ARARA TV


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified



Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


Hin soodaatiin Waaqayyo si wajjiini

Ani caaqqaa guddaa kessa yommuun deemu hin sodaadhu yesuus na wajjiin waan taheef!!


1 Kana booddee immoo Daawit mootichi Filisxeemota rukutee harka jala galfatee, mandara guddittii isaan qabatanii turanis harka isaanii keessaa in baase. 2 Akkasuma immoo Mo'aabota lolee in mo'e; namoota warra booji'e immoo akka isaan tarree galanii lafa ciisan godhee, funyoodhaan isaan in safare; namoota funyoo safaraa lama lama gidduu ciisan ajjeesisee, namoota funyoo safaraa tokko tokko gidduu ciisan immoo in hambise; kana irratti Mo'aabonni harka isaa jala galanii gabbara in fidaniif.

3 Hadaad-Ezer ilmi Rehoob mootiin Zobaa, biyya laga Efraaxiis bukkee jiru harka isaa jalatti deebifachuudhaaf dhaqaa utuu jiruu Daawit isa rukutee, 4 konkolaattota isaa kuma tokko, abbootii fardeenii isaa kuma torbaa fi loltoota warra lafoo kuma digdama in booji'e; fardeen konkolaattota harkisan dhibba tokko duwwaa hambisee, fardeen warra kaan hundumaa morgaa kukkutee in naafise.

9 To'ii mootiin Haamaat, Daawit guutummaa loltoota Hadaad-Ezer akka mo'e, yommuu dhaga'e, 10 isa innumti iyyuu ofii isaatii yeroo baay'ee lolaa ture sana mo'uu isaatiif, isa dubbisee gammaduufiif, ilma isaa Yoraamin Daawit mootichatti in erge; Yoraamis kennaa mi'a garaa garaa, meetii irraa, warqee fi sibiila boorrajjii irraa hojjetaman geesseefii in dhaqe. 11 Daawit mootichi mi'a kanas immoo meetii fi warqee isa saba warra harka isaa jala galfatee irraa fudhatee wajjin hojii mana qulqullummaatiif Waaqayyoof addaan in baase. 12 Warri inni harka isaa jala galfates namoota Edoom, namoota Mo'aab, namoota Amoon, namoota Filiisxiyaa fi namoota Amaaleq turan; akkasuma immoo mi'a Hadaad-Ezer ilma Rehoob mootii Zobaa irraa fudhate keessaa Waaqayyoof addaan in baase.

13 Daawit dachaa soogiddaa keessatti namoota Edoom keessaa kuma kudha saddeet rukutee ajjeesee erga deebi'ee booddee, guddaa beekamaa in ta'e. 14 Biyya Edoom keessas loltoota in kaa'ate; warri Edoomis guutummaatti Daawititti in bulan; Waaqayyo immoo lafa Daawit dhaqe hundumaatti mo'icha isaaf in kenne.

15 Daawit guutummaa Israa'el irratti mootii ta'ee, saba isaa hundumaaf firdii qajeelaa in kenne, wanta Waaqayyo duratti fudhatamaa ta'es in hojjete. 16 Yo'aab inni Zeruyaan deesse ajajaa humna waraanaa ture; Yoshaafaax ilmi Ahiilud immoo itti gaafatamaa caaffata mana mootummaa ture. 17 Zaadoq ilmi Ahiixubii fi Abiimelek ilmi Abiyaataar luboota turan; Seraayaan immoo caafaa ture. 18 Benaayaan ilmi Yehoyaadaa itti gaafatamaa kutata loltoota mooticha eeganii ture; ilmaan Daawit immoo luboota turan.


Sagantaa Waamicha Daldaltootaa keenya Irrattii Hirmaachuun ebbaa Guddaa argadhaa
@AraraTV


1 Ani Yaaqoob hojjetaa Waaqayyoo, hojjetaa Yesus Kristos gooftichaas ta'ee, warra gosa kudha lamaanuu keessaa biyya diidaatti tamsa'anii jiraniif kana caafuu koo ti; nagaa koo isiniif nan dhi'eessa.

2 Yaa obboloota ko! Qoramsa garaa garaatiin ilaalamuun yommuu isinitti dhufu, gammachuu guutuutti fudhadhaa! 3 Amantiin keessan qoramee ilaalamuun isaa obsaan danda'uu akka fidu in beektu. 4 Isin warra fiixaan ba'an; warra mudaa, hir'inas hin qabne akka taataniif, obsaan danda'uun kun hojii isaa fiixaan haa baasu!

5 Isin keessaa nama tokkotti ogummaan yoo hir'ate, Waaqayyo isa nama hundumaaf harka guutee fuula ifaadhaan kennu haa kadhatu! Innis in kennaaf. 6 Garuu utuu hin mamin amantiidhaan haa kadhatu; namni mamu akka dha'aa galaanaa isa qilleensaan asii fi achi oofamee darbatamuu ti. 7 Namni akkasii gooftaa biraa waa nan argadha jedhee hin eeggatin! 8 Garaan nama akkasii walaallammii dha, yaadni isaas waan hundumaa qabee gad dhiisa malee, iddoo tokko hin dhaabatu.

