𝗤𝗮𝗿𝗼𝗼 𝗤𝗮𝗿𝗼𝗼𝗺𝗲


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


👁️𝗤𝗮𝗿𝗼𝗼𝗻 𝗤𝗮𝗿𝗼𝗼𝗺𝗲 𝗞𝘂𝗻➽
✪𝗚𝗼𝗿𝘀𝗮 𝗳𝗶 𝗝𝗮𝗯𝗯𝗮𝗯𝗶𝗻𝗮,
✪𝗠𝗶𝗹𝗸𝗮'𝗶𝗻𝗮 𝗳𝗶 𝗚𝗮𝗹𝗺𝗮 𝗔𝗯𝗷𝘂𝘂 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗻𝗶𝗶𝗳,
✪𝗝𝗲𝗰𝗵𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗢𝗻𝗻𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗼𝗼 𝗳𝗶 Channel kana
Join

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


Abbaa manaa fi Haadhaa manaa sirriitti wal jaallatan tokko Guyyaa wahii haati manaa yaada tokko dhiyeessite.

Yaadichis akkana ture :- "Guyyaa tokkoof osoo waliin hin dubbatin haa oollu mee, Ani mana Oolaa Ati bakka hojii kee deemi. Text naaf hin godhin, naafillee hin bilbilin, yoo ati kana goote sana booda Umriikoo guutuun si jaaladha"🫶🏻 jetteen.

Innis tole jedhee gara hojii isaa deeme. Guyyaa guutuu osoo hin bilbiliniif oole 😔

Garuu waan nama gaddisiisu 😢
Isiin dhukkuba #kaansariitiin qabamtee turteetti. Mana yaalaa deemtee gaafa laalamtu Doktorri waan nama gaddisiisu itti hime. #Innis :- Sa'atii 24 booda Addunyaa kanarraa ni deemta, yeroon kee dhumateera kan jedhu ture😭

Jaarsi isii Akkuma walii gale Guyyaa guutuu ala turee yeroo mana galee Ooluu isaa itti himuuf jedhu, waan inni hin yaadintu ta'ee jira. Haala nama gaddisiisuun haati manaa isaa Duuteetti. 😭

Yeroo dhumaatiif Waraqaa irratti akkana jettee barreesitee uf bira keesse : " Jaallatamaa koo Akkam naaf oolte! Nagaa naaf ta'i! Hanga dhumaatti sin jaalladha, Obsa naaf Qabaadhu" kan jedhu ture.

😭😭😭😭😭

Yoo sitti tole Shere Godhi
🌟QAROO QAROOME❤️
🌟QAROO QAROOME❤️
🌟QAROO QAROOME❤️


《 Seenaa Garaa Nama Nyaattu! 😢 》

Abbaan mucaa harma hootu sareen akka eeguuf waliin isaan dhiisee gara adamoo deema. Adamoo oolee yeroo deebi'u sareen akkuma suuraa isaa argitani dhiga qofaa ta'ee balbala manaa irratti arga. Namichis sareen dhiigan laaqaamaa ta'u isaa yeroo argu mucaa isaa akka nyaatetti tilmaame. Akkuma hundi keenyi tilmaamnu. Baay'ee aaree qawwee adamoodhaaf fudhatee manaa bahe sareetti gadi qabuun rasaasa itti roobse. Booda qaama mucaa nyaatamte irraa hafte ilaaluuf gara mana keessaatti fiigaa gale. Garuu mucaa isaa wanti hamaan tokkollee isa hin arganne. Inumayyuu fuul dura mucaa isaatti jeedala ( sardiida ) dhiigaan tortortee duute arge.

Ilaalaa Sareen jeedalli akka mucaa isaa hin nyaanneef irraa dhowwuun dhiige malee sareen mucaa hin nyaanne. Akkuma imaanaa itti laatame manaa fi mucaa eeguun ergama ishee bahatte turte. Haata'u malee Oolmaan Saree garuu Mucaa isaa oolchuuf jeedalan cicciniinamte booda raasaasni itti roobuun duute. Miirri ija namichaa haguugee gaabbii umurii isaa guutuu gaabbu, hojii badaa hojjete.

