Barumsa Fayyaa


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


My youtube link
https://www.youtube.com/@BarumsaaFayyaa

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


ULFAA GADAMEESSAAN ALA/ECTOPIC PREGNANY

Ulfi gadameessaa ala jiru kan uumamu hanqaaquun walhormaataa ta’e kutaa gadameessaa isa guddaatiin alatti yoo guddatudha. Yeroo baayyee tuuboo fallopian keessatti mul'ata. Yeroo tokko tokko kutaalee qaamaa biroo kan akka ovaarii, qaawwa garaa ykn gadameessaa keessatti ni mul’ata.

Mallattoo dhukkubaaUlfa gadamessa Alaa

Jalqaba irratti mallattoon dhukkubaa tokkollee hin mul’atu ta’a. Haa ta'u malee, dubartoonni ulfa gadameessaa ala qaban tokko tokko mallattoo ulfaa barame - marsaa laguu dhabuu, dhukkubbii harmaa fi garaa kaasaa qabu.

Mallattoolee k sadii of keessaa qaba - dhukkubbii garaa, dhiiguu qaama saalaa fi marsaa laguu dhabuu

🌡🧪🩸Waa'ee ulfa gadameessaa ala jiru dursanii akeekkachiisuu

Isaanis yeroo baayyee dhiiguu salphaa qaama saalaa fi dhukkubbii qaama saalaati.

Mallattoolee sodaachiso tahan
Garaa keessaa dhiiguu cimaa.
Of wallaaluu, dhiibbaa dhiigaa gadi bu’uu fi dha’annaan onnee dabaluu.

Sababoota ulfa gadameessaa ala

✍️Ulfa gadameessaa ala duraan ture
Osoo jiraatee
✍️Infeekshinii (tuttuqaadhaan kan darbu) .
✍️ Baqaqsanii hodhuu tuubii Faloopiyaanii
✍️Sigaaraa xuuxuu

👨 Qorannoo barbaachisa godhamu qabuu
✍️ Qorannoo ulfaa
✍️ Ultraasaawundii fi
✍️ Qorannoo dhiigaa biroo.

🧬🔬 Wal'aansa ulfa gadameessaa ala jiru

Ulfi gadameessaa ala jiru dhiigni baay’ee yoo fide, baqaqsanii hodhuu hatattamaa si barbaachisuu danda’a.

🧬💊 🩺 Akkamitti ofirra ittisna
Yeroo walqunnamtii saala goonu akka infikesshina qaama biraati hin tarre kondomii fayyadamuu
- Tamboo xuuxuu hin qabu
Galatooma
@barumsaafayyaa
@barumsaafayyaa




Shanyiin kormaa xiqqaachuu |Low sperm count|
******
Namni fayya qabeessi tokko yeroo sanyii kormaa miliyoona 15 hanga 200 gad lakkisa . Shanyiin kormaa namni tokko yeroo walqunnamtii saalaa godhu gad lakkisu yoo miliyoona 15 gad kan ta'u ta'e sanyiin kormaa xiqqaate jedhama. Sanyiin kormaa xiqqaachuun akka carraa dubartii takka ulfeessuu ni xiqqeessa. Garuu dabree dabree sanyii kormaa xiqqoo qabaatee kan ulfeessuus ni jira.
----
----
Akkamitti shanyiin kormaa xiqqaachuu beekna?
Yeroo garii namni sanyii kormaa xiqqaa qabu mallattoo tokkollee qaama irratti hin agarsiisu. Dhiroonni tokko immoo rakkina kiroomoozomii, rakkina hormooniin wal madaaluu dhabuu, hiddi dhiigaa cidhaanii iitaawuu fi ujummoon sanyii kormaa gara alaatti cufamuu qabaachuu malu. Namoonni sanyii kormaa xiqqaa qaban mallattoo asiin gadii agarsiisuu malu.
• Walqunnamtii saalaa irratti rakkina qabaachuu. Fkn walqunnamtii saalaatiif fedhii dhabuu, qaamni saalaa ka'uu dadhabuu
• Dhukkubbii, iiita naannoo cidhaaniitii qabaachuu
• Rifeensi fuula irratti ykn qaamaa irratti biqiluu dhabuu ykn xiqqaachuu. Kana hoggaan jedhu dhiirti areeda hin qabne hin dhalchitu jechuu koo miti. Rifeensi haphaatee biqiluun sababa rakkinna hormooniitiin yoo ta'edha.
---
---
Maaltu namatti fida?
1. Hiddi dhiigaa cidhaanii iitaawuu
2. Infeekshiinii tokko kan naannoo qaama saalaa hubu fkn cophxoo
3. Yeroo walqunnamtii saalaa godhan ispermiin gara afuuffee fincaaniitti dhangala'uu
4. Kaansarii qaama walhormaataa
5. Yaalaa baqaqsanii yaaluu qaama saalaa qabaachuu
6. Qorichoota tokko fkn qoricha kaansarii
7. Ulfaatina garmalee
8. Sigaaraa aarsuu
9. Mukaa'uu -depression
10. Paantii nama qabdu kaayyachuu fi kkf
Hub: Wanti rakkoo kana fidaa kaniin asiin olitti tarreesse kana qofa odoo hin ta'in hedduutu jira. Namni tokko waggaa tokko guutuu walqunnamtii saalaa daangaa hin qabne haadhaa manaa wajiin godhee kan yoo ulfaa'uu didde mana yaalaa deemee of laalchisuu qaba!

