Shaggar TECH️


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Link:https://telega.io/c/ShaggarTech1
To get information about airdrop, Tech tips and tricks join our Channel
Buy ads: https://telega.io/c/ShaggarTech1

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


✅️ Best Apps for Students

1. Google Keep; Faayidaan isaas Yaadaanoo(notes) qabachuu, List garaagaraa irratti qopheessuu, reminder fa'aaf nu fayyada.

2. Evernote: Faayidaan isaas Yaadaanoo qabaachuu ( note 📝 taking) fi akkataa ofii keenyaa barbaannetti qindeessuuf fayyada.

3: Grammarly: Faayidaan isaas Grammar, spelling, fi writing ✍️ style irratti barachuuf nu gargaara.

4. Google Drive: Faayidaan isaas document store irratti gochuuf, presentation fi spreadsheets garaagaraa irratti qopheessuuf nu faayyada.

5. Khan Academy; Faayidaan isaas free educational content garaagaraa, videofi exercise dhaan akkasumas practice tests garaagaraa kan deeggarame barumsa garaagaraa irraa argachuuf nu gargaara.

6. Trello: Faayidaan isaas task garaagaraa organize gochuuf nu fayyada.

7. Microsoft Office Lens: Faayidaan isaas Scanning and document management dhaaf nu faayyada.

8. Duolingo: Afaan English dabalatee afaanota garaagaraa irraa barachuuf nu gargaara.

9. Audible; Audiobooks garaagaraa fi podcast barnoota garaagaraa dabarsu irraa arganna.

10. edX : Course garaagaraa irratti barachuuf appii nu gargaaruudha.

Yoo isinitti tole Hiriyyoota keessaniifis ergaa! Linkichaan gallee download goonee fayyadamuu ni dandeenya.

#ShaggarTech1 #bestapp #technology #telegram #techinfo


Forward from: Shaggar TECH️
✅️ Telegram stars 🌟 fi Telegram premium bitachuu barbaaddanii Fragment website Verify( KYC) isin gaafata yoo ta'e karaa telegram bootii" Hulupay"bitachuu dandeessu. Tajaajilota akka:

⭐️ Telegram Stars

📱 Airtime & Packages

👑 Premium Services

Link: https://t.me/HuluPayOfficialBot/start?startapp=466258037

@ShaggarTech1
@ShaggarTech1


✅️ Key Tips to Save Battery Life/Bilbilli keenya chaarjii akka qusatu gochuuf wantoota murteessoo nuti gochuu qabnu.

1. Lower screen brightness: brightness bilbila keenyaa xiqqeessuu ykn Auto-brightnes irratti deebisuu.
👉Go to *Settings > Display > Brightness* and turn on *Adaptive Brightness*.

2. Use Dark Mode: bilbila keenya irrattti dark mode fayyadamuu.
👉Go to *Settings > Display* and toggle on *Dark Theme* (or *Dark Mode*).

3. Close unused apps and limit background processes: Appii nu fayyadne bilbila keenya irraa balleessuu fi battery usage isaa limit gochuu.
👉Go to *Settings > Apps & Notifications > [App] > Battery* and enable *Battery Optimization*.

4. Turn off unnecessary connections: Yeroo bilbila keenya itti hin fayyadamne wantoota akka Wi-Fi, Bluetooth, GPS, Mobile Data fa'a ofirraa cufuu.

5. Enable Power Saving Mode: power saving Mode fayyadamuu ykn lower power mode gochuun fayyadamuu.
👉Go to *Settings > Battery > Power Saver* or *Battery Saver* and enable it.

6. Limit push notifications and background syncing: notification nu barbaachisne ofirraa cufuu.
👉Go to *Settings > Apps & Notifications > Notifications* and turn off notifications for apps you don’t need.

7. Manage location access: Location access appii bilbila keenyaa too'achuu.
👉Go to *Settings > Location* and turn off access for apps that don't need it,

8. Reduce animations and visual effects: animation garaagaraa screen bilbila keenyaa irratti fayyadamuu dhabuu.
👉Go to *Settings > About Phone* and tap *Build Number* 7 times to enable *Developer Options*. Then go to *Settings > Developer Options* and reduce or turn off *Window Transition Scale* and *Animator Duration*.

