This was Lemesa Bekele. A well known teacher of History at Mettu University until he was killed yesterday. Extrajudicial killing has become a daily event in Oromia.
Ajjeechaan hayyuu kanarratti raa'atame laayyootti irra darbamuu hin qabu. Hayyuun seenaa kun doorsisni hamaa irratti akka geggeeffamaa jiru himataa ture jedhu hiriyoonni isaa. Booddee ni galaafatan. Poolisiin Iluu Abbaaboor gocha suukaneessaa kana qoratee yakkamtoota seeraaf dhiheessee ummataaf ifa gochuu qaba.
Dhaamsi hiriyaan isaa ijoollummaa naaf erge akka armaan gadiiti.
==========
Waan Ulfaataa fi Bayyee nama rifachiisa! Waxabajjii,20/10/2012 obboleessa koo Barsiisaa
Yuunvarsiitii Mattuu Lammeessaa Baqqalaa daa’ima ijoole sadii. maatii isaa, hiriyyoota isaa, baratoota isaa, fira isaan guutuu kessaa du’aan gara waaqayyoo deemaniiru!
Akkataa obboleessi koo Lammeessaan itti du’ee ibsuun bayyee namatti ulfaata amanuudhaafis ulfaataadha, akkumaa oromia guutuu keessatti mulachaa jiru maasii qabeenyaa isaa keessatti ajjefamee argameera. Obboleessi koo dhukkuba ykn dhibee tokkolee hin qabu sabboonumaa fi qabsoo isaa male. Bilbilaan adda baafachuufis bayyee ulfaata dha, amma qaama isaa qorana jechuu gara Finiffinnee tti geessanii jiru jedha midiyaan biyya kessa.
Anis beekeera, “akka torban lama dura naaf barreeseen mana ba’anii deebi’anii galuun bayyee ulfaata dha jedhe, akka bayyee sodaatus naaf barreesee ture”. Anis obboleessa koof hoomaa gochuu hin dandeenye fuula dura ba’uuf ofi-eeganoo godhii male falan faluuf hinqabunture. Haali inni itti ajjeeffame baayee nama gaddisiisu.
Lammeessaa Baqqalaa Barsiisa Yuunivarsiitii Mattuu Lecturer PHD, Beekaa, sabboonaa fi qabsa’aa cimaa oromoo dha. Nama jalala saba isaa qabuuf; akkasumas nama hiriyoota isaa fi baratoota isaaf fuula dura ba’ee dhugaa oromoo dubbatudha. Obboleessi koo nama nama jaallatuufi nama haassaa jallatu, Xinnaa fi guddaa waliin hiriyyaa, xabataa fi namoota beekoo keessattis nama bakka gudaa qabudha. Lammeessan Baratoota isaa fi dhaloota haraaf hundaaf jalala gudaa nama qabu ture; akkasumas beekumsa isaa waa’ee seenaa oroomoo barsiisuu, qorannoo gurgudaa godhuu fi barreessa kitaa afaan seenaa oromo maxansudha.Akkasumas beekumsa isaa qofaan osoo hin tanee qabeenyaa isaanis nama namoota harka qalleeyyii gargaaruun beekamudha.
Anii fi Lammeessaan barnonta sadarkaa 1ffaa hanga sadarkaa 2ffa waliin xumure booda yeroo barnoota olaanaf deemnu walirra addaan banee booda yeroo dhumaaf yeroon gara USA dhufu yeroon dhufuu yeroo inni dhufee naan geggeesu ture; haata’u malee Bilbilaan fi waliif barreessun yeroo yeroon wal-agara ture, kanaa baada garuu annis yeroon deemu mana waqayyoo isa jireenya barabaraa qabutti wal agaraa nagaan gara abba kee deemi. waaqayyon ati waan hundumaati yeroo hundumaa sirridha! atti teessoo kee irra teesse ni argita!
Maatii isaa, fira obbolaan isaa, hiriyyoottan isaa, baratoota isaa barattoonni Yuunvarsiitii Mattuu waqayyon jajjabina isiniif haakennu'