Telegram channel kana tuqaa
https://t.me/barumsaafayyaa




Biqiltuu kana biyyoota guddatan keessaa biyyi itti hin fayyadamane tokko hin jiru, ameerikaa fi Awurooppaa keessatti galtee Oomisha qorichoota ammayyaa isa cimaa ta'ee tajaajila,
Biyyoota akka, Giriikii fi Indiyaa, chaayinaa, keessatti, Qoricha farra dhukkuba Kaansarii fi dhukkuba Kaansarii yaaluu fi ittisuuf tajajilla bal'aa kennuu irratti argama,

Baalli isaa, kiintaarotii fi bakka ibiddi gubee fi dhukkuba gogaa garaa Garaatiif dawaadha,
Baalli isaa Tumamee Cafaqame bakka dhukkubni jirutti dibama,

Hiddi isaa, Dhiiga keessaa Summii Qulqulleessa, dhukkuba Simbiraa fi sabbataa, fayyisa, tiruu keessaa Summii qulqulleessa,
Qufaa utaalloo, gogaa, fayyisa, dhiiga garaa keessaq ba'u namarraa dhaaba,
Madaa Garaachaa fi marrimaanii akkasumas raammoo fi Jarmiiwwan miidhaa qabanu, qulqulleessa,

Biqiltuun kun gabaabinaan faayidaa isaa isiniif Ibsa,
Farra baakteeriyaa,
Farra Fangasii fi Vaayiresiiti,
Antioxidant cimaa Of keessaa qaba,
dhukkuboota hedduu, namarraa ittisa,
Farra dhukkuba Sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa.
Farra dhukkuba gaggabdoo.
Farra Alaarjiikii gogaa,
Farra dhukkuba Asmii fi daranyoo sombaa.
Farra dhukkuba onnee.
Farra baakteeriyaa fi madaa Garaachaa.
Farra dhukkuba Dhiita'u qaamaa.
Farra dhukkuba Kaansarii.

Faayidaan isaa hedduudha,
Haalli itti fayyadama, isaa hidda isaatu tumamee cafaqame, Fallaana Guddaa 3 bishaan Burcuqoo 3 wajjin Danfisamee Qabbanaa'e ganama garaa duwwaatti dhugama, guyyaa 7
Akkasumas baalli isaa akka raafuu/goommanaatti nyaatama, Salaaxaa fi qoosxaa wajjin qophaa'ee nyaatama,

Biqiltuun kun kaalsiyeemii olaanaa Of keessaa qaba kanaaf namoota kaleen jiraa cirracha qabuuf hin ta'u.
Akkasumas dubartootaa Ulfaa fi Daa'ima hoosiftuuf. Tasuma hin ta'u,,,




Telegram seentanii waan dubbistan dhabdanii jirtuu??

Nuunis fala isiniif fidnee dhufnee jirra. Wantoota barbaaddan Akka filannoo keessaniin kan barbaaddan tuqachuun argachuu dandeessu.akkasumas hunda iddoo tokkotti barbaannan "ADD" kan jedhu tuquun argachuu dandeessu.


☀️Yeroon yeroo jijjiirra taphatootati🎉🎉

Oduu jijjiirraa haaraa har'a gadhiifamuuf jiran ilaaluuf bakka tokkoo osoo hin deemin TRANSFERNEWS kan jedhu tuquun hordofaa👇👇


Telegram seentanii waan dubbistan dhabdanii jirtuu??

Nuunis fala isiniif fidnee dhufnee jirra. Wantoota barbaaddan Akka filannoo keessaniin kan barbaaddan tuqachuun argachuu dandeessu.akkasumas hunda iddoo tokkotti barbaannan "ADD" kan jedhu tuquun argachuu dandeessu.






