Репост из: Etana Habte
Ashaagreen dura Tigraayiin rukutu malee jedhee foolataa ba’e, dabballoota ofii miidiyaatti bobbaasee arrabsiisaa, itti roorrisaa ba’e, amma garuu afaan jaraatiin gadi ba’ee ani isin rukutuuf fedha hinqabu maaloo nadhiisaa jedhee kadhataa jira. Kallattii inni qabatee fi amala isaa dura irraa kaasee aagrsiisaa jiru waliin gaafa ilaalamu dubbiin inni amma dubbataa jiru waan lama of keessaa qaba. Inni tokko, amma Oromoo irratti lola labsee waan jiruuf hamman Oromiyaa injifadhutti isin waliin lola hinfedhu jedhaa jira. Jecha biraatiin taraan keessan hingeenyee hamma taraan ga’utti na eegaa jedhaa jira. Jarris ergaa kana waan argachuu dhaban hinfakkaatu, kallattii gara garaatiin hubannaa akkasii akka qaban mallattoo agarsiisaa jiru. Inni lammataa, Ashaagreen saba kutannoo/murannoo jabaa qabu garmalee akka sodaatu himate. Tigraay qawwee qaba, mootummaa ijaarratee qaba, eenyummaa ofii irratti jabaadha. Hamma ammaatti garuu mootummaa Nafxanyaa Araat Kiiloo jiru waliin waraana kaasee hinlolle. Waan tokko garuu godhaniiru, saba ofii tokkoomsanii ijaaruudhaan akka qophaa’ee kutannoodhaan biyya ofii eeggatuuf dammaqina isaa sadarkaa olaanaatti guddisaniiru; adeemsi kun dimokraasii kan bakka dhowwate ta’us. Kutannoo fi qophiin biyya ofiif wareegamuu har’a Tigraayiin keessa jiru seenaa isaanii keessatti dorgommii waan qabu hinfakkaatu. Kun meeshaa guddaadha. Kan Ashaagree watwaachisaa jiru meeshaa kana. Gama biraatiin akka injifatamu utuu beekuu didee Oromoo lolaa jira. Oromoon waan Tigraay qabu kana waan dhabeef miti; dursee mana seenee meeshaalee Oromoon qabu kanneen gidduu waan taa’eef malee. Amma Oromoon yaada gowwoomsaa Ashaagree dammaqee of irraa ari’eera. Kan hafe caasaa inni ijaarratee Oromiyaatti bobbaase bitaan fakkeesse karaa mirgaa, duraan fakkeessee karaa duubaa rukutee gombisuudha. Qeerro, jirtuu? #Abiy_Must_Go