OLMAA ADDUNYAA ™ 🌐


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


⚡️Breaking news from around the world!

Chanaalii Kana irraatti:
☑️ Oddefannoo biyyaa Kessaa
☑️ Oddefannoo biyyaa alaa
☑️ olmaa Guyyaa Guyyaa Addunyaa
Nii argattuu
Mana kessaan ta'a Addunyaa hordofaa

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


Gaara Fantaalleetti kirkirri lafaa dhohiinsaa fi aara qabu mudate.

Naannoo Oromiyaa godina shawaa Bahaa aanaa Fantaallee fi Naannoo Affaar Awaash Fantaalleetti kirkirri lafaa sababa dhohiinsa fi aara gaara fantalleetiin uumameera.

Guyyaa kaleessaa sa'aatii 9:00 irraa eegalee kirikirri lafaa olaanaan Reektar iskeelii 4.6 galmeesse muudachuu ogeessonni himan.

Taaticha hordofee kirkirrii fi mallattoon jijjiguu gaaraa mul’achuu jiraattoonni ibsaniiru.
 
Kirkirri lafaa naannawichatti mul’atu guyyuu dabalaa jiraachuu ibsanii, jiraattotarratti rakkoo akka hinhordofsiifneef itti dhiyeenyaan hordoffii taasisuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Bulchaan Godina 3 Naannoo Afaar Obbo Abdoo Alii Abubakar gama isaaniin kirkirri amma mudate sagalee dhohiinsaa dhageessisuu fi aaraa kan mul’ise ta’uu himaniiru.

Jiraattoonnis sagalee dhaga’amee fi kirkiraa mudateen yaaddoo keessaa galuu ibsan.

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡


Gatiin Kitaaba Jawaar Ifoomeera.

Qabsa'aa fi hayyuun siyaasaa Jawaar Mohammed kitaaba mata dureen isaa " Hin Gaabbu " jedhu barreesse qopheessuu isaa ibsee ture.

Kitaabni kun Keeniyatti eebbifama jedhamus haala hin beekkamneen osoo hin eebbifamin hafeera.

Haa ta'u malee Jawaar gatii kitaabicha fuula 'Facebookii' isaa irratti beeksisee jira.

Haaluma kanaan gatiin kitaaba tokkoo:-
👉 Birrii Itiyoophiyaa 1000
👉 Doolaara Ameerikaa 50 fi
👉 Shilingii Keeniyaa 2000'n akka gurguramu ibsameera.

Kitaaba waan baayyee of keessaa qaba jedhame kana biyyoota Awuroppaa fi Ameerikaa gara garaattii eebbisiisuuf qophiin taasifamaa jirachus ibsameera.

Kitaabicha kanneen dubbisu barbaadaniif eessaa argachuu akka danda'an fuula duratti kan isin beeksifnu ta'a.

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡


Balaa tiraafikaan deessuu fi maatii deessuu dabalatee lubbuun namoota 4 darbe

Mudde 14, Godinaa Shawaa Kaabaa Aanaa Waacaaleetti Balaa tiraafikaa mudateen deessuu fi maatii deessuu dabalatee lubbuun namoota afurii darbe.

Balichi Aanaa Waacaalee bakka addaa Riqicha Dubar jedhamuttii Konkolaataan Siinoo FSR jedhamuu ‘fireeniin’ cituun Ambulaansii Deessuu Magaalaa Muka xurrii irraa gara Finfinneetti geessaa jirtuu duubarraan rukutee riqichaarraa darbuun kan mudate ta’uu Ogeessi Kutaa Odeeffannoo Waajjiraa Poolisii Aanaa Waacaalee Saajiin Abdoo Aliyyii Faanaa Dijitaaliif ibsaniiru.

Balichaan deessuu da’umsaaf hospitaala biraatti geeffamaa jirtu, abbaa warraa deessuu, Haadha deessuu fi konkolachisaan Ambulaansii lubbuu darbuun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡


#KFO

Waajjirri Muummeen Koongireesii Federaalawaa Oromoo Haaraan har'a Eebbifame.

Waajjirri muummeen Koongireesii Federalawaa Oromoo(KFO) Inni duraa Caffee Aannanii (Meeksikoo) ture sababa misooma koridariitiin gara gamoo naannawa Addababayii Qabbannaa buufata raabsa boba’aa cinaa argamutti jijjiramee guyyaa kaleessaa eebbifamee jira.

