Galaana Walaloo


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Walaloo Jechuun Taankii Qabbaneessaa Laphee Namaa Uree Seenuudha!

Related channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


#FAKKAATAA_TALIILAA
Yaadaaf hawwiin namaa
Bulee Jijjiiramaa
Haalaaf Guyyaa dhufu
Faana Micciiramaa

Hiriyaan Sammuudhaan
Bulee sin Dagannee
Kan Gaddaaf Kolfakee
Qooddachuu hin Lagannee

Eessatti akka argamu
Innichati beektuu
Kan Qaamaan Dhabdullee
Yaadaan Itti Akeektuu

Kan Siif rifachuusaa
Fuulasaarraa Argituu
Kan Qaamaaf Qalbiinsaa
Rakkookee Balfituu

Fakkaataa Taliilaa
Kan Garaansaa Dansaa
Kan hammina hin qabne
Qabbana akka Baqsaa

Kan Gaaddidduun isaa
Fagoo siif Dirmatuu
Kan Dhiyoof Halaalaa
Dhimmakee Hirmaatuu

Cimsiitii Qabadhu
Gombisaa Namummaa
Kan uumaan Kabaje
Jagna Hiriyummaa

Horaa Bulaa




🎤🏨🅾🅾GG🅰NS🅰_C🅾♈️🆔 1⃣9⃣
🗣🤝➡️👺 👁👄

2019 Chaayinaatti Eegale
Ji'a Muddee Keessaa
Magaalaa Huwaanitti Murateem Uleesaa

Achumatti eegaleem
Hooggansa Olaanaa
Caasaasaa Diriirsee
Fooliis Fuudhee Faanaa

Garii Kaadhimatee
Kaan Galmeerraa Haqee
Kaan Ergama Du'aa
Ol fuudhee irra Naqee

Kaanimmoo Jeekkaraa
Godhee Kan Yaaddessee
Carraa Hawaasummaaf
Siyaasaa Daangessee

Guddina Diinagdees
Gaaffii Keessaa Galchee
Kunoo Ajandaa Waloo
Addunyaadhaaf Dhalchee

Tokko Lama Jedhee
Addunyaa Lakkaa'ee
Gulufee Naanna'ee
Hunduma Wal gahee


Dhibee Afaan Addunyaa
Dirqiidhaan tokkoomsee
Kan Qe'ee Dureeyyii
Miliyoonaan Onsee

Kan Biyyaa fi Biyya
Walirraa addaan Kutee
Kan Karoora Addunyaa
Karaatti Rukutee

Kan Harka Wal Qabuu
Dhorkamaa Taasisee
Kan Uummata Addunyaa
Saffisaan Naasisee

Biyya Isa Kaleessa
Siyaasaan Wal Qeequu
Isa Diinagdee Walii
Cabsuudhaaf wal Eeguu

Biyya boodatti Hafaa
Duroomuuf Carraaquu
Biyya Isa Dureessa
Hirreedhaan Mammaakuu

Diina Gaafa Nageenyaa
Fira Gaafa Dhiphuu
Ta'ee Gaafa Argamu
Taatee Nama Dhibuu

Kan Addunyaa Tokkoomsuuf
Gahee Faallaa Taphatee
COVID 19tu Addunyaaf Dhalatee

Biyyi dur Qofaashee
Karoora Baafattuu
Osoo Hojiitti hin hiikin
Martuu yoo Qaanfattuu

Filuu fi Filamuun
Yeroo karaatti hafuu
Hammeenyi Koronaa
Rabbii Uumaaf safuu

Uumaa Guddaa sana
Dur eenyutu beekaa?
Misaa'ela Gabbisee
Ittiin wal Akeekaa

Buluusaayyuu hin beekuu
Bulchuudhaaf Dhaadataa
Waaqa jabaa of godhee
Wal afoo Dhaabataa

Kan Jabeenya waaqaa
Martuu ittiin Hubatee
Kunoo koronaatu
Hooggansa fudhatee

Ogeessota fayyaa
Kan Didee Dhamaasee
Kan Beekaaf Wal'aalaa
Walitti Mancaasee

Xiqqaadhaafi guddaa
Dubartiifi Dhiiraa
kan cimsee Sakaale
Du'aadhaafi jiraa

Fuula Uumaa Teenyee
Kadhannee Qajeellaa
Koronaafis Dawaa
Isarraa Kajeellaa

Rabbii Nu haa Baraaru!




