Waldaa Misooma Barattoota Salaalee (WMBS)


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified



Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


Forward from: Oro Art Gallery!
AARSAA.pdf
694.7Kb
Aarsaan gumaata barattoota wareegamaniiti. Dubbisaatii waliif dabarsaa @sabonart join godhaa! Maatii keenya ta’uudhaan barruulee garaagaraa, walaloofi fakkiiwwan harkaan bocamanitti dhiyaadhaa!


Forward from: Aboma Ejara
Tole! Akkuma sinuu kaastan yaadichi hedduu fudhatamaadha; Fudhatamuu kan qabusi! Inni akkuma jirutti ta'ee, asiin baanee asiin bu'uu qabna yaadni jennee lafa keenye hin jiru! Eessan deemuu, maal gumaachuu, akkamittis gumaachuu akka qabnu hunduu yaada keessan kennuun, moo'ataa fudhannee hojiitti seenna! Dhaamsan asirratti isiniif qabu hundi keessanuu yaada namni tokko jedhe naaf ta'a jettanii callisuu osoo hin taane, yaadichi siniif liqinfamus, yaada kennuun ibsadhaa dhaamsa jedhuudha. Marti keenyaa hiriyaa keenya yaadachaa waan gochuu qabnu haa goonu! Mee akka yaada bu'uuraatti tokko dursaa!


Forward from: Aboma Ejara
Maatiin waaldaa kanaa hundi keessanuu akkam jirtu? Hundama keessaniifuu bakka jirtanitti nagaa siniif dhaamaa, yaada namuu itti yaaduu qabuu fi mariin bilchaachuu qabu isa Naggeen kaase kanarrattin waa jechuu barbaada. Dhugaa dubbachuuf yeroon itti dhaamsa kana barreessu miira akkamii keessa akkan jiru siniif ibsuu hin danda'u! Abboomsaan akkuma hudeeffama waldaa kanaatiif sababa guddaa ta'e, waldaan kun guddatee akka galmasaa gahuufis abdii guddaa nama ta'e ture! Waldaa kana gaafa hundeessinu waa tokko qabaannee osoo hin taanee, walqabanneeti; Wal qabnaafi. Waljajjabeessineetu bakka gahuu qabnu geenyee waan manaa baaneef galmaan geenyee waliin miidhagna jennetu harka duwwaa walqabannee galma namuu akka salphaatti hin milkoofne, isa fageenya 'km' hin himamnerra jiru, kan deemsi isaa mogolee nama buusu, kan itti qoramnee qoraafamuun bira geenyu,galaa tokko malee osoo hoomaa harkaa hin qabaatin wal galaasachuun wal waan qabnuuf qofa dhaadhachaatii hundeessine. Kichuu taanetu sammuu bilchaaten galmicha iddoo fagoo sanatti argine! Bilchina, waldhageettii, tokkummaa, jaalalaa, waliif owwaachuu keenyaa fi walbira jiraachuu keenya ilaalletu akka iddoo fagoo sana geenyee galma keenya harkaan qaqqabannus amannee waliin dhaadachaa deemsa dadhabsiisaa sana onnee guutuun eegalle! Osoo achi hin hiiqin galma gahiinsa keenyaaf kan gahee guddaa taphata jennee yaadnu, kan itti amannu Abboomsaan akka hin eegamneen of biraa dhabne. Hunda keenya nama akkasii, kan si gorsuufi si jajjabeessuu malee haamilee kee buusuun isa bira hin jirre,nama bilchaataaf hubataa akkasii of biraa dhabuu keenyatti hedduu gaddine; Haamilee keenyatti cabe! Ni rifanne! Dhugaa qabna maaf hin rifanne? Eenyutu Abboomsaa haala kanaan ni dhabnaatti secondii tokkoof yaadee beeka? Guddaa rifanne. Haata'u garuu, akkuma dura osoo hoomaa harkaa hin qabaatin wal waan qabnuuf qofa abdiin kaane,ammas walqabannee, ittiin isa yaadachaa kaayyoo manaa baaneef, kan isa waliin gadi teenyee wixineessinee kaane sana galmaan geenyee maqaasaa ol qabna. Isaafis ta'ee maatiisaaf wanti gumaachuu dandeenyu yoo jiraate wal mariin gumaachina.