Meeqa keenyatu otuu hin hubatiin baay'ee waliin adda baaneerra?! Yaa Obboloota koo; fuula dura keen kan sitti argamu, ija kee qofaan argitee murteessuuf hin jarjariin. Sammuun of tasgabbeessee murtoo akka laatu aangoo laadhuufi. Ariifattee badii hojjettee Uumurii kee guutuu gaabbaa akka hin hafne of eegi. Obsuun bu'aa malee kasaaraa hin qabu. Kana akka gochuu dandeenyu Rabbiin  hubannaa fi Ogummaa isaa nuuf haa laatu!


☆☆☆☆☆☆☆☆☆
🌟QAROO QAROOME❤️
🌟QAROO QAROOME❤️
🌟QAROO QAROOME❤️


WAL-MIINE!
Bara wayii jaarsaaf jaartii tokko turan abbaan warraatii fi haati warraa Kun Yeroo baayyee walii hin galan turan , Yeroo hundaa Wal caqaaccaqu abbaan warraa Kunis guyyaa hunda tuma, haati warraa isaa tun baayyee furdoodha ka inni dhahu homaa itti hin bu'u, kana gaaf tokkos abbaan warraa ishii Kun akkuma barate dhaanuuf ittiin lolaa 'namittiinnana diddeemii waan Ani siin jedhe hin gootuu?' jechaa alaa ol seene, har'ammoo baayyee aareera namnis akka itti ol seenee irraa hin qabneef ol seenee balbala keessaan itti cufatee tumuuf, isheenis kan duraan jalaa callistu har'a baqqaa na ajjeesuu isaati jettee tolfattee eegde, kanuma Walqabatan Wal daddarbuu eegalan garuu akka duraa jaartiin isaa tun har'a jelaa hin sochoone namuma girgiddaa dhiibu ta'e, ammoo inni darbuuf taanaan tama darbite togoogoo jala buufte, ammas lafaa ka'eet qabate akka ta'e ta'ee inni dhiiraamiiree akka godhe godhee xalafee kuffisee gubbaa taa'ee tuma , osoma tumuu akka tasaa haati warraa tun micciiramteetuma irra oolte,😁😁, Amma kaa dubbiiin Mee irraa haa kaaturee, gubbama teettee tumti isayyuu namittiin akka malee ulfaatti, namtichi fuuraan du'aa irraan yaa'eera isheen ammoo irraa hin ka'uu yoo asii ka'e nan dhiisu jettee gubbama teettee warwaachifti, lammata sin tuqu itti hin deebi'u, gooftittii tiyya jedhi jettiin, kanas jechuun itti ulfaateera, tana Amma waan qabu fixatee akka miidhamamaru of argee jennaan ollaan haa birmatuufiif iyyee yoo iyyu kana ammoo akkana jedhee iyye 'walmiine walmiine" jedhe kana ollaan yaa'ee dhufe yoo dhufuu balballi keessaan cufaadha eessaan irraa banan ree inni ammoo 'walmiine walmiine' jechaama iyya isheen ammoo sirraa hin ka'u sirraas hin banu haga ati "na miite namiite" jettee iyyitutti jetteen haa ollaan dhagahuufiif... Ayii way carraa isaa akka ta'u dhabnaan maal godhare iyyiinsa isaa gara "na miite namiite" jedhutti jijjiiree iyya itti qabe. eegas ollaan hundi dhaabatanii kolfa itti tuqan, haati manaas Amma irraa kaatee balbala irraa bante...."badiin gaaf mara salphinni gaaf tokko" jedhe oromoon.

Mee asirraa maal barattu? waan hubattanirraa #comment godhaa. an waa jechuuf ta'ee isiniif dhiise!
🌟QAROO QAROOME❤️
🌟QAROO QAROOME❤️
🌟QAROO QAROOME❤️


Hawwii:
QUBEEN QUBA KEENYA!

A
Afaan oromoodhaa !
Afaan Saba guddaa
Agarsiiftuu aadaa
Asxaa nama hundaa!

B
Boolla siif qotanis
Baraan warri diinaa!
Boodatti hin deebine
Barsiifachuuf finnaa !

Birraanis bar'e
Barri haaran dhufe
Burraaqii taphadhu
Bililisummaan.......

C
Caba kee hawwanis
Carroomteerta har'a
Carraaqqii dhalootan
Caayaaf taate dharraa

.....D.....
Diinaf harka hin laanne
Didde kaa didaa koo!
Daawitii jireenyaa
Daawwaa guyyaa rakkoo

....E....
Eeyyen! dhugaa qabda
Eelterta nuuf jettee
Eegen si kunuunsa
Eeboo sit naaf bitee

....F...
Falmataa koo dhugaa
Farra Ammajaajii
Fagaattee imalta
Faarfamaa Jiraatta

Foolattee ,Fooriccus
Farraaf farroon kankee
Faarfadheen si faarsa
Faaya koo calaqqee!


