Ajandaan midiyaa Keelloo fi OMNniin walqabatee yeroo gargaraatti ka'uu fokkisaa fi waan baayyee nama qaaneessudha. OMN taankii ummannii Oromoo, Impaayera itoophiyaa Wayyaanneedhan tikfamaa ture ittiin lafaan dhayeedha. Baroota 7 oliif Oromoo qofa osoo hin taane saba fi sablammoota biyyatti warra sagalee dhabaniif sagalee taheera. OMN midiyaa laphee ummaata Oromoo keessatti mana feerroodhaan ijaarrate midiyaa dhaloota qubeeti.
Garuu midiyaa Ummanni Oromoo bal'aan kiyya jedhe laphee dhiibee ittiin boonu kana gurmuun tahee fudhatee gandatti lixuu barbaada. Abadan hin tahu sun! OMN jabaatus nu hunda boonsa, laafu ammoo nu hunda miidha. Oromoon kaleessa midiyaa mataasaa dhabuun cabee, seenaan isaa jalaa hatame. Har’a ammoo midiyaaleen Afaan Oromoo dubbatan hedduun dhalachaa jiru. Baayyee Gaariidha. Midiyaaleen kunneen hundi kallattii itti amaneen waan Oromoo dubbataa jira. Rakkoon keenya guddaan kanan ani jedhe malee hin maaliif dubbatuudha.
Keelloon, Midiyaa reefuu dhalate qabsoo ummaata Oromoo jabeessee utubaa jiruudha. Jabeeffamu qaba. Keelloon dogoggoruu danda'a, gorfamee sirreeffamu qaba malee itti duullamuun fafa. Bulchiinsi Keelloo dadhabina qabaachuu danda'a akka foyyeesaan itti himamuutu qajeeladha. OMNnis ergamaa rabbii miti osoo hin dogoggoriin har’a hin geenye. Ciminni OMN ammoo gonkuma dadhabinaa fi dogoggora Keelloottin osoo hin taane hojii isaan qofaan safarama. Kanaafuu warri ofittummaan machooftan tasgabbaa’aa. Dhugaa jiru kanuma hadhaawus liqimsaa.
Orumoon gurmuun moo'a !
injifannoon kan keenna!
👇👇👇
@dhoombirii