Biiroo BLTO Oromiyaa (Oromia TVET Bureau)


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


Barnootaafi Leenjii Qulqullinaafi Gahumsa Qabu Kennuun Badhaadhina Maatii Ni Mirkaneessina!

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций




Duula torbee TEI marsaa 2ffaa kolleejii poolii teeknika carcar bifa ho'aa ta'een gaggeefamuu eegaleera




Guraandhala 29/2013
Leenjiin "Solid work design" Leenjistootaaf Kennamaa Jira.
Biiroon BLTO Oromiyaa Abbaa Taayitaa Saayinsii, Teekinooloojii, Quunnamtiifi Odeeffannoo Oromiyaa waliin ta'uun "solid work design" irratti leenjistoota kolleejjota BLTO'tiif leenjii leenjistummaa (TOT) kennaa jira.
Hogganaan Biiroo BLTO Oromiyaa obbo Eebbaa Garbaa leenjichi leenjistootni teekinooloojiiwwan haaraa fayyadamuun humna namaa gabaan hojii barbaadu baay'inaafi qulqullinaan akka leenjisan taasisuuf gahumsaafi dandeettii isaanii cimsuurratti bu'uureffachuun kan kennamu ta'uu ibsaniiru. Kanamalees, interpiraayizoota industiriif bu'uura ta'an gahumsaan leenjisuun oomisha industirii biyya keenyaa ammayyeessuun misooma industirii milkeessuurratti kan xiyyeeffate ta'uu eeruun, hirmaattotni leenjichaa hubannoofi beekumsa leenjirraa gonfatan leenjistoota kilaastara isaanii jala jiraniif dabarsuuf bifuma kanaan gadi bu'anii leenjisuu akka qaban kallattii kaa'aniiru. Leenjichis guyyoota 12'f kan kennamu ta'a.










Репост из: Teferi Wachale
Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram


Репост из: Teferi Wachale


Репост из: Federal TVET Agency
#የተራዘመ_የመመዝገቢያ_ጊዜ_ስለማሳወቅ
በኢትዮጵያ ከቴክኒካል ዩንቨርሲቲ ከሲ ወደ ቢ ደረጃ በ2013 ዓ/ም የመግቢያ ፈተና ወስዳችሁ በዋናው ግቢ እና ሳተላይት ካምፓስ የምትገቡ የመግቢያ ፈተና ወስዳችሁ ያለፋችሁ አሰላጣኞች የመግቢያ ጊዜ #መጋቢት 2 እና 3 የነበረ መሆኑ ይታወቃል፡፡
ነገር ግን የመግቢያ ፈተና ውጤት ለክልሎች እና ኮሌጆች ባለመድረሱ የመግቢያው ቀን ወደ #መጋቢት 16 እና 17/ 2013 ዓ/ም የተዛወረ መሆኑን አውቃችሁ አስፈላጊውን ሁሉ አሟልታችሁ እንንድትመዘገቡ እንገልፃለን፡፡
በ2012 ዓ/ም በትምህርት ላይ የነበራችሁ ውጤት ባለመሙላቱ ምክንያት ትምህርት ያቋረጣችሁ መመዝገቢያ ጊዜ መጋቢት በ18 እና 19/2013 ዓ/ም መሆኑን እናሳውቃለን፡፡//@FTA










Biirichi Duubdeebii Gabaasa Supparviizyinii Ejensiin BLTO Federaalaa gaggeesserratti marii'ate.

Ejensiin BLTO Federaalaa Kolleejjii Poolii Teeknika Walisoofi Kolleejjii BLTO Galaan irratti supparviizyinii gaggeessaa tureen ciminootaafi hanqinaalee adda bahanirratti Biiroo BLTO Oromiyaa waliin marii'ataa jira.

Kaayyoon supparviizyinichaa dhaabbileen leenjii tatamsa'ina vaayirasii koronaa to'achuun hojiiwwan barnootaafi leenjii bara 2013 milkeessuuf sochiiwwan taasisaa jiran irratti deeggarsaafi hordoffii taasisuun muuxannoowwan gaggaarii mul'atan akka babal'atan taasisurratti kan xiyyyeeffate ta'uu Ejensii BLTO Federaalaatti ogeettiin Daarektoreetii Misooma Hoggantootaafi Ijaarsa Dandeettii Dhaabbilee Leenjii aadde Almaaz Asaffaa ibsaniiru.

Supparviizyinii gaggeeffameen hojiiwwan Barnootaafi Leenjii bara kanaa milkeessuuf karoora waliinii qopheeffachuun hojiitti galuun, hirmaannaa hawaasaa cimsuun hojiiwwan bal'aan hojjetamuu, hojmaata kaayizaniifi "Green TVET" milkeessuu....


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
Guraandhala 20/2013
Godina Shawaa Bahaatti Dhaabbatni BLTO Aanaa Ada'aa Hojii Industirii Godoo cimsuun badhaadhina maatii milkeessuuf ogeeyyii ogummaa hojii suphee dhahuu qabaniif leenjii kenne.
t.me/OromiaTVETBureau


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
Kolleejjiin Poolii Teeknika Amboo Leenjifamtoota Digrii Jalqabaafi Gulantaa garaa garaan leenjisaa ture 245 eebbise.
t.me/OromiaTVETBureau


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
Guraandhala 20/2013
Kolleejjiin Poolii Teeknika Adaamaa Leenjifamtoota Digrii Jalqabaafi Gulantaan leenjisaa ture 485 eebbise.
t.me/OromiaTVETBureau


Репост из: Kakuu Kakuu

Показано 20 последних публикаций.

1 260

подписчиков
Статистика канала