Galaana Faarfannaa 🎸✝️🎼 dan repost
Har'a ganamaa sa'a 4:00 irratti
haleellaan Waldaa Makaana Yesuus Aqaaqi Basaqaa jedhamurra qaqqabe.
Sababin taateen kun ta'e Naannoon Oromiyaa Dhaabbata Amantii Ortoodoksi fi Protestantiif bakka Waldaa itti ijaarratan isaanif kennee ture, haata'u malee hordoftoonni Amantaa Ortoodoksii bakki
warra Protestantiif kenname bakka dhihoorrajirudha jechuun lola kaasan. Lakkoofsaan
dargaggoonni 500 ol ta'an gara Waldaa Kiristaana Makaana Yesuus Aqaaqii Basagaa jedhamu kana seenuun Amantoota jilbeefatanii kadhatarra jiran irratti dhagaa irratti roobsani.
Haadholii fi ijoollee dabalatee Amantoota achi jiran irratti reebichaa cimaa geessisaniiru. Akkuma suuraa irratti argaa
jirtan taa'umsaa fi meeshaa isaan itti fayyadamanis caccabsuun faayidaan ala godhaniiru. Meeshaawwan elektirooniksii hafe immoo konkolaataatti fe'achuun jalaa fudhataniiru. Namooni 4 miidhamuun Hospitaala Xiruunesh Beejing tti yaalamaa jiru. Nagaa eegsistoonni tokkollee isaaniif dirmachuu hin dandeenye. Baay'ee nama gaddisiisa.
👉 @galaanafaarfannaa