Репост из: Sochii Qeerro fi Qarree
“URGENT !
QEERROO DODOLAA IRRAA.
Kaadiroonni nafxenyaa fi ergamtoonni isaanii Arsii Lixaa Dodolaatti akkasumaas Oromiyaa guutuu keessatti karoora torbaan dabre nafxenyoonni Oromiyaa keessatti diinota isaanii fi namoota Miniliik maqaa xureessan balleessuif baafatte galmaan ga'uuf sochii cimaa eegalanii jiran. Haaluma kanaan Dodolaa keessatti maqaa qeerrootiin xalayaa barreessanii namoota dhuunfaa Oromoo wajjiin rakkoo homaa hin qabneef raabsaa jiraachuu isaanii hubannee jirra. Qeerroon Oromiyaas ta'ee kan Dodolaa gaafiin fi qabsoon keenya ummata nu wajjiin jiraatu irratti osoo hin ta'in sirna cunqursaa nafxenyaa qofaa waliin akka ta'e irra deebinee ibsuu narbaanna. Qeerroon keenyaas shira diinaa kana hubachuun akka fashalaa'uuf ummata hundaaf hubannoo uumuu fi wal eeguu qaban. Sabaa fi sablammoonni fi Ummanni hundi xalayaan bittinnaa'aa jiru kan qeerroo akka hin ta'in hubattanii sodaa malee qabsoo ummanni Oromoo mootummaa waliin godhu akka deeggartan isin hubachiifna. Kaadireen shira ummata walirratti kakaasuu kana keessaatti hirmaachaa jirtan, gochi shoorarkummaa keessan kuufaatii sirna nuafxenyaa isin ergatee qofa akka saffisu hubachuu qabdan. Gocha salphinaa akkasii keessaa yoo bahuu baattan yeroo gabaabaa keessatti harka keessan akka argattan hubadhaa.
Kanuma, keenyaas oluma
Injifannoo ummata Oromoof
Qeerroo Dodolaa,
Hagayya 1, 2020 Dodolaa.” @Qeerroohaaromsaaharmee