9. Keep your phone's *software up to date*: software bilbila keenyaa yeroo yeroon update gochuu.
👉Go to *Settings > System > Software Update* and check for updates

10. Use Wi-Fi instead of mobile data: Carraa fayyadamuu qabna yoo ta'e data caalaa WiFi fayyadamuu.

11. Disable vibrations for notifications: Notification yoo akka nuuf dhufu taasisne immoo vibration fayyadamuu dhabuu.
👉Go to *Settings > Sounds & Haptics*, and toggle off *Vibrate on Ring* and *Vibrate on Silent*.

12. Monitor battery usage: appii battery baayyee fayyadamu too'achuu.
👉Go to *Settings > Battery > Battery Usage* to see which apps are draining your battery and manage them.

#ShaggarTech1 #savebatterylife #techinfo #technology


✅️ Garaagarummaa Email fi Gmail maali?

Namoonni baayyeen Email fi Gmail gidduu garaagarummaan waan jiru itti hin fakkaatu. laman isaaniituu akkuma tokkotti interchangeably wal jijiruun fayyadamu. Garaagarummaa isaaniitis:;

👉E-mail (electronic mail); jechuun karaa online tiin ergaa digital garaagaraa ittiin walii erguuf nu fayyaduudha.

👉G-mail (google mail): jechuun google dhaan kan hundeeffamee fi tajaajila e-mail garaagaraa kennuuf platform gargaaruudha. Isas fayyadamtoota Google accountiin email erguu fi fudhachuu kan dandeessisuudha.

👉E-mailiin maqaa taajajila walqunnamtii dijitaalaa kan waliigalaa yoo ta'u Gmailiin garuu platform email keessaa tokkoodha.

👉Emailiin gmail malee platform yahoo mail, Apple mail, Microsoft outlook, Proton mail, AOL mail, mail.com jedhaman fa'a qaba.

👉Kanneen keessaa beekamaa fi fayyadamtoota baayyee kan qabu gmail dha. Fayyadamni isaa salphaa fi mijataa waan ta'eef fayyadamtoota billion 1 ol horachuun sadarkaa Jalqabaa irra jira.

#ShaggarTech1 #gmail #email #technology


✅️ OpenAI ChatGPTiin karaa WhatsApp fayyadamuu akka dandeenyu beeksisee jira.

✍ChatGPT WhatsApp dhaan fayyadamuuf

👉Lakkoofsa (1-800-242-8478)  kanaan text gochuun ykn

👉QR code asirratti attach ta'e kana scan gochuun fayyadamuu jalqabuu ni dandeenya.

✍WhsatsApp irratti yeroodhaaf kan fayyadamuu dandeenyu text qofa malee sagalee, photo fi faayila garaagaraa access gochuu hin danda'u.

#ShaggarTech1 #WhatsApp #openai #Chatch@ShaggarTech1


✅️ Telegram_Update

Telegramiin dhiyeenya kana feature haaraa gadi lakkisee jira. Isaan keessaa muraasni;

✍️Collages in Stories

Story tokko irraatti hanga photo ykn video 6 tti post gochuu feature nu dandeessisudha.
Akkaataa fayyadama isaatis: Iddoo story irratti post goonu irra gallee > harka mirgaa gara olii kan jiru mallattoo tab filannee photo ykn video filannee post gochuu dandeenya.

✍️Captions Above Media

Hanga ammaatti Telegram kamirrattiyyuu caption yeroo barreessinu media jalatti qofa ture. Haa ta'u malee update kanaan media gubbaa irratti caption barreessuu kan nu dandeessisudha.

✍️AI-Powered Sticker Search

sticker garaagaraa yeroo search goonu AI akka fayyadamnu feature nu dandeessisuudha. Kunis waan barbaanne akka salphatti argannu nu taasisa.

Nb: Update kana argachuuf Telegram app keenya Update gochuu qabna.

#ShaggarTech1 #Telegramupdate #techinfo #technology


✅️ Telegram Affiliate Program

Telegramiin karaa ittiin maallaqa hojjachuu dandeenyu affiliate program jedhamu jalqabee jira. Telegram affiliate program kunis referral links Telegram mini appii garaagaraa share gochuun fi namoonnis linkiichaan galanii yoo fayyadaman commission argannuudha.

✍️Proogaraamichi Akkamitti hojjatama?

Namoonni telegram mink apps fi botii create godhan karaa referral galii hangamii akka argachuu barbaadan murteessuun share godhu. San booda fayyadamtoonni telegramii, channel owners, fi telegram program affiliatonni garaagaraa referral linkii addaa fudhachuun namoota birootiif share godhu. Yeroo namoonni sun liinkii san fayyadamuun kafaltii gaggeessan percentagedhaan namoota share godhan saniif stars galii ta'aaf.