9 Obboleessi hiyyumaan gad deebi'e, Waaqayyo duratti ol qabamuu isaatiin of haa jaju! 10 Inni soorumaan ol ka'e immoo, akkuma daraaraa margaa waan darbuuf, Waaqayyo duratti gad deebifamuu isaatiin of haa jaju! 11 Biiftuun in baati, buluqni ishee irraa dhufus in guba; innis margicha in coollagsa, daraaraa isaas in harcaasa; miidhagummaan daraaraa sanaas in bada. Namni sooressis akkasuma, wanta itti dadhabu sanaa wajjin gad in bada.

12 Namni qoramsa isatti dhufu obsaan danda'e, haa gammadu! Qoramee erga ilaalamee booddee, jireenya isa Waaqayyo warra isa jaallatan abdachiise akka gonfootti argachuuf jira. 13 Namni yommuu qoramu, qoramsi kun Waaqayyo biraa anatti dhufe hin jedhin! Waaqayyo hamaa gochuudhaaf qoramuu hin danda'u, ofii isaatiis nama tokko illee hamaadhaaf hin qoru. 14 Garuu tokkon tokkon namaa kajeellaa ofii isaatii isa hamaadhaan harkifamee yommuu qabamu in qorama. 15 Kajeellaan hamaan erga iddoo ga'ee cubbuu in dhala; cubbuunis erga raawwatamee du'a in dhala.

16 Obboloota ko jaallatamoo, hin gowwoominaa! 17 Kennaan gaariin hundinuu, kennaan guutuun hundinuus abbaa ifaa biraa ol waaqa gubaadhaa in dhufa; abbaa ifaa bira gegeddaramuun, yookiis gaaddisi gara galuun iyyuu hin jiru. 18 Nuyi uumama isaa hundumaaf angafa akka taanuuf, inni akka jaalala isaatti dubbii dhugaatiin nu dhalche.

19 Obboloota ko jaallatamoo! Namni adduma addaan dhaga'uutti ariifataa, dubbachuutti suuta jedhaa, dheekkamuuttis suuta jedhaa, ta'uun akka isa irra jiru beekaa! 20 Dheekkamsi namaa Waaqayyo duratti qajeelina namaaf hin hojjetu. 21 Kanaafis xuraa'ummaa, hammina safara dhabes hundumaa of irraa fageessaa! Dubbii lubbuu keessan fayyisuu danda'u, isa kanaaf dhaabame sanas garraamummaadhaan fudhadhaa!

22 Warra dubbicha hojii irra oolchan ta'aa malee, warra dhaga'uu duwwaadhaan of gowwoomsan bin ta'inaa! 23 Namni dubbicha dhaga'ee hojii irra immoo hin oolchine, akka nama fuula isaa of-ilaalee keessatti ilaalee akka jirutti ofii isaa arguu ti. 24 Ofii isaa ilaalee erga adeemee booddee, achumaan bifni isaa attam akka ture in irraanfata. 25 Namni seera birmadummaa isa bir'ina hin qabne keessa lixee ilaalu, isa biraas kan hin deebine, isa dhaga'ee hojii irra kan oolchu malee, kan hin irraanfanne garuu, gocha isaatti gammaduuf jira.

26 Namni, nama amantii qabu of se'ee, arraba isaatti immoo luugama hin keenye, inni of sossoba malee, amantiin isaa waa'ee hin baasuuf. 27 Waaqayyoon sodaachuun inni Waaqayyo keenyaa fi abbaa keenya duratti qullaa'ee fi xurii hin qabne garuu, ijoollota abbaa fi haadha hin qabne, dubartoota abbaan manaa irraa du'es rakkina isaanii ilaalanii gargaaruu dha; xuraa'ummaa biyya lafaa irraas of eeggachuu dha.




1 "Yaa Iyoob! Namni deebii siif kennu yoo jiraateef mee waami! Warra qulqulloota keessaa gara isa kamii dhaqxa?

2 Nama gowwaa aariitu ajjeesa, isa wallaalaas hinaaffaatu du'a itti fida;

3 namni gowwaan hidda yaafachuu isaa ani argeera, garuu dingata manni isaa in abaarame.

4 Ilmaan isaa iddoo nagaa qabu irraa fagoo dha, karra kellaa duratti in caccaban, kan isaan oolchus hin turre;

5 warra beela'antu, midhaan isa inni sassaabatu, isa inni qoraattii keessa kaa'atus fudhatee duraa fixa; warra dheebotantu, qabeenya isaa liqimsa;

6 dhiphinni biyyoo keessaa ol hin margu, rakkinnis lafaa hin biqilu;


1 Kana irratti Eliifaaz Temaanichi,

2 "Yoo namni sii wajjin dubbachuu yaale obsa in dhabdaa ree? Haa ta'u iyyuu malee, eenyutu dubbachuu dhiisa ree?

3 Kunoo, ati namoota baay'ee barsiifteetta, dadhaboota harka qabdee jabeessiteetta;

4 dubbiin kee nama kufuuf jedhu jajjabeessee in oolcha, warra jilbi isaanii laafes jabeessiteetta;

5 amma garuu rakkinatu si irra ga'ee, si rukute; ati naatee in raafamte, obsas in dhabde;

6 Waaqayyoon sodaachuun kee, amanannaan kee, qajeelina karaa keetti jabaachuun kees abdii kee hin turree ree?

7 "Mee yaadadhu, namni balleessaa hin qabne, takkaa badee beekaa ree? Yookiis

7 last posts shown.

214

subscribers
Channel statistics