Dubartii Ogeettii


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


Isheen eenyu dhaa?

Связанные каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


Biiftuun siif jettee baatuu fi lixxu hin jirtu. Isheen galgalaa'uu fi bari'uu keessa seenaa ishee jijjiiruuf hojjattu garuu, goota dha.

Goota bara keetii ta'uudhaaf jabaadhu!


Jiraachuu keessan isaan jaalatan waliin isiniif haa taasisuu🙏


"Dhiiraa ijji isaa dubartii hunda reebdu dubartiin kamiyyuu hin barbaaddu. Dhiirotni akka kanaa utuu maagineetiidhaa liqimsanii dubartii ishee ogeettii san ofitti harkisuu hin danda'ani😄
Be a gentle man!"


Waaqayyoon kan hin dhufne yeroo deemu eebba dha!


Bakka Hin Bulle Hin Galgaleeffatin! • @Gaggeessummaa
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Lafa si hin madaalle, jireenya si hin madaalle, ilaalchaa fi karaa si hin madaalle keessa hin galgaleeffatin!

Bu'aan bakka hin bulle galgaleeffachuu bineensota halkan yaa'aniin weeraramuu fida! Bu'aan jireenya hin barbaanne keessa jiraachuu; hiyyummaa, rakkoo, abdii kutannaa fi jireenya gaddaa fi gadadoo keessa jooruu namatti fida!

Har'an jijjiirama utuu jettuu, qoosaan ati jireenya kee irratti taphattu, gola abdii kee tarsaasa; kanaaf har'uma jijjiirama dhugaa jijjiiramuuf dammaqi!

༄ Ilaa kunoo; aduun har'a baate yeroo isheetti ni lixxi! Humna ittiin ganama har'aa kana as deebiftus hin qabdu; gaarii hojjettuus, gadhee kun dhimma aduu miti! Aduun kaayyoo uummamteef sirnaan, haala ajaa'iba ta'een ba'achaa jirti; sa'aatii 12 guutuu siif iftee, akka keessatti iftee mul'attuuf siif baateetti, ati keessatti dukkanooftus, micciiramtus, jijjiiramtus dhimma ishee miti!
Kufaatii keefis itti gaafatamummaa hin qabdu! Guyyaa kana keessatti jireenya jiru jiruu urgaa'aa taasiftee hojjechuun gahee keeti! Hojiin aduu/biiftuu siif ifuudha! Kanaaf jireenya jiraachuuf jiraadhu!

» "Namoonni hundinuu ni du'u, namoonni jiraatanii darban garuu muraasa" jedhe hayyuun tokko!

Har'a nuuf darba jennee utuu mul'ata nu hin ilaallanne keessa qaarinuu, barri nuuf dabarsuu dhiisee nuun darbuu danda'a. Kanaaf har'a jireenya Madda gammachuu keenya hin taane keessa galgaleeffachuu dhiisnee, jireenya gammachuu fi fedha keenya dhugaan kuullame jiraachuuf haa qabsoofnu! Utuu mul'ata keef hin jiraatin aduun jireenyaa si duraa hin lixin!  

⌲ Jabaadhu tattaafadhu! Si caala kan jireenya keef fiigu hin jiru! Jireenya si hin madaalle keessa rafuu dhiisi! Michuu jireenya gaarii ta'i! Jireenya si gammachiisu irrayyuu darbee gammachuu namoota biroof sababa ta'u jiraachuuf dhama'i! Hin dhibaa'in! Boru nan jijjiirama jettee har'a hin taa'in; keessatti jijjiiramuuf guyyaa har'aa caalaa kan sitti siqu hin jiru waan ta'eef!

» Eeyyee jireenya sin madaalleef, si hin ilaallanne keessa hin galgaleeffati!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa

@DubartiiOgeettii 🌷


Yeroon addaa ati waan addaa jireenya kee keessatti argachuu fi qabaachuuf si barbaachisan keessaa isaan bu'uraa:
👉Yeroo Waaqa kee waliin haasoftu
👉Yeroo kitaaba dubbistu
👉Yeroo maatii/haadha/abbaa/ haadha manaa/abbaa manaa kee waliin qabaattu dha.