Forward from: Oromia Education Bureau
Kabajamtotaa maatti barataa fi baratootaa sad. 2ffaa barnota TV MOE hordofuu dandeesuuPosition:- 8.0 ° West, Satellite:- Eutelsat 8 West B, Frequency:- 11512, Polarization:- V [Vertical], Sembol Rate:- 27500.....Thank You!!

Share and forward
@oromiya_education_biro
@oromiya_education_biro

Gochuudhan ijoole keessaan barsiisa #share waliif godha hirriyyoota keessan birraan gahaa.
halkaan gaarii!


#GATII_JAALALLI_BAASU!

Walitti hidhaa namootaa
Qabaataa miira Lamaa
Garii jaalalaan Tursee
Kaanimmoo jibbaan Haamaa

Dogongoraan Abuuree
Gabaa Dhiphinaa Dhaabaa
Kara deemaa Afeeree
Narraa Usii Lallabaa

Akka tasaatti uumamee
Sarbee Onnee madeessaa
Qeerroof Qarrittii Keenya
Didee walitti hadheessaa

Tottolees Nii argama
Dhugaamashee Dubbannaa
Suuraa Jara kanaarraa
Nutiyyuu waa hubannaa

Jaalalleen walii kamuu
Yoo bareedan wal cinaa
Akka jara kanaatti
Bareechinee arginaa

Jaalalli hiyyeessa hin jedhu
Raatuu ykn Maraatuu
Guddaaf Xiqqaallee hin jedhu
Qoodameera maraafuu

Kanneen walaloo kana
Dubbisuu eegaltanii
Jaalallee keessan faana
Nagaadhaan kan jirtanii

Mee wal bira dhaabbadhaa
Suuraallee isin hin kaasuu
Warri Jibbaa haa shallaguu
Gatii jaalalli baasuu

Jibbi Durattuu hin jiru
Dogongoraan uumamee
Jaalalli ilma tokkichaam
Qoosaadha kan Luugamee

Jibbaaf jaalalli homaa
Lakkii wal hin beekanii
Kan jaallate Hin dhorkamuum
Eeboonuu yoo eeganii

Jibbi jaalala booda
Gonkumaayyuu hin jiruu
Ajaja Onnee keetii
Ulaagaa hin cabsin Tiruu

Nama onneen kee hin feene
Sossobdee Urursitaa?
Rakkoo Meeqa Xibaartee
Si cufnaan Furuursitaa?

Nan jibbe jettee hin himin
Durattuu ati Naafaa
Jibba hin jirre hin moggaasin
Jaalalaaf Qartee gaafaa

Sobaan jaalala bittee
Sobamaa Maraachitee
Madaa Jaalalaan Gubdee
Dhumasaa gadachitee

Jibba jettee Labsita
Waan durattuu si keessaa
Jalqabattuu hin jaallanneem
Luusuuko na dhageessaa

Hundasaa lafa kaa'ii
Jaalalatti Qajeelii
Tartiiba Ulaagaa Onnee
Eegii Miiraan Haleelii

Jaalala Dhugaa Madaqfadhu!

COVID 19 isin haa baraaru!




#GATII_JAALALLI_BAASU!