Eegumsa gogaa daa’imman reefu dhalatanii

Gogaa daa'imman reefuu dhalatanii kunuunsuun fayyaa isaa eeguu fi dhimmoota gogaa barame irraa eeguuf barbaachisaa dha. Gorsa kunuunsa gogaa daa’imman reefuu dhalataniif gargaaran muraasni kunooti:

1. Qaama isaanii dhiquu (Bathing)

Torbanitti guyyaa 2-3 dhiquun akka waliigalaatti gahaadha. Bishaan xiqqoo ho’ee fi saamunaa daa’imaa ykn qulqulleessituu salphaa fi urgooftuu hin qabne fayyadamuu qabna. Yeroo hedduu dhiquu irraa of qusachuu qabna, sababni isaas gogaan daa'imaa jiidhinsa akka dhabuu (gogu) danda’a.

2. Kunuunsa Daayipparii (Diaper care)

Bakka daayipparii qulqulluu fi goggogaa taasisuun shiffee daayippariin wal qabatan ittisuuf gargaara. Daayippariin erga jiidhee ykn xuraa’ee booda hatattamaan jijjiiruu qabna. Qulqulleessuuf haxooftuu lallaafaa ykn bishaan ho’aa fi huccuu lallaafaa fayyadamuu dandeenya. .

3. Jiidhina gogaa isaanii eeguu

Erga dhiqnee booda, uffata lallaafaadhaan gogaa daa'imaa suuta gogsaa. Gogaan jiidhinsa gahaa akka qabaatuuf dibata daa’immanii kan urgooftuu hin qabne fayyadamuu qabna. Dibata gogaa namoota gurguddoof oomishame fayyadamuu hin qabnu.

4. Ifa aduu

Ifa aduu kan humnaa ol gubu irraa fageessuu qabna. Ifa aduutti baasuuf ganama sa’aatii 3-4 ykn sa’aatii boodaa sa’aatii 10-11 gidduu aduu hin gubne keessatti tahuu qaba. Innis daqiiqaa 20-30 gahaadha.

5. Filannoo Uffata

Uffata lallaafaa, qilleensa galchuu danda’u kan huccuu uumamaa kan jirbii irraa hojjetame filadhu. Uffata dhiphaa ykn uffata gogaa daa’imaa jajjabaataa ta’ee gogaa daa’imaa quncisuu danda’an uffisuu hin qabnu.

6. Kunuunsa qeensaa

Qeensa isaaniin akka gogaa isaanii hin quncifneef yeroo yerootti ciruu barbaachisa. Innis qortuu isaaniif hojjetameen osoo gogaa naannoo qeensa isaanii hin muriin tahuu qaba.

7. Finniisa Daa'imaa fi shiffeewwan gogaa

Daa’imman reefuu dhalatan finnisa ykn shiffee adda addaa qabaachuu danda’u, kunis yeroo baay’ee miidhaa kan hin qabnee fi ofuma isaaniitiin kan dhiisanidha. Oomishaalee garagaraa fayyadamuu ykn garmalee dhiquu irraa of qusachuu qabna, sababiin isaas haala kana hammeessuu danda’a. Yoo yaaddoo qabaattan ogeessa fayyaa daa’immanii mariisisaa.

Daa'imni hundi adda akka ta'e, gogaan isaaniis fedhii addaa qabaachuu akka danda'u yaadachuun barbaachisaadha. Waa’ee kunuunsa gogaa daa’ima reefuu dhalatanii ilaalchisee yaaddoo addaa ykn gaaffii yoo qabaattan, gorsa dhuunfaa keessaniif ogeessa daa’immanii ykn ogeessa eegumsa fayyaa mariisisuun gaariidha.

Fayyaan Daa'immaniif!

@barumsaafayyaa
@barumsaafayyaa

👆👆 join please 👆👆




✨️Information and materials for Health Student

👉PDF Health Students

👉Short Note Health

🙏Quiz

👀Exit Exam Question Health




DHUKKUBA BUSAA (malaria)