@DubartiiOgeettii 🌷


✍Akka haati manaa giiftii taate abbaan manaa immoo goofta dha.
✍Abbaan manaa kee bareedina, galiidhaan, beekamtiidhaan, ogummaadhaan, hubannaadhaan, umuriidhaan, yaadaan, guddina qaamaan maalinuu sii gadi haa ta'uu inni Abbaa manaa keeti. Kanaaf kabaji.
✍Abbaa manaa waan wayiin haadha manaa isaa caaluuf kabajama utuu hin taane seera waaqayyo abbaa manaa fi haadha manaadhaaf kaa'ee waan ta'eefi dha.
✍Haati manaa galiidhaan abbaa manaa caalti jechuun abbaa manaa abbaa manummaa isaa iddoodhaa isa sochoosa jechuu miti.
✍Maatii tokkoof abbaan manaa mataa dha. Abbaan manaa hoogganaa mana sanaati.
✍Bultiin dhaabbata guddichaa fi jalqabaa kan abbaan manaan hoogganu dha.
Hoogansa sana keessatti haati manaa qooda guddaa qabdi ta'us hooggansa sana kan dursu abbaa manaati.
✍Haati manaa abbaa manaa ishee irraa jaalala akka feetu abbaan manaa immoo haadha manaa isaa irraa kabaja barbaada.
✍Abbaan manaa hoogganaa/gooftaa mana isaa ta'uu akka barbaadu haati manaa immoo giiftii mana ishee ta'uu ni barbaaddi.
✍Wanti dubartiin tokko ta'uu hin dandeenye dhiira dha. Wanti dhiirri tokko ta'uu hin dandeenye dubartii ta'uu dha. Kun seera uuma ti.
✍Dubartii fayyaalettiin tokko yeroo kamiyyuu dubartummaa ishee jaalattee/kabajjee jiraatti. Akkasuma, dhiirri fayyaalessi kamiyyuu dhiirummaa isaa jaalatee/kabajee jiraata.
✍Haadha mana kee ykn abbaa manaa kee tuffachuu yeroo jalqabdu bultii kee tuffachuu akka jalqabde bari.
✍Namoota keessaa namni ati ofii keetti aansitee itti dhiyoon haadhaa manaa/Abbaa manaa kee akka ta'e hubadhu.

@DubartiiOgeettii 🌷


✍Only a powerful men can know the power of a women.
✍Dhiira cimaa qofatu dubartiin uumama cimtuu akka taate hubachuu danda'a.
✍Nama nan danda'a jedhee danda'e qofatu dubartiin hammam uumama haala kamiyyuu dandeessu akka taate hubata.
✍Ija argu danda'u qofatu ishee arguu danda'a.
✍Dhiira amala qabu qofatu dubartiin hammam amala qabeettii akka taate beekuu danda'a.
✍Dhiira hubataa qofatu dubartiin hammam hubattuu akka taate hubachuu danda'a.
✍Dhiira laphee jaalalaa qabu qofatu dubartiin hammam uumama jaalachuuf/jaalatamuuf uumamte ta'uu beekuu danda'a.
✍Dhiira dandeettii isaa tolchee beeku qofatu dandeettii dubartiin tokko qabdu beekuu danda'a.
✍Dhiira gatii isaa beeketu gatii duartii tokkoo haalan beekuu danda'a.
✍Dhiira hiikaa bareedinaa tolchee beeku qofatu dubartiin uumama adunyaa kanaaf bareedina taate ta'uu ishee hubata.
✍Nama gameessa qofatu dubartiin hammam uumama gameettii akka taate hubachuu danda'a.

