TIKVAH-AFAAN OROMOO


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


Похожие каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


Ebba "Ida'amuu"
Kitaabni muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad "Ida'amuu" galma Barkumeetti ebbifamaa
jira

@tikvahethAFAANOROMOO
@waliif_jirra


Warri har’a abukaatoo federaaliizimii fakkatanii
dubbachaa jiran, warra kanaan dura qeensa buqqisaa fi dhiira kolaasaa turedha jedhan itti
aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
Qaamni walqixummaa saba, sablammootaa fi ummattootaa amanee hin fudhanne, kanaan
booda Oromiyaa fi Ityoophiyaa hogganuu hin danda’u jedhan.
Kana booda walqixxummaa malee, olaantummaa qaama tokkoo fe'uun imaluun hin
danda'amu; sobanii abukaatoo fakkaachuu fi dhugumaan abukaatoo ta'uunis adda jedhan
obbo Shimallis
Obbo Shimallis Abdiisaan ebba kitaabaa muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad
"Ida'amuu", magaalaa Naqamteetti gaggeeffamerratti argamuudhan ergaa dabarsaniin
Ergichaanis biyyaa fi ummata Ityoophiyaa ceesisuuf falaasamni ida'amuu barbaachisaa ta'uu
kaasaniiru.
@tikvahethAFAANOROMOO
@waliif_jirra




Репост из: Media Ko
Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
#video
Waa'ee Sirna Gadaa Irratti Yaada Ministiirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Dubbatan Keessaa

@JIRRA_OROMIA
@JIRRA_OROMIA


Jilli obbo Shimallisiin durfamu Godina Wallagga Bahaa Aanaa Gobbuu Sayyoo Ganda Aggoo
Laaftee daawwate


Jilli Itti Aanaa Preezdaanti Mootummaa Naannoo
Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaatiin durfamu Godina Wallagga Bahaa Aanaa Gobbuu Sayyoo
Ganda Aggoo Laafteetti argamuun Wiirtuu Leenjii qonnaan bulaa moodela ta'e daawwataniiru.
Obbo Shimallis wiirtuu kanattis, hojiiwwan agarsiisaaf hojjetamaa jiru jajjabeessaa ta'uusaa
ibsuun, teeknooloojiin wiirtuu kana keessatti agarsiisaaf hojjetamaa jiran maasaa qonnaan
bulaatti babbal'achuun qonnaan bulaa keenya fayyadamaa taasisuu qaba jedhan.
Akka ragaan Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa irraa arganne hubachiisutti
hojjettoonni misooma dirrees hojii fakkeenyummaa hojjetan kanaaf galateeffachuun FTCn
keenya muuxannoo akkanaa babbal'isuu akka qabanis Obbo Shimallis dhaamaniiru.
@tikvahethAFAANOROMOO
@waliif_jirra


Gamoon Tiyaatiraa Oromoo Kan Artiin Oromoo Keessatti
Baratamu fi Babal'atu Finfinneetti Ijaaramuuf, Jedhame



Waldaa Fiilmii fi Tiyaatira Oromoo fi Dhaabbata Wiirtuu
Aadaa Oromoo Idiladdeenyaa tu waliin ta’uun Giddu-gala kana ijaara,
jechuun dhaabbatoonni lameenuu Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii
jiran.

@tikvahethAFAANOROMOO
@waliif_jirra


Magaalaa Finfinneetti ogeessi funyoo daddabarsa
elektirikii jijjjiira otuu jiruu humna akka tasaa gadi dhiifameen lubbuun isaa darbeera.
Bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Araadaa aanaa 4 bakka addaa Shoolaa
jedhame beekkamutti balaa kun kan qaqqabe.
Ogeessichi sarara daddabarsa humna olaanaa irra funyoo daddabrsa humna otuu jijjiira jiru
humna akka tasaa gadi dhiifameen balaa elektirikiin lubbuun isaa darbeera.
Dargaggeessi lubbuun darbe reeffi isaa qorannoof gara hoospitaala geeffameera.
@tikvahethAFAANOROMOO
@waliif_jirra


