Manneen Barnootaa Ifa Boruu Addaa(Special Schools) 10 barattota isaanii 100% yoo dabarsan Manneen Barnootaa 553 ta'an immoo barataa tokkollee akka hin dabarsine beekame
----------
BBO- 5/13/2016 Qabxii Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 barattoota qormaata fudhatan 241809 keessaa qabxii Yunivarsiitii isaan galchu (50%fi ol) galmeessisan 8, 520 (3.5%) ta'uun beekameera.
Qabxii bara dabreen wal cinaa qabamee yoo ilaalamu barataa 2,106 (1.7) caalmaan fooyya'ina agarsiiseera.
Barattootni 305 qabxii olaanaa lan galmeessisan yoo ta'u bara darbee barattoota 51 qofa kan ture bara kana fooyya'insi guddaan mul'ateera.
Manneen Barnootaa Ifa Boruu Addaa 10 dabalatee MB 13 ta'an barattoota isaanii 100% yoo dabarsan MB 553 immoo barataa tokkollee hin dabarsine.
Kunis, qulqullinni barnootaa bu'uura irraa maqe adeemsa keessa sirrataa kan dhufu malee waggoota gabaaboo keessatti mirkanaa'uu kan danda'u miti.
Haa ta'u malee, rakkoo barnoota keenyaa bu'uura irraa jalqabee qorannoo gaggeeffameen BBOfi MNO furmaata kennuun jijjiiramni mul'ataa jiru abdii kan namatti horu ta'eera.
Furmaata BBOfi MNO kennan keessaa bara 2016 qormaata biyyoolessaa barattoota isaa 100% kan dabarsan Manneen Barnootaa Ifa Boruu Addaa(Special Schools) 13, bara 2013 Pirojektii Ifa Boruutiin MB Ifa Boruu Addaa 10 kanneen Yunivarsiitiiwwan Oromiyaa keessatti argamaniin hoggaman MB Ifa Boruu Addaa 22 ta'an immoo bulchiinsa godinaaleefi bulchiinsa magaalotaatiin hogganamu, walitti MBIBA 32 hundeessuun jalqabame har'a Manneen Barnootaa Ifa Boruu Addaa 26 ta'an yeroo jalqabaatiif qormaata biyyoolessaa qorsiiseera.
MBIBA Pirojektii bara 2013 jalqabame keessaa yeroo jalqabaatiif MB 26 barattoota 1409 qormaataaf dhiheessuun barattoota 82% dabarsaniiruu.
MB 10 barataa 100%
MB 7 barataa 93% - 97.9%
MB 6 barataa 51.5% - 84.5% yoo dabarsan,
MB - 3 immoo barattoota 19%, 30%fi 32.5 dabarsu danda'aniiru.
Walumaa galatti yeroo jalqabaatiif qorsiisanii barataa 82.7% dabarsuun isaanii Pirojektii Manneen Barnootaa Ifa Boruu Addaa Sad. 2ffaa milkaa'afi egeree Oromiyaa kan agarsiisu ta'ee mul'ateera.
Pirojektii Ifa Boruu biroo immoo, bara 2014 kan hundaa'e Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa 7 ta'an bara barnootaa 2017 tti barattoota qormaata biyyoolessaatiif waan dhiheessaniif milkaa'ina dabalataa akka argannu gamanumaa abdii horanneerra.
Pirojektiin Bu'uura Boruutis Oromiyaa keessatti qulqullina barnootaa dhugoomsuuf hojii hawaasa keenya waliin taanee hojjachaa jiru ta'uun beekamu qaba.
Gara biraatiin immoo Manneen Barnootaa 553 (40%) ta'an barataa tokkollee qormaata biyyoolessaa dabarsuu hin dandeenye. Rakkoon inni guddaan istaandardii manneen barnootaatiin kan walqabatu, yoo ta'u, akka biyya keenyaas ta'e akka naannoo keenyaatti manneen barnootaa 80% ol ta'u istaandardii barnootni keessatti kennamuu gadi ta'uun kan mirkanaa'ee ta'uun BBOfi Ministeerri Barnootaa bal'inaan irratti hojjachaa jiru.
Walumaa galatti, rakkoon qulqullina barnootaatiin walqabatu dinagdee bal'aa gaafatu, hedduufi walxaxaa waan ta'eef karaa hundaan furuuf mootummaan naannoo Oromiyaafi Biiroon Barnootaa Oromiyaa kutannoon itti deemaa jira.
Https://fintop.io/SWLcf9dk Oromia Education Bureau 💠