@DubartiiOgeettii 🌷


Obboleettii koo, ati dubartii waan taateef:
Heeruma qofaaf hin uumamne
Haadha ta'uu qofaaf hin uumamne,
Nyaata bilcheessuu qofaaf hin uumamne,
Haadha manaa qofa akka taatufis hin uumamne,
Gadi qabamtee akka jiraattuuf hin uumamne,
Sodaa keessa akka jiraattuuf hin uumamne,
Lolamaa akka jiraattuuf hin uumamne,
Eeggattuu nama biraa taatee akka jiraattuuf hin uumamne,
Uumama mul'ata hin qabne taatee hin uumamne,

Ati Dubartii:

Mul'ata qabdu.
Dubartii Mul'ata isheetti jiraattu,
Dubartii ofii ishee, hawaasa, bultii ishee jaalattu.
Dubartii adunyaa waltajjii ishee taasifattee uummata adunyaatti dubbattu.
Dubartii rakkinni mana baruumsaa akka tahe hubattu,
Dubartii dhabni dhaabuu hin dandeenye,
Dubartii humna yaada bilchaataa qabdu,
Dubartii gola nageenyaa fi jaalalaa taatu,
Dubartii qaaristee agartu dha.

Awwaarri si daalacheessee jiru, haalli si moo'achuuf jedhu,
Iddoo amma jirtutti wanta si sakaalanii qaban ofirraa ciruun fuulfura keetti tarkaanfadhu.
Haala amma si hudhaa jiran hundaaf balbala furmaataa barbaaduu jalqabi.
Balbaloota milkaa'inaa kee kan ittiin seentu argadhu.
Kennaa uumamaa Waaqayyo dhuunfatti siif kenne adunyaadhaaf qoodi.
Ka'i karaa dheeraa dura hin deemne sana deemuu jalqabi.

Ammuma jalqabi.

@DubartiiOgeettii 🌷


Dubartiin uumama baayyisuuf uumamte dha.

✍Dubartiitti yoo jecha kennite isheen hima taasistee siif deebisti.
✍Yeroo hima itti kennitu immoo keeyyata taasistee siif deebisti.
✍Yeroo keeyyata itti kennite immoo kitaaba taasistee siif deebisti.
✍Yeroo dubartiidhaaf sanyii tokko kennite isheen immoo sanyii sana baayyistee daa'ima taasistee siif kenniti.
✍Yeroo mana ijaartee itti kennite isheen bareechitee jireenyaaf akka simatu taasisti.
✍Yeroo midhaan dheedhii itti kennitu nyaata bilchata taasistee siif deebisti.

Akkasuma faallaa kanaas baayyisuuf uumama addaa dha.

✍'Dubartiin akka 'incubator' dha.' Dr Myles Munroe

@DubartiiOgeettii🌷


"Haati manaa koo anaaf haadha, obboleettidha, akkoo dha." ni jedhama.

Garuu, haati manaa haadha hin taatu, obboleettii kees Siif hin taatu, akkoo kees Siif hin taatu, haati manaa hoogganuu kees miti, haati manaa dubartii kamiyyuu miti isheen haadha manaa keeti.

Dubartii tokko haadhas, obboleettis, haadha manaas, hojjattuus taatee argachuu dandeenya. Dubartummaan waan qoqqooddii tokko dura arginu dha. Haati manummaa ykn haadhummaan ykn obbolummaan wanta roga tokko qofa jalatti itti hirirani dha.

Abbaan manaa kee siif abbaa miti, obboleessa kees miti. Kanaafuu, qanta hundaa roga roga isaatiin hubachuu fi iddoo isaatii malee fayyadamuu dhiisuun rakkina garagaraa irraa nu hambisa.

Dubartii Ogeettii 🌷


Yeroo tokko tokko shamarri / dubartiin ofitti amanamummaa cimaa qabaachuuf horachuus qabdi jedheen amana. Ofitti amanamummaan ishee dawoo isheeti. Homtuu itti hin roorrisu.

