Oromian Students


Гео и язык канала: Весь мир, Английский
Категория: Букмекерство


■Channel kanarraa:-
✓Reference book
✓Text book
✓Teacher guide
✓ Work sheet
✓Entrance Exam
✓Odeeffannoo waa'ee barnootaa ni argattu!
Buy ads: https://telega.io/c/Oromian_Students

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Весь мир, Английский
Категория
Букмекерство
Статистика
Фильтр публикаций


#Yuunivarsiitii_Haramaayaa
#Remedial

Bara 2017tti Barattootni  Yunivarsiitii Haramayaatti sagantaa sirreeffamaaf (#Remedial)  ramadaman hundaaf. Amajjii  02, 03 fi 04/ 2017 mooraa yuunivarsiitii Haramaayaatti qaamaan argamuun gabaasa  akka gootan yuunivarsiitichi ibseera.

#Hubachiisa.

👉1ffaa.
Barattoonni saayinsii hawaasaa mooraa Veterinary  fi
Barattoonni saayinsii uumamaa mooraa Teeknooloojiitti gabaasa kan dhiyeessitan ta'a.

👉2ffaa.
Barattoonni gara yunivarsiitichaa yeroo dhufan
Ragaa kutaa 8ffaa fi 12ffaa orjinaalaa fi koppii
Tiraanskriiptii 9ffaa hanga 12ffaa,
suuraa 3*4  afur, fi
Uffata halkanii, Uffata boraati, ansoolaa fi meeshaale Ispoortii qabattanni argamuu akka qabdan yuunivarsiitichi beeksiseera.

Barattoonni ramaddii dormii keessan marsariitii yunivarsiitii (www.haramaya.edu.et) irratti lakkoofsa eenyummaa keessan fayyadamuun ilaaluu ni dandeessu.


#MoE

Filmaatni nyaataa(Menu) barattoota yunivarsiitii hojiirra oolu maal fakkaata?

Baasii nyaataa barattoota yunivarsitii guyyatti Muddee 01/2017 irraa eegalee birrii 100 akka ta’u murtaa’uun isaa ni beekama.

Ministeerri Barnootaa 'menu' nyaataa barattoota yunivarsiitiif qophaa’u walfakkaata akka ta'uuf hojjatamaa akka jiru ibsee ture.

Haaluma kanaan, Ministeerri Barnootaa dhiyeessiin nyaataa barattootaa, yunivarsiitiiwwan hunda keessatti wal fakkaatee akka raawwatamuuf filmaata Nyaata(menu) sadarkaa isaa eeggate qopheessee yunivarsiitiiwwan mootummaa hundaaf ergeera.

Ministeerichi filmaatni nyaataa kun istaandaardii xiqqaa irratti hundaa’uun qophaa’uusaa ibsuun, barataa tokkoof baasii torbanitti Birrii 700 (dhibba torbaa) caalu akka hin qabne dhaabbileef ibseera.

Filmaatni nyaataa yunivarsiitiiwwaniif ergame maal fa'a qaba ?

Ciree: Injera Firfirii / ruuzii + daabboo + shaayii, Qincee, Silsii, makaroonii dabalata.

Laaqana: Qincee/Shiroo Ataraa/Shiroo/Dinnicha/Goommana, kaarotaa/paastaa/ + daabboo/buddeena, dabalataan, torbanitti guyyaa 1 foon Misiraan/Dinnichaan/Ataraan (daabboo ykn buddeena) waliin dabalame qophaa'a.

Irbaata: Misira/shiroo Ataraa/Paastaa/Shiroo + daabboo/buddeena, dabalataan, torbanitti guyyaa 1 foon Misiraan/Dinnichaan/Ataraan (daabboo ykn buddeena) waliin dabalame qophaa'a.

Akka menu nyaataa Ministeerri Barnoota Olaanoo Yunivarsiitiiwwaniif ergeen, barataa tokkoof ciree, laaqanaa fi irbaataaf Birriin 100 ramadameera.




#obu #oda bultum University
Barattoota sagantaa Fooyyeffannaatiin (Remedial program) bara barnootaa 2017tti Yuunivarsiitii Odaa Bultumitti ramadamtan hundaaf;

Guyyaan galmee Mudde 7-8/2017 ALI yoo ta'u, guyyaan barnootni itti eegalu Mudde 9/2017 ta'uu isin beeksifna.