Forward from: Aboma Ejara
Namoota ciminaan tarkaanfachaa jiran lama qabna; Gammachuu Mangistuufi Naggasaa Tolasaa. Ofjabeessitanii nu waliin tokkummaan fuulduratti imaluu filattaniirtu. isaan qofa miti ni jiruu jajjaboon biroos,kan haalli adda addaa yeroo isaan dhabsiise. Isaanis akkuma keessan waan guddaa akka hojjetan abdiin koo daangaa hin qabu. Hundi keessanuu, hirmaanna hanga ammaatti taasistaniifis ta'ee isa gara fuula duraatitti waliin taasisnuuf guddaa galatoomaa! Hin dhaabbannu ni geenyaa.


Akkam jirtu miseensonni WMBS? Dhimma jireenyaa ta'ee hundi keenyayyuu walitti dhufnee mari'achuuf carraa hin arganne. Ta'us wanta waliin jalqabne waan walitti qabnu dhimma waldaa keenyaa dagachuu hinqabnu. Gama keenyan namoota dhimmi ilaalatu waliin taanee dhimma buusii keenyaa irratti mari'annee jirra. Kanaan dura buusiin ji'a qarshii 20 akka ture ni beektu. bifuma kanaan kan ji'a 13 isumaan kaffallee xumurreerra. Namoonni hin kaffalin haftan oofirra xumuraa. Ammaan booda garuu baatii Onkoleleessaarraa qabee qarshii 50 akka ta'uuf walii galle. Dirqama sinirraa eegamu bahadhaan dhaamsa kooti. Uumaa inni bokkuun qajeelummaa harka isaa ta'e nu waliin haa ta'u!


Forward from: Aboma Ejara
Ergaa
Akkuma beekamu turuun guyyaa marii keenyaa hanga Fulbaana 10,2014 tti akka ta'e dubbannee ture. Kanaaf yaada keenya waliif qoodnee waan tokkorra gahuu qabna.


Forward from: Aboma Ejara
Qabxiin marii keenyaa inni ijoon, akkuma miseensota keessaa ka'aa jiru
1. Haala waldaa keenyaa ilaalchesee maal gochuu Akka qabnu

2. Maallaqa baatii baatiin walitti funaannu ilaalchesee haala kamiin itti deemuu Akka qabnu. Kanarratti miseensota keessaa namoonni yaadni buusiin kun hammisaa ni xinnaate Kan jedhu yeroo baay'ee irra deddeebiin waan ka'uuf mariif Akka dhiyaatuuf dhiyeessineerra.
Kanaaf hundi keessanuu qabxiiwwan kanarratti yaada keessaan Akka kennitan;guyyaan marii keenyaa hanga fulbaana 10'tti waan turuuf waarra hin dhageenyes Akka walbira jirtanitti walitti himuun hirmaadhaa. Yaada nu baasa jettaan kaasaa.


Forward from: Aboma Ejara
Hunda duursa nageenyi koo isin haa qaqqabu jechuun fedha. Bagarraa haftan. Ayyaanni akkam ture? Hunda keessaniif gaarii akka ture nan tilmaama.
Tole! ergaan qabadhee isiniif dhiyaadhe, akkuma beekkamu hundi keenyaa riphneerra. Kun ammoo gufuu waan ta'uuf marii waliin geggeessuun dirqama ta'a.


Hiriyoota koofi miseensota waldaa misooma barattoota Salaalee, hundi keessanuu baga bara haara'a geessan. Barri haaraan Kan nagaa,Kan gammachuufi Kan milkaa'inaa siniif haata'u❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️


Forward from: Yoomiree???
Kanaafi Sabboonaan kan amanee fudhachuun, yeroo ammaa kana obboleettii isaa caalaa, isheeniis obboleessa ishee caalaa, waliif yaadaa, walis yaadaa, wal mararfachuun jiraachaa jiran.

