Dr. Zaakir Naayik fi Dr. Yaasir Qaadii turtii yeroo dheeraa booda wal argan.
#Nuuralhudaa
Daa’iin beekkamaan Islaamaa fi Lammii Ameerikaa Dr. Yaasir Qaadii Hayyuu Islaamaa Dr. Zaakir Naayik wajji wal arkuu isaa fuula Facebook isaarratti ibse. Dr. Zaakir Naayik Fayyaa guutuu qabaatuu isaatii fi fuulduratti waan guddaa hojjachuuf karoorfatuu isaatis himeera. Hayyuun Islaamaa Guddichi Dr. Zaakir Naayik Waan karoorfate himuus baatu, ummanni Muslimaa du’aa’ii akka godhuuf gaafate. Gama biraatiin Mootummaan Shoorarkeessaan Indiyaa kan Moodiin durfamu himannaa dharaa Dr. Zaakir Naayik irratti banuun isaa ni yaadatama. Himannaa kanaanis qabeenyi Dr. Zaakir kan Indiyaa keessa jiru guutumaan guututti uggaramee innis gara biyyaa akka hin deebine dhoorkameera. Haa ta’u malee mootummaan Indiyaa, ergamtoota isaa gara Dr. Zaakir erguun, “tarkaanfii Mootummaan Indiyaa ummata Muslimaa Kaashmiir irratti fudhataa jiru yoo deeggarte, qabeenyi hundi siif deebifamee, himannaanis sirraa haqama” jedheenii ture. Mootummaan Indiyaa akkana jechuun isaa durumayyuu himannaan himannaa siyaasaa malee himannaa dhugaa akka hin taane mul’isa jedhe Dr. Yaasir Qaadii. Xumura irrattis yaada mootummaan Indiyaa dhiheesse cufa Dr. Zaakir Naayik diduu isaa Dr. Yaasir Qaadii dhaamsa arra Facebook irratti maxxanseen ibseera.
Rabbin guddaan hayyuu islaamaa guddicha bakkuma jirutti shira adawwii jalaa isa haa tiysu!
#Dr_Zakir_Naik
#Dr_Yasir_Qadi
@Kennaapost