kisaaraa Guddaa fidu.#Ani namumatu dhalataafin dhaladhe utuu hin taane dhalachuun waan ana irraa jiruufan dhaladhe.Ati illee akkatti ofii beekta taanaan ,Ati nama nama barbaachisaa waan barbachisa addunyaa kanatti dabaluuf dhalatee dha. #Nuyi osuma hin dhalatin dura akeeka Waaqayyoo keessa ture, Yeroon isa geenyaan immoo gara biyya lafaa kanaatti as bannee. Kan jechuun immoo #Akeekaaf_akkekamnee,Akeeka #Akeekamneef_Akeekachiifamnee_akeekkataa_akeekatti_Adeema jira. Kanaaf nuyi namoota kayyoon machaa'anidha malee namoota faayidaa manaa'an miti.

#Albert_Anistaayin Guyyaa tokkoo akkas jedhee "Mul’ata akka nama maraate si’i godhu hin qabduu yoo ta’e, nama guddaa ta'uu hin dandeessu" jedhe .Barnoota guddaa dhabuu keetiif hin dhiphatin.Garuu yaada guddaa fi Mul’ata guddaa hin qabdu taanaan dhugumaan jiraatti duuteetta.
#Namoonni abjuu dhugoomuu fi Mul’ata ce'ee ceesisuu hin qabnee sirna awwaalchaa geggeessuufii qofatu isaan hafee malee dhumanii jiru. Yoo ilaaltuu baay’een bifaan lookoodha malee sammuun cookkoodha.#Garaacha coomaa fi qalbii coomaan akka ardii fi samii wal irraa fagaatu.Sababni isa immoo murtoon Mul’ata wajjin malee garaa wajjin hidhata hin qabuu. Sammuun beekumsa ,ogummaa,ilaalcha fi Mul’ata sirrii fudhachuu fi banamaa ta’uu qaba.

#Beekamti guddaa qabaachuun beekumsa qabachuu hin jechisiisuu. Ragaa barnoota xiqqoo qabachuunis itti waamama nama tokkoo bowwaatti gad hin dhidhiibu.Namoonni hin milkoofne warreen "mana barumsaa malee barumsii hin jiru jedhanii yaadaniidha.Garuu beekumsi qabatamaan adeemsa jireenya irraa argama. #Hayyuun Peter Koyestebarum jedhamu" Mul’ata Jechuun guddisanii yaaduu fi waan haaraa arguu jechuudha jedhuu.
#Addunyaa kanaaf lafee dugdaa kan ta'an warra ta'anii argamaniidha malee warra akka taatota Diraamaa bakka sagaliitti fafakkeessan miti.
#Warri Sammuu banamaa qaban Dhaloota akka warqee (golden generation) ijaaruu danda’u. Biyyi hiyyuma qabduu biyya namoota waraqaa barnoota gurguddaa dhabde osoo hin taane biyya namoota Mul’ata gurguddaa dhabde yoo ta’eedha. Kanaafuu Sammuu Biraandii _yaada kiristoos warra qaban nuu haa godhu Waaqayyoo. Dhaloota hirkataa ta’uu irraa Dhaloota ce'ee ceesisuu Waaqayyoo nuu haa taasisuu.!!!

#Kuufamni Mul’ata kee kan jaarraa taa’uu qaba.Yoo kan ta'e wanta bara dheeraa booddee ta’u beektaa jechuudha." Waaqayyo wanta hundumaa yeroo isaatti miidhagsee uumeera, hawwii wanta bara dheeraa booddee ta'u beekuus yaada ilmaan namootaa keessa kaa'eera; haa ta'u iyyuu malee, namni wanta Waaqayyo jalqabaa jalqabee hamma dhumaatti hojjete, beekuu hin danda'u. Lal3:11

#Kormaan indaaqqoo Inni akka aadaatti abbaa warraa jedhamun beekamuu lukkuu warruma xixiqqaa wajjin koosii haadhee waa fuffunaannataa oola.#Anaa fi ati nama maqaa fudhatee waan nu hin madaalle keessa naanna'u utuu hin taane, Mul’atni keenya nuu fi nama biraa gidduutti garaagarummaa guddaa uumuu qaba. Ati nama biyya fagoo waan taateef dorgommii eenyummaa kee kabachiisu qofatti hirmaadhu!

#Amma akka ati raawwattee nama adda taateen si’i yaadachisa. Akka ati Dilbii Mul’ata qabdu si’i yaadachisa.Kuufamni kun kan Dhalootaa fi kan barootaatti!!!

Eebbifamaa Obboleessa keessaan Caalchisaa dha!!!


#️⃣Group durii (old group) yoo qabaattan Keessaan Nuuf barreessa Ni Bitna.