...G..
Godoo kooti ati
Galma koo isa dhugaa
Gadoo san dagadhee
Galee maafan muga
Galaa galaasiseen
Galaana kee dhuga.

...H...
Hayyoota qaqqaaliin
Hayilee Fidaan faa
Hawwanii dhabaniis
Haadhoo isaantiif
Har'a taate nafa.

...I...
Ija kootti ati
Imimmaaniin dhufte
Imala dheeradhaan
Ilmaan kee gabbartee!

Ilaamee! dhagahaa
Ijoollen si'anaa
Imaanaa hin nyaatinaa
Irbuu gootaa qabnaa

...J..
Jabaadhu ,Jabaa koo
Jajjaba durattuu!
Jiruuf harka hin laatin
Jagna koo kutattuu !

Jamaa koo jaamsudhaaf
Jaammissu har'allee
Jarri rafee hin beeku
Hin rafnu nutillee.

...K...
Kaleessi har'a miti
Kaleen nafa malee
Kulkulfannaa madaa
Kan cabaa dabale .

Kiyyaa fi Kan keeti
Keenya ta'uu beeki
Karaatti hin gatin
Kunuunsitoo eegi

...L....
Laamshessuuf yaadanis
Lateetu,lalisa
Lafeef dhiigan dhufe
Laatinii maddisaa

...M...
Maluma balleesse
Maalumaaf dararta
Maqaa kootiif jettee
Maaf lammii koo cirta

Marqaan galaa hin ta'u
Mataan miti garaa!
Maafan gowwoomaree
Malas bare maraa!

.....N...
Namummaa gattanii
Nama ta'aa! nama
Namni maraattan
Nagaan siniif dhaamaa!

......O....
Obbaafattee duuti .
Ofiifuu of huuti .
Of ta'uudha qabna .
Osoon dhugaa miti

Obsiis sodaa hin ta'u
Ogummaadha kalee
Orma ta'uu hin beeknu
Oromeessuu malee

Oromummaan dhiiga
Oromiyaan biyya.
Orma ta'uuf fiigda
Of gattee! hiriyaa.

....P....
Poolisii haa taanu
Poolisii dhugumaa
Paastaf hin bitamnu
Paastaan boruu dhumaa

Pappayyaa fi paasta
Paantis siifan bita
Pasilatikaaf gommaa
Past gote gattaa?

...Q..
Qubeen quba keenya
Qabsoo fi qabeenya
Qarreet barsiifanna
Qaxaleewwan keenya.

Qarree na dhaga'i
Qeerroo qeerrensa koo
Qubee Generation!
Qubee yaa quba koo

Qeerrensa eegee hin qabin
Qabdu hin gadhiisin!
Qubeessi sirriitti
Qubee Generation!

Qe'ees qabna nuti
Qe'ee hunda caaltu
Qomoos heddu qabna
Kan qarooma qartu.

Qaaliidha hundaaf
Qe'een abbaa gadaa
Qabanyaan abaasee
Qawwee naa barbaadaa?

.....R...
Roorrot natti cime
Roorrisaat hammaate
Roobee dhigni sabaa
Rooban wal qixxaate

Rakkachuun maalifii?
Rakkinni haa rakkatu!
Raareen bara baraan
Raroo kan raratu!

.........S.......
Seenaa kootan tiksa
Seenaa duudhaa kalee
Sareen gandaa hin nyaattu
Sabaat dhaala malee!

Sagaltamman garbaa
Salgan kan booranaa
Samii dubbadhu mee ?
Kan Saba koo kana

Seenessan jedhama.
Seenaa koon seenessa.
Salaaletti koottaa!
Sinan keessumeessaa.

....T...
Tokkuma'aa! Tokkumm'aa!
Tatamsa'uun fafa
Taanetu argamna
Taaddasaa Birruu faa

Tokkeen Tokkitumma
Tokkummanis humna.
Tolli lola dhalchee!
Tarsiimon maksamna

....U..
Uumaf bakka laadhu
Uumaa waa hundumaa
Umriis dheeradhu
Buli waggaa kuma!