🤳Akkamitti share goona?

Affiliatonni referral linkii karaalee garaagaraatiin share gochuu danda'u innis;

👉 Chaanalii irratti post gochuu fi mini app interface irratti gadi lakkisuun

👉Social media site gargaaraa irratti share gochuun

👉Stories irra godhachuu

👉Group hiriyootaa irratti share gochuu

👉Scannable QR code qooduu faadha

👍Odeeffannoo isaan walqabatuu fi akkataa hojii isaa ballinaan yeroo biraa itti deebina. Hangasii Chaanalii kana Hiriyyootni keessan akka join godhan gochuun nu jajjabeessaa. Galatoomaa 🙏

#ShaggarTech1 #Telegramupdate #Telegramaffiliateprogram #techinfo #technology


✅️ How to enable background download on telegram/ Telegram irratti yeroo file garaagaraa download goonu background/ yeroo nuti appicha keessaa baane download sun akka hin dhaabbanneef maal gochuu qabna?

For Mobile (iOS/Iphone and Android):

1. Background App Refresh:

   • iOS: Go to Settings > General > Background App Refresh and Telegramiif enabled ta'uu isaa mirkaneessuu.

   • Android: Go to Settings > Apps > Telegram > Mobile data and "Allow background data usage" kan jedhu" enabled" ta'uu isaa mirkaneessuu.

2. Battery Optimization Settings:

   • iOS: Low Power Mode bilbila keenya On ta'uu isaa check gochuu. Innis background activity bilbila keenya restrict waan godhuuf.

   • Android: Go to Settings > Battery > Battery Optimization and Telegram keenya not optimized ykn restricted ta'uu isaa check gochuu

3. Data Saver Mode:

   • Data Saver On/enabled yoo ta'e background data appii/ Telegram limit waan godhuuf isa Off gochuu qabna.

4. Network Conditions:

   • Network connection stable yoo hin ta'in yeroo nuti download goonu pause ⏸️ akka ta'u gochuun akka download hintaanee taasisa.

5. App Permissions:

   • Telegram keenya permission garaagaraas akka background data run hin goone waan taasisuuf isas check gochuu qabna. Go to Settings > Restrict Data background > Check for telegram.

Additional Tips:

• Update the App: Appii Telegram keenya latest version of Telegram fi update ta'uu isaa check gochuu.

• Reinstall the App: appii Telegram keenya reinstall gochuun misconfigurations garaagaraa irraa balleessuuf gargaara.

• Check for Device Updates: device's operating system bilbila keenya update ta'uu isaa check gochuu.

Maloota eeraman kan fayyadamnee yeroo Telegram irratti file garaagaraa download goonuufi Telegram keessaa yeroo nuti baanu akka hin dhaabbannee gochuu/ sirreeffachuu dandeenya.

#Shaggartech1 #enabletodownload #techinfo #technology


✅️ Yeroo social media garaagaraa fayyadamnu Daataa ariitiidhaan akka nu jalaa hin fixne maal gochuu qabna?

1. Use Data Saver Modes

• Social media garaagaraa yeroo fayyadamnu data saver mode irratti deebisuu qabna. isas haala armaan gadiitiin gochuu dandeenya.

  👉 Facebook: Go to Settings  Privacy > Settings > Media and Contacts > Data Saver.

👉Telegram : Go to Settings > Data and storage > Automatic media download > Off when using mobile data

.👉TikTok: Go to profile >Me > Settings and Privacy > Data Saver/Battery Saver > On Data saver Options

👉You tube: Go to Settings > General > Limit Data Usage/playback > play HD on WiFi only > On Data saving Mode

  👉 Instagram: Go to Settings > Account > Cellular Data Use > Use Less Data.

  👉 Twitter: Go to Settings and Privacy > Accessibility, display, and languages > Data usage > Enable "Data saver."

2. Limit Video Autoplay

• Autoplay/ Ofiin taphachuu viidiyoo social media fayyadamnuu dhoorkuun yeroo ofii keenyaa barbaanne play gochuu fayyadamuu akka dandeenyu taasisuu.

3. Download Content on Wi-Fi

• Yeroo nuuf danda'ametti video, images, fi content MB guddaa gaafatan WiFi dhaan download gochuun fayyadamuu.

4. Reduce Image Quality

• Yeroo Daataa fayyadamnu Quality images and videos social media fayyadamnuu akka gadi bu'u gochuun fayyadamuu.