Walitti hidhaa namootaa
Qabaataa miira Lamaa
Garii jaalalaan Tursee
Kaanimmoo jibbaan Haamaa

Dogongoraan Abuuree
Gabaa Dhiphinaa Dhaabaa
Kara deemaa Afeeree
Narraa Usii Lallabaa

Akka tasaatti uumamee
Sarbee Onnee madeessaa
Qeerroof Qarrittii Keenya
Didee walitti hadheessaa

Tottolees Nii argama
Dhugaamashee Dubbannaa
Suuraa Jara kanaarraa
Nutiyyuu waa hubannaa

Jaalalleen walii kamuu
Yoo bareedan wal cinaa
Akka jara kanaatti
Bareechinee arginaa

Jaalalli hiyyeessa hin jedhu
Raatuu ykn Maraatuu
Guddaaf Xiqqaallee hin jedhu
Qoodameera maraafuu

Kanneen walaloo kana
Dubbisuu eegaltanii
Jaalallee keessan faana
Nagaadhaan kan jirtanii

Mee wal bira dhaabbadhaa
Suuraallee isin hin kaasuu
Warri Jibbaa haa shallaguu
Gatii jaalalli baasuu

Jibbi Durattuu hin jiru
Dogongoraan uumamee
Jaalalli ilma tokkichaam
Qoosaadha kan Luugamee

Jibbaaf jaalalli homaa
Lakkii wal hin beekanii
Kan jaallate Hin dhorkamuum
Eeboonuu yoo eeganii

Jibbi jaalala booda
Gonkumaayyuu hin jiruu
Ajaja Onnee keetii
Ulaagaa hin cabsin Tiruu

Nama onneen kee hin feene
Sossobdee Urursitaa?
Rakkoo Meeqa Xibaartee
Si cufnaan Furuursitaa?

Nan jibbe jettee hin himin
Durattuu ati Naafaa
Jibba hin jirre hin moggaasin
Jaalalaaf Qartee gaafaa

Sobaan jaalala bittee
Sobamaa Maraachitee
Madaa Jaalalaan Gubdee
Dhumasaa gadachitee

Jibba jettee Labsita
Waan durattuu si keessaa
Jalqabattuu hin jaallanneem
Luusuuko na dhageessaa

Hundasaa lafa kaa'ii
Jaalalatti Qajeelii
Tartiiba Ulaagaa Onnee
Eegii Miiraan Haleelii

Jaalala Dhugaa Madaqfadhu!

COVID 19 isin haa baraaru!


HARKA WAL HIN FUUNU!
☆☆☆☆☆☆☆
Wal Jibbinee mitiim
Rakkoo Dheessuuf malee/ssaa
Walitti maramnee
Wal Dubbisaam Kalee/ssaa

Kunoo KORONAATU
Walirraa nu dhorkee
Dhibee Guutuu Addunyaa
Cimsee Qabee Kokkee

Ogeessota fayyaa
Lola Jabduu Galcheem
Yaaddoofi Shororkaa
hin eegamne dhalcheem

Kunoo Ajandaa Waloo
Addunyaaf Hiixatee
Kan Daangaa Jireenyaa
Dhiphisuuf Hidhatee

Qoree Qorsa hin qabne
Ta'ee kan argamee
Carraan Hawaasummaa
Kan ittiin danqamee

Kan mogolee Addunyaa
Kufaatiif Akeekee
Dhibee Kumaatama
Ariitiin Wareegee

Gorsa Ogeessotaa
Irraa haa Dhageenyuu
Hunduu Afaan Beeknuun
Rabbiin wal haa geenyuu

Harka wal hin fuunu
Harka Haa Dhiqannuu
Rabbumaan kadhachaa
Mudhii haa hidhannuu

Jaallannee wal dheessuun
Nurraa hin eegamuu
Dirqama Ta'uunsaa
Maratti haa beekamuu

Rabbiin Nu bira Haa dhaabbatu!