....V...
Vaayirasiin maraate
Vaayirasiin koronaa
VAT maal kanfala
Maal jettuu jarana?

Value dhabneera
Jireenyi hammaate
ATM t illee
Visa na dhoowwate.

....W..
Waaqayyo maal jetta
Waa'ee bara kanaa?
Waa nutti hin hammeessin
Isa dhufu sana.


Wa'een kees nu dhibe
Warra bilxiginnaa!
Silaa! yoo dubbanne
Nuun jetta bilginnaa!

......X....
Xuuxxee nu fixxeerta
Xalayyaan siif qaba
Xummura keen laala
Xibaarteerta jabaa!

🌟QAROO QAROOME❤️
🌟QAROO QAROOME❤️
🌟QAROO QAROOME❤️


𝐁𝐀𝐆𝐀 YEROO
KANA 𝐍𝐀𝐆𝐀𝐀𝐍
JIRAATAN!
🙏🙏
Galatoomfadhaa
Rabbii/Waaqayyo
keessan!!!!

𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑑𝑖𝑖𝑚𝑎𝑎
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑎𝑑𝑖𝑖
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑡𝑜𝑙𝑎𝑎
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑏𝑎𝑑𝑖𝑖

𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑄𝑎𝑙'𝑎𝑎
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑓𝑢𝑟𝑑𝑎𝑎
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑥𝑖𝑞𝑞𝑎𝑎
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝐺𝑢𝑑𝑑𝑎𝑎

𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑗𝑎𝑎𝑟𝑠𝑎𝑎
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝐼𝑗𝑜𝑜𝑙𝑙𝑒𝑒
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑞𝑒𝑒𝑟𝑟𝑜𝑜
𝑤𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑓𝑜𝑜𝑙𝑙𝑒𝑒

𝐾𝑎𝑛 𝑔𝑢𝑔𝑔𝑢𝑢𝑓𝑢
𝐾𝑎𝑛 𝑑𝑎𝑎'𝑖𝑚𝑢
𝐾𝑎𝑛 𝑤𝑎𝑎 𝑟𝑎𝑎𝑗𝑢
𝐾𝑎𝑛 𝑤𝑎𝑎 ℎ𝑖𝑚𝑢

𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖𝑛 𝑓𝑢𝑢𝑛𝑒
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖𝑛 𝑑𝑢𝑢𝑛𝑒𝑒
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 W𝑎𝑎𝑡𝑖𝑖
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑀𝑎𝑎𝑡𝑖𝑖

𝐾𝑎𝑛 𝑏𝑎𝑟𝑎𝑡𝑡𝑎𝑛
𝐾𝑎𝑛 𝑛𝑎𝑔𝑎𝑑𝑑𝑎𝑛
𝐾𝑎𝑛 𝑓𝑎𝑎𝑟𝑓𝑎𝑎𝑡𝑡𝑎𝑛
𝐾𝑎𝑛 𝑠𝑎𝑔𝑎𝑑𝑑𝑎𝑛

𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑄𝑎𝑏𝑠𝑜𝑜
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑎𝑟𝑟𝑎𝑏𝑠𝑜𝑜
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝐺𝑎𝑎𝑟𝑖𝑖
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑎𝑎𝑟𝑖𝑖

𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑑ℎ𝑒𝑒𝑟𝑎𝑎
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖𝑖  𝑠𝑒𝑒𝑟𝑎𝑎
𝑊𝑎𝑟𝑟i 𝑤𝑎𝑦𝑦𝑎𝑎
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝐹𝑎𝑦𝑦𝑎𝑎

𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑑𝑢𝑟𝑏𝑎𝑎
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑑ℎ𝑖𝑖𝑟𝑎𝑎
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝐹𝑎𝑟𝑠𝑜𝑜
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑏𝑖𝑖𝑟𝑎𝑎

𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑓𝑖𝑖𝑔𝑑𝑢
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑎𝑟𝑟𝑒𝑒𝑑𝑑𝑢
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑠𝑖𝑟𝑏𝑎𝑎
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑤𝑒𝑒𝑑𝑑𝑢𝑢!

𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑡𝑜𝑘𝑘𝑜𝑜
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑑ℎ𝑖𝑏𝑏𝑎𝑎
𝐾𝑎𝑛 𝑗𝑎𝑎𝑙𝑎𝑙𝑎𝑎
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑗𝑖𝑏𝑏𝑎𝑎

𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑀𝑎𝑛𝑎𝑎
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑘𝑖𝑟𝑎𝑎
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑠𝑜𝑑𝑑𝑎𝑎
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑓𝑖𝑟𝑎𝑎

𝐾𝑎𝑛 𝑤𝑎𝑙 𝑜𝑜𝑑𝑢
𝐾𝑎𝑛 𝐷𝑢𝑏𝑏𝑖𝑠𝑢
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑠𝑖𝑟𝑏𝑢
𝐾𝑎𝑛 𝑠ℎ𝑢𝑏𝑏𝑖𝑠𝑢!

𝐻𝑜𝑜𝑔𝑔𝑎𝑛𝑡𝑜𝑜𝑛𝑛𝑖
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝐽𝑎𝑙𝑎𝑎𝑠
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑘𝑒𝑒𝑠𝑠𝑎𝑎
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑎𝑙𝑎𝑎𝑠

𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑏𝑎𝑎𝑛𝑘𝑖𝑖
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑡𝑎𝑎𝑛𝑘𝑖𝑖
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑙𝑜𝑙𝑡𝑢𝑢
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑞𝑜𝑙𝑡𝑢𝑢

𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 ℎ𝑎𝑎𝑚𝑡𝑢𝑢
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑞𝑜𝑡𝑡𝑢𝑢
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 ℎ𝑎𝑚𝑡𝑢𝑢
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑡𝑜𝑙𝑡𝑢𝑢

𝐾𝑎𝑛 𝑊𝑎𝑙 𝑜𝑜𝑑𝑑𝑢
𝐾𝑎𝑛 𝑊𝑎𝑙 𝑞𝑜𝑜𝑑𝑑𝑢
𝐾𝑎𝑛 𝑊𝑎𝑙 𝑔𝑎𝑎𝑑𝑑𝑢𝑢
𝐾𝑎𝑚 𝑊𝑎𝑙 𝑘𝑎𝑎𝑑𝑑𝑢

𝐾𝑎𝑛 𝑚𝑎𝑔𝑎𝑎𝑙𝑎𝑎
𝐾𝑎𝑛 𝑏𝑎𝑎𝑑𝑖𝑦𝑎𝑎
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑏𝑎ℎ𝑎𝑎
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑑ℎ𝑖𝑦𝑎𝑎

𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑎𝑙𝑎𝑎
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑏𝑖𝑖𝑟𝑜𝑜
Yeroo 𝐷𝑎𝑟𝑏𝑒
𝐴𝑘𝑘𝑎𝑚 𝑑ℎ𝑖𝑖𝑟𝑜?

𝐾𝑎𝑛 𝑑ℎ𝑎𝑎𝑏𝑎𝑡𝑡𝑎𝑛
𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑡𝑒𝑒𝑠𝑠𝑎𝑛

Yeroo 𝑒𝑒𝑏𝑏𝑎𝑎
Yeroo 𝑑𝑎𝑎𝑤𝑤𝑎𝑎
Yeroo 𝑎𝑘𝑘𝑎𝑠𝑖𝑖𝑛
𝑆𝑖𝑛𝑖𝑖𝑓 ℎ𝑎𝑤𝑤𝑎!💪

𝐺𝑎𝑔𝑎𝑚𝑚𝑎𝑑𝑎𝑎
𝑊𝑎𝑙 ℎ𝑎𝑚𝑚𝑎𝑑ℎ𝑎𝑎
𝑊𝑎𝑙 𝑑𝑢𝑏𝑏𝑖𝑠𝑎𝑎!


Yeroo 𝐺𝑎𝑎𝑟𝑖𝑖
𝑆𝑖𝑖𝑛𝑖𝑖𝑓 𝑗𝑒𝑛𝑛𝑎!

