Guraandhala 29/2013
Leenjiin "Solid work design" Leenjistootaaf Kennamaa Jira.
Biiroon BLTO Oromiyaa Abbaa Taayitaa Saayinsii, Teekinooloojii, Quunnamtiifi Odeeffannoo Oromiyaa waliin ta'uun "solid work design" irratti leenjistoota kolleejjota BLTO'tiif leenjii leenjistummaa (TOT) kennaa jira.
Hogganaan Biiroo BLTO Oromiyaa obbo Eebbaa Garbaa leenjichi leenjistootni teekinooloojiiwwan haaraa fayyadamuun humna namaa gabaan hojii barbaadu baay'inaafi qulqullinaan akka leenjisan taasisuuf gahumsaafi dandeettii isaanii cimsuurratti bu'uureffachuun kan kennamu ta'uu ibsaniiru. Kanamalees, interpiraayizoota industiriif bu'uura ta'an gahumsaan leenjisuun oomisha industirii biyya keenyaa ammayyeessuun misooma industirii milkeessuurratti kan xiyyeeffate ta'uu eeruun, hirmaattotni leenjichaa hubannoofi beekumsa leenjirraa gonfatan leenjistoota kilaastara isaanii jala jiraniif dabarsuuf bifuma kanaan gadi bu'anii leenjisuu akka qaban kallattii kaa'aniiru. Leenjichis guyyoota 12'f kan kennamu ta'a.