Rabbiin haa galatu! Koronaa Vaayiresii irraallee akka nu baraaru Isuma kadhanna


Dhugaa jetteem! Nuuf jiraadhu


SANYII_MOOTII_DHOKSAA
____________
;;;;;;;;;;;;Sanyii solomoonawwaa jedhee
;;;;;;;;;;;;Duris kan caraanu Beekna Jarattiidhaa
;;;;;;;;;;;;Uwwistuun Siyaasaa
;;;;;;;;;;;;Gaafas Amantiidhaa

Seenaatu nuuf Hima
Kan waaqatti of aansee
Gochaa Hammeenyaatiin
Warra nu Agabsee

;;;;;;;;;;;;Amantiif Mootummaa
;;;;;;;;;;;;Walitti Laaqanii
;;;;;;;;;;;;Mirga Amantii keenyaa
;;;;;;;;;;;;Nu jalaa Haqaaqanii

Akka waaqa waliin
Quba wal Qabanii
Xiqqeenyaaf nu kennan
Hirree Ol Qabanii

;;;;;;;;;;;;Har'as Amantiif Amantii
;;;;;;;;;;;;Dirreetti Baasanii
;;;;;;;;;;;;Akka nu wal miinuuf
;;;;;;;;;;;;Uummata Kaasanii

GARUU!

Sanyummaan inni dur
Ittiin Dhaadatanii
Akka soba tahe
Maaliif Dagatanii?

;;;;;;;;;;;;Erga Oromtichi
;;;;;;;;;;;;Gara Aangootti Lufee
;;;;;;;;;;;;Sanyii mootii Dhoksaa
;;;;;;;;;;;;Kan biraatu Dhufee?

Nu Dogongorsanii
Teessoo To'achuufii
Duula Sanyummaatiin
Lammee Mo'achuufii

;;;;;;;;;;;; Inni darbee jira
;;;;;;;;;;;; Waan Amantii dhiisaa
;;;;;;;;;;;; Amma Baanee jirra
;;;;;;;;;;;; Dirqiirraa Bilisaa

Sanyummaa Dharaatiin
Caccabsanii ALGAA
Garaa Dachee seenuun
Kan of dhaban ARGAA

;;;;;;;;;;;; Isaan baachuu didee
;;;;;;;;;;;; Kan Jige Raafamee
;;;;;;;;;;;; Reefuu sanyiin mootii
;;;;;;;;;;;; Irratti Ol baafamee

Amantiif yoo tahe
Oromoon nii Qabaa
Kan Ormarraa hin Dhufne
Abbummaan Jalqabaa

;;;;;;;;;;;; Sanyii Mootii jedhee
;;;;;;;;;;;; Kan of Himu eenyuu?
;;;;;;;;;;;; Qomoon sirna GADAA
;;;;;;;;;;;; Osoo nuti Teenyuu

Hambaarraa kan dhufe
Maaf isaan Urgufee?
Kansaanii osoo tahee
Silaa Biyyi Lafaa kan
Buluuf Gugguufee

;;;;;;;;;;;; Saba Amantii hin qabne
;;;;;;;;;;;; Qullaa kan turanii
;;;;;;;;;;;; Gaafa Hambaarraa Dhufuuf
;;;;;;;;;;;; Ittiin of Tuulanii
;;;;;;;;;;;; Jaarraa Tokkoo oliif
;;;;;;;;;;;; Kan nutti of kuulanii

Sabni Amantii Qabu
Qomoon Diimokiraasii
Addinyaa Guutuudhaaf
Nii yaadaam Gaafasii

;;;;;;;;;;;; Amantiin Hambaarraa
;;;;;;;;;;;; Isattis Dhufeeraa
;;;;;;;;;;;; Ittiin Hin Dhaadanneem
;;;;;;;;;;;; Namummaas Fufeeraa

Kansaarratti beeka
Maalummaa Amantii
Dirqiin Mitii fedhaan
Hin Feeneem Namattii

;;;;;;;;;;;; Kan Amantii qabu
;;;;;;;;;;;; Dabsee nama hin miidhuu
;;;;;;;;;;;; Mitiim Onneensaanii
;;;;;;;;;;;; Kan Gaarummaan Jiidhuu

Maqaa Amantiitiin
Argachuudhaaf Karaa
Roorroo Tare Sanaaf
Nii Fiduuree Baraa?