Dur haadha, abbaa, obboleessa ykn immoo fira cimaa of biraa qabdu ilaaltee , abdattee roorrifamuu jalaa bahaa turte ta'a. Amma garuu hirkattummaan sun haga dhumaa ishee waliin deemuu waan hin dandeenyeef of cimsuu qabdi.

Waan hojjettuun, haala jireenyaatiin, dubbii keetin nama ofirra jiru ta'uudha qabda. Shamarri sammuu ishee bilcheeffachuu, keessa ishee of isheerratti ijaaruu, filannoo ishee haalaan beekuu qabdi. Amala ofiishee, fedhiishee, dandeettii ishee, hundarratti of madaaluu qabdi.

Obboleettiikoo! Amma hirkattummaan galmaan si gahu hinjiru. Namni itti gaafatamummaa guddaadhaan si baatus hinjiru. Warri durii amma si heerumsiisutti. Kan ammaa immoo ammati umuriin ol siqxutti. Sanuu yoo ati bara waliin deemuu diddee nama maatii waliin jiraatu taate.

Kanarra namni dhimma keef lolamu, arrabfamu, hojjetee dafqu, sammuudhaa dhiphatu hinjiru.

Kana beeki. Ofirratti hojjedhu. Ofirratti of amani. "Namni na baata" jettee of hin gatin. Akka namni si baatuuf ati nama of baatee jiru ta'uu akka qabdu yaadadhu.

Sababootni ati barbaadamtuuf hedduudha. Dubartii waan taateef. Garuu sababaan osoon taane waan barbaadamuu qabduuf akka barbaadamtu of gochuu qabda.

Hojjedhu. Galii argadhu. Nama of jiraachisu ta'i. Yoos hin roorrifamtu. Yeros hunduu harkatti si galfatee akka fedhe siin hin taphatu.


Of kunuunsi. Waan ati ofirratti hojjetutu namoota naannoo kee jiraniif deebii ta'a.

Bakka kabaja kee xiqqeessurraa fagaadhu. Bakki itti argama kee sadarkaakee warra gadi buusuu barbaaduuf ergaa dabarsuu qaba.

Qaama keef kabajni bakka maluuf adda baafadhu. Kunuunsi kee, dubbiinkee, jaalalli kee, gochi kee nama maluuf qofa qoodamuu akka qabu hin dagatin. Atumtuu eenyuuf akka maltu sirritti beeki.

Nama siif malu waliin hariiroo uumi. Kan iccitiikee eegu, kan namummaa kee kabaju, kan waliin jiraattus, dhiiftus dhiibbaa biraa sirraan hin geenye . Kan waan irratti walii galtan simatee isa irratti wal dhabdaniif hin sin gidirsine.

Filannoo toli. Yeroo kamuu maaluu taanaan bakka itti jechaanis, gochaanis gad qabamtu hin ijaajjin. Gahumsa keetti nama amanu ta'i. Seenaa namoota dhuunfaa, warra kufanii ka'anii ija jabinaaf guddina addunyaarratti isaan mul'ise horatani dubbisi.

Beeki baatee mul'attee, dudubbattee of agarsiisuu qofti ofitti amanamummaa miti. Ofitti amanamummaan waan atiif jireenyi kee keessa jirani. Eenyummaakee tasgabbiidhaan of irratti ijaarame.

Yaada tasgabbaa'e, sammuu bilchaate, keessa kee ofirratti ijaarameen jireenya kee gaggeessuu gaafa jalqabdu humni si oolchu kana caalu akka hinjirre siif gala.

Ofiin dhaba sababa godhattee, ofiin dubartummaa naafa gootee, ofiin of xiqqeessitee harka namaatti of galchitee, ofiin bakka siif hin mallee dhaabbattee, ofiin filannoo kee adda baafachuu wallaaltee humna si hacuucu, si dararu, si gidirsutti of kennitee jennaan, ajandaa dubbii qofa taatee darbita.

Dangaa kee ofitti amanamummaa keetiin sararadhu.

siifan ✍️

Dubartii Ogeettii 🌷

Показано 12 последних публикаций.