Kitaaba G/Pro. # Mihiratuu_Shaanqoo
keessaa kan fudhatame, jechoota sammuuf soorata ta'an
dubbisaa!!
**
Namoonni baay'een gaafuma dhalatan du'an. Muraasni immoo
gaafa du'an dhalatu. Ati hoo?
Osoo nama hin ta'iin, namaaf ta'uun hin jiru.
Of beekuuf murtoo hin qabdu taanaan yoo of beektes murtoo
hin murteessitu.
Barachuun beekuu hin ibsu. Beekuun garuu barachuu ibsa.
Gad-aantummaa×Hirkattummaa×of awwaaluu= Of wallaaluu.
Of wallaaluun of Awwaaluudha.
Dhala namaa malee addunyaan duwwaadha.
Qabeenyi bakka malee kufee fi dagatame dhala namaati.
(Of beekuun foormulaa hin qabu!)
Namni lakkoofsa guutuuf dhalate hin jiru. Lakkoofsa guutuu
ta'ee dhalata malee.
Ati of daangesitee teessa taanan eenyutu daangaa si ceesisa?
Addunyaa keessa jirramoo addunyaatu nu keessa jiraa?
Yoo qophaa'aa taate guyyaan borii qabeenya ati qooddachuuf
eeggattudha.
Jaarraan kun jaarraa mul'ataan injifataniidha malee jaarraa
mufachuun injifatanii miti.
Ilaamee!! Addunyaan sammuukee fi jecha ati waa'ee keef
qabdu keessa jirti.
Nama jechuun bu'aa yaada isaati. namni waanuma nyaatu
fakkaata.
Barrisuu kan dandeessu hanga barrisuu dandeessu yoo amante
qofaadha.
Of hin shakkin inni namni biraa si shakku iyyuu si ga'aa.
Dirree itti injifatamte keessatti lubbuun jiraachaa hafuukee
caalaa dirree itti injifatte keessatti duutee awwaalamuu siif
wayya.
Meeshaa ammayyaa caalaa sammuu injifannoo qabaadhuutii
gara dirree seeni.
Tulluun ofiin beekee si duraa kufu hin jiru akkasumas tulluun
ati dhiibdee si duraa kufuu didus hin jiru.
Sammuu injifannoo malee hidhamee jiru qabaachuun
rakkisaadha.
Sammuu hidhamaadhaan addunyaa hiikamaa
keessa jiraachuu irra qaamaan hidhamanii sammuu hiikamaa
qabaachuu wayya.
Rakkina kaleessa sirra ga'e har'as rakkina jettee dubbatta
taanaan, har'a iyyu namatu siif hin argine malee ati rakkina isa
kan kaleessa caalu keessa jirta.
Of booda hin ilaaliin! Booriikee namni siif ilaalu hin jiruu.
Yoo isinitti tole namoota jaallattaniif qoodaa!
❤Galatoomaa 🙏🌹
Kanan dubbisee irraa.
#Like #Share #Comment
Yoo isinitti tole namoota #jaallattaniif
Ergaa dabalataaf maaloo
✅
@Faana_Milkaaina join share forward