QAROO-MAGAZINE


Гео и язык канала: Сомали, Сомалийский
Категория: Другое


🌟 Qaroo'n argartuudha.
🌏Maddeen Odeeffannoo dhugaa fi amaanamoo ta'an karaa telegram Afaan Oromoon tin argachuuf kunooti channel kenyaa #join gochuun hordofaa.
Website➡️ http://WWW.QAROO.ORG
📩 Inbox @QarooMagznBot

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Сомали, Сомалийский
Категория
Другое
Статистика
Фильтр публикаций


Meet your dream friend ✨
@SweetFriend_Bot


Qabxiin seensa sagantaa fooyyessa dandeettii barattoota bara barnootaa 2016 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatanii ifoomeera.

Haaluma kanaan:-

1.Barattoota dhiiraa Saayinsii Uumamaa fi Haawaasummaan qormaata 600 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 204,

2.Barattoota Shamarranii Saayinsii Uumamaa fi Hawaasummaan qormaata 600 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 192,

3.Barattoota dhiiraa naannolee guddattootaa fi naannawaa Horsiisee bulaarraa Saayinsii Uumamaa fi Hawaasummaan qormaata 600 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 192,

4.Barattoota Shamarranii naannolee guddattootaa fi naannawaa Horsiisee bulaarraa Saayinsii Uumamaa fi Hawaasummaan qormaata 600 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 186,

5.Barattoota dhiiraa qaroo dhabeeyyii Saayinsii Hawaasummaan qormaata 500 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 160,

6.Barattoota Shamarranii qaroo dhabeeyyii Saayinsii Hawaasummaan qormaata 500 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 155,

7.Barattoota dhiiraa sagantaa qophaa’inaa Saayinsii Uumamaan qormaata 700 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 238,

8.Barattoota Shamarranii sagantaa qophaa’inaa Saayinsii Uumamaan qormaata 700 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 224 ta’uu ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni mul’isa. Via FBC

@QarooMagazine


Qabxiin seensa sagantaa fooyyessa dandeettii bara 2017 ifoome


#Waamicha
#Yuunivarsitii_Booranaa

Guyyaan galmee

Fulbaana 25 fi 26/2017

Barattoota haaraafi Rimidiyaala dabartan Fulbaana 23 fi 24/2017

@QarooMagazine


Oromiyaatti adeemsi baruu fi barsiisuu bara 2017 boru eegala - BBO

Naannaaoo Oromiyaatti adeemsii baruu fi barsiisuu bara barnootaa 2017 guyyaa boruu Kibxata, Fulbaana 7, 2017 kan eegalu ta’uu Biiroon Barnootaa beeksiseera.

Manneen Barnootaa kuma 37, 941 ol keessatti Barsiisota kuma 300 oliin barattoota miliiyoona 12 ol simachuun barsiisuuf qophii ta'uu ibsameera.

@QarooMagazine


Barnoonni boru eegala!

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti barnoonni idilee bara barnootaa 2017 guyyaa boruu Wiixata Fulbaana 6, 2017 akka eegalu biiroon barnoota magaalicha beeksiseera.

@QarooMagazine


Barattoota miiliyoona 10’f Tajaajilli nyaataa ni kennama!

Naannoo Oromiyaatti Bara barnoota 2017tti barattoota miiliyoona 10 ta’aniif tajaajilli nyaataa kan kennamu ta’uu Biiroon Barnoota naannichaa Beeksise.

Bara baajatichaatti manneen barnootaa kuma 20 keessatti barattoonni idileen duraa fi sadarkaa1ffaa miiliyoonni 10.1 fayyadamoo tajaajila nyaataa akka ta’an Hoogganaa Itti Aanaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Girmaa Bayyisaan ibsaniiru.

Manneen barnootaa keessatti bakkeewwan baruuf barsiisuuf hin olleetti hojiillen misooma qonnaa kan hojjetaman ta’uu kaasaniiru.

Bara 2016 barattoonni miiliyoona 6.8 fayyadamoo tajaajila nyaataa ta’uu ibseera. #TOI

@QarooMagazine


#Mawulida: Guyyaan dhaloota Nabi Muhaammad (s.a.w) waggaa 1499ffaa guyyaa boruu #Mawulida akka kabajamu Manni Murtii Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Itoophiyaa beeksise.

@QarooMagazine


Himanni irratti banamee jira!

Namoota 6 "nageenya Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa balaaf saaxiluuf socho'an" jedhaman irratti dhaddacha dabaree mana murtii Federaalaa Olaana Lidataatti himannaan banameera.

Himannaan Ministeera Haqaa dhimmoota gurmaa'anii fi daangaa ce'anii maal jedha?