Xummureera. Waan dubbistaniif guddaa galatoomaa!🙏🙏🙏🎈

Yaadas ta’ee qeeqa qabdan,
Kunoo ! 0934360221. Asiin koottaa.

© Abboomaa Ijaaraatiin
Oromiyaa, Harargee lafa jaalalaarraa🎀
💓💓💓❤️💓


Asoosama gabaabaa Ililliifi Sabboonaa
Kutaa 4ffaa

Sabboonaan yeroo rurrukutamuu balbalaa dhagahu of eeggannoof jecha dafee muka furdaa, qaban harka nama guutu, kan shoggoraa karraatiif itti fayyadaman tokko harkatti qabatee gad-itti bahe. Yeroo ilaalu waasillisaa, abbaan Hurrumee, Obbo Buttaan nama hin fakkaatu. Miila lamaan dhaabbachuuf gargaarsa barbaada.

Akkana ta’uun Obbo Buttaa sabboonaa baay’ee hin ajaa’imne. Sababnisaa, akkas ta’uunsaa har’a qofaa miti; Kan har’aa adda yoo ta’ellee, yeroo mara machaa’ee gala. Kaan hojii malaamaltummaa hojechuun dhuga; Kaan ammoo yeroo yakkamaadha jedhee nama qabuun gara waajjira ‘poolisii’geessu, poolisoonni osoo hin argiin waan namni sun ‘kiisha’ keessaa qabu duursee kan guuruun dhuga. Darbee darbee yeroo duubee dhugee galus hin dhabamu.

Sabboonaan akkuma ta’eetti bakka ciisee jiruu ol isa qabee gara mana isaatti isa geessuuf yaale. Obbo Buttaan “ Yee mu..mu..mu..mucattii? la…laa….laa…laa..lammata mucayyoo sana bira gee..geenyaan, har’an duursee siif boo’a.” jedheen sagaleee machiin guutameen.

Sabboonaan hanga manaan isa gahutti jecha inni jedhuuniif gurra hin laanne ture. “ Amma machooftee jirta waan ta’eef galii rafi..” ittin jedha ture.

Erga manaan isa gahee deebi’ee, jechi Obbo Buttaa Sabboonaa onnee tuqxe. “Guyyaas akkas naan jedhe, ammaas akkana jedhe.. maaliif ? .. waa malee miti. Jaalateeti. … maaf hin jaalatin? Abaabootana. Miidhagni ishee silaa nama macheessaa.” jechaa qo’annaa dhiisee ofiin haasa’uu eegale. Itti fufee “ akkam daa’ima isaa moo ? akkam!.... osoo ta’eeyyuu anarratti moo! … hinta’u … ta’uummaa hin qabu.. bor ganama akkan ishee jaaladhu itti himuun qaba.” Jedhe miira aaritiin.

Lafti bariinaan, sabboonaan waan kamiiyyuu dura Ilillii argachuun karoora isaa, isa jalqaba godhate. Bariitee akkuma durii yemmuu isheen da’ima aduu caama ganamaa qaqqaammachiiftu arginaan, bira dhaqee nagaha gaafatee ishee fuuldura ofirra quphane. Osoo hin turiin sagalee Obbo Buttaa gara mana warra Sabboonaattiti dhufaa jiru dhagahe.

Obbo Buttaan, gara mana Obbo Tulluutti ol seenee; Haadha Sabboonaa Aadde Naatolii nagaa gaafachuu eegale. Aadde Naatooliin man-duuba waan turteef Obbo Buttaanis gara mana duubaatti darbuun Naatolii waliin haasa’uu eegale.
Yeroo kana Sabboonaan shakkii waan qabuuf dhimma Ilillii bira dhaqeef dhiisee maal akka haasa’an dhaggeeffachuuf gara manaatti deebi’e. Ililliitti, Sabboonaan osoo hoomaa hin jedhin deebi’uun isaa itti dhagahameera. Yaata’u malee Sabboonaan biraa deemuu hin dhiisne.