#Yuunivarsiitii_Haramaayaa

Yuunivarsiitii Haramayaa Kolleejjiin Fayyaa fi Saayinsii Meedikaalaa barattoota sagantaa eebba duraa (digrii tokkoffaa) (private sponsor) damee barnoota faarmaasiitiin ulaagaalee jedhame guutan barsiisuuf qophii isaa xumuree jira!!

Barattoonni ulaagaa guuttan carraa argametti akka fayyadamtan affeeramtaniittu!


Yeroon iyyannoo hanga Sadaasa 26/2017tti

[Ibsa guutuuf suuraa ilaalaa].

@Oromian_Students




# Waamicha
#Yuuniversiitii _Boongaa

Yuunivarsiitiin Boonga barattoota sagantaa idilee digirii jalqabaa(freshman )haaraa ramadaman akkasumas barattoota bara 2016 sagantaa sirreeffama(Remedial program )irratti hirmaatani fi bu’aa darbiinsa galmeessan guyyaan galmee Sadaasa 20 fi 21/2017 ta’uu beeksise.

Wantoota galmeef barbaachisan:-

Ragaa Xumura Kutaa 12ffaa kooppii fi orijinaala
tiraanskriiptii kutaa 9-12ffaa kooppii fi orijinaala
Kaardii kutaa 8ffaa kooppii fi orijinaala
Suuraa roga 3×4:- 8
Uffata qorraa, ansoola, tiraascarqiifi uffata ispoortiiti.


@Oromian_Students


#Remedial
#Yuunivarsiitii Jigjigaa

Yuunivarsiitiin Jigjigaa barattoota sagantaa Fooyya'insaatiin(Remedial) bara 2017 haaraa galaniif yeroo galmee beeksise.

Haaluma kanaan galmeen barattoota fooyya'insaa (Remedial) bara 2017 Mudde 14 fi 15/2017 akka raawwatamu yunivarsiitichi ibseera.

@Oromian_Students




#MoE

✅Ministeera Barnootaa; Gahumsa barsiisota dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti barsiisan madaaluuf qormaata kennuuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Ministeerichatti daayreektarri tajaajila dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa kan ta'an Iyyoob Ayanaw (Dr.) ibsa raadiyoo Shaggar FM 102.1'f kennaniin, "Qormaanni barsiisotaa kanaan dura barsiisota sadarkaa tokkoffaatti barsiisaniif kennamaa turuusaan hin jalqabne jechuun hin danda'amu" Jedhan.

Yeroo ammaa kana Dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti barsiisota qoruuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Sagantaan kun akkuma xumurameen qormaanni barsiisota dhaabbilee barnoota olaanoo bara kana ykn bara dhufu 2018 akka eegalu raadiyoo Shaggariif ibsaniiru.


@Oromian_Students


#Beeksisa_Waamichaa
#Yuunivarsiitii_Walqixxee


✳️Yuunivarsiitii Walqixxeetti  bara 2017 barattoonni idilee haaraa (Freshman student) ramadamtan fi
•barattoonni bara 2016 #Remedial ( Sagantaa fooyya'insaa ) irratti hirmaachuun qabxii darbinsaa fiddan, guyyaan Galmee Sadaasa, 26 fi 27/2017 tahuu yuunivarsiitichi beeksise.


    ✦Galmeef yeroo dhuftanitti:-

- Ragaa kutaa 8ffaa fi 12ffaa Orjinaalaa fi koppii;
- Tiraanskiriptii kutaa 9-12ffaa Orjinaalaa fi koppii;
- Suuraa 3×4 afur;
- Uffata qorraa, Ansoolaa,tiraascarqii ( Uffata boraatii ) fi uffata Ispoortii qabattanii argamuu qabdu.

✦Barattoonni bara 2016 seemestera tokkoffaa bu'aa keessan irratti hundaa'uun irra deebiin galmaahuf kan siniif eeyyamame guyyoota eeraman kana keessatti akka iyyattan yuunivarsiitichi ibseera.

@Oromian_Students


#Beeksisa_Waamichaa
#Yuunivarsiitii_Gambeellaa


🔰•Bara barnootaa 2017 tti Yuunivarsiitii Gaambellaatti barattoonni idilee haaraa (Freshman student) ramadamtan fi
•barattoonni bara 2016 sagantaa #Remedial ( Sagantaa fooyya'insaa ) irratti hirmaachuun qabxii darbinsaa fiddan,
• akkasumas barattoonni sagantaa fooyya'insaaf ( Remedial ) bara 2017 tti haaraa ramadamtan guyyaan Galmee Sadaasa, 23 fi 24/2017 tahuu yuunivarsiitichi beeksise.