✍️ Getuu A

🌟QAROO QAROOME❤️
🌟QAROO QAROOME❤️


#Keessa_koo_naaf_barii

Yoomaan maal godheen
Jaalala kee dheebuu baha
Maaliidha-mee badiin koo
Maaliifan qobaa haasa'a?
~
Baayyee akkan si jaalladhu
Sitti himee afaanii baasee
Jaalaluma ati naf qabdutuu
Mar'umaan koo na raasee
~
Waan hunduma caalaa
Sittaan obsaa hundumaa
Gaafan suuraa kee ilaaluu
Taa'een cobsa imimmaan
~
Siif garaa hin kutadhuu
Utuu haalli kam dhufee
Onneen koos jalqabaa
Onnee keetti kufee
~
Maaliinan si qixxeessaa
Ati madaallii hin qabduu
Baraan jiraadhu hundumaa
Onneen si faarsuu hin dhaabdu
~
Suuraan keenya gaafasii
Ni dubbata afaan qabaa
Gaafan waa'ee kee yaadu
Dhugaadha jechaan dhaba
~
Waan garaan kee fedhu
Mee maaluma siif ta'u
Yoomaan si liqimse malee
Jaalala kee dheebuu hin bahu
~
Utuman si liqimseemee
Dhuguma bakkeetti haftaa
Jaalalaan onnee qabdee
Onnee koo keessa raftaa
~
Jaalala keen maraadheen
Hiriyyaa koon wal-dhabaa
Onnee koo keessaa anii
Siidaa jabaan siif qabaa..!
~
Masaraa dhiigaan bocamee
Kan halluun isaa bifa diimaa
Waan onnee koo keessa jiruu
Isuu koo qofa beeka

QAROO QAROOME


Репост из: Неизвестно
😄😄😄𝗞𝗢𝗧𝗧𝗔𝗔 𝗞𝗢𝗟𝗙𝗔𝗔😄😄😄
𝗕𝗮𝘀𝗵𝗮𝗻𝗻𝗮𝗻𝘂𝘂 𝗻𝗶 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗱𝗱𝘂𝘂?
𝗦𝗮𝗺𝗺𝘂𝘂 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗻 𝗯𝗼𝗵𝗮𝗮𝗿𝘀𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗱𝗱𝗮𝗻𝗶𝗶 𝗷𝗶𝗿𝘁𝘂𝘂?
𝗠𝗮𝗮𝗹 𝗲𝗴𝗱𝘂𝗿𝗲𝗲 𝗰𝗵𝗮𝗻𝗮𝗮𝗹𝗶𝗶𝗻 𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮𝗮 𝗾𝗼𝗽𝗵𝗶𝗶𝗹𝗲𝗲 𝗯𝗮𝘀𝗵𝗮𝗻𝗻𝗮𝗻𝘀𝗶𝗶𝘀𝗼𝗼 𝗳𝗶 𝗯𝗮𝗿𝘀𝗶𝗶𝘀𝗼𝗼 𝗾𝗮𝗯𝗮𝘁𝗲𝗲 𝗶𝘀𝗶𝗻 𝗯𝗼𝗵𝗮𝗮𝗿𝘀𝘂𝘂𝘁𝘁𝗶 𝗷𝗶𝗿𝗮. 𝗞𝗼𝘁𝘁𝗮𝗮 𝗻𝘂𝘁𝘁𝗶𝗶 𝗱𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝗺𝗮𝗮! 𝗝𝗢𝗜𝗡 𝗴𝗼𝗰𝗵𝘂𝘂𝗻 𝗺𝗮𝗮𝘁𝗶𝗶 𝘁𝗮'𝗮𝗮.
😂😂𝗬𝗼𝗼 𝗸𝗼𝗹𝗳𝗮𝗻 𝗱𝗵𝗶𝗯𝗲𝗲𝗻 𝗯𝗮𝗮𝘁𝗶.😅😅


Dadhabe si obsuu
Hin seene hin mamne
Kalee yoo teet jettu
Onnee madeessitee
Akka narraa cittu
💔💔💔💔💔💔💔
Gaafii deebii dhabe
Sammuu kootti naqxe
Bidiruu deemsakoo jedhen si abdadhe
Galaanaf na laatte ana jalaa maqxee
Anaaf sheenaa taatee
Godaannisa hammaataa
Ati keetin kuttee
Hireen koo maal laata?
Si duras nam beeka
Si boodas nam bare
Takkallee nan moone
Sumaafan wareere
💘💘💘💘💘💘💘💘
Obsa na dhabsiisee
Jabaan kee na caalee
Joree mankararee hala koo wallalee
Dhuga narra qabdu shakin tanen hale
Jaalalarra caalee miirri na sakalee
Har'a tollan kottu badin koo naf galee
Eelaa jalalakee waggadhaf dhibame
Onnee si jalattu lakki jedhee falme
Har'a moo'amera dadhabe naf game
❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥
Na miitus dhiisera balleessu naf dhisi.
Gammachu an ketii sanatti na debisi!

QAROO QAROOME

832 0 10 1 17
Показано 8 последних публикаций.

1 649

подписчиков
Статистика канала