Warri Milkeessaaf Dhiifama gooneerra jechaa jirtan dhugaa Qabdani Gaafa, milkeessaan isin womaa isin hin goone, kanaaf milkeessaaf araaraafi dhiifama gochuudhaaf jarajaraa jirtani Gaafa Tumsa, Deeggarsaaf mallattoo Milkeessaa waahillan isaatiifi, Ajaja Hooggantoota isaatiin Ummatni lixaafi kibba oromiyaa shanee shantamee fi shiftaa jedhamee cafaqamaa bahe, isin irra womtuu hin geenye. Gaafa warri kun lameen kophatti baafamanii lafarraa xuruuramaa bahanis akkuma hardhaa kana hoo'ifattanii, Milkeessaa fa'aaf dibbee reebaa turtani. fira, fiixaa, aanteefi aaliin keessan tokkos womaa hin taane. Obboleessa obboleettii haadha, Abbaa fi eessumni durbii keessan irra wonti hamaan tokkos hin geenye kanaaf xiiqii fi rifuu dhabdani,kanaaf xiiqeffachuu fi morkachuu dadhabdani. hin madoofne madaa hooqattan dhabdani. Hin hidhamne, manaafi malli fira fiixaa fi maatii keessanii isin irraa hin gubamne, Maatiin keessan bahaa gala hin dhabne, isin irraa hin ajjeefamne, Gaafa ummatni lixaafi kibba oromiyaa sababa milkeessaafa dhiiga boo'aa ture isin mana hoo'aa keessa teessanii fiilmicha akka fiilmii hindiitti kolfaa daawwachaa turtani, kanatu waa hunda isin hanqise. Kanatu badii milkeessaafa arguufi dhagahuu isin dhoowwe.isinitti hin murtaa'u Garuu haqni ture kanadha.