Waamicha Mormii fi Qoqqobbii Diinagdee Sirna Nafxanyaa Abiy Ahmad Irratti Gaggeeffamu
=======================
Seensa
Motummaan Abiy Ahmed lola gochaa fi jechaan mul’atu saba Oromoo irratti baneera. Oromoo ajjeesuun, hidhuun, dararuun, hiraarsuun, itti fufee jira. Haacaaluu ajeessudhaan agartuu keenya balleesseera. Hogganoota keenya hidhuu dhan, Oromoo saba hogganoota hin qabne godhuf tattafachaa jira. Jaarmiyalee siyaasaa Oromoota reebuu dhan, wajira isaani irraa saamuu dhan, akka Oromoon jaarmiyaa jabaa hin ijaarranne, kan ijaarrates akka hin jabeeffanne godheera.
Midiyaa uummata Oromoo bal’aa kan ta’e OMN cuffuu dhaan sagalee Oromoo ugguruu baldhi naan itti fufeera. Midiyaalee Oromoo addaa addaa saatalaytiirraa buussu dhaan, kan immoo Intarneetii cufuu dhan laamsheessuuf dhabamsiisufi dhaddachaa jira.
Midiyaalee motummaa adda addaa fi midiyaalee nafxanyootaa motummaa dhan deeggaramanin fayyadamee, uummata keenya sobaan maqaa xureessaa, olola yakkaa irrati ofaa, gama proppagaandaa siyaasaatin maqaa fi kabaja saba keenyaa balleessutti xiyyeeffatee dalagaa jira.
Gaazexessitottaa fi aktivistota Oromoo hedduu badii tokko malee mana hidhaatti darbatee sagalee nu dhabamsiisuf tattaaffii guddaa godhaa jira. Aktivistoonni fi beektoonni Oromoo biyya alaa jiran rakkina uummatni keenya itti jiru akka addunyaatti hin ibsine jecha midiyaa hawaasaa kan akka Facebook fayyadaman irraa cufsisuf duula guddaa geggeessaat jira. Walumaa glattit, motummaan nafxanyaa Abiy Ahmed lola isa dhumaa Oromiyaa irratti baneera. Qeerroon mormii isaa itti fufa. Kaayyoon moormii marsaa ammaa, sirna nafxanyaa Abiy Ahmadiin ijaarramee lafa qabachuuf totoora’aa jiru diiggamee Oromiyaan walaboomte akka ijaaramtuuf haala mijeessuudha. Dabalataanis motummaan Abiy Ahmed humna horatee uummata keenya irratti tarkaanfii akka inni hin fudhanne laamshessuudha.
Kaayyoon keenya kan yeroo gabaabaa mootummaan Naftxanyaa aangoo irra jiru hooggantoota siyaasaa Oromoo hidhee jiru akka hiikuuf harka micciiruu dha. Bifuma kanaanis kallattiiwan qabsoo armaan gadii Qeerroo guutuu Oromiyaa irraa kennamee jira.
Uummatni Oromoo torbee darbe waamicha gabaa lagannaa waliif taasisee guyyaa shaniif walitti aansee adeemsisuudhaan injifannoowwan gurguddaa akka gonfate ni yaadatama. Mormii marsaa ammaa kana keessatti ammoo akka armaan gadiitti itti fufa.
Waamicha uggura Geejjibaa Guutummaa Oromiyaa
Wiixata, Adoolessa 20, 2012 [Wiixata, Adoolessa 27, 2020] irraa eegalee sochiin geejjibaa kamillee Oromiyaa keessa hinjiraatu. Daandiiwwan magaalota Oromiyaa wal agarsiisan marti guyyaa kana irraa kaasee cufaa ta’u. Haaluma Kanaan, daandiiwwan gurguddoo (highways) gara Magaalaa Finfinnee geessan dabalatee geejjibni marti akka dhaabbatu waamicha dhiyeessina. Uggurrii kun Wiixata 27 irraa egalee hojii irraa oola. Cufiinsa daandiiwwanii kana keessa Ambulaansii irraa kan hafe sochiin geejjibaa Oromiyaa keessa deemuu fi ba’u marti ni dhaabbata. Sochiin uggura geejjibaa marsaa kanaa daandiiwwan magaalota walquunnamsiisan qofa irratti kan xiyyeeffatu waan ta’eef sochiin taaksii keessoo magaalotaa fi daldalli garagaraa magaalota keessatti adeemsifamu kan itti fufan ta’a. Hariiroon magaalotaa garuu addaan cita. Waamichu uggura geejjibaa guutummaa Oromiyaa kun hamma hamma Qeerroon ibsa baase akka dhaabbatuuf ifatti waamicha dhiyeessutti kan itti fufu ta’a.
Tarkaanfiilee Jalbultii Eegalan
1) Diinagdee Mootummaa kanaa lamsheesuuf, tooftaan jiru madda maallaqaa inni qabu googsuu ta’uu qaba. Kanaaf, uummatni keenya kallattiidhaan ta'e al-kallattiidhaan baankiiwwanii fi Inshuraansii mootummaa nafxanyaa kana deeggaran akka itti hin fayyadmne, akkasumas Baankii haaraa amma sheerin isaa gurguramaa jiru akka hin bitne waamicha dhiyeessina.
2) Mootumaan naftaxanyaa yakka adda addaa ummata keenya irratti rawwataa kan jiru maallaquma ummatumata irraa guruu fayyadamee akka ta’e ni beekama. Humna maallaqaa kana irraa cabsuuf jecha u ummanni keenya Mootummaaf Gibira akka hin kafalle.