Ammar Ababiya - አማር አባቢያ


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


Kabajamoo Hordoftoota Keenya Yaada fii Qeeqa Channel Kanarraa Qabdanuu Kara Lakk: +251940537010 nun Gahuu dandeessuu.
Kana males Kara boti @Amaar70_Bot nun gahuu dandeessuu
Keessan Na Qunnamuuf @Abu_Amaar1
https://www.facebook.com/profile.php?id=10009204

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


Kan dhaloota qaree
Goota seena tiksuu
Oolma ati nuuf oolte
Jechi kamuun ibsuu

Daandiiti irra dhuftee
Tasa hin fixu himee
Waan darbe yaadetan
Qalbiin na dhidhimee

Goota qixxeen qabne
Jabaa qaroon lamaa
Nuuf jiraadhu Raayyaa
Leenca fakkii namaa...


Masjiida Yeroo Jalqabaatiif Ergamaan Rabbii Sallallaahu Alayihi Wossallam Madiinatti ijaaran kamii?
Опрос
  •   Masjida Qubaa'ii
  •   Masjida Ad-Diraar
  •   Masjida Al-Aqsaa
  •   Masjiida Al-Haraam
108 голосов


Ergamaan Rabbii (ﷺ) Waan gaarii Rabbitti nu dhiheessuu tokkollee kan osoo nuuf hin himin dhiise hin jirtu, Akkasuma hamtuu Rabbii keenyarraa nu fageessitu tokkollee kan osoo irraa nu hin Dhorkin dhiise gama aakhiraa deeme hin jirtu.

Kanaafuu Qur'aanaa fi hadiisa qarrinfaan haa qabannuu, irratti haa cichinuu, Toltuu waliif haa dhaamnuu, hamturraa wol haa gorsinuu, wal xiqqeessurraa of haa eegnuu, wal xiqqeessuun iimaana nutti fakkaachuu hin qabdu, yoo faallaa iimaanaa taate malee

Guyyaan guyyaa jum'aati, Ergamaa Rabbii, Jaalallee keenyarratti (ﷺ) salawaataa buusuu haa heddummeessinuu
الهم صل وسلم وباك عليه

Dhaamsa kana obboleeyyan keetii #Share godhi hayyakallah!
📩Contact= @Abu_Amaar1


#Walqixxummaa...

✍ Akkuma ufii haadha manaa gaarii barbaaddu, atis nama gaarii dubartiin gaariin barbaaddu tahi.... !
Sii_galee.....?!


#Hirmaadhaa....
✍ Nabiyyoota Rabbii keessaa, nama 3 qofatu gara samii ol bahe____?

1) Nabiyyiin tokko ol bahee, achumatti lubbuun keessaa baate...
2) Nabiyyiin tokko immoo ol bahee, gara dachee deebi'e.
3) Nabiyyiin tokko immoo ol bahe, garuu hanga ammaa lubbuun jira.

#Eennu_isaan___?
#JOIN_SHARE 🎖🎖🎖🎖
@Abu_Amaar12


Ergamaan Rabbii ijoollee meqaa Qabuu?
Опрос
  •   A. 11
  •   B. 7
  •   C. 9
  •   D. 5
108 голосов


Zabanaawi jennee
matirraa baqannee
yeroo kotii jechuun
Amantas dagannee

malo yaa shabaabaa
maliif of dagannee
Osoo fayyaa qabnu
masjida baqannee

Lubbuun yero kana
benzilumaa tahee
meeqa kara demee
Qadaan isaa gahe

Kaan cisasaa gubbati
lubbun isaa bahee!

Gamachu harraatiif
sirbanoo caffaraa
yeron nurraa demee
yomuma of barraa

Harra oso jirruu
waliif dhamnu male
tobaa male dunan
dubbiin bita galee!!

