Walaloo Jaalalaa


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


Jaalattani dhabuun fafa
Jaalate maaltu rafaa???

Связанные каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций






Репост из: Waloo Mootii (Gooticha Dirree kokor)
Sirna baninsa waajjira Adda Bilisummaa Oromoo magaalaa burraayyuu.

ABO waliin fuuldurri keenya ifa.
@motitakele
@motitakele
@motitakele


Репост из: Waloo Mootii (Gooticha Dirree kokor)
New Oromian Special Force.
@motitakele
@motitakele
@motitakele


Репост из: Waloo Mootii (Gooticha Dirree kokor)
Hiriyyoonni koo qaqqaaliin yeroo dheeraaf adda baanee baga rabbi nagaan walitti nu deebise.
Join Godhaa
@motitakele
@motitakele
@motitakele






Репост из: Oromia Libration Front(OLF)
Jajjabee_Oromiyyaa
@OLFOLF
@OLFOLF
@OLFOLF




Репост из: Waloo Mootii (Gooticha Dirree kokor)
Gandummaa

Gandummaan facaanee
Hin taanu ulee hokkoo
Walirraa fagaannus
Hiddi keenya tokkoo

Jireenyi hardh'aa kun
Osoon ta'iin burree
Oromoon bahaaf lixaa
Waliin bulaa turree

Elaamee yaa lammii
Elaamee yaa tiruu
Oromoon hortee tokkoo
Qomoon addaa hin jiruu

Atimee yaa isa:-

Gandummaan bokoktee
Fakkattu quufaa raachaa
Kan hiyyeessa beelisitu
Ofii murtee nyaachaa

Isa dhugaa sobaan faaltee
Lammii addaan baastee
Kun boorana kun wallaggaa
Jechuun nu facaastee

Inni kuni shawwaa inni kun inni kuni baalee
Inni kun harargee inni kun salaalee

Yaa isa jechuun qooddee
Haadhoo addaan baastuu
Isa jaalala faaltee
Gandummaa facaastuu

Isa haadhoo gidduu
Keesse ibiddaaf kiyyoo
Ani siifan boo'ee
Dhuma keetiif wayyoo.

@motitakele
@motitakele
@motitakele
@motitakele join godhaa yaada keessaniif karaa @Tokkicho naaf qoodaa.


Anaafoo naan gallee
Akkam akka na gootee
Guutummaa qaama koo
Jaalala keen mootee

Horroo keessa baheen
Deemera dambii koo
Agartuu koo kaastee
Fudhattee qalbii koo

Rifeensa mataa kee
Dannoo kee irra tuultee
Yeroo manaa baatuu
Aadaa keen of kuultee

Jaalalaan boojitee
Luka koo sakaaltee
Deemsa deemsaan dhuftee
Ofirra naaf caaltee

Gubaan jaalala kee
Ergan gaafa si argee
Biqiltuun onnee kee
Ana keessattis margee

Furtuun onnee kootii
Si qofaaf banamaa
Simboo qabeettii koo
Kennaa koo ganamaa.

Join
❤️❤️❤️
❤️❤️
❤️
@walaloojaalalaa
@walaloojaalalaa
@walaloojaalalaa
@motitakele
@motitakele
@motitakele


bareedduu koo kuula Koo
qal'oo mudhiin migiraa
mootiin kee rakkatee
siif maraachaa jiraa

maaliif sammuu hiitaa
maal yoo silkii kaastee
maalumaaf boochiftaa
garaa isaa raaftee

sin jaaladha jechaa
maal waadaa nyaachuunii
jaalalloo jaalalaa
maali fagaachuunii.

@walaloojaalalaa
@walaloojaalalaa
@walaloojaalalaa join godhaa yaada keessaniif karaa @Tokkicho nu quunamaa


Kan jaalatee dhabes kan jaalalli qabes onnee madaa'es fayyisuuf fayyuufis gara @walaloojaalalaa koottaa join godhaa waliin mari'anna.

@walaloojaalalaa
@walaloojaalalaa
@walaloojaalalaa


Jaallatanii dhabuun fafaa
Jaallatee maaltu rafaa???

Walaloo jaalalaa Midhooftu argachuuf @walaloojaalalaa join godhaa.

Показано 14 последних публикаций.

619

подписчиков
Статистика канала