- Barataan guyyaa jedhame dursees tahe dabarsee dhufe kan hin simatamne tahuu ibsamee.

✦Galmeef yeroo dhuftanitti:-

- Ragaa kutaa 8ffaa fi 12ffaa Orjinaalaa fi koppii;
- Tiraanskiriptii kutaa 9-12ffaa Orjinaalaa fi koppii;
- Suuraa 3×4 afur;
- Uffata qorraa, Ansoolaa,tiraascarqii ( Uffata boraatii ) fi uffata Ispoortii qabattanii argamuu qabdu.

• Iddoon galmee ;- Reejistarara muummeetti qaamaan argamuun.


@Oromian_Students


CamScanner 11-13-2024 16.46.pdf
8.8Мб
#BEEKSISA_RAMADDII_BARSIISOTAA
Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksisa baasee qacarrii barsiisotaa ogummaa garaa garaan eebbifaman keessaa calalee akkaataa armaan gadiin ramaddii raawwatee jira.
#Barsiisonni ramadamtan hundi gaafa guyyaa 6/03/2017 irraa kaasee #Waajjira #barnootaa #godinaalee fi #Bul.Magaalotaa Ramadamtanitti akka gabaastan hubachiisa. Via BBO

Baga gammaddan
Barsiisota 490


@Oromian_Students


#Yuunibarsiitii_Samaraa

Galmeen barattoota haaraa digirii jalqabaa bara 2017 Yunivarsiitii Samaraatti ramadamtani fi barattootni bara 2016 Yunivarsiitii Samaraatti sagantaa sirreeffamaa(Remedial) irratti hirmaattani bu’aa darbiinsa galmeessitan Sadaasa,16 fi 17/2017 ta’uu beeksise.

➡️Wantootni qabattanii argamuu qabdan:-

- Ragaa kutaa 8ffaa fi 12ffaa orijinaalaa fi kooppii.

- Tiraanskriiptii kutaa 9ffaa-12ffaa, Orijinaalaa fi koppii
- Suuraa3×4 saddeet, .
- Ansoolaa, tiraascarqi fi uffata ispoortii

🔰Barattoonni bara 2017 haaraa Remedial'in ( sagantaa sirreeffamaan ) Yuunivarsiitii Samaraatti ramadamtan guyyaan seensaa fuulduratti akka ifoomu beeksifameera
.



@Oromian_Students


#Yuunivarsiitii Wachemo

Galmeen barattoota haaraa digirii jalqabaa bara 2017tti Yunivarsiitii Wachemootti ramadamanii fi bara 2016 sagantaa fooyya'insaa (Remedial) barachaa turanii fi qabxii darbiinsa galmeessaniif guyyaan galmee Sadaasa 19 fi 20/2017 akka ta’e yuunivarsiitichi beeksiseera.

Bakka Galmee:

👉Barattoonni idilee haaraa(Freshman) bara 2017 Yunivarsiitii Wachemootti ramadamtan marsariitii yuunivarsiitichaa, fuula feesbuukii fi chaanaalii Telegiraamii irratti mooraa itti ramadamtan argachuu ni dandeessu.
👉Barattoonni bara 2016 Yuunivarsiitii Wachemoo mooraa guddicha fi mooraa Durham keessatti sagantaa fooyya'insaa (Remedial) barachaa turtan;  mooraa Durham

Wantoota yeroo yunivarsiitii deemtan qabachuu qabdan:

👉Ragaa qormaata kutaa 12ffaa orijinaala fi kooppii.
👉Ragaa qormaata kutaa 8ffaa orijinaala fi kooppii, .
👉Tiraanskriiptii kutaa 9ffaa-12ffaa orijinaala fi kooppii ;
👉Suuraa 3×4 afur,
👉Uffataqorraa, Ansoolaa fi uffata ispoortii

👉Bara 2017 Yunivarsiitii Wachemootti sagantaa fooyya'iinsaatiin (Remedial) barattoota haaraa ramadaman gara fuulduraatti yeroon itti seenan ni ifooma

@Oromian_Students




#Remedial
#Yuunivarsiitii MiizaanTeepii

Bara 2017tti barattoota sagantaa fooyya'iinsaatiin (Remedial) haaraa Yunivarsiitii Miizan-Teepiitti ramadamtan hundaaf.