Waajjirri haaraan kun Dilbataa kaleessaa Mudde 13/2017 ALI waaree booda sa’aa 8:00 irraa eegale sirna hoo’aan bakka hoggantoota, miseensota paartichaa fi hooggantoota Gamtaa Paartilee Morkattootaa (Caucus of Opposition Parties) argamanitti sirna eebbifame.

Waltajjii kana irratti dura taa'aan KFO Piroofeesar Mararaa Guddinaa ergaa dabarsaniin biyyattiin yeroo ammaa rakkoo hamaa keessa jiraachuu ibsanii rakkoon nageenyaa hunda dura furmaata atattamaa argachuu akka qabu himan. Kanaaf immoo rakkoolee siyaasa walwaraansatti geessan mariin furuun akka barbaachisu dhaaman.

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡


#Finfinnee

Barbareen tajaajila nyaataaf ooluu hin qabne too'atame.

Magaalaa Finfinneetti Barbareen tajaajila nyaataaf ooluu hin qabne gabaaf rabsamaa ture Kiiloo Giraamni kumni 22 fi 700 eeruu ummataan to’atamuun dhabamsiifame.

Barbareen farra fayyaa namaa ta’e Birrii miiliyoona 4.5tti tilmaamamu dhabamsiifamnuu Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaalee magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Barbareen kun Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo Aanaa 7tti Mankuusaa nama dhuunfaa keessatti to’atamuu ibseera. #FBC

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡


Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon Finfinnee galan

Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon daawwannaa hojiif Finfinnee galaniiru. Pireezidaanti Immaanu’eel Maakroon Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Boolee waayita gahan Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin simatamaniiru.

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡


#Update

Kitaabni Jawaar Naayiroobiitti eebbisiisuuf ture 'sababa nageenyaan' hafe

Kitaabni Jawaar Mohaammad mata dureen isaa "Hin Gaabbu" jedhu Kamisa darbee magaalaa guddoo Keeniyaa, Naayiroobii keessatti eebbisiisuuf ture guyyaa biraatti darbuu Jawaar beeksisee ture.

Sababni isaa ''baay'ina hirmaattotaa fi nageenya'' isaaniin walqabatee bulchiinsa bakka galmi itti taasifamuun ka'en akka ta'e fuula Feesbuukii isaarratti barreesseera.

Jawaar kitaaba isaa 'Hin Gaabbu' jedhee moggaase keessatti waa'ee imala siyaasaa isaa fi kaan mana hidhaa keessa yeroo ture kan barreesse akka ta'e dhiheenya BBC'tti himeera.

Maddi biraa BBC'n irraa odeeffattee fi dhimmichi itti dhiheenyaan beekan ammoo Roobii galgala ''doorsisi/mormiin ifatti mootummaa Itoophiyaarraa dhufuu'' himan.

Doorsi kuni haala kamiin akkasumas qaama kamiif akka ergame wanti dubbatan hin jiru.


Eebbi kitaaba isaas yoomitti akka ta'e fuulduratti kan ibsinu ta'a jedheera.

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡


#Finfinnee

Dhaabbileen Daldalaa halkan hanga sa’aatii 3:30tti tajaajila kennuu eegaluu Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee beeksiise.

Magaala Finfinneetti haala mijataa jirutti fayyadamuun dhaabbileen Daldalaa magaalichaa hanga halkan sa’aatii 3:30tti tajaajila akka kennan Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee murteessuu hoggantuun Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Aadde Habiibaa Siraaj miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Tajaajilli Geejjiba Mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaas hanga halkan sa’aatii 4:00 tajaajila akka kennan taasiifamuu himaniiru.

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡


Gulantaa Piroofeesarummaa guutuu kennuun dhorkame

Gulantaan Piroofeesarummaa Muddee 1, 2016 ALI irraa eegalee dhaabbileen barnoota olaanoon kennameefi gara fuuldurattis kennamu fudhatama akka hin qabne Miniteerri Barnootaa beeksise.

Ministeerichi "Qajeelfama Guddina Sadarkaa Hojjettoota Akaadaamii" Onkoloolessa 4, 2013 ALI irraa eegalee hojiirra kan tureefi raawwii irratti qaawwi irratti mul'ate fooyya'aa akka jiru ibseera.

