FUNUUNAA AKKAMITTI DHIIGUU DHAABNA? @Dhimma_Fayyaa✅Funuunni yeroo baay'ee gargaarsa mana keenyatti
ofiif goonun nu dhiisa; isaanis
1. Bakka jirrutti taa'uun funyaan keenya kutaa lallaafaa
quba guddaa fi quba elemtuu giddutti jabeessanii
qabachuu.
2. Funyaan keenya waan cufameef, yeroof afaan
keenyan qilleensa baafachuu fi fudhachuu.
3. Gara fuulduratti xiqqoo jechun dhiigni akka gara
dubatti deebi'ee ujummoo nyaata ykn ujummoo
qilleensa hin seene gochuu.
4. Ciisuu ykn sochii gochuu dhiisuu; kun dhiibbaa dhiigaa
gara funyaanii jiru akka hir'atu gochuun, dhiiguu ni
hir'isa.
5. Cabbii ykn bishaan qorraa fuula fi funyaan keenya
irratti naquu. Haala kana daqiqaa 5 - 20'f gochuu
qabna. Yeroo kana dhiigni itituun dhiiguu ni dhiisa.
✅Kana goonee yoo dhiiguu dhiise wantoota akka dhiigu
godhan gochuu hin qabnu; fknf keessoo funyaan
keenyaa xuxxuquu. Garuu kana goonee daqiqaa 20 oliif
yoo dhaabbachuu dide mana yaalaa deemuu qabna.
⁉️YOOM MANA YAALAA DEEMUU QABNA⁉️
👉 Mala armaan olii fayyadamtanii daqiqaa 15-20
keessatti yoo dhaabbachuu dide;
👉 Dhiigni saffisaan kan dhiigu ykn baay'ee kan dhiige
yoo ta'e;
👉 Qilleensa gara keessaa fi alatti baasun yoo kan nu
rakkisu ta'e;
👉 Kan ol nu deebisiisu/haqqisiisu yoo ta'e, sababa
dhiigni baay'een gara liqimsiitutti dhiigef;
👉 Sababni dhiiguu, yoo rukkutaa, balaa mataa ykn fuula
irra gahe yoo ta'e (fknf kufaatii, balaa tiraafikaa)
👉 Yeroo baay'eef irra deddeebi'ee kan dhiiguu yoo ta'e;
👉 Yoo mallattoo hir'ina dhiigaa kan qabdan ta'e kan
akka miira dadhabbii, lafti naman naanna'uu, gurri
namatti iyyuu ...;
👉
Dhukkuba biraaf qoricha dhiigni akka hin ititne
fudhachaa jirra yoo ta'e. Dr Haromsa Zerihuun
@Dhimma_Fayyaa