Yeroo Sabboonaan Haasa’a waasila isaa Obbo Buttaafi Harmeesaa Aadde Naatolii dhagahu amanuu hin dandeenye. Iccitii abbaan Hurrumee, Obbo Buttaanifi haati Gammadaa woggoota baay’eef dhoofkatanii taa’aa turan dhagahe. Iccittii ajaa’ibaa! Kan Sabboonaan yaadee hin turre. Kan abbaan Gammadaa, Obbo Tolasaan dhagahee hin beekne dhagahe.

Haati gammadaa, Aadde Kibboodha; Harmee Ilillii. Gammadaan ammoo mucaa Obbo Tolasaati;Hangafa Ilillii. Obbo Tolasaan Kaadiroota Mootummaa yeroo sanaa, kan Obbo Buttaa waliin walitti dhufeenya cimaa qaba jedhamee hamatamu keessaa isa tokko.

Yeroo baay’ee Obbo Buttaan mana Obbo Tolasaa, dhimma oolmaa guyyaa gabaasuufi karoora guyyaa itti aanuu, irraa fudhachuuf ni deddeebi’a. Adeemsa kana keessa kan Obbo Buttaan, haadha Gammadaa, Aadde Kibboo waliin walquunnamtii eegaluun Ilillii godhatan.
Obbo Tolasaaan dubbii kana yoo dhagahe, Obbo Buttaas, Aadde Kibboos jireenya isaanii waan gabaabsuuf, dhoofkatanii woggoota 18tiif tursiifatan. Har’a garuu abbaan Hurrumee, Obbo Buttaan dubbiin irra caalaa akka hin banneef jedhee harmee Sabboonaa, Aadde Naatoliitti baasee hime. Ajaa’iba!
Sabboonaan ajaa’iba kana dhagahe. Osoo hin beekiin intala waasila isaa haadha warra godhachuuf karoora baasee ture. Jaalala intala waasila isaatiin daandee deemee ture.
Sabboonaaf, Ilillii dhiisuun akka du’aatti lakkaa’ama ture. Garuu, kun waan addaa ta’ee itti dhufe. Hojii waaqaa geeddaruun waan hin danda’amneef, Sabboonaaf waan dhagahe amanee fudhachuun dirqama itti ta’e.


Forward from: Yoomiree???
Asoosama gabaabaa Ililliifi Sabboonaa
Kutaa 3ffaa


Sabboonaan tole, bade, osoo hin jedhiin waasila isaa, Obbo Buttaa biraa gara manaa deebi’e.

Haati Sabboonaa, Aadde Naatoliin Sabboonaa ‘suuqitti’ waan ergiteef eegaa jirti. Inni garuu jechi waasila isaa Obbo Buttaatiin machaa’ee waan ergameef dagachuun gara manaatti harka duwwaa harmeesaa Aadde Naatoliitti deebi’e.

Sabboonaan “Waasilli koo maaf akkas jedhe? ……. Barbaadetii laata?... moo maal yaadeti? … waay’een bareedina ishee hin himamuu silaa maaf ishee jibba?...dhugaa qaba... lakki …lakkii.. anumaaf yaadeti malee badaafi miti…. Yoo jaalalaan qabame barnootasaa gatta jedhee yaadeti.” Jedhee of jajjabeesse.

Abbaan Hurruumee Obbo Buttaan garuu guyyaa sanaaf sammuunsaa boqonnaa hin arganne. Akkasumaan afarfamaa oole. Duraanuu dubbii barbaadaa har’a akka biraa ta’aa oole. Sababa tokko malee sa’aatii 5:27 irraa kaasee hanga sa’aatii 9:09 tti, dargagoota naannoo sana jiraatan nama saddeet akka mana hidhaa( qoraasuma dhiiraa) galan taasise.