5. Use Lite Versions of Apps

• platformoota "lite" version qaban appii Lite fayyadamuu sababni isaa data consumption isaanii xiqqaa waan ta'eef fkn. Facebook Lite, Messenger Lite).

6. Manage Notifications

• Notifications yeroo nuti data bannu nurratti seenu ofirraa dhoorkuu. Yoo barbaachisaa ta'e yeroo WiFi fayyadamnu qofa akka nuuf galu gochuu.

7. Avoid Streaming Music/Video

• Yeroo Video dawwannu fi music dhaggeeffannu online dhaggeeffachuu dhabuu isaas yeroo WiFi fayyadamnu download godhachuu.

8. Limit Background Data Usage

• Appiilee bilbila keenya irratti fayyadamnu backgroung Daataa akka hin fayyadamne Restrict gochuu. Bilbiloota smartphone hedduu irraa setting Restrict data background jedhu waan jiruuf ilaallee sirreeffachuu dandeenya.

9. Turn Off High-Quality Uploads

• Photo ykn Video yeroo upload goonu high-quality dhaan yoo upload goone Daataa bayyee waan fixuuf WiFi dhaan ykn unlimited package yeroo fayyadamnu qofa gochuu qabna.

#ShaggarTech1 #lowerdatausage #techinfo #socialmediadatausage
#technology


✅️ Unable to receive call/ Bilbila fudhachuu diduu bilbila keenyaa akkamitti sirreessuu dandeenya?

1. Check Signal Strength

   • Networkii bilbila keenya check gochuu

2. Restart Your Device

   • Yeroo tokko tokko bilbila keenya restart fi power off gochuu qofaan rakkoo connectivity bilbila keenyaa furuu ni dandeenya.

3. Check Airplane Mode

   • Airplane mode bilbila keenya yoo On tae off gochuu qabna. Isas gochuuf Settings > Network  internet > Airplane mode.

4. Inspect Your SIM Card

   • SIM card keessaa baasuu fi check gochuu yoo damage fi rakkoo qulqullina qabaatee sirreessuu.

5. Test with Another Phone

   •Qafoo bilbilaa biroo keessaa keenyee check gochuun rakkoo simcard fi Qafoo ta'uu isaa gargaar baasuu.

6. Check Call Forwarding Settings

   • Bilbila keenya Forward ta'uu fi dhiisuu isaa check gochuu. Isas check gochuuf Settings > Phone > Call forwarding

7. Check Do Not Disturb Mode

   • Do Not Disturb mode bilbila keenya irrattti banamuu fi dhiisuu isaa check gochuu innisakkabilbilli nurratti hin galle taasisa waan ta'eef. Isas check gochuuf Settings > Sound > Do Not Disturb.

8. Update Carrier Settings

   • Software bilbila keenyaa Update ta'uu isaa mirkaneessuu. Isas check gochuuf Settings > System > System update.

9. Reset Network Settings

   • Network settings bilbila keenyaa reset gochuu. Isas gochuuf Settings > System > Reset options > Reset Wi-Fi, mobile  Bluetooth.

10. Contact Your Carrier
   • Kan hundaan yaaltanii yoo isin dide Support center qunnamuu qabdu(SIM card Ethio telecom yoo ta'e 📞 994 fi Sms 8994, SIM card Safaricom yoo ta'e 📞 700 ).

11. Factory Reset (Last Resort)

   • Ammas kana hundaan yaaltanii rakkoo qafoo bilbilaa yoo ta'e bilbila keenya guutumatti restore gochuun sirreeffachuu dandeenya. Isas gochuuf Settings > System > Reset options > Erase all data (factory reset).

#ShaggarTech1 #unabletorecievecall #techinfo #technology


Video is unavailable for watching
Show in Telegram
Thank you All Fam!

HORDOFTOOTA Kuma Sagal (9000) geenyee jirra Hedduu Galatoomaa 🙏🙏🙏

Chaanalii kana irratti maaltu akka dabalamuu qabu yaadaa yoo qabaattan comment section jalatti barreessaa.

Galatoomaa🙏

@ShaggarTech1
@ShaggarTech1


ZOO airdrop X-Empire haaraa...

✅ qabxii walitti qabanee kallattimaan gara tokenitti jijirama.

✅ projectichi yeroo muraasa qofa tura.

✅ Haalli tapha isaas feed nuuf kenname fayyadmnee upgrade gochuudha.

