Addis Standard Afaan Oromoo


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


Похожие каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


Ministeerri Jallisiifi Naannawwa Gammoojjii, Naannoo Affaaritti lammilee sababa waraanaan buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 5 gumaache.

Deeggarsa kanas Ministirri Jallisiifi Naannawwa Gammoojjii Injinaar Ayishaa Mahammad, Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Affaar Awwal Arbaatti kennaniiru.

Pireezidaantiin naannichaa Awwal Arbaa, deeggarsa taasifameef galateeffachuun, mootummaan dhaabbilee deeggartootaa waliin ta’uun lammiilee buqqa’aniif deeggarsa namoomaa dhiheessaa jiraatus, akkaataa bal’ina rakkichaatiin ammallee deeggarsi dabalataa akka isaan barbaachiisu himaniiru.

Deeggarsa namoomaan cinattis hojiiwwan lammiilee kanneen deebisaanii dhaabuuf hojjatamaa jiru tumsuu akka qabanis waamicha dhiheessaniiru.

Ministirri Jallisiifi Naannawwa Gammoojjii Injinaar Ayishaa Mahammad gama isaaniitiin, yeroo itti aanuttis deeggarsa naamoomaan alaatti mancaatii sababa waraanaatiin qaqqabe deebisanii dhaabuuf qooda fudhatoota qindeessanii deeggaruuf qophii ta’uu himaniiru.

Madda: TOI


“Masjiidotni kan gubatan yoo ta’u qabeenyi guddaan oftultootaan barbadaa’eera. Kunis jibbiinsa Islaamummaa ifatti agarsiisa” jedha ibsi Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Finfinnee. Manni Marichi ibsa isaatin, gocha gara-jabummaa ‘Finxaaleeyyiin’ hawaasa musliimaa irratti raawwataa jiran dhaabsisu hin dandeenye jechuun mootummaa, miidiyaalee naannoo Amaaraa fi hoggantoota siyaasaa tokko tokko gaafatamaa taasiseera. “Sababa walitti bu’iinsa daangaatin yakka lubbuu musliimota 21 galaafate dabsuuf yaalii taasifamaa jiruun hawaasni musliimaa heddu gaddeera.”

https://oromoo.addisstandard.com/oduu-haleellaa-gondaritti-raawwatameen-lakkoofsi-namoota-duan-21-gahe-manneen-maree-dhimmoota-islaamummaa-finfinnee-amaaraa-haqa-gaafatan/


Hogganaan Biiroo Nageenyaa Naannichaa garee maqaadhaan hin dhoofneetin “Gadditootatti dhakaa darbachuun” waliin jireenya amantaalee lamaan balleessuuf kan barbaadaniidha jechuun qeeqe. Dargaggeessi naannoo adda addaa irraa “Odeeffannoo sirri hin taane” itti kennuun gara hokkoratti akka makamuuf dhiibbaan dabalaa jiraachu dubbate. Yeroo amman kana humnoonni nageenyaa gara naannichatti bobba’aa jiru jedheera.

https://oromoo.addisstandard.com/oduu-naannoo-amaaraa-magaalaa-gondaritti-haleellaa-sirna-awwaalcha-sheekii-irratti-qaqqabeen-yoo-xinnaate-lubbuu-namoota-sadii-darbe/


Godina Shawaa Lixaa aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti lola mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti gaggeefamaa jiruun walqabatee haleellaa qilleensaarraan humni mootumma raawwateen namoonni nagaa 25 ta'an ajjeefamuu jiraataan aanichaa ganda Doggomaa Kibbii tokko BBC'tti himan.

Haleellaan kun Jimaata darbe kan raawwatame ta'uufi uummanni naannichaa baqatee bosonaafi holqatti galeera jedhan jiraataan haleellicha ijaan arguu dubbatan.
''Goxii Kibbii keessatti gaafa Jimaataa galgala sa'a 12 irratti haleellaa namatti hin tolle raawwatan. Uummanni baqatee kaan hallayyaa keessa bu'e. Dubartoonni shan bosona keessatti dahan, dubartiin tokkoo isaan keessaa fayyaan ishee rakkoo keessa jira, nyaatallee argachuu hin dandeenye," jechuun waan arge ibsa jiraataan kun.

Itti-gaafatamaan Komunikeeshinii Godina Shawaa Lixaa Tasfaayee Mirreessaa mootummaan hidhattoota irratti dirooniidhaan haleellaa raawwachuun dhugaa tahuu himaniiru.

https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-61230518?at_medium=RSS&at_campaign=KARANGA






Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Naannoo Soomaaleetti bakkeewwan hongeen miidhaman deebisanii dhaabuuf Birrii miiliyoona 338 deeggarsa taasisee.

Ministeerichi hojiilee deebisanii dhaabuu hojjetamuuf sagantaa beeksisaa magaalaa Jijjigaatti qopheesseera. Naannichatti pirojeektiwwaan bakkeewwan hongeen miidhaman deebisanii dhaabuu akka hojjetaman ibsameera.

Sirnicharratti Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Soomaalee Musxafaa Mohaammad, Ministira Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mohaammad fi hoggantoonni olaanoon federaalaa fi naannichaa argamaniiru.