- Yakka xiyyaara dogoggoraan qabachuu,
- Yakka hojjataan mootummaa tokko hojii isaa akka hin raawwanneef mormuu fi ajajamuu diduu jedhuun himatamaniiru.

Dabalataan himatamaa 1ffaa Joohaannis Daani'eel qofa irratti "Yakka maqaa daandii xiyyaaraa balleessuuf Viidiyoo sochii karaa sirna kompiitaraan raabseera" jechuun himatameera.

Himatamtoonni himannaan iratti baname:
- Yohaannis Daani'eel
- Amaanu'eel Mawuchaa,
- Naataanaa'eel Wandosan,
- Eliyaas Dirribaa,
- Yididiyaa Natsannat fi Illeenii Kinfaati.

@QarooMagazine


#Irreecha

Dirree Araaraa, Galataafi Ulfinaa!

Irreechi dirree araaraa, galataa, nagaafi ulfinaa yoo ta'u, faajjii tokkummaafi obbolummaa dagaagsudha.

Irreechi tokkummaa Oromoo cimsuu cinaatti, tokkummaa sabaafi saba-lammoota waliin qabnu cimsuu keessaatti shoora olaanaa qaba.

Kanaaf faajjii tokkummaafi obbolummaa kan ta'e miidhaksuun hawwattummaa isaa daraan dabaluun ga'ee keenya waan ta'eef Irreechaa bara kanaa kan baroota darbanii caala miidhaksuun karaa aadaafi duudhaa isaa eeggateen akka kabajamu gochuuf gama hundaan qooda keenya ba'uu qabna jedhameera.

(Komunikeeshinii oromiyaa)

@QarooMagazine


Karaan ittiin bu'aa qormaata kutaa 12ffaa ilaalan ifoomeera

1. Poortaala: https://result.eaes.et
2. Bot Telegiraamii:- https://t.me/EAESbot
3. Ergaa gabaabaa (SMS) 6284 irratti 'R' dursuun registration number galchuudhaan. Filannoon kun kaffaltii ni qabaata.

@QarooMagazine

7.7k 0 33 14 20

Karaan ittiin bu'aa qormaata kutaa 12ffaa ilaalan ifoomeera

Bara barnootaa 2016 bu’aa Xumura mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Itiyoophiyaa (kutaa 12) ilaaluuf hidhi ifoomeera.

Barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara barnootaa 2016 bu’aa isaanii karaa filannoowwan armaan gadiititiin sa’aatii 6:00 irraa eegalee ilaaluu ni danda’u.

Haaluma kanaan

1. Poortaala: https://result.eaes.et
2. Bot Telegiraamii:- https://t.me/EAESbot
3. Ergaa gabaabaa (SMS) 6284 irratti 'R' dursuun registration number galchuudhaan. Filannoon kun kaffaltii ni qabaata.

@QarooMagazine


#Dabalata

Ministeera Barnootaa, "Bara Naannoleen hundu barattoota bara duraa dabarsan caala dabarsanii jiru" jedhan.

"Dhibbeentaa fi lakkoofsa qabatamaatiin kan bara duraa ni caala" jedhameera.

Lakkoofsi qabatamaan gadi aanaa ta'e naannoo Amaaraati jedhan.

Naannichatti sababa nageenyaan lakkoofsi barattoota qoratamanii walakkaa gadi waan ta'eef jedhame.

Haa ta'u malee, barattoonni dhibbeentaa 6.65 qormaata kana darbaniiru.

Bara duraa irraa bara kana dhibbeentaa 4.1 Caalee argameera.

@QarooMagazine


Remediyaalii (barnoonni sirreeffamaa) bara kanas ni jiraata.

"Bara darbe kenninee jirra. Bara kanas hamma barataa xiqqeessunn barnoonni sirreeffama ni keennama. Sagantaan sirreeffamaa suuta suutaan hir'ata dhufa" jedhan Prof. Birhaanu Naggaa.

@QarooMagazine


#kutaa_12ffaa

Ministeerri Barnootaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa ilaalchisee miidiyaaf ibsa kenneera. Ibsa kanaanis qabxiiwwan armaan gadii kaafameera:

📌 Bu’aan qormaata kutaa 12ffaa guyyaa har’aa halkan sa’a 6tti gadhiifama.

📌 Galmee bara kana irratti fooyya’iinsi taassifameera. Bara darbe barattoota galmaa’an keessaa barattoonni 1,246 qormaati isaanii jalaa kan haqame yommuu ta’u, bara kana fooyya’iinsa kanaan barattoota 365 qofatu qormaati isaanii jalaa haqame.

