Репост из: RAFIIQUL ISLAAM
https://t.me/Rafiiqul_Islaam
1ffaa- Maq-dhaalli “du’a isaatiin dura.” Jedhu keessa jiru, nama Kiristaana ykn Yahuudaa ta’e agarsiisa. Kanaafuu, hiikni isaa kana ta’a: Nama Kiristaanaa ykn yahuudaatti duuti yommuu dhuftu, Iisaan (Iyyasuus) gabrichaa fi Ergamaa Rabbii akka ta’e ni amana. Gooftaa ykn ilma gooftaa akka hin taane yeroo du’aa ni hubata. Garuu kuni homaa isa hin fayyadu, ibidda irraa isa hin baraaru. Kuni kan agarsiisu Kiristaanotaa fi Yahuudota akeekachisuu fi haaluma amma irra jiraniin akka itti hin fufneefi. Waa’ee Iisaa ilaalchisee soba irra jiran yoo itti fufan yeroo du’aa ni gaabbu. Guyyaa Qiyaamaa immoo san caalaa gaabbu.
2ffaa- Maq-dhaalli “du’a isaatiin dura” jedhu keessa jiru "Iisaa" agarsiisa. Hiikni isaa kana ta’a: Abbooti kitaabaa irraa eenyullee hin jiru du’a İisaatiin dura kan amanu yoo ta’e malee. Kunis kan ta’u Qiyaamaan yommuu dhiyaattudha. İisaan yommuu gara dachii bu’u booyye ni ajjeesa, Masqala ni caccabsa, Islaama malee amanti biraa hin qeebalu. Kanaafuu, yeroo kanatti Yahuuda fi Kiristaanonni Iisaan gabrichaa fi Ergamaa Rabbii akka ta’e ni amanu.
“Guyyaa Qiyaamaas isaan irratti ragaa ta’a.” Hayyuun Qataadah jedhamu kana ilaalchisee ni jedha: “Rabbiin irraa ergaa akka isaanitti geessee fi gabricha Rabbii akka ta’e isaan irratti ragaa baha.” “Ani Gooftaadha ykn ilma gooftaati na waaqefadhaa” isaaniin kan hin jenne ta’uu ni labsa. Ragaan Iisaan (Iyyasuus) bahuu haala kanaan dhuma suuratu Maa’ida keessatti dhufee jira: “Yeroo Rabbiin “Yaa Iisaa ilma Mariyam! Sila situ namootaan ‘Anaa fi haadha tiyya Rabbii gaditti gabbaramaa (gooftaa waaqefatamu) lama taasifadhaa’ jedhee?” jedhu [yaadadhu]. Innis ni jedha, “Ati Qulqulloofte! Ani waan haqa naaf hin taanee jechuun naaf hin ta’u. Yoo ani san kan jedhu ta’e dhugumatti Ati beektee jirta. Wanta lubbuu kiyya keessa jiru ni beekta, ani waan nafsii Kee keessa jiru hin beeku. Dhugumatti Ati sirritti beekaa waan fagoo fi hin mul’anneeti. Waan Ati itti na ajajje, “Rabbii Gooftaa kiyyaa fi Gooftaa keessan ta’e gabbaraa” jechuu malee waan biraa isaaniin hin jenne. Hangan isaan keessa turetti isaan irratti ragaan ture. Erga ol na fuutee booda, Ati isaan irratti Tiiksaa turte. Ati waan hundaa irratti ragaadha. Yoo isaan adabde (azzabde), gabrootuma keeti. Yoo isaaniif araaramtes, Ati Simatu Injifataa Ogeessa.” (Suuratu Al-Maa’ida 5:116-118)
Kuni ragaa Guyyaa Qiyaamaa Iisaan (Iyyasuus) (nageenyi isarratti haa jiraatu) bahuudha. Dubbiin erga akkana ta’ee, Eenyutu yeroo jalqabaatif "Iisaan (Iyyasuus) ilma waaqayyooti (gooftaati)" jedhe ree? Qabxii itti aanu irratti ilaalla.
https://t.me/Rafiiqul_Islaam
https://t.me/Dhugaa_Dhokatee