Haaluma kanaan fooyya’insi kun xumuramee dhaabbilee barnoota olaanoo hundaaf hanga ergamutti kenninsa guddina gulantaa Piroofeesarummaa yeroodhaaf dhorkamuu Ministeerichi xalayaa Adoolessa 24, 2016 ALI dhaabbilee kanneenif ergeen ibsee ture.


📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡


Somaalilaand waliigaltee Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa irratti ibsa ejjennoo ishee kenniteerti.

Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan Tarkiitti waliigaltee malleettasuun isaani kan yaadatamuudha.

Pirezidantiin haaraa Somaaliilaand filataman Abdiiraahimaan Mohaammad Abdullaahii sirna kakuu kamisa darbe magaalaa Hargeessaatti raawwachuun aangoo fudhataniiru.

Sirna aangoo wal harkaa fuudhuu kanarratti dubbi-himaa paartii Pirezidant Abdiiraahimaan Mohaammad Abdullaahii kan ta'an Mohaammad Faaraah Abdii dhimma waliigaltee biyyoonni lamaan taasisanirratti ejjennoo mootummaasaanii BBC Somaaleef himeera.

Dubbi-himaan kunis "waliigalteen biyyoota lamaan gidduutti Ankaaraatti taasifame dhimma biyyoota lamaanii ta'uufi Somaaliilaand biyya biraa waan taateef dhimmi kun kan ishee ilaallatu akka hin taane ibsaniiru.

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡


Balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 12 darbe

Godina Arsii Lixaa Aanaa Dodolaatti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 12 darbuun ibsame.

Balichi Konkolaataan deddebisaa ummataa Roobeerraa gara Shaashamannee imalaa ture konkolaataa Shaashamanneerraa gara Gadab Hasaasaa imala ture waliin walitti bu'uun kan uumame ta’uu Itti Gaafatamaan Kutaa Nageenyaa Tiraafikaa Godina Arsii Lixaa Komaandar Kamaal Amaan ibsaniiru..

Balichaan lubbuun namoota 12 kan darbe yoo ta'u,namoota 19 irra immoo miidhaan qaamaa cimaa fi salphaan qaqqabuun himameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡


Hojjetaan baankii akkaawuntii maamiltootarraa Maallaqa gara Akkaawuntii ofiitti dabarse adabbii cimaa waggaa 14 adabame

Finfinnee,Mudde 3, 2017 (FMC) – Hojjetaan Baankii Abisiiniyaa akkaawuntii maamiltoota 16 irraa Birrii kuma 500 ol gara Akkaawuntii ofiitti dabarsuun himatame adabbii cimaa waggaa 14 fi maallaqaan adabamuu ibsame.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Lidataa ramaddii 5ffaan Dhaddachi dhimmoota Yakka Malaammaltummaa oolmaa isaa har’aan adabbii cimaa kana murteessuu ibsameera.

Baankii Abisiiniyaa damee Shaggar Mannaafashaatti Ofiisara olaanaa Biiznasii ta’uun hojjetaa kan ture himatamaan kun qajeelfama baankichi baase darbuun yakka kana raawwachuun ibsameera.

Beekamtii maamiltoota baankichaan ala Waxabajjii 2, 2013 hanga Fulbaana 15, 2015tti yeroo adda addaatti Akkaawuntii maamiltoota 16 irraa Birrii kuma 500 fi kuma 92 fi 597 gara akkaawuntii dhuunfaa isaatti dabarsuun himatameera.

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡


Galmeen barattoota qormaata kutaa 12ffaa fudhatanii Mudde 6, 2017 eegala - BBO

Galmeen barattoota qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaa bara 2017 fudhatanii Mudde 6, 2017 Interneetiin kan eegalu ta’uu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise.

Manneen Barnootaa kumni 1 fi 280 Barattoota isaanii qorsiisuuf qophii taasisaa jiraachuu himeera.

Barattoota Istriimii Saayinsii Hawaasaa kumni 90 fi 877 kan Saayinsii Uumamaa kumni 100 fi kumni 28 fi 423, waliigalaan Oromiyaatti barattoonni kumni 200 fi kumni 19 fi 300 qormaaticha fudhachuuf qophii taasisaa jiraachuu biirichi ibseera.

Qormaatni modeelaa gahumsa barattootaa madaaluuf kennamu ammoo walakkeessa baatii Amajjii kan kennamu ta'uu biirichi fuula miidiyaa hawaasummaa isaan beeksiseera.

