Ferhan Abdulselam


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана



Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


Ambo keessatti namoota 34 sjjeefaman keessaa maqaan namoota 12 kunooti.https://scontent-prg1-1.xx.fbcdn.net/v/t1.0-9/s720x720/116704239_10220984566998187_6827552955115373532_n.jpg?_nc_cat=102&_nc_sid=8024bb&_nc_ohc=x3JTPbV0mAwAX8o6JCk&_nc_ht=scontent-prg1-1.xx&_nc_tp=7&oh=8b801b7168cf115022dbdeba4b939ac2&oe=5F4A9AED


Adaduma qabsoon jabaattuun dubbiin Facebook tunis nutti jabaachuu malti mee dafaa Telegram kana subscribe godhaa! Odeeffannoon addaan cituu hin qabu.


Dejene Gutema akka hidhamu hidhaan irratti ajajamee ture. Garuu jalaa miliqee amma nutti dabalamee jira. Hanga borutti hojiitti ni deebi’a jedheen abdii qaba. Waan biyyatti ta’e sanis ni odeeffanna. Gaazexeessaa qabsoof jireenya dhuunfaa dhiisee biyyatti galee OMN hogganaa ture. Gulaalaa olaanaa kenya. Baga nafxanyaa jalaa baate.


“Jibriil Amaan jedhama itti Aanaa itti gaafatamaa waajjira KFO godina shawaa bahaati badii tokko malee erga hidhanii ji'a tokko guuteera,himanni irratti banames hin jiru kanaaf qilleensarra nuuf oolchi.”https://scontent-prg1-1.xx.fbcdn.net/v/t1.0-0/s130x130/116433636_10220984012504325_7403368191914900786_n.jpg?_nc_cat=102&_nc_sid=110474&_nc_ohc=jhXBEIea4qsAX-5crhn&_nc_oc=AQldTFB0zCX683_6RBTy6bXuOXLzaBrxsTk8RyhJ0ViDQa8pCTBo6Lay-9vd7oM1Hoo&_nc_ht=scontent-prg1-1.xx&_nc_tp=7&oh=a621d1183dba3a436252a4898fd12ea8&oe=5F4B970D


“farahaan karaa harargee kanatti yaroo lagannaa baadiyya keeysaa yaa'aniti oyruudha jimaa nibitan waantaheef.kanarratis osoo nuuf hubachiiftenii”


“Godinni Arsii Lixaa guutuun guutuutti humna woraanaa jala jiraatuyyuu lagannaa geejjibaa fi daandii cufuutiif qeerroon qophii isaa xumuree jira.Konkolaataan tokko isaa Finfinnee fi naannoo Kibbaa irraa dhufee gara Baalee akka hin dabarre yookiin magaalaa tokko irraa gara magaalaa birootti akka hin dabarre dhoorkuuf Qeerroon Baatuu, Bulbulaa, Nageellee Arsii, Kuyyara, Shaashamannee, Kofalee, Waabee, Eddoo, Dodola, Hasaasa fi Adaabbaa qophii isaanii xumuranii jiru.Akkasumas, karaa Kibbaa fi kibba bahaatiin qeerroon Kokkossaa fi Nansaboo Konkolaataan tokko isaa Naannoo Sidaamaa irraa dhufee akka waan tokko hin feene yookiin karaa hin dabarre godhuuf qophii xumuranii jiru.”




“Godina Baalee Magaalaa Diinshoo irraayi. Magaalaa Diinshoo keessatti qaamonni mootummaa sababbii yeroo darbe obbo Jawaar Muhammad simattan jedhuun hawaasa hidhaa fi tumaadhaan dararaa jiran, akkasumas OMN hordoftan jechuun manarra deemanii ummata nagahaa doorsisaa jiru”


Walaloo mana hidhaarraa ergamte keessaa
=====================

Yakka tokko hin qabnu
Oromummaaf hidhamnee
Warra nama ajjeesuun
Ajjeestota jedhamnee
Warra shiraan guddatan
Garagalchoo yakkamnee
Yaa rabbi dhugaa hin gatin
Situ homaa hin dadhabnee

Oromoo situ uumee
Oromummaan ulfinaa
Wanta ittiin nu uumte
Akkamiin mulqinaa?
Gaafa Oromummaan salphatu
Heerri uumaa cabu
Gaafa nagaan ba’ee
Du’ee awaalcha dhabu
Gaafa dhugaa dubbateef
Barbaadamee hidhamu
Gaafa sabaaf dhaabbannaan
Shororkeessaa jedhamu




Ergaan kunis hidhamtoota Oromoo Team Culullee 36 (soddomii jahan) mana hidhaa irraa kan dhufte yoo ta’u, IID Mubaarak isiniin jedhu.