Madda: FBC


Ramaddiin dhaabbilee barnoota olaanoo ifoome

Ministeerri Barnootaa ramaddii barattoota qormaata seensa Yunivarsiitii bara 2013 fudhatanii Yunivarsiitii mootummaaf qabxii darbiinsaa fidan ifoomseera.

Qabxii seensaa kanaan dura ibsamee fi naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Affaarii fi Beenishaangul Gumuzitti barattoonni dabalataaf rammaddiin kennamuu murtoon darbuun isaa ni yaadatama.

Haaluma kanaan barattoonni guyyaa har’a irraa eegalee gama marsaritii https://result.ethernet.edu.et , ergaa gabaabaa 9444 akkasumas Teeleegiraamii @moestudentbot ramaddii isaanii ilaallachuu kan danda’an ta’uu ministeerichi beeksiseera.

Barattoonni ramaddii waliin walqabatee gaaffii qaban kamiyyuu gama marsaritii https://complaint.ethernet.edu.et dhiyeeffachuu kan danda’an ta’uus ibsameera.

Yunivarsiitiiwwan hanga Ebla 24/2014tti qophii barbaachisu xumuruun sagantaa simannaa barattoota haaraa kan taasisan waan ta’eef barattoonni gamanumaan qophii akka taasisan dhaamameera.


Fuulli Miidiyaa Hawaasa maxxansawwan JAKENN Publishing PLC:Addis Standard Afaan Ingilizii, Addis Standard Afaan Oromoo fi Addis Standard Afaan Amaaraa armaan gaditti tarraa'e jira.

Xurree armaan gadii tuquun fuula sirri hordofaa.

Afaan Ingilizii
Facebook:https://www.facebook.com/AddisstandardEng/
Telegram: https://t.me/AddisstandardEng
Website:https://addisstandard.com

Afaan Oromoo:
Facebook:https://www.facebook.com/AddisstandardAO
Telegram: https://t.me/AddisstandardAO
Website:https://oromoo.addisstandard.com

Afaan Amaaraa
Facebook:https://www.facebook.com/AddisstandardAmh
Telegram: https://t.me/AddisstandardAmh
Website: https://amharic.addisstandard.com/

Twitter: https://twitter.com/addisstandard

YouTube:https://youtube.com/c/AddisStandard

Inistaagiraamii: https://instagram.com/addisstandard?igshid=YmMyMTA2M2Y=




Itoophiyaan biyyoota Afrikaa qaala’iinsa jireenyaa hamaa qaban 8 keessaa 3ffaa taate

Akka Biizinas Insaayider biyyoota Afrikaa saddeet qaala’iinsi jireenyaa hamaan keessatti mula’ataa jiru tarreesse keessaa Itoophiyaan Sudaani fi Zimbaabuwee kan qaal’aiinsi jireenya isaanii baatii gurraandhalaa 258.40% fi 66.1% turetti aanuun sadarkaa 3ffaa irratti argamti.

“Qaala’iinsi jireenyaa Itoophiyaa baatii g
Guraandhalaa bara 2022, dhibbentaa 33.6 ture baatii Bitootessaatti 34.7% guddateera. Kunis akka ragaa Tireedingi Ekkonoomiksi, Damee Qonnaa Ameerikaa dabalate maddeewwan adda addaa eeranitti” ta’uu gabaasichi ibseera.

Suuraa: Biiroo Daandii fi Geejjiba Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee

Madda: https://africa.businessinsider.com/.../african.../brenryj










Akka Birhaanuun ibseetti, Gandoota 12 keessatti lafa qonnaa heektaara 4238, lafa margaa heektaara 7672, bosona heektaara 8471 fi lafa abbaa warraa heektaara 5762 irratti miidhaa geessisaa jira. Waqtiin Arfaasa waan ta’eef dhimmichi dafee furmaata argachu akka qabu kan hubachiise Birhaanuun, mootummaan naannoo Oromiyaa garuu dhimmicha bilbilaan hordofuu ala qaaamaan hin argamne jedhe.

https://oromoo.addisstandard.com/hoomaan-hawwaannisaa-aanaa-taltalleetti-muudate-dafee-furmaata-argachu-qaba-waajjira-qonnaa-aanaa-taltallee/






Pirezdaantichi, hojii dhabdummaan, hiyyummaa, walitti bu’iinsi hin dhaabbannee, qoodiinsa qabeenyaa haqa qabeessa hin taane, jijjiiramni qilleensa fi balaawwan uumamaa, beelli, dabaluun lakkoofsa uummataa fi kanneen biroo, biyyattiin madda hojjattoota godaananii akka taatu gochuu ibse. Akka inni jedhutti, waggoota shanan darban qofa lammiileen Itoophiyaa, baay’inaan dubartootni, 839,000 biyya irraa godaananiiru.

https://oromoo.addisstandard.com/konfedereeshiniin-waldaalee-hojjattoota-itoophiyaa-mootummaan-seera-hojjettoota-idil-addunyaa-akka-raggaasisu-gaafate/



Показано 20 последних публикаций.

2 028

подписчиков
Статистика канала