Bara Group Sun Create Ta'etu Ilaalama Maleee Miseensa group Miti.

🟠Bara 2022
🟠Bara 2021
🟠bara 2020
🟠Bara 2019
🟠Bara 2018

Garee bara kana keessa baname yoo warra qabaattan bitaa jirra 🆘


🔴 Yaadachiisa ➺ Baay'inni miseensaa 0 haa ta'u Ni ta'a.

Keessan Nu Dubbisa
👉 @dawitpost


“Urgooftuu gaarii irra, maqaa gaarii wayya; guyyaa dhalatan irra, guyyaa du'an wayya;”
— Lal. 7:1




“Araarri Waaqayyoo garuu baay'ee waan ta'eef, jaalala isaa isa guddaa sanaan nu jaallate.”
— Efe. 2:4




Forward from: Kaayyoo koo
Eee obboleessa/ tti koo

➦ Waaqayyoo irraa gonkumaa abdii hin kutin Maalif yoo jettee
waaqayyoo yeroo mataa isaatti waan barbaade gochuu waan danda'uuf

➦ Ati waan sirra barbaadamuu obsaan eeguudha guyyaa waaqayyoo.

☆☆☆☆☆
#Share👇👇👇
➦ Gαℓαтσσмαα!!!
         Υєʀσσ Gααʀιι
Yaada: @Kaayyoobot
👇👇👇👇👇👇👇
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
   @Kaayyookoo
   @Kaayyookoo
            🔺ᴊᴏɪɴ🔺


Bu’aan qormaata bahiinsaa ifoomeera!

Barattoonni bu’aa isaanii result.ethernet.edu.et seenuun ilaallachuu ni danda’u.


“Hooggantoonni Afrikaa nama ta’uu isaaniiyyuu nan shakka. Erga Kolonii jalaa baatanii waggaa 50 oli. Garuu ammayyuu Ummata keesaaniif daandii, bishaan, barnoota gaarii kennuu hin dandeenye. Namummaa isaaniii nan shakka. Albuudota Akka Warqii, Diamond, Sibiila, boba'aa,... utuu qabanii sabasaanii hiyyuummaa jalaa baasuu hin dandeenye. Kanaaf nama ta’uusaanii nan shakka. Bulchitoonni Afrikaa Uummatasaanii ittiin ajjeesuuf meeshaa waraanaa ammayyaa’aa biyya alaatii galchu, uummatasaanii akka sareetti tuffatanii reebanii gidirsu. Uummanni isaanii biyyasanatti kabajamanii jiraachuu hin danda’an . Akka mootummaan biyya biraa isaaniif kabajummoo ni barbaadu, kanaaf Bulchitoonni Afrikaa saamtotaafi fi waliin dhooftotadha”
pireezidaant Donald J. Trump


Suura qaamaa moo suura jireenyaa?

Dhaloota suura of kaasaa oolu!
Dhaloota ija kaameeraa jaallatu!
Dhaloota suura dhoobaa oolutu baay'ata!
Ani suura ka'kuu mormaa hin jiru!
Gaaffiin jiru garuu,
Suura qaamaa moo suura jireenyaa ka'uutti jirraa?
Akkuma suura qaamaa ka'uuf ija kaameeraa Jala oollu, suura jireenyaa ka'uuf Ija waaqayyoo dura jilbeeffachuuf yeroo qabnaa?
Akkuma suura qaamaa kaanee miidhaginaa fi mudaa nu irra jiru adda baafannu, ija waaqayyoon ilaalamee mudaa jireenya keenyaa adda baafachuuf fedha qabnaa?
Waanti hubatamuu qabu, namni Kan inni suura ka'u barbaadu,
1 bifa isaa ilaalee itti gammaduu fi
2, Bara biyya lafaa irra hin jirre ittiin Akka yaadatamuuf, footoon isaa ilaalamee akka yaadatamuuf seenaa kaawwachuufidha. Kanaaf suura of kaasuu irratti Xiyyeeffata.
Garuu ilaalanii ofitti gammaduufis ta'e, dhaloota dhufu biratti yaadatamuuf qaamaa keenya caalaa suura jireenya keenyaat nu ibsa.
hojii gaarii hin dabarre hojjennee yoo dabarre, suurri qaama keenyaa hin mul'atu yoo ta'eyyuu, bifti jireenya fi eenyummaan keenya ni mul'ata.
Dhaloonni suura keenya irraa bifaa fi Fuula keenya irraa waan baratu hin qabu, garuu boca jireenya keenya irraa jireenya barata. Gaarummaa barata.
Hojii gaarii nuyi keenyee dabarre irraa dhalootni duuba keenyaa gaarummaa qajeelummaa barata.
Dhugaa dubbachuuf Namoonni suurri qaama isaanii hin beekamne, garuu immoo Hojiin isaanii guddatee dhalootatti mul'achaa jiru hedduudha.
Foon biyyoodha. Biyyootti deebi'a.
Yoo bareedes yoo fokkises biyyoodha.
Yoo dhukkubsates yoo fayyaa ta'es biyyoodha
Waanti nama dhibu garuu, qaama fokkisuu qabaachuu irra jireenya fokkisu qabaachuutu yaraadha.
Qaama dhukkubsutu irra jireenya dhukubsatutu biyya miidha
biyyoon( suurri foonii) kun eenyummaa keenya miti.
Eenyummaan keenya inni dhugaan jireenya keessa keenyaati.
Kanaaf nama Kan Wal caalchisu jireenya isaati malee bifa isaa miti. Kanaaf suura qaamaa caalaa, suura jireenyaa dhalootaaf dhoobnee haa darbinuun Dhaamsakooti! Ergaan kun waa nama hubachiisa jettanii yoo yaaddan share godha.