Qabsaa’onni mana hidhaa jiran Jawar fi Baqqalaa dabalatee ergaa IID MUBAARAK jettu erganii jiru. IID MUBAARAK isiniin jedhan. Ergaa isaanii dhuma irratti Team Culullee mana hidhaa irraa jedhanii barreessan. Guutuu isaa OMN irratti isinii dhiheessina.


“Godinaa Horroo Gudduruu Wallagaa Magaalaa shambuu irratii isiiniif baresaa jirra. Akkumaa bekamuu yeroo ammaa kanaa odduu sobaa umataa barsisuuf walgahii fi wajjiraa tokko tokko kessatii waantotaa dhabotaa oromoo falesaan barsisuratii argamuu. Akkasumaas kantibaan magalittis Qerroo tokkoo tokko egdotaa godhatee ittii fayyadamaa jiraa waluumaa galatii bay'ee yadessadhaa.”


“Godina arsii aanaa shiirkaa maagala gaadoo gunaa irra hali kessa jiruu Baye yaadessaadha manguddotafi Abboti gadaa hidhatti gura jiran”


“JIMMAA
Mana barumsaa Yabbuu kessatti namootaa 630 oli poolisii,barsiisota,hojjattotaa biiroo dabalatee hidhaman dararaa kan jiran ta'uusati.”


Maallaqa maatii Hacaaluu jettee Kaadreen sassaabaa jirtu maatii Hacaaluu bira akka hin dhaqne hubadhaa! Akkuma lootarii lammiitu lammiif nyaatanii callisan sani. Maatii Hacaaluu nafxanyaa isa ajjeefte osoo hin taane Oromootu gargaara. Oromootu siidaa dhaabaaf. Har’allee siidaan Hacaaluu onnee hunda keenyaa keessatti dhaabamee jira. Kaadree lagadhaa! Didaa! Dumbulloo takka itti hin kenninaa!


Namni hanga ammaa Telegram kiyya hin argatin kunooti


4kilo keessatti maal jechaa jiru beektuu?

“Yoo ummatni fincila dhaabuu dide nutti jabaate Jawar hiikuu dirqamna. Kanaafuu beellamaan lafarra harkifnee haala ummataa ilaalla. Yoo ummatni gara tasgabbaa’uutti kan deemu tahe murtii du’aa irratti murteessinee mana hidhaa keessatti umrii isaa teechifna. Kanaafuu haala ummataa ilaaluu qabna.” jechaa jirti warri PP.

Kanaafuu Oromoon xiqqo laafnaan Jawar nyaatamuu isaati. Qabsoo ummataatu murteessa!


Oromoo!

Ajandaa amma si fayyadu lagannaa Qeerroon itti jirtu dubbadhu. Namni akkanaa akkas jedhe, dhaabni akkanaa akkas tahe jechuun ajanda gara biraatti si dhiibaa jiru. Kana hubadhu. Didi! Qeerroodhaaf hamilee tahii gargaari. Yoo dadhabde qalbii qeerroo hin hirin!


Kanaan Dura Ajjeechaa Gaafa Guyyaa 19.11.2012 G/Qellem Wallaggaa A/Sayyoo Bakka Addaa Minkoo Jedhamutti H/Addaa Oromiyyaatiin Namoota Nagaa 3 Irratti Raawwachuu isinii gabaasuun koo ni yaadatama.amma immoo namoota gaafa sana ajjeefaman sana maqaa fi umuriin adda baaseera.haaluma kanaan 1.Awwaluu Tashomaa Umurii 22
2ffaa Awwaluu Abdallaa Umurii 19
3ffaa Margaa Birhaanuu Umurii20 fi 4ffaa Darajjee Taarikuu Umurii 16 dha

Показано 20 последних публикаций.

4 107

подписчиков
Статистика канала