Halkan walakkaa fincaan akka malee isa dhiphisuudhaan hirriba irraa isa dammaqse. Yoo dammaqu karaa balbalaa wallaale. Jara waamee gaafachuuf ni sodaate.
Alaa jiini ba'ee waan jiruuf ni ifa ture. Xiyyeeffatee yeroo ilaalu qaawwa manaa xiqqoo tokko fuulleetti arge. Balbala akka ta'e garuu hin beeku. "Gara baasetti na haa baasu!" jedhee gara qaamma manaa fuulleedhaa mul'attu sanaatti deemsa eegale.
Xiqqoo yoo deemu meeshaa nyaanni itti hojjetamu dhiitee sagaleen guddaan dhaga'ame. Gara diinqaa seene jechuudha. Abbaan manaa na'ee hirribaa ka'e. Jabboonni golatti hidhamanii waan turaniif waan isaan meeshaatti bu'an itti fakkaatee, jabbileetti dheekkamee deebi'ee rafe. Yeroo kana keessummichi akka malee na'e.
Naasuu guddaa irraa kan ka'e of irra gad taa'e. Yeroo murtaa'eef bakkuma of irra taa'e sana turee booda naasuu sana irraa kan ka'e fincaan isa dhiise.
Abbaan manaa akka rafe erga mirkaneeffatee booda suuta jedhee ......... itti fufna
#share
#Join👇👇
@ija_milkii
@ija_milkii
https://telegram.me/ija_milkii
Yaada yoo qabaattan 👇
@Yaadaaf_bo