Naannoo Afaar, magaala Samaraa fi Loogiiyaatti Hiriirri nagaan geggeeffamaa jira. Jiraattonni naannichaa, Miidhaa namoota naagaarra  gahaa jiru balaaleffatan. Humna ittisa biyyaarraa deebii guyyoota muraasa dura kennames sirrii akka hin taanee ibsaa jiru.
https://t.me/tikvahethAFAANOROMOO


Naannoo Afaar, magaala Samaraa fi Loogiiyaatti Hiriirri nagaan geggeeffamaa jira. Jiraattonni naannichaa, Miidhaa namoota naagaarra  gahaa jiru balaaleffatan.


Ji'a shan keessatti Tiraanisfoormariin soddoma hatame.

Dhaabbanni Tajaajilli Elektirikaa Itiyoophiyaa, bara 2011 ti maallaqaa biiliyoona 10.1  walitti qabus ji'a shanii asitti Tiraanisfoormariin soddoma ol hatameera. Dhaabbatichi Ji'a Muddee dhufurraa eegalee taarifarratti fooyya'insa akka godhu  Dayirektorri komishinera korporeetii tajaajilichaa  beeksiseera. Dayirektorrichi, Obbo Melakuu Taayeen, gamaggama bara 2011 fi karoora bara 2012 irratti ibsa yeroo kenna akka jedhanitti: bara baajetichaatti gurguttaa anniisaa, gurgurtaa meeshaalee tajaajilaa fi herreegaa taa'umsaa irraa Qarshii biiliyoona 21.868  walitti qabuuf karoorsee biiliyoona 10.123 walitti qabeera.
https://t.me/tikvahethAFAANOROMOO


Ji'a shan keessatti Tiraanisfoormariin soddoma hatame.


​​Naannoo Amaaraatti rakkoo nageenyaa gidduugala fi Lixa Goondar akkasumas bulchiinsa Saba Qimaantiitti mudate furuuf humni nageenyaa federaalaa bobba'ee akka tasgabbeessu murtaa'e.

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa bakkeewwan tokko tokkotti rakkoon nageenyaa ji'ootaaf ture ''naannicharra darbee biyyaaf sadarkaa yaaddessaarra wan gaheef'' qaamoleen nageenyaa Federaalaa gidduu seenuun akka tasgabbeessan Manni Maree Nageenyaa naannichaa murteessuu ibsa baaseen beeksise.

Naannoolee rakkoon nageenyaa hammaataan isaan mudate akka gidduu galaa fi Lixa Goondar, magaalaa Goondariifi bulchiinsa Saba Qimaantitti Rayyaa ittisa biyyaa dabalatee qaamoleen, nageenyaa mootummaa federalaa bobba'uun yeroo gabaabaa keessatti akka tasgabbiin bu'u qajeelfamni kennameera.

Maddi:- BBC

@JIRRA_OROMIA
@waliif_jirra


Pirezidaant Donaald Tiraampi haleellaan Tarkiin Siriyaa keessatti raawwataa jirtu ''daangaa
keenyaa miti'' jechuun akkasumas michoota US duranii warra Kurdiitinis'' ergamtoota miti''
jedheeniira.

Ameerikaan loltootashee Siriyaadhaa baasuusheetiif baayyee qeeqamaa kan jirtu yoo ta'u,
kaaan ammoo gocha Ameerikaa kanantu Tarikiin akka humnoota Kurdiirratti haaleellaa bantuuf
daandii saaqeef jechaa jiru.
Mr Tiraamp garuu Waayit Haawitiitti gaazexessitootatti akka himaniitti Ameerikaan ''ergamtuu
poolisii miti'' jedhaniiru.
@tikvahethAFAANOROMOO
@waliif_jirra


Lammiileen Itoophiyaa 400 manneen hidhaa biyya Sa'uudi Arabiyaa keessa turan guyyaa
Roobii biyyatti deebi'an jechuun miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan


