#Yuunivarsitii_Wallaggaa
Ergaa Pirezidaantii Yuunivarsitii Wallaggaa!
#Odeeffannoo Dabalataa Maatii_barattootaaf
Qormaata kutaa 12ffaa Biyyooleessaa bara kanaa (2014) Yuunivarsiitoota keessatti akka gaggeeffamu murta'uun isaa nibeekama. Bu'uura kanaan, Yunivarsitii keenya barattoota lakkoofsi isaanii Kuma 30 ol ta'an marsaa lamaan qormaata kana Yuunivarsiitii Wallaggaatti fudhatan simatee keessummeessuuf qophii guutuu taasiseera. Nyaanni barataa sadarkuma nyaata barattoota Yuunivarsiitii eegeen qophaa'ee barattootaaf dhiyaataa jira. Taajaajiilli mana ciisiichaafi yaala fayyaas karaa guutuu ta'een barattoota qormaataaf gara mooraa Yuunivarsiitii keenyaa seenaniif kennamaa jira. Yaala fayyaa ilaalchisee Hospitaalli Rifaraalaa Yunivarsiitii Wallaggaa abbummaan qabatee taajaajila guutuu kennaa jira.
Kuni kanaan osoo jiruu, barattoonni lakkoofsii isaanii muraasa kan ta'e qormaata biyyoolleessaa kanaaf qophii ga'aa kan hin taasine ega gara mooraa dhufaniin booda qoramuuf fedhii dhabuu isaanii hubachuu dandeenyeera. Nyaata dhiyaataafi jirus fayyadamuuf fedhii dhabaniiru. Qorannoo rakkoo fayyaa barattoota lakkoofsaan 25 ta'ani gara Hospitaala Yuunivarsiitii Wallaggaa deemanii yaalaman kan agarsiisuus Naayaata nyaachuu dhiisuu, dhukkuba busaa qaama keessaa yeeroo eeggatee mul'atuuf barataan tokko ammoo ipilipsii (gaggabdoo) irraa kan maddee ta'uu isaa mirkaneeffanneera. Faala nyaataaf hanqina nyaataa gama Yuunivarsiitiin dhiiyaatu ilaalchisee rakkoon mul'ate hinjiru.
Barattooni muraasni kuniin garuu barattoota fayyaaleeyyii qormaata isaanii qoramuuf qopha'aanii dhufan keessatti burjaajjii hin barbaachisne uumanii ofitti makatanii mooraa keessa fudhatanii ba'uuf yaali taasisaniiru. As irratti kan hubatamuu qabu qormaata kana barattoonni martuu fedhii isaaniitiin qofa kan fudhataniif kan fedhii hinqabne kan hin dirqisiifamnee ta'uu isaati. Qormaata akka biyyoolleessa barattooni bakka addaa addaa fudhatan kan irraa hafuun garuu dursa barattootuma keenya addatti kan miidhu ta'uu isaa waan hubannuuf barattooni muraasni kunis taanaan tasgaba'aanii qormaata isaanii xummuranii gara qe'ee isaaniiti akka deebi’aan yaalii taasisaa jirra. Dhimmi qormaata fudhachuuf dhiisuun murtii dhuunfaa barataa tokkoo tokkoofi maatii isaaniidha malee kan qaama biraan murtaa'uufis ta'u hin qabu. Dhalootaaf yaaduunis gaarii ta'a.
Hanga sa'a kanaatti (#3LT) mooraa keessan jira. Barataan dhibee guddaaf saaxilamees ta'e miidhame tokko hinjiru. Ijjoolleen gara mana yaalaatti ergamanis yaala xiqqaatiin fooyya'aanii gara mooraatti deebi'anii jiru.
👇
https://t.me/qormaatabiyyaalesaaf