WALALOO ♻


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Baga gara chaanaalii WALALOO ♻ nagaan dhuftan.
Walaloo nuuf gumaachuu yoo feetan @Ifargan irratti nuuf barreessaa.

Related channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter




Walaloon isinitti tolaa jiraa?
Poll
  •   Eeyee
  •   Lakki
12 votes




FINFINNEE WAADAA EEGI
--------------------------

Siifan fiigee dadhabee
Mogoleen koo laaffatee
Siifan dhiigee caccabee
Qaamni koo na naaffatee

Siif du'ee ta'e biyyee
Reeffa koo nyaatee bineensii
Ani dhiigaan si sarareen
Tola si fuudhaa dureessii ?

Lakki hin ta'u Finfinnee
Waadaa qabnaa hin dagatin
Maatii koo sitti dhiise
Borootti najalaa hin gatin!

Alagaaf waardiyyaa hin ta'u
Lafee koon si ijaaree
Ilmaan OROMOO Qaqqaalii
Koodee koon sitti kasaaree !

Har'as akka kaleessaa
Natti hin dabalin roorroo
Haa ga'u Ormaaf guggufuun
Ofitti qabi # Qeerroo !

Fira hin ta'u tasuma
Inni si nyaatu riphee
Kaleessa natu siif dhimmee
Dhiiga kiyya siif Cophee

An siifan of wareegee
Ta'e soora allaattii
Haqan qaba sirraa
Siin dhiisu alagaattii!


===== No =====


Qunceen wal gargaartee
Arba guddaa hiiti
Yartuun tokko taate
Saba guddaa miiti.

Jirma hundee hin qabne
Rirmatu biyyeessa
Leenca hin abshaalomne
Jaldeessat kiyyeessa.

Kan darbeef utuuf silaan
Gowwaa qalbiin finiinti
Hudduu abbaan dagate
Tusseen sagal ciniinti!


-------------------------------------
ⓒpoet: @EbisaWayu


Gaggeessaan qilee buunaan
Wasaasinna baatanii
Rabbillee cubbuu hin godhu
Gaaf gaaf yoo wal yaadanii!!

Qinaaxxiin gabaa bahee
Fardaan jamaa gaalabee
Dagate seeta malee
An uman si yaadamee!!

Qilxuu hiddatti murraan
Ol marga moo gad margaa
Guyyaa yaadaan jaawwareen
Halkan abjuun si arga!

Naatoon kumalaa kolfa
Addeessi guyyaa hin bahu
Intaloo siif haa kennu
Garaa jaalalaaf nahu!

Mishigiin abbaa waaree
Guyyaaf halkanii hin qabuu
Naaf jiraadhu giiftii koo
An si yaaduu hin dadhabuu!!

Shawaan xaafii cagadnaan
Harargeen jimaa muree
Jaalala dhibee se'ee
Abbeen Dinyii nattulee!!

Kaarruun kee lakkuu kunii
Gaadidhas malaalchadhas
Yaadni kee golfaan kunii
Jaalalas maraachadhas!!

Gootaraan abbaa dilboo
Qiinqiniidhaan urattee
Itti yaadaa jirtamoo
Diddeet garaa murattee?

Ganamoon kiyyoo hidheet
Saree koo galaafatee
Intaloo maaf calliftee
Lubbuunoo naan taphatee?

Bareedduun haaloo hin beektuu
Hundumaaf fuula iftii
Anoo sirratti bare
Lubittii gaanfurrittii!!

Abbaan koo gabaa baanaan
Dur bolaalee naaf bitaa
Anoo si dhiisuu hin ta'u
Si fudheen Amboo lixa!

Jibichi keenya durii
Iyya indaanqoon bookkisaa
Abbaan kee maancaa baatee
Sila maaf na doorsisaa?

Ya qeenxanyaa adalaa
Akkatti isheen koortuu
Mudhii qapheen si eegaa
Lagarra labii koottu!

Gatiin warqii olba'ee
Marroo meetiin siif Mara
Dhokfachuuf bu'ee bahus
Namnoo narrattoo baraa!

Kelkereen bowwaa buutee
Laga keessa kaatanii
Maqaa isaatiif tolaa
Otoo siif maraatanii!!

Dimbiccoon dur jaala kooti
Amma quba natti raafti
Qoosaan jaalala kee kun
Booda biyyaa na baafti!!

Kan ceetee dhufuun hin oolle
Maaf hin soqne bidiruu
Yogguu abbeen mana hin oollee
Maaf nan waamne ya tiruu??


Dur gurreen adii hin dhaluu
Kan jabanaa raajinna
Koottumee salaale baanee
Warqii gurraa siif binnaa!

Warri Moodii hin sirbani
Waarii lallabaa buluu
Boru badii koottumee
Xiqqooshee nattaa furuu!!