Atis obboleetti
dammaqi gaheraa
hijabaan satarii
qaamaa kanke mara

Dabarraa wol dhorkaa
dhugaatti birmadhaa
tokkummaan walqabatii
diinii jabeffadha!
👇
join
@ABU_AMAAR12

585 0 10 1 12

Dullattii Suudii tokkotu waldhaansaaf biyya biraa deemte. Achiin "Masjidni Huseen kunootu dhaqii isa kadhu" jedhan.
Isiinis "akaakayyuun Huseenuu nu bira jiraa guyyaa tokkoyyuu isa hin kadhanne" jette.
Aqiidaan akkanatti qulqullaa'uu qaba.
منقول
@Abu_Amaar12


“Sangaa ofiinuu alba’u eegee qabdee raaftaa?” jedhan


🙌 Nagaan Bulaa 🙌


Guyyaa Ergamaan Rabbii (saw) du'an gammaduu moo gadduutu sunnaadha?

Nabiyyiin (saw) Rabii'al Awwal guyyaa 12 Zuhrii booda du'an. Guyyaan dhaloota isaanii yoom akka ta'e ragaan quubsaan tokkollee hin jiru. Garuu duuti isaanii Rabii'al Awwa 12 ta'uu beektonni hunduu walii galaniiru. Guyyaa sana Sahaabonni baay'ee gaddanii lafti itti dukkanaa'ee ture. Garuu waggaa waggaa eeganii gammaduus ta'ee gadduun Sahaabota irraa hin gabaafamne.

Khayrii Sahaabonni hin hojjatin nuti hojjanna jechuun maraannaadha malee Islaamummaa miti. Kanaafuu gadduus ta'ee gammaduudhaan ayyaaneffachuun amantii Islaamaa keessa hin jiru.


Hojii gaarii xiqqoo akkamiillee hin tufatin. Osoma fuula ifaadhaan obboleessa kee qunnamuu ta'eeyyuu.
Rasuul (SAW)


Nabiyyii Rabbii Keessaa Kan Samii Bahee Hafee fi Kan Bahee Deebi'ee eenyuu?
Опрос
  •   A. Muusaa fi Muhamad
  •   B. Muhamad fi Iisaa
  •   C. Ibarhimii fi Yusuuf
  •   D. Luxii fi Nuhii
121 голосов


Hoonga'aan suma qofa. Ati jaraa wajjin ji'arra hin baane ykn nuu wajjin Bukhaarii hin qaraane.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Dardara wahiitu aalima Bukhaarii qaraasisutti dhufee "ati as taa'ii Bukhaarii qaraasisi warri dhihaa ji'arra bahaa jiru" jedhe. Aalimichis "maaltu raajiidha ree? Uumamatu uumamatti dhaqqabe; nutimmoo gara uumaa keenyaa dhaqqabuu feena. Garuu hoonga'aan suma qofa. Ati jaraa wajjin ji'arra hin baane ykn nuu wajjin Bukhaarii hin qaraane" jedheen.
**
Hoongoon hundaa olii addunyaafi aakhiraa khassaruudha. Ergamtuu jallinaa Rabbi nu hin godhin. Rabbiin nu haa tiksu.


Abaabilee Nabiyyii (saw) hanga meeqaatti beektu? Ittiin wal baraa.
❤❤❤❤❤❤
Muhammad bin Abdallaa bin Abdilmuxxalib (Shaybaa) bin Haashim (Amr) bin Abdimanaaf (Mughiiraa) bin Qusayyi (Zayd) bin Kilaab bin Murrah bin Ka'ab bin Lu'ayyi bin Ghaalib bin Fihr (Quraysh kan jedhamu) bin Maalik bin Annadr bin Kinaanaa bin Khuzeymaa bin Mudrikaa bin Ilyaas bin Mudar bin Nizaar bin Ma'addi bin Adnaan bin Uddi bin Muqawwim bin Naahuur bin Tayrah bin Ya'aruba bin Yashjuba bin Naabit bin Ismaa'iil bin Ibraahiim bin Aazar bin Naahuur jedhama. Haala kanaan Ismaa'iil ilma Ibraahiimitti gala.
(Siirat Ibn Hishaam irraa)


Namni ifa arge ☀️
Dukkana ni dheessaa::
Namni kaayyoo qabuu
Obsee of jabeessaa::


❤️📩 @Amaar70_bot 📩❤️ Ergaaf


Fagootti hin jajiinaa
Itti siqaa ilaalaa
Wanti bara kanaa
Fakkeessaatti caala…

Fagootti yoo ilaaltu
Arraabee dhungata
Gaafa itti siqxu
Waraanee cuffata!


Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: "Jibriil natti dhufee ni jedhe: 'Yaa Muhammad hanga feete jiraadhu ati ni duuta. Abbaa feete jaaladhu ati isaan adda ba'uuf jirta. Waan feete hojjadhu ati isaan ni mindeeffamta. Kabajni Mu'uminaa salaata Laylii inni salaatu ta'uufi Guddinni/ofitti amanummaan isaa immoo namarraa duroomuu isaa ta'uu beeki."
اللهم صل وسلم وبارك على نبينا محمد وعلى آله وصحبه


Filee caalchifatee
Hunda nama uumee
Nabii keenya Rabbi
Hundarratti shuume
Ergamaa aalamaa
Hundaaf laafu garaa
Kan fakkaattii hin qabne
Baraa hanga baraa

Tirikaa addunyaa
Ifaa akka aduu
Kan dukkanni shirkii
Nuura isaaniin badu
Barsiisaa karaa haqqii
Qulqulluu hin qabne makaa
Nabii jaalalli isaanii
Dubbisu mukaaf dhakaa
Miidhagaa hundumarra
Tolu amalaa; haalli
Arjaa mahabbaaa isaaniin
Hirqitee boossu Gaalli

Ergamaa nama mitii
Ulfeeffattu waatiini
Kan mu’ujizaa isaaniitiin
Addaan cabdu baatiinii
Ergamaa rahmatummaan
Beeku gamanaa gamni
Kan Rabbiin guddifate
Ni xiqqeessaaree namni?

Gadheen sammuu diddooftuu
Hin geenye hanga horii
Woroon har'uma malee
Hin beekne guyyaa borii
Biyya lafaa kanarra
Zalaalam turti seetee
Garaa guuttachuuf jettee
Dubbattus wanta feete
Maraatuun qalbiin gogaa
Nutti gortee karaadhaa
Bulgaafachuu yaaltullee
Xurii qabdu garaadhaa

Nabii jaalala isaaniin
Jalaa sochootu tabbi
Xiqqeessuu hin dandeessu
Kan guddifate Rabbi!
Dhiiraa dhalaan muslimaa
Manguddoo hanga sabiyyii
Lubbuu keenya caalaatti
Kan jaalannu nabiyyii
Biliyoonaan hordofna
Faana isaanii buunee
Nuuf milkii hunda caalu
Fidaa isaanii yoo duune

Fidaaka Abii wa'ummii yaa Rasuulallaah! S.A.W!❤

Riyaad Raayyaa tiin


Finfinneetti Ragaa Gaa'ilaa malee Dhiiraafi dhalaan siree  buluu hin danda'an jedhame. 

Dhiiraa fi dhalaan waraqaa ragaa fuudhaa yoo hin qabaanne siree Hoteelaa kirreefachuu akka hin dandeenye himame.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti waraqaa ragaa dhirsaafi Niitii mirkanneesssu yoo hin qabaanne dhiiraaf dubartiin  Siree  Hoteelaa qabatanii buluu akka hin dandeenye seerri ba'e.

Manni Qopheessaa bulchiinsa magaalaa  Finfinnee, akkuuma Qulqullina magaalichaa eeguun itti gaafatamummaa isaa baha jiruun,xiinsammuu fi jireenyaa hawwaasummaas to’achuu waan irraa eegamuuf dhiraaf dubartiin waraqaa ragaa fuudhaa malee mana siree  buluu akka hin dandeenye labsiin haaraan bara kana keessatti hojii irra akka oolu beeksiseera.

Ammaan booda warrii abbootii qabeenyaa  mana ciisichaa qabanii fi waardiiyootaaf xalayaan akkeekkachiisaa akka isaaniif kennamu Mana Qopheessa magaala Finfinneetti kutaan beeksiisaa addeessee jira.

👍👍👍👍👍👍👍👍👍👍👍👍👍👍

Rabbii biyyaa keenya zinaa irraa nuuf ha qulqulleessuu 🤲🤲🤲



Показано 20 последних публикаций.

1 448

подписчиков
Статистика канала