Kristaannummaan guddina Miidiyaa guddaatu nuuf mala Obboloota keessaniif share godhaa biyya hundaan gahaa itti eebbifamaa

        SHARE AND JOIN
      ✍ t.me/jireenyaboruuf
      ✍ t.me/jireenyaboruuf
      YAADA FI GAAFFIIF
      @Dawitpost_bot


Forward from: Kaayyoo koo
Love Diary:


➦ Imali malee namatti hin himin. seenaa jaalala dhugaa jiraadhu malee namatti hin himin.
➦ Gammachuun jiraadhu malee namatti hin himin, namoonni waan babbareedaa ni balleessu.

—Khalil Gibran
━━━━━━━━━━━
☆☆☆☆☆
#Share👇👇👇
➦ Gαℓαтσσмαα!!!
         Υєʀσσ Gααʀιι
Yaada: @Kaayyoobot
👇👇👇👇👇👇👇
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
   @Kaayyookoo
   @Kaayyookoo
            🔺ᴊᴏɪɴ🔺




Hojjaa yookiin dheerinni ofii gabaabbachuun lafa yaadan nama hin hanqisu garuu yaada gabaaba fi muldha'ata asumee qabaachuun lafa yaadan fi lafa namaaf yaadame nama hanqisa. Kanaaf mula'ata fagoo qabaadhu.


Of jajjuu
Of tuultuu
Of sobduu
Of kuultuu
Of bokoksituu
Of malee jettuu
Of qofa jaalattuu
Of qofa beekaa fakkeessittuu
Of qofa dureessa fakkeessittuu
Of.of.of.....jettuu. uuuuuuuuuuu

Ana malee namni hin jiru warra jedhaniif guyyaa tokkoof iyyuu ani iddoo hin qabu, iddoos kenneefii hin beeku gara fuula duraafis akkasuma.

Namni si balleessuu barbaadu dursee waa'ee nama kan biraa sitti odeessa, kana booda gaarummaa kee ol kaasee hasa'a. Erga ati isa amantee itti siqxee booda, karaa boolla siif qotee akka ati keessa buutu barbaadu sana irra akka ati adeemtu godhee booda kiyyoo siif kaa'uu jalqaba. Erga kiyyoo sanaan qabamtee booda duubaan dhaabatee bo'icha sobaa siif boo'a.

Akka ati yaaddutti siif boo'a seeta, garuu imimmaan ati argitu kan gaddaa osoo hin ta'in kan gammachuutti. Kanaaf iddoo siif hin kennu, garaa kee kutadhu. Atis iddoo hin kenniin.

Nuyi waliin waliif jiraanna, waliin bareedna.
Galma tokko, waamicha tokko, abbaa tokko, amantaa tokko waliin qabna warra jedhaniif balballi koo banaadha.

Waamichi keenya hanga daarii lagaatti osoo hin ta'in hanga andaara lafaatti akka lallabnuufidha!!

“Dhoksaan kunis warri saba Waaqayyoo hin ta'in wangeelatti amanuudhaan wanta Yihudoonni argatan akka argatan, isaanii wajjin bu'aa dhagna tokkoo akka ta'an, abdii isa Waaqayyo karaa Kristos Yesus kenne keessaas akka hirmaatan gochuuf kan qophaa'e ture.”
— Efe. 3:6

Kristaannummaan guddina Miidiyaa guddaatu nuuf mala Obboloota keessaniif share godhaa biyya hundaan gahaa itti eebbifamaa

        SHARE AND JOIN
      ✍ t.me/jireenyaboruuf
      ✍ t.me/jireenyaboruuf
      YAADA FI GAAFFIIF
      @Dawitpost_bot

20 last posts shown.