📈#Dhukkubni busaa dhukkuba Orgaanizimii pilaazmoodiyaamii
jedhamuun kan dhufu yoo ta’uu , dhukkubni kun nama dhukkubsataa irraa gara nama fayyaatti kan daddarbu bookee busaa (Anopheles mosquito ) jedhamtuun. Pilaazmoodiyaamiin seeliiwwan dhiiga diimaa/ tiruu namaa keessatti seenuudhaan wal horu
👤#Biyya keenya kessatii Waggaa keessatti dhukkubni busaa waqtii birraa-ji'a fulbaana hanga muddee fii arfaasaa- ji'a Eblaa hanga Caamsaa
heddumminaam olka'ee mullaata. Kanaafuu yeroo kanatii ofeggannoo gochuun barbaachiisaa dha.
📈#MALLATTOOLEE DHUKKUBICHA
🗣Bakka busaan jiru kan jiraattu ykn jiraachaa kan turte yoo taʼe mallattoowwan busaa armaan gadii akka laayyootti hin ilaalin:
✍1, Dhagna gubaa cimaa
✍2, Dafqa
✍3, Qorraachu/hollachuu
✍4, Mataa bowwuu
✍5, Dhukkubbii maashaalee
✍6, Dadhabbii cimaa
✍7, Garaa hammeessuu
✍8, Hoqqisuu
✍9, Garaa kaasaa
✍10, fedhii nyaata dhabuu
✍11, Gogaan qaama fi adiin ijaa keelloo tahuu.
✍12,-Fincaan xiqqaachuu,ykn dhabamuu
❇️#YAALA
Dhukkubni busaa dhibee yaalan fayyuu dandauu waan taheef! Osoo dhukkubichi hin hammaatiin mana yaalatti qoratamuun qoricha Antimalaria ogeessi fayyaa kennu seeran fayyadamuun fayyuu ni danda`amaa.
✅~Anti malaria
🗣#ITTISA
➊. Agoobara keemikaala farra
booke qabu fayyadamuu
➋. Foddaa fi balbala,qaawwa manaa hunda cufuun akka raammoon hin seenne ittisuu.
➌. Uffata dheeraa qaama keenya guututti haguugu uffachuu.
➍. Bakka Bookeen busaa itti walhoruu dandeessu dhabamsiisuu
fkn-Balfa,Bishaan xurawaan gara garaa dhabansiisuu.
➎. Yeroo lafa dhukkubni busaa itti heddummatu dhaqan,dursanii
qorsa fudhachuu
➏. Yoo mallattooleen,dhukkuba busaa nama irratti mul'ate dafanii mana yaala dhaquun,ogeessan fayyaatin mari'achuun,dawaa fudhachuu. fii kkf
♻️#Hubachiisa: Bookee busaa kormaan dhukkuba busaa hin
daddabarsu,sababni isaas bookee kormaan nadhii daraaraa malee, akka bookee dhaltuu dhiiga namaa hin sooratu. Yeroo amma kana dhukkubni kun bsli'inaan mul'ataa wan jiruuf share for the others.!
   ➦ Gαℓαтσσмαα!!!
             ┄┄┄┄┄┄┄┄  

https://www.youtube.com/@BarumsaaFayyaa


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
Fooyyeefameera

Hiriyoota keessan affeeruun Asbeeksii 100 argattu sababa ta’eef harrumaa eegaluun liinkii keessa hiriyootaaf erguun Asbeksii bilisaa argadhaa.

Asbeks carraa hedduu fidee dhufaa jira sababa ta’eef carraa kanatti fayyadamaa.

Asbeks waliin gara fuulduraatti!


Asbeksii kuufachuu eegaluuf
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/asbeksbot/start


Asbeks akkamittin fayyadama?

Asbeks fayyadamuuf https://t.me/asbeksbot/start
seenuun Earn bakka jedhu seentu sana booda “EARN ASBEK” ka jedhu cuqaastu, akkuma cuqaastaniin lakkaa’uu eegala, erga lakkaa’ee fixee “Claim” tuqxu battalumaan Asbeks 10 argattu.  Asbeks keessan walitti qabadhaa, sadan duraa keessa galaa. Carraa isiniif mijeessine kanatti fayyadamaa


Oduu Gammachiisaa

Asbek irratti haaromsama taassifame

⭐️ Asbeks irratti Hiriyoota keessan afeeruun isinis namni isin affeertanis asbek argata.

⭐️ Hiriyoota meeqa akka qabdan ilaaluu ni dandeessu.

⭐️ “Remaining” ykn Hafteen gara 250tti guddateera.

Harruma Asbeks eegalaa , asbeks walitti qabadhaa, hiriyoota keessan affeeruunis asbeks dabalataa kuufadhaa.

Yeroo gaarii!

Start earning effortlessly on ASBEKS. Join now and know your rank, https://t.me/asbeksbot/start/?startapp=1808903699



Показано 20 последних публикаций.

2 169

подписчиков
Статистика канала