Sammuu kee jijjiiri


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Milkaa'ina ilma namaatif 85% ilaalcha sammuu isaati
Mataa ke jijjiiri jiruu ke ni jijjiirta!
Iddoo irraa dhufte murteeffachuu hin dandeessu, Garuu bakka itti deemtu murteffachuu ni dandeessa.
@oroquotes join godhi
Nu qunnamuuf @ilmanesruu @ilmanesru

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter








Wantoota 6 kan jireenya keenya keessaa balleessuu (remove) godhuu qabnu.

1.miira balleessummaa (Guilt)

2.sababeeffachuu ykn sababa dhiheessuu (excuse)

3.namoota negative ta'an (negative people)

4.yaaddoo (anxiety)

5.Namoota gammachiisuuf carraaquu (pleasing others)

6.yaadota fokkotaa ofitti haasoynu( negative self talk)

@ilmanesruu
@oroquotes


Osoo dubbiin guddina bira jiraattee, Arbaatu mootii bosonaa ta'a ture.

@ilmanesruu
@oroquotes


Halkanaahu malee urjii arguu hin dandeenyu.

@ilmanesruu
@oroquotes




Bakka teenyee waa'ee walii haasoynu osoo gad teenyee waliin haasoyne rakkinoonni keenya hedduun ni furamu ture.

@ilmanesruu
@oroquotes


Waanuma kalee dalayde har'as dalagaa.. karuma kalee irra deemte irra har'as deemaa bu'aa(firii) addaa addaa eeggatta taanan saahibii na amani gowwaan si achitti hin hafne.

Bakki ati har'a irra jirtu ida'ama gochootaa fi yaadota kee kaleessaati,

Boru bakka har'a jirtu tanarra wayyaa ga'uuf..
Jireenya dabarsite har'a irra dhaabbadhuu xiinxalii gochoota jijjiiru qabdu irra hin deebi'in, ilaalcha negative ta'es ifirraa lafa kaa'i, sheenaa takkaan maletti, abdii fi gammachuun guyyaa har'a jiraadhu.

For comment an @ilmanesruu ti
@oroquotes
@oroquotes


Wan kalee si jala darbeef har'a alaanaluun boru waan wayyaa siif hin fidu.

@ilmanesruu
@oroquotes


Gammachuu yoo barbaadde nama irraa waa takka hin eeggatin.

@ilmanesruu
@oroquotes


Masluufummaa.

Boodan godha, boru, torbaan dhufu fi gaaf-tokkon godha yaadonni nu keessaa je'an gara kufaatii fi sheenaatti malee bakka takka nun geessan.


@ilmanesruu
@oroquotes
@oroquotes
















Dhukkuba COVID-19: Daddarba, Mallattoo fi Ittisa
1. AKKAMIIN DADDARBAA?
* Vaayiresiin kun akkuma vaayiresoota sirna hargansuu
namaa hubanii kan birootti yoo namni dhukkuba kanaan
qabame qufa'u (coughing) yokaan haxxiffatu (sneezing)
gara nama bira jiruutti darba.
*
Namni tokko dhukkuba kana kan sirriitti (ciminaan)
gara nama biraatti dabarsu yeroo mallattoon dhukkubichaa
cimaa ta’ee nama sanarratti mul’atudha.
* Vaayirasiin kunis baya’inaan kan daddarbu, bakka
namoonni walitti dhiyaatanii turan akka gabaa, bakka
walga'ii, mana barumsaa, geejjiba hawaasaa keessatti fa'i.
2. MALLATTOO
*
Vaayirasiin kun erga qaama namaa seenee booda
guyyota 2 haga 7 gidduutti mallattoo argisiisuu eegala.
Walumaa galatti namoota vaayirasiin kun qaama isaanii
seene keessaa haga dhibbeentaa 95 (95%) ta'an haga
guyyaa 10tti mallattoo argisiisuu eegalu.
*** Vaayirasiin kun erga sirna hargansuu namaa hubee
booda mallatoolee hedduu argisiisuu eegala. Mallattoolee
kana keessaa kan yeroo hedduu mul’atan kan akka:
- ho'iinsa qaamaa (fever),
- qufaa (cough),
- hol'achiisuu ykn room'isiisuu,
- qaama caccabsuu (dhukkubbii maashaa),
- mataa dhukkubbii fa’i.
3. AKKAMIIN OFIRRAA ITTISNAA?
-  Yeroo mara haga dandeenye harka keenya saamunaa fi
bishaan qulqulluun yoo xiqqaate sekondii 20 siriitti
dhiqachuu.
- Yoo saamunaa dhabne ammoo alkoolii harka keenya
ittiin qulqulleeffachuuf qophaa'e kan mana qorichaa
(faarmaasii) kamitti illee argamuu danda'u bitachuudhaan
harka keenya sirriitti waliin ga’uudhaan rigachuu.
- Akka carraa haalota armaan olii fayyadamuudhaan harka
keenya kan hin qulqulleefatiin yoo ta’e harka keenya haga
qulqulleeffannutti, harka keenyaan afaan keenyaa fi funyaan
keenya tuttuqquu dhiisuu.
- Nama dhukkuba kanaan qabame yokaan naannoo
dhukkubi kun argametti mallattoo dhukkuba kanaan
shakkame yoo kunuunsinus ta’e dubbisnu fi kkf, baay'ee
itti siquu (close contact) dhiisuu.
- Yoo dhukkuba kanaan qabamne ammoo ala baanee
hawaasatti makamuu dhiisuudhaan mana taa'uu, maatii
keessa jiraannuu fi namoota mana keessa jiraniif ille illee
eeggannoo cimaa taasisuu.
- Yoo dhukkubsanne, yoo qufaanu yoo argame maskii
yokaan haguugguu afaanii godhachuu, dhabame ammoo
afaan keenyaa fi funyaan keenya huccuudhaan haguugnee
qufa'uu fi haxxofachuu.

@ilmanesruu
@oroquotes

20 last posts shown.

7 175

subscribers
Channel statistics