Wayita buufata xiyyaarraa Boolee gahanittis qondaaltota Ministeera Dhimma Alaatiin
simannaan taasifameefiira.
Namoonni gara biyyaatti deebbii'an kunneen hirraa turusaaniin alattis badiin isaan raawwatan
maal akka ture hin gabaafne. Erga biyyatti deebi'ani asis hidhaan suni itti fufa ta'e bilisa bahani
ta'e wanti beekamu hin jiru.
@tikvahethAFAANOROMOO
@waliif_jirra


Itti Aanaan Muummee Ministira obbo Dammaqaa
Mokonniin Daayreektera Olaanaa Sagantaa Misooma Nyaataa Idila Addunyaa Deevid Baasley
waliin mari’atan.
Marii isaani kanaan damee deeggarsa namummaa fi misooma itti fufinsa qabu irratti
mari’ataniiru.
Dhaabbatichi fulduratti mootummaa waliin caalumatti qindoominaan hojjechuu dhimmoota
dandeessisan irratti waliigalteerra ga’amu ragaan waajjira itti aanaa muummee ministira irraa
arganne ni hubachiisa.
Jilli Itti Aanaa Muummee Ministira obbo Dammaqaa Mokonniin durfamu Roomitti kan
gaggeeffamu Fooramii Investimeent hirmaachuuf Xaaliyaan galuun isaani ni yaadatama.
@tikvahethAFAANOROMOO
@waliif_jirra


Manni Maree Naannoo Tigraay walga'i idileessa
17ffaa bara hojii 5ffaa guyyaa har'a eegaleetti gaggeessa.
Manni marichaa walga'ii isaa Onkololeessa 6-8, 2012 kan gaggeessu ta'a.
Walga'ii isaa kanaan karoora bara 2012 irratti mari'achuun ni raggaasisa.
Oodiitara olaanaa, mana murtii oolaanaa fi baajata eejaansii maas miidiyaa naannicha irratti
mari'achuun ni raggaasisaan eeggama.
Wixineewwan labsii garaagaraa 5 irrattis mari'atee ni raggaasisa.
@tikvahethAFAANOROMOO
@waliif_jirra


Репост из: Media Ko
​​Koreen Giddu Galeessaa ODP Yaa’ii Idileesaa Finfinneetti taa'aa jira.

Koreen kun raawwii akka paartii fi Mootummaatti ture qorachuun hanqinaalee fi ciminoota jiranirraatti marii’atee kallatti ni kaa’a jedhameera.

Dhimma tokkummaa keessoo paartii fi rifoormiin paartilees ajandaa marii kanaati. Dhimmoota jijjirama kanatti gufuu ta’anis adda baasuun kallaattiin akka kaa'amu Itti Gaafatamaan Waajjira ODP Giddu Galeessaa, Obbo Addisuu Araggaa himaniiruu.

Korichi Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad badhaasa Nobeelii nageenyaa injifachuu isaanii sababeeffachuun kennaa kennaniifiru.

Maddi :- OBN

@JIRRA_OROMIA
@JIRRA_OROMIA


Репост из: Media Ko
​​#Oduu_Simbirtuu

Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan aangorraa kaafamuun isaanii kan hin oolle ta'uu keessa beektoonni mootummaa fi ODP akkasumas midiyaaleen hawaasa hedduun himaniiru.

Beektoonni akka jedhanitti torban kana keessa Mummeen Ministira Dr Abiyyi Ahmad qaamaan Inj. Taakkalaa waliin erga haasa'anii booda murtoo aangoo irraa kaasu fi bakka bu'ummaa aaddee Adaanach Habeebee itti himaniiru. Haa ta'u malee Inj. Taakkalaa Uumaan yeroo ammaan kana fedhii aangoo kana gadhiisuu kan hin qabaanne ta'uus ibsameera.

Hanga ammaatti garuu xalayaan ifatti barraa'ee Waajjira Kantiibaas ta'e itti aanaa kantiibaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa qaqqabe hin jiru jedhameera. Injiinar Taakkalaan bakka amma jiranii yoo ka'an barnootaaf gara Chaayinaa deemuu akka barbaadan himameera.

