Hibboo
÷×+-=
Hudhaa qonqoo ofii
Iccitii jireenya kaleessa
Kan ittin bulfatu seenaa
Dhuka'amaa hiyyeessa
Hibboo.. Hibbakka jedhee
Sorgoo koo barbaada
Cinaacha isaan tuqe
Cirrachaan gadoodaa
Dachee koo balissee
Bitachuu f addunyaa hunda
Gulantaa koo baayyisee
Eenyummaa koottin Addaa
Geeraree shaalalee galaa
Araddaa naf latameetti
Ulfiina itti horee darbaa
Finnaf Firaa koottii
Anaa ilmaa warra sanii
Qoltuu rorroo fi Beelaa
Tokkicha kuma dachaasuu
Sabaa koo eenyu walalaa
Jecha lafaf mukkan geerare
Qubsuma koo yoon gahuu
Yaada yeelalus anii
Dubbiin akkas hin tahu
Of sobeen hamma kalee
Abjuun coomaa muraa
Lafa handhuura koo
Alagaan kenyumarra keenya f cirraa
Hibboo koo kaleessa
Ishee agarsiiftuu jiruu
Hamma bateef hamma katees
Kan barsiifte tiruu
Eessa kan anaf kennite
Dachee Galaniif Ekaa
Finfinnee harii gogee
Anii Maqaa qofa bekkaa
Eessa kamisee koo
Araddaa Harxuumaf Jillee
Agarsiisoo dandii falmii
Inni lubbuu ofii hin hille.
....itti Fufaa.......
Biniyaam. Oromoo
Araddaa Lichoon irra..
Amajjii 23 1999
÷×+-=
Hudhaa qonqoo ofii
Iccitii jireenya kaleessa
Kan ittin bulfatu seenaa
Dhuka'amaa hiyyeessa
Hibboo.. Hibbakka jedhee
Sorgoo koo barbaada
Cinaacha isaan tuqe
Cirrachaan gadoodaa
Dachee koo balissee
Bitachuu f addunyaa hunda
Gulantaa koo baayyisee
Eenyummaa koottin Addaa
Geeraree shaalalee galaa
Araddaa naf latameetti
Ulfiina itti horee darbaa
Finnaf Firaa koottii
Anaa ilmaa warra sanii
Qoltuu rorroo fi Beelaa
Tokkicha kuma dachaasuu
Sabaa koo eenyu walalaa
Jecha lafaf mukkan geerare
Qubsuma koo yoon gahuu
Yaada yeelalus anii
Dubbiin akkas hin tahu
Of sobeen hamma kalee
Abjuun coomaa muraa
Lafa handhuura koo
Alagaan kenyumarra keenya f cirraa
Hibboo koo kaleessa
Ishee agarsiiftuu jiruu
Hamma bateef hamma katees
Kan barsiifte tiruu
Eessa kan anaf kennite
Dachee Galaniif Ekaa
Finfinnee harii gogee
Anii Maqaa qofa bekkaa
Eessa kamisee koo
Araddaa Harxuumaf Jillee
Agarsiisoo dandii falmii
Inni lubbuu ofii hin hille.
....itti Fufaa.......
Biniyaam. Oromoo
Araddaa Lichoon irra..
Amajjii 23 1999