Forward from: Jawar Mohammed
Waggaa 18 dura Adaamaatti barataan ture. Lafa amma Boolee jedhaniin tan Adaamaatti amma ganda jabaa taate san, gaafas xaafii qonnaan bulaatu irra jira. Firri kiyya tokko mana achitti jaarachuu eegalee anis san too’adhaaf. Tanuma keessa bakka amma General Hospital jiru kana lafti ijaarsa hopitaalaaf kenname jechaa dhageenye . An yero yeroon bakka tana bira ol dabree mana fira kiyyaa jaaramaa jiru san laalee gadi deebi’a. Ganamaa galgala yeroo ani deddeebi’u kana nama qal’aa tokkotu achumaa waa sisirreessa. Ganamaa galagala, guyyaa mara achuma jira. Yoo kiyyaa waardiyyaa, yoo akkam jabaate hojjachiisaa natti fakkaata ture. Gaafa tokko itti dhiyaadhee gaafadhe. Abbaan qabeenyaa isa ta’uu hubadhe. Na ajaaibe. Namni qaamaan huqqqataa kan hojjataa waliiniifi erga isaan galaniihis hojjatu kun abbaa qabeenyaa hospitaalcha jaaramuu ta’uun na ajaa’ibe. Roorroo lafa sanirratti itti aggaamamaa ture irra aanee fixee waggoota dheeraa booda Ameerikaatti wal agarre. Maalif hospitaala san akkasitti ciniinnatee bira dhaabbatee jaarsiste? Ati dureessaa kubbaaniyyaa ramaddee maaf hin hojjachiifne haga aduu keessa bira dhaabattee awwaara dhugaa turte jedheen gaafadhe. “ Ilma kiyya” jedhe “ ee ani dureessa. Rabbiif galanni haa gayu. Warri akka kiyyatti rabbi qabeenna kenneef gaafa dhibame biyya alaa deemee wal’anama. Fedhu Ameerikaa, fedhu Awuroppaa takkaa Eesiyaa. Kan hanga keenya qabeenya hin qabne hoo horoo dhabaaf osoo fayyuu danda’uu maalif du’a? Kanaafiin jaare. Ammas hanga garaa kiyyaa hin geenye. Ganaa guddifna” naan jedhe.
Yaadannoon lammataa, bara Qabsoo Qeerroo san yeroo diinni ummata keenya fixu san, yeroo kilinakaafi hospitaalli dhuunfaa hedduun madoo teenya fudhachuu sodaatan san, Kabiir Huseen nu cinaa ture. Joollee hiriira irratti rukutamteefi kanneen lola daangaa Mooyyalee hanga Bordoddee madayaa turte, ofitti fuudhee nuuf wal’aanaa ture. Kaffaltii malee. Waanin yaadachu keessaa yeroo bulchiinsi hospitaalichaatuu baasiin humnaa ol nutti ta’e jedhanii mataa maran, Kabiir warra madoo fide san alatti nyaaraan waamee maallaqa ofiii itti kennee hopitaaluma sanitti kan galmee kafalanii akka galchan godha ture. Hospitaala isaattti qofa hin turre. Hospitaalota Phaawulos fi Xuqur Anbassaa joollee cibsineef dhoksaan kaffaltii raaw’ata. Qoricha bitaaf ture. Maallaqa qofaanii miti. Madoo sanniin irra deemee gaafatee jajjabeessa ture. Gaafa tokko nama rasaasaan qaama hormaataa cinaa rukutamee fincaan ofirraa baasuu hin dandeenyetu geeffame. Namni sun nama baadiyyaati. Naasuufi leeyya’uu irraa kan ka’e narsoota gargaarsifatuu rakkata ture. Kabiir kana argee gadi taa’ee ofumaaf gurbaa san gargaaraa ture jajjabeesse. Kabiir namooma akkanaa qaba ture.
Baruma qabsoo san Ameerikaa dhufee wal agarree turre. Osoman achi taa’uu gabaasni wahii natti dhufeen maxxanse. Qabeenya wahiitu gubatee ture. Namni maxxansa kiyya arge qabeenyi miidhame sun keessa kan Kabiir Huseen akka jiru naaf hime. Rifadheetin dhaqee dhiifama gaafachuuf itti hime. Kabiir Huseen waan jedhe beektuu “ Qabsoo Oromootif bu’aa buufnaan qabeenyaa mitii Qeerroon anaayyuu haa gubdu” jedhe garaa na raase. Kabiir Oromoo akkasii ture. Oromoo lafeen dhuka Oromummaatin guutame. Dureessa hojiin argatee, waan qabu sabarraa hin qusatin.
Kabiir Huseen Waaqoo akkanaanin beeka. Gootummaa, arjooma, namummaafi Oromummaa isaa anuu waan beeku hunda hin himne. Maalayyaa warri umrii isaa guutuu wal beekuufi waliin hojjate. Nama jaabaa dhabne. Gaaddisa guddaa tokkotu nurraa kufe. Galata ummata kanaaf ooltee jannataan qanani’i jennaan. Maatiifi hiryootaaf jajjabina hawwina. Ilmaan isaatiin waan inni huurkaa isaa xuruuree dhaabe kana, daran guddisaa, maqaa isaa bara baraan jiraachisaan dhaamsa kiyya. Sabnis isin cina jira.