Waan Dubbistaniif Galatoomaa!
Haqni nii mo'ata!
@UmerAbdela


̺ha̺̺q̺a̺a̺ ̺f̺i ̺s̺i̺ya̺a̺̺sa
_________________________
Isaan Waliif Maalii
Obbolaa Lakkuudhaa?
Moo tokko taasifnee
Ittiin wal shakkuudhaa?

Haqni namaaf mitii
Bineensaaf nii malaa
Siyaasnimmoo garuu
Ilmaan abbaa tokkoo
Ija lamaan laalaa

Haqni Loogii hin beeku
Falmaan heera uumaa
Arbaaf Mixii ilaaluuf
Ijisaa Tokkumaa

Qaxxaamura hin beeku
Haqni akka Siyaasaa
Isatti hin Qixxaatu
Tilmaamni Qiyaasaa

Sobaan soba jedhee
Dhugaammoo Dhugoomsaa
Dhabaan Dhabaa jedhee
Qabaataa Duroomsaa

Dhageenyaan hin Haalu
Arginaan hin dhoksuu
Dabaan Gogaa Jiisee
Kan Margemmoo hin Gogsuu

Madaala Hangaatiim
Hin muru hin Caalchisuu
Jiraa Du'aaf kennee
Du'aa Du'aa kaasee
Gonkumaa hin Dhaalchisuu

Samiin samii jedhee
Lafaaf Ragaa Bahaa
Dhala namaaf yaadee
Bineensaafis Nahaa

Kan Siyaasaa garuu
Sanyii Dubbii Dachaa
Sangaadhuma Gaansee
Jabbii Burree Dhalchaa

Samii Lafa godhee
Lafa Samii Godhaa
Ofii jabbii dhalee
Jabbii Tahee Hodhaa

Bita agarsiisee
Mirgarrammoo kaataa
Biyyaaf Magarsiisee
Ofiisaammoo Nyaataa

Karaa Dalga ciisu
Tulluutti Fakkeessaa
Nyaata garaa Ciibsu
Mulluutti Fakkeessaa

Gamatti fakkeessee
Gamana Ilaalaa
Mataa Miilla godhee
Gowwoomsaaf Imalaa

Bifa Jijjiirratee
Galmasaaf Kurkuraa
Bituuf gabaa dhaqee
Hin jirree Gurguraa

Bar Gabaan siyaasaa
Dhoksee Wal Dubbisaa
Qileen Dirree jedhee
Itti wal kuffisaa

Haqni Haqa tahuun
Biiftuurra Mul'ataa
Guutuu Addunyaatiif
Isatu Furmaataa

Siyaasni Golollisa
Ilaaltee hin Hubattuu
Daandii Qaamni Addunyaa
Ittiin Guggubattuu

Waan Dubbistaniif Galatoomaa!
Horaa Bulaa Deebanaa!
😀
😀


̺ha̺̺q̺a̺a̺ ̺f̺i ̺s̺i̺ya̺a̺̺sa̺


ⓗⓐⓠⓐⓐ ⓕⓘ ⓢⓘⓨⓐⓐⓢⓐ


Forward from: Henok Tolesa
Baatirii bilbiloota Ismaartii sa'aatii dheeraaf fayyadamuf⚡️maal maal gochu qaba 🤳❓ Waan

1⃣. Dursaa Appiwwan baatirii haal male fayyadaman uninstall gochuu
👉 Setting ➡ battery

2⃣. e-mail, Twitter, Instagram, messenger....bananii dhiisuu dhabuu.

3⃣. Bluetooth, WiFi, GPS
Isaan kunnin yeroo hundaa search waan godhanif baatirii irratti rakkoo fidu danda'u

⚠️ Keessattu GPS Sa'a dheeraaf fayyadamuun Dhibbaa gudda qaba.

4⃣. Bilbila keessan📱Yeroo hin fayyadamnetti ultra power saving fayyadamudhan bilbilli keessaan bilbiluufi message qofaaf akka isini hojjatu gochuu dandeessuu.