Itti aanaa kantiibichaa aangorraa kaasun maaliif akka barbaachise ifatti beekamu baatuus, shakkii komii "magaala Finfinnee keessa aangoo naaf maluu hin arganne" jedhu ADP irraa ka'uu tasgabbeessuuf ykn ammoo ODPrraa aaddee Adaanach Habeebee bakka buusuuf jedhu ka'aa jira. Aaddee Adaanach yoo bakka bu'u ta'e ammoo miseensa mana maree bulchiinsa magaala Finfinnee waan hin taanef, mana maricha irraa fudhatamummaa argachu qabu.

Hayyoota Siyaasaa tokko tokko ammoo MM Abiy Ahmad (PHD) angaa'ota Sabbonummaa Oromoo calaqqisiisan suuta suutaan balleessaa jiru jechuun qeeqa isaani ibsachaa jiru. Kun kanaan osoo jiru, Koreen Giddu Galeessaa ODP bakka Injinar Taakkalaa Uumaan argamanitti yaa’ii idileesaa Finfinneetti taa'aa jira. Koreen kun raawwii akka paartii fi Mootummaatti ture qorachuun hanqinaalee fi ciminoota jiranirraatti marii’atee kallatti ni kaa’a jedhameera.

Dhimma tokkummaa keessoo paartii fi rifoormiin paartilees ajandaa marii kanaati. Akkasumas dhimmoota jijjirama kanatti gufuu ta’anis adda baasuun kallaattiin ni kaa'amaa jedhameera.


@JIRRA_OROMIA
@JIRRA_OROMIA


Weellisaa Sayyoo Dandanaa: Aartiidhaan yeroo 'Oromoo ka'i ' jennee sirbinu bira
darbineerra

Haala siyaasa Oromiyaa fi biyyaa akkasumas badhaafamuu Dr. Abiyyi ilaalchisuun BBC waliin
turtii kan taasise weellisaa Tsaggaayee Dandanaa (Sayyoon), Oromoon amma bilisoomeera
jedheen amana jedha.
"Ani Bilisummaadha jedhee kanin beeku bilisummaa sammuuti. Oromoon har'a bilisoomeera.
Maaliifi yoo jette waggaa 30 dura ati Oromoodha jettee yoo namatti himte namni Oromoo kuni
tole siin hin jedhu.
''Oromoon waa gochuu ni dandahaa? Biyyasaa bulchuu dandahaa? Aangoo qabachuu ni
dandahaa? Jedheeti deebisee namaan morma ture," jedha.


@tikvahethAFAANOROMOO
@waliif_jirra


Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti gootota Adawaa
yaadachuu fi seenaa mo’ichaan argame dhalootatti dabarsuuf ijaaraamu kan karoorfate
guyyaa har’aa ijaarsi isaa eegaleera.
Itti Aanaa Kantiibaa Injiinar Taakkalaa Uumma Sirna ijaarsa kanaa kan eeggalchiisaaniiru.
Ijaarsichi bakka yeroo dheeraaf otoo hin misoomiinii kan ture fi meedirookirraa kan
fuudhameedha.
Baasiin ijaarsichaa guutumaatti bulchiinsa magaalaa Finfinneettiin kan uwwifamu ta’a.
Ijaarsi wiirtuu Adawaa kun yoo xumuramu faayidaa hawaasummaa fi seenaa qabeessummaa
cinaatti tajaajjila inni kennu keessaa:-
*Godambaa Adawaa
*Galma Adawaa namoota kuma 2 ol qabatu
*Galmoota sadi tokkon tokkoon isaa namoota dhibba 4 ol qabachuu danda’u
*Galma Sinimaa
*Mana Kitaabaa
*Bakka ispoortii fi jiimoota
*Bakka daa’imman taphatanii fi tursiifaaman
*bakka Kuusaalee faayaa
*Bakka dhaabbii Taaksii fi Baasii ammayaa dhibba 6 ol qabachuu danda’u
*Dhaabbata tajaajila nyaata dhiheessuu fi Kaaffeewwaan
Fi tajaajila kaneen biros....
@tikvahethAFAANOROMOO
@waliif_jirra

Показано 20 последних публикаций.

2 347

подписчиков
Статистика канала