📌 Bara kana qormaata walmakaatu kenname, barattoonni oonlaayiniifi waraqaa irratti qoramaniiru. Walii gala, barattoonni oonlaayin qoraman lakkoofsaan 29,736 dha, isaan keessaas dhibbeentaa 26.6 tu darbe

📌 Oonlaayin qoruun waraqaa irratti qoruu akka caalu hubatame, sababa kanaan qormaata oonlaayin haala fooyya’aan qoruu irratti ni hojjetama.

📌 Barattoonni 313 sababa seera qormaataa diiganiif qormaati isaanii jalaa haqameera.

📌 Qabxii guddaan bara kanaa shamarraniin galmaa’e. Saayinsii Uumamaa irraa qabxii 575/600 mana barnootaa Kaateediraal irraa, Saayinsii Hawaasaa irraa qabxii 538/600 mana barnootaa Itiyoo Paarent irraa galmaa’eera.

📌 Tigraayitti qormaanni bara kana 700 keessaa kan qorame yommuu ta’u, qabxii guddaan 675/700 galmaa’eera. Naannoolee biroo irraa shamarraniin qabxii guddaa galmeessaniiru.

📌 Bara kana manni barnootaa 1,363 barataa tokkollee hin dabarsine.

@QarooMagazine


Daballiin miindaa jedhame Fulbaana tokko irraa eegalee hojii irra akka oolu beekamee jira.

Odeeffennoo beeksisa wayitawaa
guyyaa guyyan bahu argachuuf

@QarooMagazine


ODUU AMMEE
Hogganoonnii fi Qondaalonni ABO waggootaaf hidhaa turan hiikaman. 

Hogganoonni ABO Abdii Raggaasaa, Mika’el Booran, Kennasaa Ayyaanaa, Lammii Beenyaa, Dr Gadaa Oljirraa, Gadaa Gabisaa fi Dawit Abdataa guyyaa har’aa (Fulbaana 05.2024) mana hidhaa buufata Poolisii Burraayyuu irraa mirga wabiidhaan gad lakkiiffamuu Addichi beeksiseera.

Ummatni Oromoo waliigalaa fi wahiillan Qabsoo Bilisummaa Oromoo marti haala rakkisaa keessatti Jaallan qabsaawota kanaaf sagalee ta'uu keessaniif ABOn isin galateeffata jedhan Dubbi Himaan Yeroo ABO Lammii Gammachuu.

Mootummaan Itoophiyaas Jaallan kana akkuma  gadhiise Miseensotaafi deggartoota ABO mana hidhaa Oromiyaa adda addaa keessa jiran hunda gad lakkisuun  Wajjiroota ABOs banee akka dhaabni keenya gutummaattii socho’uuf karaa akka banu abdanna jedhan. Via OMN

@QarooMagazine


#Gondar

Sigiga lafaa muudateen lubbuun namoota 23 darbeera.

Naannoo Amaaraa, Godina Gondar Kaabaa aanaalee 3 keessatti sigiga lafaa guyyaa lama dura muudateen hanga ammaatti lubbuun namoota 23 darbeera.

Lakkoofsi namoota miidhaan irra gahee 8 gaheera.

Walumaagalatti lakkoofsi namoota qe'ee isaa irraa buqqa'ee kuma 2 fi 700 ol ta'eera.

Balaan kun kan mudate gandoota baadiyyaa 11 godina kanaa aanaalee Xaalamit, Jaanamoora, Adi-Arqayinaa fi Yadda keessattidha.

(Komunikeeshinii Gondar Kaabaa)

@QarooMagazine


Namootni qajeelfamaa fi hojmaata aviyeeshinii cabsan 6 har'a mana murtiitti dhiyaataniiru.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddacha ramaddii guyyaa har'aa tureen guyyoota dabalataa 14 Poolisiin Federaalaa Yohannis Daani'eel fa'a irratti gaafate bitaafi mirga dhaggeeffatun murtii kennuuf guyyaa boruu Hagayyaa 21, 2016 beellamee jira.

Shakkamtoonni kunneen karaa abukaatoo isaaniitiin mirga wabii gaafataniiru.

@QarooMagazine


#Naannoo_Kibba_Itoophiyaa

Ayyaanni hundeeffama naannoo Kibba Itiyoophiyaa waggaa 1ffaan qophiiwwan addaddaatiin magaalaa Walaayittaa Sooddootti kabajamaa jira.

Ayyaanni kun agarsiisa suuraa fi marii paanaaliitiin Magaalaa Walaayittaa Sooddootti kabajamaa jira.

Bulchaan bulchiinsa naannichaa obbo Xilahuun Kabbadaa fi hooggantoonni olaanoo naannichaa agarsiisaa suuraa kana bananiiru.

Naannoon Kibba Itiyoophiyaa Hagayya 15 bara 2015 ifatti kan hundeeffame yoo ta’u kilaastara jaahaan caaseffamuunsaa niyaadatama.

@QarooMagazine

Показано 20 последних публикаций.