✅ Namni bayyeen wan hin jalqabneef dursanii jalqabuun gaaridha

Namoonni hin jalqabne liinkiin kunooti 👇

http://t.me/zoo_story_bot/game?startapp=ref466258037

http://t.me/zoo_story_bot/game?startapp=ref401914711

#ShaggarTech1 #zooairdrop #techinfo #airdrop


✅️ Facebook by free

✍️Dhaabbanni Facebook ethio telecom wajjiin ta'uun fayyadamtoota Facebooktiif Guyyaadhaan 20 MB bilisaan akka kennu/ fayyadamsisuu dandeesisu beektuu?

👉Akka walii galtee isaaniitti namni kamiyyuu Ethiopia keessaatti Facebook yeroo fayyadamu ethio telecom 20 MB fayyadamtoota Facebooktiif akka kennu waliigalame.

👉Kunis qarshiin keessaa qabnu yoo dhumatee fi package yeroo dhumatu Facebook hanga 20 Mb fayyadamuu dandeenya jechuudha.

👉Tajaajilichi Guyyaa guyyaadhaan halkan sa'aatii 6 irraa eegalee of haaromsa. Akkasumas feature Facebook kam irrattiyyuu ni hojjata.

👉Garuu kennaan kun barreeffama post gochuu, upload photo, post text,  like fi comment barreessu fi dubbisuuf ykn ilaaluuf qofa malee video post gochuufi ilaaluuf hin fayyadu jechuudha.

#Shaggartech1 #facebookbyfreemb #Ethiotelecom #techinfo #technology


✅️ National ID Info

National id galmoofnee sababa garaagaraatiin lakkoofsi FAYDA (FIN ykn FAN) yoo nu jalaa bade. Sababota akka;
👉 Sms / message yoo nuuf hin ergamne yoo ta'e
👉 Bilbilli irratti nuuf ergame yoo nu jalaa bade fi
👉Sababoota garaagaraatiin yoo delete nu jalaa ta'e akkamitti akka argachuu dandeenyu isiiniif yaa himu.

📞 Jalqaba-> *9779# irratti bilbilla

👉Itti aansee-> Tajaaila jiraattotaaf kennamu kan jedhu filanna ( yeroo ammaa kana lakkoofsa 1 irra jira).

👉Xumura irratti -> lakkofsa 1 filachuun ( lakkoofsa addaa Fayda isin jalaa bade argachuuf ) kan jedhu filannee akka nuuf ergamu gochuu dandeenya.
Dabalataanis kallattiin gara 📞 9779 bilbiluun akkasumatti argachuu dandeenya. Yoo akkasitti nu dida ta'e immoo qaamaan iddoo itti guunnee san deemnee sirreeffachuu dandeenya.

NB: Karaaleen kanaan Tajaajila argachuuf Simii ittiin National ID galmoofnee saniin qofa yoo taeedha kan nuuf ergamu.

#ShaggarTech1 #NationalID #Fayda #techinfo #FIN #FAN


Forward from: Shaggar TECH️
✅️ Maqaa keenya truecaller irratti akka nama biroo biraatti hin muldhanne akkamitti gochuu dandeenya?

✍️Yeroo ammaa kana maqaa fi lakkoofsi Namoota hedduu caller list irratti ni argama. Kana jechuun namni biraa lakkoofsa keenya truecaller irra galchee maqaa fi account social media garaagaraa keenya baruu danda'a.

✍️Haa ta'u malee truecaller yoo nuti hin barbaanne tae lakkoofsa bilbilaa keenya truecaller list irratti akka hin argamne feature unlist ittiin goonu qaba. Kanas gochuuf;

👉Jalqabaa gara https://www.truecaller.com/unlisting kan jedhu irra seenna.

👉Itti aansee lakkoofsa bilbilaa keenya +2519/7.....  jennee galchuun wantoota tokko tokko kan verify ta'u qabu verify goona.

👉Xumura irratti filannoo Unlist jedhu arganna san booda lakkoofsa bilbilaa keenya truecaller list irraa Unlist gochuu dandeenya.

👌Asirratti wanti nuti beekuu qabnu fayyadamaa truecaller app yoo taane lakkoofsa bilbilaa keenya Unlist gochuu hin dandeenyu. Dirqama account keenya deactivate gochuu qabna.

👉Account keenya deactivate gochuuf immoo sittings> privacy center >Deactivate my account kan jedhu filannee deactivate gochuu dandeenya.