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡


#Walloo
#Gooticha #Seenaa addaa galmeesse !!

Fiinxaaleyyii Faannoo konkolaataa karaatti dhaabuun ummata darartu kurkursuun konkolaataa isaanii fuudhee qe’eetti gale.

Fiinxaaleyyiin kunniin karaatti ummata dhaabuun namoota waraqaa eenyummaa Oromoo agarraan ni saamu, ni ajjeesu ni booji’u.

Muhammad dhalataa Walloo kan ta’es karaatti dhaabsifame garee kanaan.

Battaluma konkolaataa keessaa bu’een hidhattoota Faannoo 8 gogombisuun konkolaataa isaanii booji’ee gara qe’ee isaatti deebi’ee seenaa dalage.

Ilma Warqituu!

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡


#Oduu_Simbirtuu

Sirni Bashiir al-Asaad kuffifame.

Sirni Pirezidaantii Sooriyaa Bashiir Al-Asaad kufee jira. Innis biyya keessaa bahee badeera.

Loltoonni Siiriyaa hidhannoo qaban torbee darberraa eegalee bulchiinsa prezidaantii Bashiir Al-Asad waggoota 24'f hidda godhatee ture kuffisuuf duula waraanaa cimaa geggeessaa turaniiru.

Keessattuu mormitoonni hidhattoota kaabaa waggoota dheeraa booda waraana biyyattii irratti haleellaa tasaa erga bananii booda yeroo muraasatti naannoolee hedduu dhuunfataniiru.

Torban tokko dura Aleppoo kan seenan.

Sana booda ittisni mootummaa guutuu biyyattii saffisaan kufa dhufeera.

Sababa fincila kanaatiin loltoonni kumaatamaan lakkaawaman ofirra qolachuu dadhabuun daangaa ce’anii gara Iraaq seenuun koolu galtummaa gaafachuuf dirqamaniiru.

Mormitoonni magaalotaa fi naannolee ijoo hedduu guyyoota muraasa keessatti sirna Asaad jalaa bilisa kan baasan yoo ta’u, halkan ammoo teessoo Asaad kan taate Damaasqoo akka seenan gabaafameera.

Asaad Damaasqoo gadhiisee akka bahe himama jira.

Ajajoonni waraanaa olaanoo lama pirezidaantichi Damaasqoo irraa gara Rooyitars deemuu isaanii mirkaneessaniiru.

Amma Asaad eessa akka jiru hin beekamu.

Ibsa mormitoonni hidhatan baasaniin ''cunqursaan Bashiir al-Asaad Damaasqoo gadhiisee jira'' jedhan.

"Damashq cunqursaa Bashar al-Asad jalaa bilisa baasneerra" jedhan.

Bashiir al-Asaad biyyaa bahuus beeksisaniiru.

Buufata televijiinii biyyaalessaas to'ataniiru.

Akka viidiyoon tokko tokkoo fi Rooyitars namoota ijaan argan wabeeffachuun ibsutti, lammiileen Sooriyaa daandii Damaasqoo irratti bahanii 'Bilisummaa! Bilisummaa! Dhaadannoo dhageessisaa fi gammachuu isaanii ibsachaa jiru.

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡




Magaalaa jaalalaa Dirreetti Jaalalaan kan dhugame peepsiin badhaasa qabatee gale!!! Ho’ina guyyichaa qabbaneessuuf peepsii kan ajajate obbo Balaay Moolaaroo gammachuu isaa malee Elektrikiin isaa kan nama hin utaalchisne konkolaataa elektrikaa BYD Injifateera.

Sadaasa 28 bara 2017 Magaalaa Dirre Dawaatti sagantaa addaa badhaasni dhi’aate irratti abbaa carraa Obbo Belaay Moolaaroo woldaan dhaabbata Aksiyoonaa dhugaatii lallaafaa Mohaan, maamiltoota isaaf badhaasa qopheesse heedduu keessaa carraa 2ffaa kan ta’e konkolaataa elektrikaa BYD badhaasee jira. Warri Dirree baga gammaddan amma illee badhaasoonni baayyee baayyeen abbaa dabaree carraa eegaa jiru. Oomisha Mohaa dhuguun carraa keenya haa yaallu,
haa injifannu Peepsii, Miriindaafi 7-Up ni badhaasisu.

📡 MIIDIYAA @Olmaa_Addunyaa

@News 📡

Показано 17 последних публикаций.