--------------------------------------
--- Kalaqa fakkii sirba durii --
© Alex : Jan 13,2019


https://t.me/EtCryptobot?start=r0883510492

Start godhaa... maalaqa ittiin argadhaa. Namoota baay'ee afeeraa kaardii guuttadhaa


Video is unavailable for watching
Show in Telegram


Hiree koo!
At anaaf hiree kootii
Hiree koo ishee ganamaa
Balballii onnee kootii
Furtuu keetiin banamaa
Jaalallee kootiim atii
Keennaa badhaasa addaa
Gammachuu ani qabuuf
Situ naaf ta'eem maddaa
Guutummaan qaama kootiis
Waa'ee kee natti odeessuu
Lubbuun koo daqiiqaafuu
Si dhabuu hin dandeessuu
Onnee koo walakkaatti
Dhaabbatte qabda bakkaa
Narraatii addaan baatees
Jiraachu hin feetu takkaa
Giiftii jaalalaati atii
Adduunyaatu si hin barree
#Bililleef #Moonaalizaa waliin
Sii kaa'u tureem tarree
Duukkana keessatti illee
Jiruu koo naaf ibsitaa
Gar malee natti toltaam
Keessa koos na ciibsitaa
Yeroon dhukkubsadhuullee
Sittan obsaan dhibee koo
Eenyu jedhee si waamuu
Natti himi mee lubee koo
Buufata kee godhattee
Walakkaa onneef tiruu
Waan ittin si madaaluu
Humti tokkoyyuu hin jiruu
Oduu fi jecha namaas
Hin dhageenyu gurraanuu
Bu'aa fi miidhaa isaa
Argineerra duraanuuu
Seenaa kee waan hin fixneef
Afaan qofaan tarreessee
Wanuman harkaa qabuu
Walaloon siif barreessee
Sobaanis siif kakadhee
Ani hin galu cubbuuttii
Humtuu addaan nu hin baasuu
Hanga du'a lubbuuttii!

----------
Amaanu'eel Waaqturaatiin
----------
@Walaloo_by_Ifargan


X-Mass

Dhugaa nyaadhaa gammadaa
Quufaa sirbaa ragadaa

Walfudhadhaa deemaa shirshiraa
fakkaraas feetan qirqiraa

Hin ciniiniinaa malee dhungadhaa
daba hin yaadiinaa malee bulfadhaa

Ofirraa bu'aa bitintinii daakaa
guyyaa kana gaarii gaarii yaadaa.


AYYAANATTIGAA
---------------------------------

hundumat bareeda
hundumarraa fiiga
Garanaas garasiis
hidhiin ta'ee dhiiga...

Kan rifeensi eegees
Dabbasaan qiciicaa
dhaqxee tokkofattee
Luuccaa ta'ee ciisa...

Isheen dur Horortuus
isheen jechuu waakkii
har'a qiraaqimboon
daandii gubbaa caaqxi!

Yaa isheekee kaa....

Isheen dur qaanoftuus
kan lafa ilaalaa deemtuu
har'a Shambaa jetti
namaaf sa'aa hin beektu

------------------------------------

Si ceepha'uuf miti
dhugaa qabda tiruu
Ayyaanaan gammaduun
Waanum duruu jiru...

Kunoo akkasitti
Daran bareeddanii
guyyaa ayyaana qillee
Baga naaf geessani!


Merry X-Mass!!
@Walaloo_by_Ifargan


Quunceen wal gargaartee
Arba guddaa hiiti
Yartuun tokko taate
Saba guddaa miiti
Jirma hundeen qabne
Rirmatu biyyeessa
Leenca hin abshaalomne
Jaldeessatu kiyyeessa
Kan darbeef utuuf silaan
Gowwaa qalbiin finiinti
Hudduu abbaan gate
Tusseen sagal ciniinti!


Ulfina ba'aa jaalalaa - dadhabeen alaanala.
Arrabarraas ulfaatee - boruuf, arra bulfate.
Ati onneef maammila - dur ture si hamilaa.
Funyaan si funfatee - hin quunfe si ulatee.

Jaalala onnee sorta - qalbiitti abdii horta.
Hin obsu si agabuu - yaaddoon if adabuu.
Dubbattu dubbii tolta - miiratti naan gorta.
Sii je'ee kufee gaggabu - xiqqo hin gaabbu.

Hin beeku hamtuuf si yaadee
Miidhaaf takkaa si gaadee.


Jaalalakee, Na keessaa hin
Hanga gadaamojjii - gubu oowwi gammojjii.
Sii if dura na tirsa - gadduus kolfake na qirqirsa.
Ati adda anaaf moojii - yomuu jirta na wojji.
Dukkanatti si na ibsa - mugu situu na ciibsa.

Onneenkoo gogee fedhu,
Si dheebuu yoo maxaxe.
Dirqiin keessa if godhu,
Onnee kan biraa falaxe.

Ati intala dhugaati- kanaafiin dhabe mugaati.
Ana cunfitee na miirta - ati harka namaa jirta.

Hin sehin olala - dur siifiin bolola.
Ifiikoo hadheessee - simmoo dhaadheessee.
Garuu, naa ati obbolaa - san si na ofkalaa.
Kana siifiin barreessee - tolchi kaniin balleesse!
@Eebbookemite
Hirna, oromiyaa irraa


#Foolii_dhugaa


Wal make bukaa'ee
Himni dhugaaf dharaa
Adda baasuu wallaalle
Sookoof soorgoo baraa!
"Kanamoo?"san ta'innatti
Yaadaan gidduutti rarraane
Coomaaf booka miti
Foolii dhugaa dharraane!