@ShaggarTech1
@ShaggarTech1


✅️ Email yeroo namaaf erginu yoo dongongoraan nama birootiif ergine ykn ergaan ergine sun dongongora yoo qabaate nama irratti ergame san biraa balleessuu ykn Email irraa deebisuun akka danda'amu beektuu?

✍️Dhimma hojiitiif ykn CV adda addaa karaa email yeroo erginu yoo dogongore steeppii armaan gadii fayyadamnee irraa deebisuu ni dandeenya.

👉1. Jalqaba Email/Gmail irra galla

👉2. Itti aansee Setting kan jedhu filanna
👉3. San booda See all setting kan jedhu filanna.

👉4.  Itti aansee General setting irratti Undo send kan jedhu filannee san booda hanga second 30 filannoo jiru keessaa tokko filanna.

👉5. Itti fufnee gara gadii siiqee Save changes kan jedhu fillannee save goona. Setting kanas yeroo tokko yoo sirreessine irra deebiuun hin barbaachisu.

👉6. Dhumaratti email erga ergine boodaa harka bitaa gara gadiitti Message Send, Undo fi View message kan jedhu irra Undo kan jedhu filannee email ergame deebisuu dandeenya.  Innis ergamee hanga second nuti filanna san osoo hin geenye ta'uu qaba.

#Shaggartech1 #email #hacks #email #emailhacks #technology #gmail #outlook


Forward from: Shaggar TECH️
✅️ Telegram stars 🌟 fi Telegram premium bitachuu barbaaddanii Fragment website Verify( KYC) isin gaafata yoo ta'e karaa telegram bootii" Hulupay"bitachuu dandeessu. Tajaajilota akka:

⭐️ Telegram Stars

📱 Airtime & Packages

👑 Premium Services

Link: https://t.me/HuluPayOfficialBot/start?startapp=466258037

@ShaggarTech1
@ShaggarTech1


✅️ Best websites

👉hipdf.com: PDF tools garaagaara argachuuf Weebsaayitii nu gargaaruudha
PDF covert to word , Template garaagaraa fi pdf merge gochuu fa'a.

👉http://roadmap.sh: Course garaagaraa fi barnoota gosa adda addaa karaa online argachuuf Weebsaayitii nu gargaaruudha.

👉http://rxresu.me: clue muraasa qofa itti barreessine haala salphaan CV ittiin hojjachuuf Weebsaayitii nu gargaaruudha.
👉http://napkin.ai: Ai website document garaagaraa hojjachuuf nu gargaaruudha.

@ShaggarTech1
@ShaggarTech1


✅️ Best telegram bots

👉@EmojiTitleBot: barreeffama keessaniif Stricker hojjechuuf bootii gargaaruudha.
Tajaajilli isaas bilisa.

👉@DevToolsForbot: namoota telegram bot Developer ta'aniif bootii tajaajiloota baayyee kennuudha.

👉@Txt2Filebot: Barreeffama itti erginee gara formatii file download ta'uu danda'utti jijiruuf bootii nu gargaaruudha.

👉@stickercanvasbot: Webapp photo Stricker ittiin hojjachuuf nu gargaaruudha.

👉@korwordbot: bootiin kunis Afaan Korea barachuuf kan nu gargaaru yoo ta'u Barreeffama Afaan English barreessinee gara Afaan Korea tti jijiruuf nu gargaara.

👉@shortener_tiny_url_bot; liinkii kamiyyuu nuuf gabaabsuuf bootii nu gargaaruudha.

👉@CleaningToolboxBot: Content group ykn Chaanalii jijiruu barbaanne ykn gurguruuf Chaanalii irratti post dura gochaa turre irraa yeroo tokkotti delete gochuuf bootii nu gargaaruudha.

@ShaggarTech1
@ShaggarTech1


Forward from: Shaggar TECH️
✅️ Akkamitt bilbila Samsung speed/ Saffisa isaa dabaluu dandeenya?

✍️Yeroo application garaagaraa bannuu fi tajaajiloota garaagaraa bilbila keenya Samsung irrattti fayyadamnu ariitiidhaan/ saffisaan akka nuuf hojjatu yoo barbaanne setting armaan gadii sirreessuun speed isaa dabaluu ni dandeenya.

👉Setting-> vision enhancement/ advanced feature-> Reduce animation kan jedhu On gochuun saffisa bilbila keenyaa akka nuuf dabalu gochuu dandeenya.

@ShaggarTech1
@ShaggarTech1

20 last posts shown.