5⃣. Aappota background process godhan dhaabuu።

👉 Setting-manage apps-process
Appoota itti hin fayyadamne immoo stop gochuu.
👾👾👾👾👾👾👾👾👾👾👾
6⃣. wallpaper animated ta'an fayyadamuu dhiisuu.

7⃣. 🔆🔅ifaa bilbila hirdhisuu(brightness)

⚠️ auto brightness Baatirin akka dafe dhumu godha.

8⃣. Eddoo networkiin sirritti hin jirretti yaaliin signal 📶 strength argachuuf taasifamu baatirii bilbila ❌ fixa.

9⃣. Bilbila keessan irratti guyya guutuu ija hin baabaasina.

1⃣0⃣. Baatiri 📱 Orjinaala fayyadama.

1⃣1⃣. battery case bitu yoo dandettan fayyadama.

1⃣2⃣. Bilbilaa keessaan📱 Chaarjiin isa 40-90% Oso ta'e filatamadha


Download Now : http://bit.ly/2tJj2iW


😀 😀
😀 😀
😀 😀
😀 😀
😀😀😀😀
😀



😀😀😀 😀😀
😀 😀😀 😀
😀 😀 😀
😀 😀 😀
😀 😀 😀
😀 😀 😀



😀😀😀
😀 😀
😀 😀
😀 😀
😀😀😀
😀

MAALIIF WAL MUFANNAA?

Bu'aa ba'ii silaa
waliin dabarsinuu
cimnee kunuunsinee
kan muurroo jaalalaa
Waliin magarsinuu?

wal rifachuu hin wayyu
waliif haa rifannuu
Agartuu jaalalaa
waliin haa tikfannuu

Haaloo dhuunfaa goonee
wal mufachaa hin teenyuu
Itti fakkeessaadhaan
qilee wal hin keenyuu

burqaan Madda rakkoo
miiraaf bitamuudhaa
bu'aan homtuu hin jiruum
haqni miidhamuudhaa

kan balleesse haa balleeffamu
jechuun dogongoraa
suuta wal gorsuutu
seexaa nama tti horaa

Waa walirraa hin qabnu
haaloo garaa keessaa
callisnee wal balfuun
addaan nu fageessaa

Oduu qilleensarraa
ragaa taasifannee
miilla wal sakaaluutti
Maaliif ariifannee?

yoo wal shakkinellee
wal yakkuun maaliifii?
gaarummaa hiixachuun
maaf dhibee waliifii?

Ollaafi hiriyaan
keenya ormaafi firrii
kan beekuu danda'u
seenaa keenya sirrii

galaanni hammeenyaa
bareechee buubbisaa
garuu galma hin qabu
hongeedha dhumnisaa
♥HORAA BULAA DEEBANAA
😀 😀
😀 😀 😀
😀😀
😀
😀
😀
😀




Download Now : http://bit.ly/2tJj2iW


Walaloon kun #Dhufaa_jira
________________________
Kan balleesse haa balleeffamu
Jechuun dogongoraa
Suuta wal gorsuutu
Seexaa namatti horaa

Waa walirraa hin qabnu
Haaloo garaa keessaa
Callisnee wal balfuun
Addaan nu fageessaa...


Forward from: Ogeettii_Show
KOOLUUN GALE

Egeree walii jibbee
Biyya jibba tarreessu
Xalayaa boolla du'aa
Junuunfatee barreessu
Abbaa ilmasaa ganee
Ilma abbaa dagate
Bara jibbi wal-tumsee
Biyya lafaa naqate

Ekeraa foon uffatee
Abjuu namaa balleessu
Du'a irriba fakkaatee
Mul'ata isaa calleessu
Bara dhugaan rifatee
Bakka isaa hamtuuf dhiisu
Waadaan kakuu eeggatee
Gola hiyyeessotaa hin ciisu

Cirriin dhiiga ulfoofnaan
Gowwaan gammadee utaale
An garuu Uumaa koottan
Baqadhee kooluu gale.!

@AbdiMegersa
Join @HumnaJaalalaa

20 last posts shown.

474

subscribers
Channel statistics