Humnootni finxaaleyyii Amaaraa godina Matakkal ona Dibaax keessatti qeerroo tokko ajjeesuun manneen gubanii loon ooffachuun dhagaa'ame.
( ONM-ABO Bitootessa 23,2022 )
Mootummaan sirna faashistii PP ilmaan Oromoo godina Matakkal ona Dibaax irratti karaa humnoota finxaaleyyii Amaaraa lola bansiiseen humnootni kunneen onicha keessatti ajjeechaa, saamichaa fi mannee gubuu hammeessanii jiru.
Haala kanaanis Bitootessa 22,2022 ona Dibaax ganda Tuskii Gambeelaa keessatti Joonsee Amsaaluu Amantee qeerroo jedhamu rasaasaan erga rukutaniin booda albeen qalanii ajjeesuun loon 80 qeerroon kun tiksaa ture ooffatanii deemaniiru.
Guyyaa har'aa ganama Bitootessa 23,2022 ganduma kana keessaa manneen 50 ol gubanii barbadeessuun hawaaasa gandicha dhukaasaan qe'ee irraa ari'uun hanga ammaa namni du'ee fi jiru osoo adda hin ba'in jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.
Humnootni finxaaleyyii Amaaraa mootummaa sirna PPn deggeraman kun godina Matakkal ona Dibaax keessatti torbee darbe Bitootessa 15,2022 dubartii Oromoo mucaa garaatti baattu albeen qalanii ajjeesuu fi Bitootessa 17,2012 ganama barattoota Oromoo 18 ukkamsuun achi buutee dhabamsiisanii jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.