@Eebbisaa
@Walaloo_by_Ifargan


#Maatii_koofan_falmaa (60)
=============
Yaada keen hubamee
hedduu miidhameeraa
fayyaadhaan wal dhabee
dhibamees ciiseeraa
sammuun na jeeqamee
namaan wolloleeraa
jaalala keef jedhee
ofiin of dhabeeraa

Garuu akkasii miti
akki ta'uu qabuu
amman jaalala keen
fannisee of dhabuu
tasa eenyummaa kee
homaa quba hin qabuu

Atoo korbeettiidhaa
yaa culullee namaa
hunduu gaaf si argee
waa'uma kee himaa
maluma inni laataa
humni arkisaa cimaa
waaqayyo siif laate
dhoksee ilma namaa

Atoo cululuqxee
baayyeesaa bareeddaa
dibataan kuulamtee
fooliin kan kee addaa

Namuu dhugaa qabaa
kan jaalala keen kufuu
qaama kee ilaala
kan hundisaa ifuu
anaa naaf galeeraa
gaafan sobee kufuu
yeroo eenyummaan kee
hundisaa naaf ifuu

Atoo kan jaraatii
ka maatiin qaxalee
warra jiruun jaraa
iccitiin qajeelee
waan matii koof maluun
jiruun jaraa tolee

kanaafan murteessee
murtee ilma namaa
jaalallin siif qabus
naan caalu eenyummaa
maalummaa sobaa keen
an maafan faalamaa?
dhugaa koo deebfachuuf
maatii koofan falmaa
=============
01/04/11 Junedin Nuredin,Dire Dawa
_++++++_++_______
@Walaloo_by_Ifargan




#Na_Dhukkuba_Nan_Aada (59)
***************
Na dhukkuba nan aadaam
Gammachuunis naan ooda
Kun tasumaa hin ta'u jedhee
Ka'een morma kana booda
Buddeenaan gowwomsee
Maafan ala koo bareecha
Keessi kiyya madaa'eetu
Dhiitoo baata gudeelcha
Maaliif ta'ee kakuun koo
Kakuu boqooqqoo keessa
Uumamuu kiyyaa kaasee
Nan aada akka harraagessa
..............................................
Isuman nyaadhee dhuguuf
Himm! Namnis jira na se'a
Biyya guddatte barbaacha
Anis ka'eetan biyyaa ba'aa
Namni hunduu firas miti
Kaan hinaaffaaf ciniinnatu
Hacuuccaa dhoksaa sana
Eegaa eenyumatti himatuu
.....................................
Na dhukkuba nan aada
Ciisu hirriba hin qabu
Boqodhee tasa hin beeku
Nyaadhus bulus hagabuu
Afuura koo dhokfadhee
Nan fedha ture ciisuu
Kakuu dhaga'e sanaaf
Garaan koo dide dhiisuu
........................................
Nama guddaa akkan ta'uuf
Isinumti isa na eegdan sana
Lafa hawwiif garaa keenyaa
Yoom geenye teenya jarana

Olii Oro Guddataa
(mudde 04/04/2011)
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@walaloo_by_Ifargan
@walaloo_by_Ifargan


#Eessa_jirta_gammee (58)

Essa jirtaa Gammee
Mucaa Mattuu gamaa
Hiriyaan kee dhufee
Seenaa kan kee himaa..

Maal jettee itti himattee
Gidiraa kee baastee
Yeroo cinqiin dhuftee
Sirratti wal geesse

Rukuttaaf garaffii
Hundaa kan dandeesse
Mee natti himi Jabee
Goota haati deesse.

Ol adeemaa namaa
Gammetti koo kichuu
Duute moo ni jirta
Nu beeksis yaamichu.

Natti himi yaa hiriyaa
Dubbadhu yaa kodee
Nan wawwata iyyaa
Onnen na adoodee ...

----------------------------------
@Walaloo_by_Ifargan
@Walaloo_by_Ifargan
--------=---------=---------------




#Eessa_buute_Nadhii? (57)
--------------------------------

Bakka buutee kee dhabneka
Nadhii koo ilma Gammadaa
Asan jira nuun jedhikaa
Saba Oromoo si barbaada

Gochaama gara jabinaan
Akkam si godhe inni quufe
Bakka kee osoon dhaga'ee
Jiraachu keen arga dhufe

Duutettaa kees dhageenyee
Dhalootaaf seenaa hin himne
Jiraachuu keemmoo beeknee
Sabaaf gammachuu hin himne

Deebii nuuf laadhu adaraa
Ergaan kun si dhaqqabnee?
Maaf hirmii nu nyaachista?
Barbaanneewoo si dhabne

----------------------------------
© Olii Waaqgaarrii
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤
@Walaloo_by_Ifargan
@Walaloo_by_Ifargan
@Walaloo_by_Ifargan
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
JOIN JOIN JOIN JOIN
👍👍👍👍👍👍👍👍

20 last posts shown.

327

subscribers
Channel statistics