#komattuu!!
Waan qalamaan hin barroofne
Waraqaa adii dubbista
Waan hin jirre uummattee
Mana keessaa shubbista
Jechi kee gocha caalee
Baay'iftee nama dhibda
Nama qulqulluu jirtutti
Xurii fuutee dibda
Teessee soba funaantee
Nama faalta dharaan
Jecha keen sobaa hin dhiiftu
Ittuu caalta baraan
Qabxii tokkoon malee
Nama irratti duulta
Jecha arraba keetiin
Hamaa irratti tuulta
Sobdees maxxansita
Dhugaa namaa haqxa
Oliif gadis joortee
Wali-tt nama naqxa
Biqila gaarii namaa
Arraba keen cirta
Oliif gadi labdee
Wali-tt nama dirta
Isa tokkoof laatame
Ofii kee kaaniif hirta
Waan inni-n jenne jetta
Jedheera jettee himta
Dhara dhugaa fakkeessitee
Uumtee waliin simta
Foon obboleessa keetii
Alanfattee nyaatta
Baraan hin sirrooftu
Baraan cubbuu baatta
Ergaa siifan qabaa
Na dhagahi maaloo
Waan hin jirre jettee
Namatti hin kuusin haaloo
Dhaabbata kee laalladhu
Lafa hin taane-n oolin
Nama akka keetii
Komattee hin goolin
Beekii akeekkadhu
Bor duutee akka samtu
Addunyaa kana irratti
Akka hin hafnee kamtu
Akka imaltu beekii
Lafa irraa hin galletti
Obboleessa kee hin sharafin
Waan isaa-n malletti
Madaala irra hin kaahin
Kiiloo isaa gadi buuftee
Sobdees ittin mooqin
Dhara walitti kuuftee
Akkuma siin jedhamuu jibbitu
Namaanis jechuu hin fedhin
Waan ofii kee hin jaallanne
Qomoo keetiin hin jedhin
Kabaja obboleessa keetii
Hin sharafin homattuu
Dubbii waliin hin dhahin
Dhiisi mee yaa komattuu
✍️.... @Sabaa_Ifaa
Join
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
Waan qalamaan hin barroofne
Waraqaa adii dubbista
Waan hin jirre uummattee
Mana keessaa shubbista
Jechi kee gocha caalee
Baay'iftee nama dhibda
Nama qulqulluu jirtutti
Xurii fuutee dibda
Teessee soba funaantee
Nama faalta dharaan
Jecha keen sobaa hin dhiiftu
Ittuu caalta baraan
Qabxii tokkoon malee
Nama irratti duulta
Jecha arraba keetiin
Hamaa irratti tuulta
Sobdees maxxansita
Dhugaa namaa haqxa
Oliif gadis joortee
Wali-tt nama naqxa
Biqila gaarii namaa
Arraba keen cirta
Oliif gadi labdee
Wali-tt nama dirta
Isa tokkoof laatame
Ofii kee kaaniif hirta
Waan inni-n jenne jetta
Jedheera jettee himta
Dhara dhugaa fakkeessitee
Uumtee waliin simta
Foon obboleessa keetii
Alanfattee nyaatta
Baraan hin sirrooftu
Baraan cubbuu baatta
Ergaa siifan qabaa
Na dhagahi maaloo
Waan hin jirre jettee
Namatti hin kuusin haaloo
Dhaabbata kee laalladhu
Lafa hin taane-n oolin
Nama akka keetii
Komattee hin goolin
Beekii akeekkadhu
Bor duutee akka samtu
Addunyaa kana irratti
Akka hin hafnee kamtu
Akka imaltu beekii
Lafa irraa hin galletti
Obboleessa kee hin sharafin
Waan isaa-n malletti
Madaala irra hin kaahin
Kiiloo isaa gadi buuftee
Sobdees ittin mooqin
Dhara walitti kuuftee
Akkuma siin jedhamuu jibbitu
Namaanis jechuu hin fedhin
Waan ofii kee hin jaallanne
Qomoo keetiin hin jedhin
Kabaja obboleessa keetii
Hin sharafin homattuu
Dubbii waliin hin dhahin
Dhiisi mee yaa komattuu
✍️.... @Sabaa_Ifaa
Join
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360