Galmeen bara barnootaa 2017 Sadaasa 11 fi 12/2017 ni raawwatama.

1ffaa. Barattoota Saayinsii Hawaasaan ramadamtaniif Mooraa guddicha Amaan keessa jiru.

2. Barattoota saayinsii uumamaatiin ramadamtan Magaalaa Teepii mooraa Tepiitti qaamaan argamuun akka galmooftan.

Galmeedhaaf wantoota barbaachisan:

➢ Ragaa Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa fi Tiraanskriiptii Kutaa 12ffaa orijinaala fi Koppii Sadii.
➢Suuraa (3x4) sagal.
➢ Uffataqorraa, Ansoolaa,   Uffata ispoortii qabachuun isin irraa eegama.

📢Hiriyyoota keessaniif share godhaa


# Waamicha
#Yuunivarsiitii _Dabra _Taabor

Yuunivarsiitiin Dabra Taaboor barattoota sagantaa idilee digirii jalqabaa(freshman )haaraa ramadaman akkasumas barattoota bara 2016 sagantaa fooyya'iinsa (Remedial program )irratti hirmaatani fi bu’aa darbiinsa galmeessan guyyaan galmee Sadaasa 9fi 10/2017 ta’uu beeksise.

Wantoota galmeef barbaachisan:-

Ragaa Xumura Kutaa 12ffaa kooppii fi orijinaala
tiraanskriiptii kutaa 9-12ffaa kooppii fi orijinaala
Kaardii kutaa 8ffaa kooppii fi orijinaala
Suuraalee roga 3×4:- 4
Uffata qorraa, ansoola, tiraascarqiifi uffata ispoortiiti.

#Hubachiisa

Yuunivarsiitichi barattoota sagantaa sirreeffama(Remedial program ) bara barnoota 2017f guyyaa galmee fulduratti akka beeksisu ibseera.

Barattoota guyyaa ibsame alatti dursaniis ta'ee, boodatti hafanii dhufan Yuunivarsiitichi kan hin keessummeessine ta'uu ibseera.


# Beeksisa Waamicha
#Yuunivarsiitii Walloo

Yuunivarsiitin Wolloo bara 2017 barattoota idilee waggaa tokkoffaa haaraa(freshman ) ramadaman fi barattoota idilee bara 2016 sagantaa fooyya'iinsa (remedial ) baratanii qabxii darbiinsa argataniif guyyaan galmee Sadaasa 13 fi 14/2017 ta’uu beeksise.

Wantoota yeroo barbaachisan:-

-Ragaa Kutaa 12ffaa Originaala fi Kooppii
-Tiraanskriiptii kutaa 9-12ffaa Originaala fi Kooppii
-Ragaa kutaa 8ffaa orijinaala fi kooppi
-Suuraa 3*44
-uffata qorraa,ansoola,tiraascarqii fi uffata ispoortii.

# Hubachiisa
Mooraa(Campus ) itti ramadamtan beekuuf:-
Telegram Bot: @WU_Galmeessaa_bot
Marsariitii :https://tinyurl.com/wu-Registrar-s itti fayyadamu ni dandeeessu.

Hubachiisa kaampaasi itti ramadamtaniin alatti kan hin keessummeefamne ta'uu Yuunivarsiitichi Beeksisee jiraa.



#Waamicha #Freshman
#Yuunivarsiitii Debark

Barattoonni Yuunivarsiitii Debark' tti bara 2016 sagantaa fooyya'insaa (Remedial program) barachaa turtanii fi bu'aa darbiinsaa argatan, akkasumas kanneen bara 2016 qormaata kutaa 12ffaa fudhatanii qabxii darbiinsaa argataniifi yuunivarsiitii Deebarkitti haaraa ramadamtaniif guyyaan galmee Sadaasa 18 fi 19/2017 akka raawwatamu yunivarsiitichi beeksiseera.

#Galmee adabbiin: Sadaasa 20/2017

Barnoonni Sadaasa 20/2017 akka eegalu ibsameera.

Wantoota galmeef barbaachisan:-

➢ Ragaa kutaa 8ffaa fi 12ffaa
➢ Tiraanskriiptii kutaa 9ffaa-12ffaa
➢ Suuraa 3x4 afur (4).
➢ Uffata qorraa, ansoola, tiraascarqiifi uffata ispoorttiiti.

Показано 20 последних публикаций.