Hurrumeen itala isaati; Ishee Qananiirraa dhalche. Qananiin mana daadhii urgaansaa fagoodhaa siyaamu, daandii mana warra Sabboonaa harka bitaatti gatee gara biroo Tajaajila Ifaa Magalaa Fiichee nama geessu qarqaraa qabdi.

Daadhiin Aadde Qananii maqaa qaba. Guyyaa Sanbata xiqqaa namoonni Baadiyyaa naannawaa Magaalaa Fiichee jiraatan, inni dhadhaa qabu dhadhaa isaa, inni Qamadii qabu Qamadiisaa, inni ‘Baaqilaa’ qabu Baaqilaasaa, inni xaafii qabu xaafiisaa, inni burtukaana qabu burtukaanasaa, inni loomii qabu loomiisaa, inni Hoolota qabu Hoolaasaa, ……. Gariin immoo meeshaalee mana keessaa kan harka namaatiin hojjetaman kanneen akka ‘Masoobii’( meeshaa bideen keessa olkaawwamu) ‘leemmatii’ keessattuu waqtiilee cidhaatti, walumaa galatti inni bituu barbaade bituuf maallaqasaa qabatee, inni gurgurachuu barbaade gurguruuf waan qabu qabatee gabaa Sanbata xiqqaa (ቂዳሜ ጋበሃ)tti erga dhimmaa isaanii xummuratanii booda mana daadhii Aadde Qananii kana dhaquun daadhiisaanii unachaa guyyaa boqonnaasaanii akka ajaa’ibaatti kan dabarsan mana daadhii Aadde Qanannii kanatti.

Obbo Buttaanis daadhiirraa fagaatee hin ta’uuf. Bariitee sa’aatii afur booda mana daadhii kana isa hin dhabdu. Kanaafi kan haadha Hurrumeetiin walbaree Hurrumee godhate.

Guyyaa sana erga nama saddeet sababa qabatamaa tokko malee hiisisee booda, mana daadhi Aadde Qananii dhaqee, daadhiisaa akka waan bishaan lagaa kaffaltii tokko malee waraabameetti dhundhulchaa oole. Sa’aatii 11:25 irratti Obbo Buttaa ta’ee kan seene, halkan keessaa sa’aatii 5:00tti nama biraa ta’ee bahe. Hanga mana obboleessa isaa, abbaa Sabboonaa gahutti
bakka hedduutti kukkufaature. Akkuma achi gaheen “ Tulluu…. Yee Tulluu….. ba ..ba..ba..bani balbala ” jechaa balbala Obbo Tulluu akka malee rurrukutuu eegale.

Akka carraa ta’ee guyyaa sanaaf abbaan Sabboonaa Obbo Tulluun dhimma hojiitiif magaalaa guddittii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Finfinneetti imalaniiru. Sababa kanaaf hoo haati Sabboonaa yeroon yoo rafanillee Sabboonaan garuu qayyabachaa jira.


© Abboomaa Ijaaraatiin
Oromiyaa, Harargee lafa jaalalaarraa💓💓💓


Forward from: Aboma Ejara
Asoosama gabaabaa ililliifi sabboonaa
Kutaa 2ffaa

Yoo Sabboonaan addunyaa yaadaa keessee as bahu, hidhiin Ilillii inni amartee fakkaatu hidhii isaa bira gahuuf ‘seentimeetira’ muraasatu hafe. Ijji Ilillii inni ‘biyyii’ yeroo ijoolluummaa ittiin taphachaa guddanne fakkaatu sun duumessaa’ee roobuf jira. Yeroo kana kan sabboonaan sagalee obbo Buttaa dhagahe.

Obbo Buttaan Obboleessa abbaa Sabboonaa, Obbo Tulluuti. Buttaan akka jiraattota naannoo sanaatti‘Milishaa Kaadiroota’ mootummaa waliin walitti dhufeenya cimaa qabuudha jedhameetu komatama. Ijaa kanaaf jecha waan sammuun isaa isa ajaje kamuu gochuuf harkatu isa gaha. Obbo Buttaan, aangoo dawoo godhachuun jiraattota naannoo sanaa nama ijibbaachiseedha. Abbaa mana jala deebi’uun haadha manaa naannoo sanaa waliin kan hin ciisne muraasa; baay’eesaanii waliin gaheera. Hojii saa kanarraa ka’aniitu ‘Buttaa’ jedhaniin malee maqaan isaa inni ganamaa Raggaasaadha.

Sabboonaan waasila isaa Obbo Buttaa waan sodaatuuf, yogguu sagaleesaa dhagahu ni rifate. Obbo Buttaanis, haalli waliin dhaabbii Sabboonaafi Ilillii gaaffii guddaa keessa isaatti waan uumeef “ Sabboonaa!.... Sabboonaa!.. Ijoolle !.....” jechaa gara isaaniitti qajeele. Sabboonaanis “ ookoo!……ookoo!..” jechaa tarkaanfii tokko Ililliirraa gara booddeetti deebi’i. booddeetti yaa deebi’u malee Ililliirraa siiquu hin jaalannee. Ililliinis akka waan hoomtuu hin uumamnee harka ishee deeffatte fakkeessuuf “ kitaaabicha galgala naaf kennitaa deemi” jechuun kokolfaa gara ergaasheetti kutte.

Sabboonaan keessa isaatti “ Maal kuni xinnoo turee yoo dhufe maal qaba? ….” Jechaa “ Na waamtanii ?” jedheen . Obbo Buttaanis “ Eeyyee , sin barbaadee; maal gochaa turtanii ?” jechuun seseeqaa gaaffiin sabboonaa muddee qabe. “ Um..um… homaa hin goone . Kitaaba tokko na gaafachaa turtee ” jechuun miira kabajaatiin deebiseef.
Obbo Buttaa “ Jaalallee qabdaayii?”
Sabboonaa “ Haa ..haa..haa. jaalallee hin qabu. Amma garuu yoo waaqni jedhe itti yaadan jira.”
Obbo buttaa “ Yoo jaalatte nama si gitu jaaladhu na boonsi. Intala abbaa barbaaddee filadhuu jaaladhu. Garuu, intala Ilillii jedhamtu tana ofirraa fageess.” Jechuun ergaa akka abiddaa nama gubu Sabboonaaf dhaame.


Obbo Buttaan maaliif walitti dhufeenya Sabboonaafi Ilillii hin jaalanne ? Kutaa 3ffaatti eegaa ❤️❤️❤️❤️🍓🍓

© Abboomaa ijaaraatiin
Oromiyaa, Harargee lafa jaalalaarraa
🍅🍅




Forward from: Ŝăböñå


Forward from: Ŝăböñå
Account no.1000340613523 CBE


Forward from: Ŝăböñå
Kan baatii 7 kanfaleen jira. Isinis dirqama keessan bahadhaa


Forward from: Ŝăböñå


Hunda duursa nageenyi koo bakka jirtanitti isin haa qaqqabu jechuun fedha. Itti ansuun akkuma beekkamu Akka waldaa keenyaatti kaffaltiin baatii baatiin walitti sasaabnu jiraachuu isaa hundi keenyaa ni beekna. Hanga ammaatti turuu koo dhifaama gaafachaa akka miseensa tokkootti Kan ji'a torbaa(Guraandhala hanga adoolessaa)kaffaluu koon isin beeksisuu fedha.
Haaluma kanaan, hundi keenyaa waannurraa eeggamu baanee waan hojjechuu qabnu yaa hojjenuun dhaamsa kooti.
Barnoonni hunda keenyaa busy Akka nu taasise namuu ni beekna. Kana booda yaada keenya wal haa jijjiirru.



20 last posts shown.

222

subscribers
Channel statistics